Category: news
-
Shakkamtoonni garee dhaadhessaa Kaawaarijaa qabaman
Itiyoophiyaatti miseensoonni garee shoroorkeessaa ilaalcha dhaadheessitummaa amantaa Islaamaa babal’isuufi socho’uu kan kaawaarijaa jedhamuu too’annoo jala akka oolfaman humni farra shoroorkaa poolisii federaalaafi tajaajila ragaafi nageenya biyyaalessaa beeksiseera. Humni kun tooftaa shakkmtoonni dhoksaadhaan ittiin socho’an dhabamsiisuuf tarkaanfii fudhachaa akka jiru himeera. Shakkamtoonni lakkoofsaan 25 ga’anis too’annoo jala akka oolan kan hime humni farra shoroorkaa shakkamtoonni gareewwan…
-
Rirriittaa! Kitaaba Afaan Oromoo Haaraa
(Tuujubee Kuussaa) Kitaabonni Afaan oromoo Lama dhiyoo maxxanfamuun gabaa irra oolee jira. Barreessituun kitaaba kanaa Hawwii Gonfaa Jedhamti. Kitaabonni koo kun jetti Hawwiin kan ani ittiin quuqqaa garaa koo keessaa ittiin ibsadhe, hawaasa koof dhaamsa kan ani ittiin darbarseef eenyummaa koo illee kan ani ittiin beeksisuu yaale dhala koo lammataa fi miixannaa roorroo keessaa ka…
-
Master Plaaniin Finfinnee magaalota addaa Oromiyaa ka Miidhu miti jedhu Angwoonni
(Malaskaachoo Ammahaa) Waajjirri karoora qindoomina misooma magaalaalee addaa naannoo Finafinnee ibsa gaazexeessota biyya keessaa fi biyyootii alaaf kenne irratti hoji geggeessaan waajjirichaa obbo Matwos Asfaw akka jedhanitti hojiin karoora misooma qindoome kanaa erga jalqabamee waggootii lama darbee jira. Akka karoora kanaatti hamma har’aatti kan turan karoorawwan ijoon magaalaa Finfinnee hiri’ina qaban gamaaggamuu dhaan karoora misoomaa qindaa’ee…
-
Pireezidaant Mulaatuun ayyaana sababeefafchuun dhaamsa dabarsan
Pireezidaanti Mulaatuu Tashoma ayyaana injifannoo Caamsaa 20 waggaa 23ffaa saabeefafchuudhaan ummattoota Itiyoophiyaatiif dhaamsa dabarsaniiru. Pireezidaantichi dhaamsa dabarsan kanaan heerri Mootummaa saboonni sab-lmamoonniifi ummattoonni Itiyoophiyaa sirna abbaa irree darguu fonqolchanii ofirraa darbachuudhaan ofumaan qoheessanii kan raggaasifatan bu’aa injifannoo Caamsaa 20ti jedhan. Heerri mootummaa wal qixxuummaa sabaafi sabalammootaa kan mirkaneesseefi mirgooleen Namoomaafi demookraasii akka kabajaman kan taasisedhas…
-
Giddinni diinagdee saffisaan bu’aa Demokraasii injifannoo Caamsaa 20ti jedhame
Giddinni diinagdee saffisaan Itiyoophiyaatti galmeeffamaa jiru bu’aa sirna demookraasii injifannoo Caamsaa 20n bu’urra cimaarratti ijaaramee jiruu akka ta’e ministirri muummichi Hayilamaariyaam Dassaalany dubbataniiru. Caamsaa 20 bara 1983 qabsoon sirna aabbaa irree Darguu barbadeesse gaaffiiwwan demookraasii wayitii sana turaniif deebii argamsiisuudhaan bu’ura cimaa kaa’uuf akka gargaare kan dubbatan obbo Hayilamaariyaam ol’aantummaadhaanis mirgooleen sabaa kan gitaafi dhuunfaa…
-
Oggantoonni biyyaalee dhaamsa baga gammaddan jedhu dabarsaa jiru
Oggantoonni biyyaalee gara garaa ayyaana injifannoo caamsaa 20 sababeeffachuudhaan ergaa baga gammaddan jedhu dabarsaa jiru. Waajjirri oduu himaa ministeera dhimma alaa akka beeksisetti qondaaltoonniifi ooggantoonni biyyaalee gara garaa qondaaltoota Itiyoophiyaatiif ergaa baga gammaddan jedhu dabarsaa jiru. Akkaatuma kanaan pireezdaantii Ameerikaa Baaraak Obaamaa dabalatee bulchaan Awustiraaliyaa Piitar Koosgiroov mootiin Siwiidin Kaaril Gustaaf Pireezdaantiin Gaaboon Alii Boongoo…
-
Lafa hektaara kuma 300 caalu jallisiidhaan misoomsuun akka danda’ame himame
Waggoota 20 ol darban keessa misooma jallisii babal’isuudhaaniifi ijaaruudhaan hojiiwwan bu’aa ol’aanaa galmeessisan akka hojjetamaniifi lafa hektaara kuma 300 caalu jallisiidhaan misoomsuun akka danda’ame ministeerri Bishaan jallisiifi annisaa beeksiseera. Hojjettoonni ministeerichaa ayyaana waggaa 23ffaa injifannoo caamsaa sababeeffachuudhaan mariin paanaalii taa’aame jira. Ministirri Bishaan jallisiifi anniisaa obbo Alamaayyoo Taganuu wayituma kana akka jedhanitti borumtii barbadaa’uumsa sirna…
-
Injifannoowwan Caamsaa 20 Ummata Oromoo fayyadamaa taasisaa jiru-Ob Muktaar Kadir
Adeemsii sirna dimookraatawa,nageenyaafi bulchiinsa gaarii har’a mula’ataa jiruu qabsoo hadhaawaa waggootii dheeraa injifannoo caamsaa 20 bar 1983n argamee tahuu pireesidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo biyyoolessaa oromiyaa obboo Muktaar Kadir ibsan. Obbo Muktaar injifannoo caamsaa 20 waggaa 23ffaa sababeeffachuun kaleessa ibsa baga geessanii wayita dabarsaniittii mirgoota eenyummaa argamaniin cinatti hawwiifi dheebuu misoomaa ummataa guutuuf waggoottii 23n darbannii…
-
Agarsiifni suuraa ayyaana caamsaa 20f qo’phaa’e banameera
Itiyoophiyaan waggoota 20 ol darban guddinni galmeessifte kan hunda hirmaachise akka ta’e itti aanaan ministira muummichaa obbo Dammaqa Makoonnin dubbataniiru. Obbo Dammaqan kana kan dubabtan agarsiisa suuraa ayyaana injifannoo Caamsaa 20 waggaa 23ffaa sababeeffachuudhaan qophaa’e kaleessa wayita banan haasawa dhageessisaniinidha. Guddinni galmeeffame dhalootaa dhalootatti kan darbu waan ta’eef dhaloonni haaraan humnasaa misoomaafi guddina biyyaatiif oolchuu…
You May Have Missed














