Category: Oromo
-
Rirriittaa! Kitaaba Afaan Oromoo Haaraa
(Tuujubee Kuussaa) Kitaabonni Afaan oromoo Lama dhiyoo maxxanfamuun gabaa irra oolee jira. Barreessituun kitaaba kanaa Hawwii Gonfaa Jedhamti. Kitaabonni koo kun jetti Hawwiin kan ani ittiin quuqqaa garaa koo keessaa ittiin ibsadhe, hawaasa koof dhaamsa kan ani ittiin darbarseef eenyummaa koo illee kan ani ittiin beeksisuu yaale dhala koo lammataa fi miixannaa roorroo keessaa ka…
-
Oggantoonni biyyaalee dhaamsa baga gammaddan jedhu dabarsaa jiru
Oggantoonni biyyaalee gara garaa ayyaana injifannoo caamsaa 20 sababeeffachuudhaan ergaa baga gammaddan jedhu dabarsaa jiru. Waajjirri oduu himaa ministeera dhimma alaa akka beeksisetti qondaaltoonniifi ooggantoonni biyyaalee gara garaa qondaaltoota Itiyoophiyaatiif ergaa baga gammaddan jedhu dabarsaa jiru. Akkaatuma kanaan pireezdaantii Ameerikaa Baaraak Obaamaa dabalatee bulchaan Awustiraaliyaa Piitar Koosgiroov mootiin Siwiidin Kaaril Gustaaf Pireezdaantiin Gaaboon Alii Boongoo…
-
Lafa hektaara kuma 300 caalu jallisiidhaan misoomsuun akka danda’ame himame
Waggoota 20 ol darban keessa misooma jallisii babal’isuudhaaniifi ijaaruudhaan hojiiwwan bu’aa ol’aanaa galmeessisan akka hojjetamaniifi lafa hektaara kuma 300 caalu jallisiidhaan misoomsuun akka danda’ame ministeerri Bishaan jallisiifi annisaa beeksiseera. Hojjettoonni ministeerichaa ayyaana waggaa 23ffaa injifannoo caamsaa sababeeffachuudhaan mariin paanaalii taa’aame jira. Ministirri Bishaan jallisiifi anniisaa obbo Alamaayyoo Taganuu wayituma kana akka jedhanitti borumtii barbadaa’uumsa sirna…
-
Injifannoowwan Caamsaa 20 Ummata Oromoo fayyadamaa taasisaa jiru-Ob Muktaar Kadir
Adeemsii sirna dimookraatawa,nageenyaafi bulchiinsa gaarii har’a mula’ataa jiruu qabsoo hadhaawaa waggootii dheeraa injifannoo caamsaa 20 bar 1983n argamee tahuu pireesidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo biyyoolessaa oromiyaa obboo Muktaar Kadir ibsan. Obbo Muktaar injifannoo caamsaa 20 waggaa 23ffaa sababeeffachuun kaleessa ibsa baga geessanii wayita dabarsaniittii mirgoota eenyummaa argamaniin cinatti hawwiifi dheebuu misoomaa ummataa guutuuf waggoottii 23n darbannii…
-
Agarsiifni suuraa ayyaana caamsaa 20f qo’phaa’e banameera
Itiyoophiyaan waggoota 20 ol darban guddinni galmeessifte kan hunda hirmaachise akka ta’e itti aanaan ministira muummichaa obbo Dammaqa Makoonnin dubbataniiru. Obbo Dammaqan kana kan dubabtan agarsiisa suuraa ayyaana injifannoo Caamsaa 20 waggaa 23ffaa sababeeffachuudhaan qophaa’e kaleessa wayita banan haasawa dhageessisaniinidha. Guddinni galmeeffame dhalootaa dhalootatti kan darbu waan ta’eef dhaloonni haaraan humnasaa misoomaafi guddina biyyaatiif oolchuu…
-
“Finfinneen Magaalota Kana Gubbaa Irratti Mirga Murteessuu Tokko Iyyuu Hin qabaatu” Jedhu, Obbo Abbaa-Duulaa Gammadaa
Magaaleen Oromiyaa addaa naannawa Finfinnee jiran akka Finfinnee jala galan, karoorri “Master Plan” jedhamee baafame kan Oromoo lafa isaa dhabsiisuu fi mirga abbaa-biyyummaa isaa sarbu!” jechuudhaan, barattoonni Yunivarsitiilee fi manneen barnootaa Oromiyaa ka biroo keessa jiran akka hiriira mormii irra jiranii fi sababaa kanaan walitti-bu’insi uumame akka lubbuu hedduu galaafate beekamaa dha. Dhimma kana irratti…
-
Maandeellaa: Mallattoo qabsoo ummata gurraachaa
(Saamraawiit Girmaa) ALA Hagayya 18 bara 1918, kutaa baadiyyaa Afrikaa Kibbaa bakka Tiraansikee jedhamtutti daa’imni tokko dhalate. Abbaan daa’imichaa mucaasaaf maqaa ‘Rolihlahlaa’ (hundee muka guddaa dhiibuu) jedhu moggaaseef. Abbaan daa’ima kanaa ogganaa siyaasaa turan. Maqaansaas ‘Gadla Henry Mphakanyiswa’ yoo jedhamuu ilmasaa kana kan argatan haadha warraasaanii sadaffaarraati. Haatiifi abbaan Rolihlahlaa ijoollee 13 godhataniiru; Rolihlahlaanis isa…
-
Seenaa barreefama afaan oromootiifi shoora dr. Sheek mahammad rashaad
(Dr. Abdulsemed Mohammed) Afaan meeshaa walqunnamtiiti; mallattoo eenymmaatiisi. Akeeka barruu tanaatiif meeshaa walqnnamtii tahuu isaa haafuulleeyfannu. Meeshaa walqunnamtii hoggaa jennu moggaalee lama walitti fida; akka riqichaati isaan tajaajila jechuudha. Kanas bifa lamaan jechuunis: dubbiifi katabbiidhaan tajaajiluu dandaya. Dubbiin sagalee ykn qooqa qofaan gargaaramanii walitti dubbatanii ykn haasawanii hariiroo walhubantiidhaan xumuramtu qabaachuudha. Haaluma kanaan qubee walitti…
-
Fagoon isa kami?
(Mulunee Tolasaa) Obbo Aagawoo Dassuu dhalatanii kan guddatan Naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa, Godina Oomoo Kibbaatti. Dhalataa sablammii Tsamaay yoo ta’an, bakka dhalootasaaniirraa bahanii daandii dheeraa wayita deeman kan baranaa kun isa jalqabaasaaniiti. Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Ummattootaa Saddeettaffaa Jigjigaatti kabajuuf Lixaa ka’anii Bahatti waan imalaniif imalli kun isaaniif ajaa’iba akka ta’e dubbatu. Bakki dhaloota Obbo…
-
Maaltu dhaga’amaa jira?
(Bayyanaa Ibiraahim) Yeroo tokko tokko “Ammayyummaa badaarra doofummaa gaarii woyyaa laata?” najechisiisa. Qaroominni seera uumaatiin mormu qarooma natti hinfakkaatu. Heerri uumaa gaafa ilmi namaa dachee kanarra jiraachuu eegaleen jalqabdee tumamte. Jijjiiramni yeroo, siyaasaa, hawaasummaafi mootummaas heera uumamaa jijjiiruu danda’a jedhees hinyaadu. Sababnisaas, qaroominni ilma namaa wantoota hedduurran gahus seera uumaa jijjiiruuf garuu humnis ta’ee beekkumsi…
You May Have Missed














