Lafa hektaara kuma 300 caalu jallisiidhaan misoomsuun akka danda’ame himame

Waggoota 20 ol darban keessa misooma jallisii babal’isuudhaaniifi ijaaruudhaan hojiiwwan bu’aa ol’aanaa galmeessisan akka hojjetamaniifi lafa hektaara kuma 300 caalu jallisiidhaan misoomsuun akka danda’ame ministeerri Bishaan jallisiifi annisaa beeksiseera. Hojjettoonni ministeerichaa ayyaana waggaa 23ffaa injifannoo caamsaa sababeeffachuudhaan mariin paanaalii taa’aame jira.

Ministirri Bishaan jallisiifi anniisaa obbo Alamaayyoo Taganuu wayituma kana akka jedhanitti borumtii barbadaa’uumsa sirna darguutti lafti jallisiidhaan misoome hektaara kuma 61 qofa ture. Waggoota 23’n darban garuu hojii misooma jallisii bal’inaan hojjetameen lafa hektaara kuma 300 fi kuma 5 jallisidhaan misoomsuun danda’amee jira.

Jalqabbiin gaariin wayitii ammaa jiru gara sadarkaa fooyya’aatti akka ce’uuf hojiiwwan misooma jallisii guutuu biyyattiitti hojjetamaa akka jiranis obbo Alamaayyoon dubbataniiru. Akka ministirichi jedhanitti walakkeessa bara 1980 keessa dhiyeessiin Bishaan dhugaatii biyyattii hedduu gadi aanaa kan ture yammuu ta’u waggoota 20 ol darban keessa garuu hojii damee kanaan bal’inaan hojjetameen dhiyeessii Bishaan dhugaatii dachaa furiin dabaluun danda’ameera.

Hanqina wayitii ammaa dhiyeessii Bishaan dhugaatii iddoo tokko tokkotti mul’achaa jirutti furmaata argamsiisuuf ministeerichi hojjechaa akka jirus dubbataniiru. Waggoota 23 dura dhiyeessiin humna elektiriikaa meegaa waatii 361 qofa ture wayita ammaa carraaqqii ol’aanaa taasifameen meegaa waatii kuma 2fi 268 akka ga’es beeksisaniiru. Akka ministirichi jedhanitti wayita ammaa sadarkaa guutuu biyyaatiin Ummanni walakkaadhaa ol ta’u tajaajila humna elektiriikaatti fayyadamaa ta’uu danda’eera.
*****
*Oromia Radio and Television Organization (ORTO), May 21, 2014.

Abdulbasit Abdusemed

more recommended stories