Giddinni diinagdee saffisaan bu’aa Demokraasii injifannoo Caamsaa 20ti jedhame

Giddinni diinagdee saffisaan Itiyoophiyaatti galmeeffamaa jiru  bu’aa sirna demookraasii injifannoo Caamsaa 20n bu’urra cimaarratti ijaaramee jiruu akka ta’e ministirri muummichi Hayilamaariyaam Dassaalany dubbataniiru.

Caamsaa 20 bara 1983 qabsoon sirna aabbaa irree Darguu barbadeesse gaaffiiwwan demookraasii wayitii sana turaniif deebii argamsiisuudhaan  bu’ura cimaa kaa’uuf akka gargaare kan dubbatan obbo Hayilamaariyaam ol’aantummaadhaanis mirgooleen sabaa kan gitaafi dhuunfaa akka mirkanaa’aniif bu’urri amansiisaan akka jiraatu taasiseera jedhan.

Waggoota 23n darban keessa sirni demookraasii paartilee hedduu akka hundeeffamuufi wabii heera Mootummaa akka argatu erga taasifamee booda  Itiyoophiyaatti ijaarsi sirna demookraasii aadaa ta’aa akka dhufe himan. PM Hailemariam Desalegn

Obbo Hayilamaariyaam akka jedhanitti filannoowwan walitti aantiidhaan marsaa afuriin adeemsifaman haalli ittiin adeemsifaman demookraatawummaa qofa utuu hin taane gama hirmaannaa ummataatiin fooyya’uumsa mul’isaa kan dhufaniifi muuxannoon ol’aanaan kan irraa argamedha jedhaniiru.

Hirmaannaan Ummattoota biyyattii bakka bu’uummaa qofaan kan daangeeffame miti kan jedhan ministirri muummichi Hayilamaariyaam Dassaalany qaamoleen hawaasaa gara garaa ijaarama uumuudhaan hojiiwwan demookraasiifi bulchiinsa gaariirratti hirmaannaan kallatiidhaan taasisan dabalaa dhufeera jedhaniiru.

Kanaanis qonnaan bultoonni,Dubartoonni,Dargaggoonni,waldaaleen ogummaafi ijaaramawwan kanneen birootis shoorri gumaachaa jiran sirni demookraasii daran akka cimu taasisuu isaa eeraniiru.

Madaa kanaan duraa tuttuquudhaan fottoquuf kan socho’aniifi sirna bulchiinsa kanaan duraa lammata deebisuuf qaamoleen barbaadan yoo jiraatanillee  wal jaalalaafi tokkommaan sabaafi sablammootaa garuu ammas akka cimee jiru ministirri muumichi Hayilamaariyaam Dassaalany mirkaneessaniiru.

Waggoota 23 darabanii asitti haala mijaa’aa sirni demookraasii uumeen ummanni Nagaafi misooma biyyaatiif shoorri gumaachaa jiru bu’a qabeessa akka ta’es eeraniiru.

Ijaarsa sirna Demookraasii daran saffisiisuuf ammas hojiiwwan hafan jiru kan jedhan obbo Hayilmaariyaam lammiiwwan waa’ee deemookraasiirratti  sirna baruumsaa beekumsaa cimsuun daran hojjechuun akkasumas  dhiibbaa humnoota alaa sirna misoomaafi demookraasii biyyaarratti taasifamaa jiru qolachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Sirna paartilee hedduu keessatti  paartriiwwan ol’aantummaa seeraatti gufuu ta’aa jiran adeemsa isaanii akka sirreessan taasisuun barbaachsaadha kan jedhan obbo Hayilmaariyaam demookraasiin guddinaafi misooma biyyattiitti galmeeffamaa jiru saffisiiuufi ummannis misoomarraa fayyadamaa akka ta’uuf shoorri gumaachu gadi aanaa waan hin taaneef hojiin damee kanaa cimuudhaan akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Tajaajilawwan Mootummaan dhiyeessu wajjin wal qabatee rakkoolee mudachaa jiranitti furmaata argamsiisuun hirmaannaa Ummataa ol’aanaa kan barbaadu akka ta’llee ministirri muummichi Hayilmaariyaam Dassaalany gaaffiifi deebii dhaabbata Raadiyoofi Televizyinii Itiyoophiyaa waliin taasisan irratti dubbataniiru.
**********
Source: Fana, May 27, 2014.

Abdulbasit Abdusemed

more recommended stories