“Galleen yoo mana ga’aniidha"

Biyyi keenya Itoophiyaan lafa misooma qonnaaf ta’u bal’aa fi lagawwaan misooma jallisiif oolan hedduu qabdi.Lafti biyyattii misooma qonnaaf ta’u kun garuu guutummaatti misoomaaf oolaa akka hin jirre ragaleen yeroo addaddaa bahan ni mul’isu. Kanaaf sababii gargaraatu eerama. Kanneen keessaa inni guddaan garuu haalli qotiisa keenyaa roobarratti kan hirkateefi mala aadaatiin kan gaggeeffamu waan ta’eef boodatti hafoo ta’uusaati.

Kanaaf, waggoottaan darban keessa haala qotiinsaa ture teeknooloojii amayaatiin deegaruun jijjiiruuf xiyyeeffannoo guddaan itti kennamee hojjetamaa kan tureef. Yeroo ammaas haala qotiinsa aadaa kana teknolojii ammayyaatiin deggeruun oomishaafi oomishtummaa qotee bulaafi dammichaa guddisuuf yaaliin ittifufiinsa qabu taasifamaa jira. Sochiilee taasifama jiraniinis bu’aan jajjabeessaan galmeeffamaa jira. Guddistuu oomishaa kan akka xaa’oo, sanyiiwwaan filatamoo, qoricha aramaafi farra ilbiisotaa qotee bulaaf yeroodhaafi gahinaan dhiheessuu dablatee deggersa oggummaa taasifamuun oomshinniifi oomishtummaan qutee bulaafi damichaa akka dabalu taasiseera.

Kanaaf ragaa gahaa kan ta’u ammoo waggoottaan saddeettaan darbaniif walitti fufiinsaan guddinni dinagdee galmaa’uusaati.Guddina dinagdee argame kanaaf oomishaafi oomishtummaan damichaa guddachuun ga’ee olaanaa akka qabu ni amanama. Dinagdeen biyya keenyaa qonnaarraatti waan bu’uurreeffatef jechuudha.

Bara oomisha 2005/2006 hojii qonnaaf xiyyeeffannoo gaarii kennamee hojjetamuusaatiin callaan barana argamu kan bara darbeerra caalmaa akka qabu ragaan Ejansii Istatistikii Giddugalessaarraa tibbana argame ni mirkanneessa.Daarektarri muummee Ejansichaa Aadde Samiyaa Zakkariyaa ibsa dhiheenya kana kennaniin akka beeksiisanitti oomishinni baranaa kan bara darberra harka 10n yookiin kuntaala miliyoona 22.9n caalmaa qaba.

Akka ibsa kanaatti barana oyiruu hektaara miliyoona 12.4 ta’urraa midhaan kuntaalli miliyoona 254, kuma 203fi 518 ol ta’utu argama jedhamee kan tilmaamamu yoo ta’u, innis qonnawwan babal’aa daldalaa otoo hindabalatiin oyiruu qonnaan bultoota dhuunfaa kanneen miliyoona 14tti tilmaamaman qofarratti kan xiyyeeffateedha.

Midhaan ni argama jedhamee tilmaamame kun naannoleedhaan oggaa qoodamus Oromiyaarraa kuntaala miliyoona 126fi kuma 364 ol, Amaaraarraa kuntaala miliyoona 82 ol, Ummattoota Kibbaarraa ammoo midhaan kuntaala miliyoona 21.8 akka ta’uudha.

Raagni kunis midhaan oyiruurra sassaabamee qe’eetti utuu hin galiin dura. Kanaaf, afoolaa’uu wayita sassaabbiifi dha’uu hin dabalatu. Galleen yoo mana ga’aniidha akkuma jedhamusan qotee bultoonni midhaan waggaa guutuuf itti dha’amanii hojjetan sababa roobaafi ofeegannoo gochuu dhabuurraa akka jalaa hin miidhamineef ofeeggannoon yeroon haamuu sassaabuufi dha’uu gaafata. Kun yoo ta’eedha egaa callaan tilmaamame argamuu kan danda’u.

Gama kanaan ogeessonni qonnaas deggarsa barbaachisu mara gochuufiitu irraa eeggama. Kana maddiittis hojii qonnaa egereef asumaa achi qophaa’uun malchiisaa waan ta’eef qotee bultonniifi qaamooleen dhimmichi isaan ilaalatu marti callaa guddistuufi wantoota barbaachisan guutuuf qindominaan hojjechuu qabu. Keessumaa qoteebulaan tilmaammii bara oomishaa kana dhugoomsee gara bara oomisha ittaanutti ce’uuf ofeeggannoo gudaadhaan hojjechuutu irraa eegama.

********
Source: Bariisaa, March 2014.

Content gathered and compiled from online and offline media by Hornaffairs staff based on relevance and interest to the Horn of Africa.

more recommended stories