Maandeellaa: Mallattoo qabsoo ummata gurraachaa

(Saamraawiit Girmaa)

ALA Hagayya 18 bara 1918, kutaa baadiyyaa Afrikaa Kibbaa bakka Tiraansikee jedhamtutti daa’imni tokko dhalate. Abbaan daa’imichaa mucaasaaf maqaa ‘Rolihlahlaa’ (hundee muka guddaa dhiibuu) jedhu moggaaseef. Abbaan daa’ima kanaa ogganaa siyaasaa turan. Maqaansaas ‘Gadla Henry Mphakanyiswa’ yoo jedhamuu ilmasaa kana kan argatan haadha warraasaanii sadaffaarraati.

Haatiifi abbaan Rolihlahlaa ijoollee 13 godhataniiru; Rolihlahlaanis isa afraffaa ture. Maatiin daa’ima kanaas ilma argachuusaatti daran gammade. Mucaan sun nama addunyaarratti seenaa guddaa hojjetu ta’a jedhanii hintilmaamne.

Taayitaan abbaa Rolihlahlaa faayidaan daa’ima kanaaf hinjiru. Mucaan sun akkuma daa’ima kamiiyyuu umriinsaa wayita barnootaaf ga’u mana barumsaa naannawasaa jiru seene. Mana barumsaattis maqaan Maandeellaa jedhu barsiisaasaa tokkoon moggaafameef.

Osoo daa’imni kun barnootasaa achi hinfageeffatiin bara 1930tti abbaan Maandeellaa ni du’u. Wayita kana bakka dhalootaafi mana barumsaasaa dhiisee namicha abbaasaa waliin walbeeku, kan ‘Jongintaba Dalindyebo’ jedhamu bira taa’ee barumsasaa ittifufe. Jireenya haaraas ni eegale. Mana barumsaa mishinarootaa ‘Clarkbury’ jedhamuttis barnootsaa hordofuu jalqabe. Achittis maqaan biraa, Maadiibaa jedhamu ni moggaafameef. Maadiibaan maqaa masoo Maandeellaaf kennameedha.

Waggoota afur boodas barnootasaa sadarkaa lammaffaa xumuruun eebbifamee gara dhaabbata barnootaa olaanaa lammiilee gurraachota Afrikaa Kibbaatiif isa jalqabaa ta’e, Yunivarsitii Forti Haar seene. Wayita kana namoota waliin walbaruufi fedhii keessoosaa jiru tarkaanfachiisuuf carraa argate. Sirni appaartaayidii yeroo sana ture kan gurraachota cunqursuudha. Kunimmoo Maandeellaa boqonnaa sammuu dhorke.

Yunvarsiticha keessatti nama Oliivar Taamboo jedhamu waliin hiriyummaa kan eegale Maandeellaan, sochii farra appaartaayidii lama ta’anii adeemsisuu eegaluusaaniitiin bara 1940 osoo barnootasaanii hinxumuriin yunvarsiiticha keessaa ari’amaniiru. Wayita kanas Maandeellaan bakka dhalootasaaniitti deebi’anii gaa’ela hundeeffachuuf murteessan.

Osoo hinfuudhiin dura garuu haadhasaanii waliin gara Johaanisbargi dhufanii jireenya eegalan. Guyyaa guyyaa hojii hojjechaa galgalammoo barnoota addaan kutan xumuruuf barnoota fagoo eegalanii bara 1941 digrii jalqabaa seeraan fudhatan.

Barnootaaf jaalala guddaa kan qaban Maandeellaan ittuma fufuun bara 1942tti barnoota Seeraatiin digrii lammaffaa argachuuf Yunvarsiitii ‘Witwatersrand’tti barumsa eegalan.

Bara 1944tti Maandeellaan dubara ‘Evelyn Mase’ jedhamtu waliin gaa’ela hundeeffatan. Kana malees fedhii siyaasaa keessasaanii jiru gochaan dhugoomsuuf Kongirasii Biyyaalessaa Afrikaa jedhamutti makaman. Otuma achi jiraniis bara 1947tti liigii dargaggootaa hundeessuun barreessaa ta’aniii filataman. Dabalataanis walitti qabaa kongirasichaa ta’uun muudaman.

Bara 1948tti Maandeellaan ammas carraa barnootasaa ni argatan. Garuu wayitiin sun yeroo filannoo waan tureef barachuu dhiisuuf murteessan. Filannoo taasifameenis Paartiin Biyyaalessaa Ri-Yunaayitid jedhamu injifatee aangoo mootummaa qabate. Maandeellaafaas waajjirasaanii keessaa baase.

Ta’us Maandeellaafaan harka maratanii hinteenye. Sagantaa gocharratti xiyyeeffate qopheeffachuudhaan sochii farra appaartaayidii ittuma fufan.

Bara 1951ttis Maandeellaan pirezidaantii liigii dargaggootaa ta’an. Bara 1952 karaa seeraqabeessa ta’een waajjira banatanii sochii eegalan cimsanii ittifufan. Sochiin kun garuu Maandeellaafi hiriyootasaaniif salphaa hintaane. Kongiransiinsaaniis ni bittinnaa’e. Tattaaffii cimaan isaan taasisaniin garuu kongirasichi bara 1955 lammata deebi’ee hundaa’e. Qabsoon farraa appaartaayidiis cimee ittifufe. Qabsoo kanaanis bultiinsaanii diigameera.

Sadaasa 5 bara 1956 Maandeellaan kongirasicha keessatti chaartariin gurraachotaafi farra appaartaayidii of danda’e akka hundeeffamu gaafachuusaaniitiin namoota isaan deggaran 155 waliin mana hidhaa seenan. Turtii waggoota muraasa boodas ni hiikaman.

