Category: Oromo
-
Jiddu galeessi aadaafi siidaan Aanoolee birrii Miiliyoona 19 caaluun ijaarama ture eebbifamuufi
Naannoo Oromiyaatti baasii birrii miiliyoona 200fi miiliyoona 78 fi kuma 900’n jiddu galeessawwan aadaafi siidaan wareegamtootaa ijaaramaa akka jiran Biiroon aadaafi Tuuriizmii Oromiyaa beeksiseera. Hojiin ijaarsa jiddu galeessawwan kana dhibbentaan 30 hanga 98 akka raawwatame biiroon kun beeksiseera. Pirojektoota ijaaramaa jiran keessaa jiddu galeessi aadaa Oromoo Magaalaa Finfinneetti argamu adda durummaadhan kan eeramudha. Jiddu galeessawwan…
-
Ijaarsi manneen waliinii 40/60 saayiitii Booleetti manneen kuma 6 fi 500 ijaarun jalqabame
Ijaarsi manneen waliinii 40/60 saayiitii Booleetti manneen kuma 6 fi 500 ijaarun jalqabame. Manneen waliinii 40/60 kun abbaa darbii 7,9 fi 12 qabu saayiitoota Sangaa Tara, Kiraawun, Askoo, Daldalaa Miidhaanii fi Boolee Bulbulaatti ijaarsi isaa saffisaa akka jiru ibsame. Ijaarsi piroojektoota manneen waliinii kun Kontiraaktaroota sadarkaa dura fi giddugaleessa 45 fi gorsitoota 6’n kan hordofama…
-
Afaan Oromoorratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna
(Charinnat Hundeessaa) Ji’oota muraasa dura korri 10fan Afaan Oromoorratti xiyyeeffate tokko kan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATOn) qopheesse tokko Finfinnee, Galma Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti adeemsfamee ture. Kora kanarratti hayyoonni, abbootiin amantii, oggantoonni biiroleefi qooda fudhattoonni biroo hedduun argamanii turan. Gaazexaan Bariisaas wayita sanatti waraqaalee qo’annoo waltajjicharratti dhiyaatan dabalatee yaadota achirratti ka’an tokko tokko cuunfuudhaan dubbistootasaaf…
-
“Galleen yoo mana ga’aniidha"
Biyyi keenya Itoophiyaan lafa misooma qonnaaf ta’u bal’aa fi lagawwaan misooma jallisiif oolan hedduu qabdi.Lafti biyyattii misooma qonnaaf ta’u kun garuu guutummaatti misoomaaf oolaa akka hin jirre ragaleen yeroo addaddaa bahan ni mul’isu. Kanaaf sababii gargaraatu eerama. Kanneen keessaa inni guddaan garuu haalli qotiisa keenyaa roobarratti kan hirkateefi mala aadaatiin kan gaggeeffamu waan ta’eef boodatti…
-
Maalummaa Irreechaa keesumaa kan birraa
(Charinnat Hundeessaatiin) Irreechi hiika baay’ee yoo qabaates hiiknisaa inni guddaan, “Galatoo Waaqayyoo” (Happy, thanks giving day’) jechuudha. Irreechi waggaatti al lama kan geggeeffamuudha, Irreecha Tulluufi Irreecha Malkaa. Inni gubaa masqalaa booda raawwatamu Irreecha malkaati. Kunis ganna gurraacha keessaa bahanii gamtaan Waaqasaanii galateeffachuuf kan raawwatamuudha. Kutaalee addunyaa gara garaatti ayyaanonni (kaarniivaaloonni) Irreecha waliin walfakkaatan ni raawwatamu.…
You May Have Missed














