Pireezidaant Mulaatuun ayyaana sababeefafchuun dhaamsa dabarsan

Pireezidaanti Mulaatuu Tashoma ayyaana injifannoo Caamsaa 20 waggaa 23ffaa saabeefafchuudhaan ummattoota Itiyoophiyaatiif dhaamsa dabarsaniiru. President Mulatu Teshome

Pireezidaantichi dhaamsa dabarsan kanaan heerri Mootummaa saboonni sab-lmamoonniifi ummattoonni Itiyoophiyaa sirna abbaa irree darguu fonqolchanii ofirraa darbachuudhaan ofumaan qoheessanii kan raggaasifatan bu’aa injifannoo Caamsaa 20ti jedhan.

Heerri mootummaa wal qixxuummaa sabaafi sabalammootaa kan mirkaneesseefi mirgooleen Namoomaafi demookraasii akka kabajaman kan taasisedhas jedhan.

Pireezidaant Mulaatuun akka jedhanitti  Caamsaa 20 bara 1983 booda biyyattiin imaammatawwan hiyyummaa ittiin qolattu qophaa’anii hojiirra oolaa jiru.

Guddiinni saffisaafi itti fufiinsa qabus mirkanaa’aa kan jiru akka ta’e pireezidaantichi haasawa ummattoota Itiyoophiyaa maraaf dhageessisan kanaan mirakneessaniiru.

Haasawa pireezidaant Mulaatuu keessaatti dhimmooleen qonnaa baruumsa fayyaa dhiyeessii humnaa misooma magaalotaafi kunuunsa qabeenya uumamaa xiyyeeffannoo ol’aanaa argataniiru.

Dameewwan kanaan bu’aawwan galmeeffaman ol’aanaa akka ta’anillee pireezidaant Mulaatuun akka dubbatan Mollaalliny Kasaateebirhaan gabaaseera.
**********
Source: Fana, May 28, 2014.

Abdulbasit Abdusemed

more recommended stories