Oggantoonni biyyaalee dhaamsa baga gammaddan jedhu dabarsaa jiru

Oggantoonni biyyaalee gara garaa ayyaana injifannoo caamsaa 20 sababeeffachuudhaan ergaa baga gammaddan jedhu dabarsaa jiru.Ginbot 20 poster - 2014

Waajjirri oduu himaa ministeera dhimma alaa akka beeksisetti qondaaltoonniifi ooggantoonni biyyaalee gara garaa qondaaltoota Itiyoophiyaatiif ergaa baga gammaddan jedhu dabarsaa jiru.

Akkaatuma kanaan pireezdaantii Ameerikaa Baaraak  Obaamaa dabalatee  bulchaan Awustiraaliyaa Piitar Koosgiroov mootiin Siwiidin Kaaril Gustaaf Pireezdaantiin Gaaboon Alii Boongoo Adiimbaa dhaamsa dabarsaniiru.

Pireezidaantiin Kirooshiyaa piroofeesar Iivoo Joosiipaabiich  pireezidaantiin riippaabliika Kooriyaa  Paark GiiYwiin Heey,pireezidaantiin Suusiiloo Baambaang Yuudhoodiyoo pireezidaantiin Ayarlaand Miikaa’eel Diihiingisiifi pireeziidaantiin riippaabliika Cheek Miiloos Zammaan pireiizidaant Dr.Mulaatuu Tashoomatiif dhaamsa gammachuu ibsaniiru.

Ministirri muummichi riippaabliika Cheek Buuhuuslaav ministira muummicha Hayilmaariyaam Dassaalanyiif akkasumas ministirra dhimma alaa biyyattii gitasaanii Itiyoophiyaa Dr.Tewoodiroos Adihaanoomiif ergaa baga geessan jedhu dabarsaniiru.

Qondaaltoonni biyyaalee gara garaa kun  sababuma kanaan biyyaaleen isaanii quunnamtii Itiyoophiyaa waliin taasisan fayyadamtummaa waliin wajjiniirratti hundaa’uudhaan cimsuudhaan akka itti fufaniifi dameewwan gara garaatiin wal ta’uudhaan hojjechuu akka barbaadan ibsaniiru.

Oduu wal qabatee jiruun  af yaa’iin mana maree waliinii Kaanaadaa Andiriiwuu Shiiriifi af yaa’iin seeneetii biyyattii Noo’eel Kiinseellaa ayyaana injifannoo caamsaa 20 waggaa 23ffaa sababeeffachuudhaan  af yaa’ii mana mare ebakka bu’oota Ummataa Abbaaduulaa Gamamdaafi af yaa’ii mana maree federeeshinii obbo Kaasaa Taklabirhaaniif hawwii gaarii qaban akka ibsan waajjirri oduu himaa ministeera dhimma alaa beeksiseera.

**********
Source: Fana, May 27, 2014.

Abdulbasit Abdusemed

more recommended stories