Shakkamtoonni garee dhaadhessaa Kaawaarijaa qabaman

Itiyoophiyaatti miseensoonni garee shoroorkeessaa  ilaalcha dhaadheessitummaa amantaa Islaamaa babal’isuufi socho’uu kan kaawaarijaa jedhamuu too’annoo  jala akka oolfaman humni farra shoroorkaa poolisii federaalaafi tajaajila ragaafi nageenya biyyaalessaa beeksiseera.

Humni kun tooftaa shakkmtoonni dhoksaadhaan ittiin socho’an dhabamsiisuuf tarkaanfii fudhachaa akka jiru himeera.

Shakkamtoonni lakkoofsaan 25 ga’anis too’annoo jala akka oolan kan hime humni farra shoroorkaa  shakkamtoonni gareewwan dhoksaa lamaan ijaaraman gareewwan dhaadheessitoota Alshabaabiifi Al qaa’idaa jedhaman wajjin qindoomina waan qabaniif biyya ollaa Soomaaliyaatti leenjii shoroorkeessitummaa kan fudhatanidha jedheera.

Gareen inni tokko oggansa kan argatu garee dhaadhessaa Afrikaa kibbaatti argamu irraa akka tureefi gareen shoroorkeessaan kun Soomaaliyaatti Alshabaabiin leenjii erga argatee booda karaa Keeniyaatiin gara Afrikaa kibaatti imaluudhaan ijaaramasaa cimsuun gara bulchiinsa Itiyoophiyaatti galuun Naannoo Oromiyaa godina Jimmaa keessatti sochii eegaluuf qophiirra utuu jiruu too’annoo taasifameen miseensonni shakkaman too’annoo jala oolfamniiru.

Ibsi humna farra shoroorkaa akka jedhetti gareen lammaffaan  Jihaadiistoota kaawaarijaa idila addunyaa Suudaan,Yamaniifi Ingliizitti argaman wajjin quunnamtii uumuudhaan oggansa kallattiifi deeggrsa gara garaa kennaa akak ture beeksiseera.

Humni farra shororkaa kun  gareen shoroorkeessaan hordoffiidhaan argame  miseensotasaa lakkoofsaan 30 ga’an gara Soomaaliyaatti erguudhaan deeggarsa garee shoroorkeessaa Alshabaabiin leenjii akka argatan taasisu isaa beekuun akka danda’mellee himeera.

Qorannoon shakakmtoota qabamanirratti eegalame akkuma xummurameen akka himatamaniifi dhimmisaaniis bal’inaan Ummataaf akka dhiyaatu gareen farra shoroorkaa Itiyoophiyaa kun beeksiseera jechuun kan gabaase dhababta Raadiyoofi Televizyinii Itiyoophiyaati.
*****
Fana – June 5, 2014.

Yinebeb Nigatu Yinebeb Nigatu

more recommended stories