Al lammaffaafis bara 1961 dubartii, Nomzaamoo Winii Maandeellaa jedhaman waliin gaa’ela dhaabbatan. Qabsoo sirna appaartaayidiis ittifufan.

Bara 1955 kongirasii ummataa waliin jibba sirnichaaf qaban ibsachuu eegalan. Dargaggoota hedduus miseensummaan ni horatan. Bara 1959 hiriyootasaanii waliin Kongirasii Paan-Afrikaanizimii jedhamu hundeessan.

Haala kanaan bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuun qabsoosaanii finiinsuu ittuma fufan. Yeroo jalqabaatiif bara 1962 konfiransii gaggeessitoota biyyaaleessaa Finfinnee, Itoophiyaatti adeemsifamerratti ni hirmaatan. Leenjii loltummaas ni fudhatan. Maandeellaan turtiisaanii Itoophiyaatti taasisan kana keessattis paaspoortii baafachuudhaan maqaa, ‘David Motsamayi’ jedhamu argatan.

Kana malees gooticha Oromoo, Koloneel Jeneraal Taaddasaa Birruu harkaa shigguxii fudhataniiru. Kunis sababa qabsoo isaan taasisaa jiraniin ergamtoota sirna appaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessa jiran ajjeessisuuf gara Itoophiyaa waan dhufaniif shigguxicha qabatanii akka baqataniif kennameef.

Sababoota kanneeniifi kanneen birootiin Maandeellaan turtiisaanii Itoophiyaatti taasisaniin daran gammadaa akka turaniifi Itoophiyaaf biyyoota jireenyasaaniitti argan kaan caalaa bakka guddaa akka kennaniif kitaabasaanii waa’ee seenaasaanii seenessu kessatti ibsaniiru.

Ergasiis bara 1962 leenjii riphee ykn ‘gooreellaa’ jedhamuuf gara Aljeeriyaa deeman. Gara Landan (Biritaaniyaa) deemuunis namoota yaadasaanii deggaran wajjin qunnamuuf carraa argataniiru. Baruma eerame kanatti yeroo Landanii gara biyyasaaniitti deebi’anis qabamanii hidhamaniiru.

Kana booda oolmaafi bultiin Maandeellaa mana hidhaa ta’e. Achittis jireenya rakkisaa hedduu dabarsan. Ni reebaman, ni beela’an, dhukkubaanis ni qabaman.

Bara 1989 sirni appaartaayidii waan laafaa dhufeef Maandeellaan gaggeessitoota Afrikaa Kibbaa kanneen sirna appaartaayidiirratti qabsa’an waliin walarguuf carraa argatan. Paartiin siyaasaa haaraa Konveenshiniin Demokraasii Afrikaa Kibbaa hundeeffames abdii qabeessa ture. Xumurarratti Guraandhala 11 bara 1990 Maandeellaan hidhaa waggoota 27 booda gadilakkifamnii ummata isaan jaalatutti makaman.

Bara 1991ttis konveenshiniichi qabsoo Maandeellaan taasisaniif bara 1993tti badhaasa noobeelii nageenyaa kenne. Filannoo biyyattiin bara 1994tti taasifteenis kongirasiin Maandeellaa sagalee %62 argachuun mo’ate. Maandeellaanis pirezidaantii Afrikaa Kibbaa ta’uun hanaga Bara 1997tti tajaajilan. Ummanni adiin biyyattiis seera gurraachotaatiin buluu eegalan.

Erga pirezidaantummaarraa bu’aniis jireenya bu’aa ba’ii jiraachuu eegalan. Bara 1996tti haadha warraasaanii ishee lammaffaa hiikuun Hagayyaa 18 bara 1998 waggaa 80fa isaaniitti haadha warraa pirezidaantii duraanii Mozaambik, Giraashaa Maasheel ni fuudhan.

Maandeellaan kana booda sababa dhukkubaafi dullumaatiin sireerra ooluuf dirqaman. Yeroo dhumaatiif bakka ummanni bal’aa jirutti kan mul’atan bara 2010 wayita Afrikaan Kibbaa Tapha Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa qopheessitetti ture.

Maandeellaan baay’ee dhukkubsatanii wal’aanamaa turuun ALA Sadaasa 26 bara 2013 addunyaa kanarraa boqataniiru. Sirni awwaalchasaaniis iftaan bakka dhalootasaaniitti ni raawwatama jedhamee eegama.

Kibxata darbes Pirezidaantii Ameerikaa, Baaraak Obaamaa dabalatee gaggeessitoonni biyyoota addaddaafi namoonni bebbeekamoon addunyaa mana jireenyasaaniitti argamuun reenfasaanii geggeessaniiru.

Walumaagalatti Nelson Maandeellaan (Maadibaan) umriisaanii waggaa 95 keessatti ummata Afrikaa qofa osoo hintaane ummata addunyaa waa hedduu barsiisaniiru. Cimina, dhiifamaafi hunda caalaa kaayyoo ofii fiixaan baasuun haalatti danda’amu barsiisaniiru.

Addunyaan har’a nama guddaa kana dhabdeetti. Maqaansaanii garuu yoomiyyuu akka hinbadnetti seenaqabeessummaan galmaa’eera. Nutis, dhaloonni ammaa Maandeellaa, mallattoo qabsoo ummata gurraachaa ta’an kanarraa waa hedduu barachuu qaba jechaa jaalattootaafi dinqisiifattoota Maandeellaa hundaaf jajjabina hawwina.

*********
*Bariisaa

Yinebeb Nigatu Yinebeb Nigatu

more recommended stories