Category: Oromo
-
Adeemsa kenniinsa haqaa Oromoo Gujii
Ogganaan Doorii Abbaa Doorii jedhama. Innis Raaba keessatti nama Abbaa Murtii ta’ee hojjetaa tureedha. Doorii jalatti Hayyuuwwaniifi Jaldhaabota hedduutu argamu. Adeemsa murtii kennuu kan geggeessan Hayyuuwwan yoo ta’an, hojiin Jaldhaabotaa naamusa eegsisuufi himatamtoota dhiyeessuudha. Naannawa tokko tokkotti Dooriin dhimmoota yakka ajjeechaa kan hinilaalle ta’us, Gosa Hokkuu keessatti yakka ajjeechaa dabalatee, dhimmoota kamiyyuu sadarkaa Doorii kanatti…
-
Gumii Abbootii Gadaa: Utubaa tokkummaafi Oromummaa
Obbo Caalaa Soorii Abbootiin Gadaa Oromoo sirna Gadaa bara dheeraarraa kaasee dhalootarraa dhalootatti, jaarraarraa jaarraatti, Gadaarraa Gadaatti dabarsaa dhufanii jaarraa qaroominaa kanaan gahaniiru. Abbootiin Gadaa Oromoo baay’ina ummatichaarraa kan ka’e godinaa godinatti adda adda faca’anii sirna Gadaa gaggeeffachaa turaniiru. Mootummoonni darbanis abbootiin Gadaa akka walitti dhufanii tokko hintaaneefi Sirni Gadaa balleessuuf baroota dheeraaf dhiibbaa guddaa…
-

Finfinnetti manneen barnoota Afaan Oromoo ijaaruun eegalame
Finfinnetti manneen barnoota Afaan Oromoo ijaaruun eegalame Bulchinsa Magaalaa Finfinneetti manneen barnoota Afaan Oromootiin barsiisan ijaaruun eegalameera. Manneen barnoota kun Waldaa Misooma Oromiyaatiin kan ijaarame yammuu ta’u, kutaawwan Magaalaa Nifaas-Silkii, Laaftoo, Gulallee, Kolfee fi Aqaaqiin iddoo ijaarsaatiif filatamaniiru. Manneen barnootaa kun dhalattoonni Saba Oromoo fi dubbattoonni afaanichaa Magaalaa Finfinnee jiraatan Afaan Oromoo akka barataniif gargaaru…
-

Magaalaa Harariifi duudhaaleeshii
(Charinnat Hundeessaatiin) Naannolee saglan mootummaa federaalaan hundeessan keessaa Naannoon Ummatoota Hararii isa tokko. Naannoo kana keessa ummata Oromoofi Hararii dabalatee sabaafi sablammoonni biyyattii gara garaa kanneen aadaalee, duudhaaleefi amantaalee adda addaa hordofaniifi qaban waljaalalaafi walkabajaan jiraatu. Magaalaan Harar teessoo Godina Harargee Bahaa ta’uunis tajaajilaa jirti. Nutis dhiyeenya kana wayita hojiitiif gara Magaalaa Harar deemnetti duudhaaleefi…
You May Have Missed















