Jiddu galeessi aadaafi siidaan Aanoolee birrii Miiliyoona 19 caaluun ijaarama ture eebbifamuufi

Naannoo Oromiyaatti baasii birrii miiliyoona 200fi miiliyoona 78 fi kuma 900’n jiddu galeessawwan aadaafi siidaan wareegamtootaa ijaaramaa akka jiran Biiroon aadaafi Tuuriizmii Oromiyaa beeksiseera. Hojiin ijaarsa jiddu galeessawwan kana dhibbentaan 30 hanga 98 akka raawwatame biiroon kun beeksiseera. Pirojektoota ijaaramaa jiran keessaa jiddu galeessi aadaa Oromoo Magaalaa Finfinneetti argamu adda durummaadhan kan eeramudha. Jiddu galeessawwan kun ijaaramuun isaanii lammiiwwan carraa hojii akka argataniif haala mijaa’aa kan uumu akka ta’elee himaniiru. Kana malees siidaan Aanoleefi calanqoo madda walaabuu pirojektoota ijaaramaa jiran keessatti kan eeraman yammuu ta’u haaromsi masaraa Abbaa Jifaar Jimmatti argamus kanuma keessatti kan eeramudha. Jiddu galeessi aadaafi siidaan Aanoolee baasii Birrii miiliyoona 19 ijaaramaa tures tibbana eebbifamuuf akka jiru biiroon kun beeksiseera. Siidaan Aanoolee kan eebbifamu Bitootessa 28 bara 2006 yammuu ta’u kunis kan raawwatamu ayyaana hundeeffama waggaa 24ffaa dhaabbata Demookraatawa Ummata Oromoo wajjin wal qabachuun akka ta’e odeeffannoon arganne mul’iseera.
*****
*Oromia TV – Dhrtvo 22/07/2006

Yinebeb Nigatu Yinebeb Nigatu

more recommended stories