Category: Afaan Oromoo
-

Ibsa haala yeroo irratti Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kenname
Duudhaaleen waljaalalaa fi walkabajuun waliin jiraachuu ummataa cimee itti fufa!! Biyyaafi naannoo keenyatti sirnootni abbaa irree darban imaammataafi tarsiimoowwan isaanii ilaacha tarkaanfachisan irraa maddan hojiirra oolchaniin Ummanni keenya mirgi namoomaafi dimokiraasii isaa sarbamee hacuuccaa fi cunquursaa hammaataaf saaxilamee dararamaa tureera. Bu’uuruma kanaan biyyi keenya Itoophiyaan biyya saboota sablammootaa fi ummattootaa akkasumas ummata amantaa gara garaa…
-

Arsii Lixaa Shaallaatti Jeequmsi uumame lubbuu balleesse – Mootummaa
(Biraanuu Hurrisaa) Godina Arsii lixaa aanaa Shaallaatti gochi jeeqamsa uumuun lubbuu namaa balleesse fincila humna hidhateen raawwatame akka ta’e mootummaan Itiyoophiyaa beeksiseera. Godina Arsii Aanaa Shaallaatti humnoonni farra Nagaa dhimma Amantaa fi Saba irratti xiyyeeffateen jeeqamsa uumuuf akka yaalan maddawwan naannichaa himaniiru. Ministirri Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Obbo Getaachaw Raddaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing…
-
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Afaan Oromoo, Articles, EPRDF, Ethiopia, featured, History, OPDO, Oromia, OromoBadii Adii
(Bakar Waaaree) Oromummaan sabboonummaa dhiphummaan yookiin sabboonummaa of-tuulummaan dhufurratti osoo hin ta’in sabboonummaa maalummaa Oromoorratti hundaa’uun tahuu qaba. Maalummaan Ummata Oromoo Aadaa Ummata Oromoo ti. Eenyummaa Ummata Oromoo ti. Haata’u malee, sabbboonummaan Oromummaa keenya maalummaa fi eenyummaa keenya qofarratti hundaa’uun akka hin ilaalle cunqursaan Gita Bittaa Nafxanyaa maalummaa fi eenyummaa keenyarratti waggaa dhibbaa ol geggeessite…
-

Faayidaa-Addaa Oromiyaan Magaalaa Finfinnee irraa argachuu qabdu
(Sultan Abdo) Finfinneen Magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyya’e labsii lakk.94/1997 kwt.2(3) irratti tumameera. Heerri mootummaa RDFI kwt. 49(5) jalatti Finfinneen gidduu Naannoo Oromiyaatti kan argamtu waan taateef Faayidaan-Addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argachuu qabdu ni eeggama jedha. Faayidaan-Addaa kuniis tajaajila hawaasaa, qabeenya uumamaa, bulchiinsa waliinii fi dhimmota biroo kana fakkaatan akka…
-

Dh.D.U.O: “Oduun Qotiyyoon Dhale Jedhu Itti Fufee Jira”
Gidduu Kana Sooshaal-Miidiyaa fi Weebsaayitii adda addaatiin Hooggantoota Dhaabbata Dimokraatowaa Ummmata Oromoo Dh.D.U.O ilaalchisee himamaa ture dhugaa akka hin ta’in HornAffairs/Afaan Oromoo/n odeeffannoo qaama ilaalurraa fudhatee fi Yaalii ofiif mirkaneessuuf godheen hubatee jira. HornAffairs/Afaan Oromoo/n Hoogganaan Waajjira Dhaabbata Dimokraatowaa Ummata Oromoo Dh.D.U.O Obbo Dhaabaa Dabaleen dhaquun hojii idilee isaanii akka hojjataa jiran Waajjira isaanii kan…
-
Afaan Oromoo, EPRDF, Ethiopia, featured, interview, Multimedia, news, OPDO, Opposition politics, Oromia, Oromo[viidiyoo fi barruu] ‘Oromoo fi DhDUOn bu’ura Itiyoophiyaati’: Fiqaaduu Tasammaa
HornAffairs Afaan Oromoon siyaasaa ummata Oromoo ilaalchisee turtii Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Miseensa Koree Giddu-Galeessaa Dh.D.U.O wajji godhe Guutuu Viidiyoo isaa akkanatti Qindeessinee isiniif dhiheessinee jira. Warra viidiyoo ilaaluu hin dandeenyeef barruun isiniif qopheessinee jirra. [viidiyoo asii gaditti ilaaluu ni dandeessu] ——- HornAffairs Afaan Oromoo: Obbo Fiqaaduu…
-
Adeemsa kenniinsa haqaa Oromoo Gujii
Ogganaan Doorii Abbaa Doorii jedhama. Innis Raaba keessatti nama Abbaa Murtii ta’ee hojjetaa tureedha. Doorii jalatti Hayyuuwwaniifi Jaldhaabota hedduutu argamu. Adeemsa murtii kennuu kan geggeessan Hayyuuwwan yoo ta’an, hojiin Jaldhaabotaa naamusa eegsisuufi himatamtoota dhiyeessuudha. Naannawa tokko tokkotti Dooriin dhimmoota yakka ajjeechaa kan hinilaalle ta’us, Gosa Hokkuu keessatti yakka ajjeechaa dabalatee, dhimmoota kamiyyuu sadarkaa Doorii kanatti…
-
Gumii Abbootii Gadaa: Utubaa tokkummaafi Oromummaa
Obbo Caalaa Soorii Abbootiin Gadaa Oromoo sirna Gadaa bara dheeraarraa kaasee dhalootarraa dhalootatti, jaarraarraa jaarraatti, Gadaarraa Gadaatti dabarsaa dhufanii jaarraa qaroominaa kanaan gahaniiru. Abbootiin Gadaa Oromoo baay’ina ummatichaarraa kan ka’e godinaa godinatti adda adda faca’anii sirna Gadaa gaggeeffachaa turaniiru. Mootummoonni darbanis abbootiin Gadaa akka walitti dhufanii tokko hintaaneefi Sirni Gadaa balleessuuf baroota dheeraaf dhiibbaa guddaa…
-

Finfinnetti manneen barnoota Afaan Oromoo ijaaruun eegalame
Finfinnetti manneen barnoota Afaan Oromoo ijaaruun eegalame Bulchinsa Magaalaa Finfinneetti manneen barnoota Afaan Oromootiin barsiisan ijaaruun eegalameera. Manneen barnoota kun Waldaa Misooma Oromiyaatiin kan ijaarame yammuu ta’u, kutaawwan Magaalaa Nifaas-Silkii, Laaftoo, Gulallee, Kolfee fi Aqaaqiin iddoo ijaarsaatiif filatamaniiru. Manneen barnootaa kun dhalattoonni Saba Oromoo fi dubbattoonni afaanichaa Magaalaa Finfinnee jiraatan Afaan Oromoo akka barataniif gargaaru…
You May Have Missed















