Oggantoonni biyyaalee gara garaa ayyaana injifannoo caamsaa 20 sababeeffachuudhaan ergaa baga gammaddan jedhu dabarsaa jiru.
Waajjirri oduu himaa ministeera dhimma alaa akka beeksisetti qondaaltoonniifi ooggantoonni biyyaalee gara garaa qondaaltoota Itiyoophiyaatiif ergaa baga gammaddan jedhu dabarsaa jiru.
Akkaatuma kanaan pireezdaantii Ameerikaa Baaraak Obaamaa dabalatee bulchaan Awustiraaliyaa Piitar Koosgiroov mootiin Siwiidin Kaaril Gustaaf Pireezdaantiin Gaaboon Alii Boongoo Adiimbaa dhaamsa dabarsaniiru.
Pireezidaantiin Kirooshiyaa piroofeesar Iivoo Joosiipaabiich pireezidaantiin riippaabliika Kooriyaa Paark GiiYwiin Heey,pireezidaantiin Suusiiloo Baambaang Yuudhoodiyoo pireezidaantiin Ayarlaand Miikaa’eel Diihiingisiifi pireeziidaantiin riippaabliika Cheek Miiloos Zammaan pireiizidaant Dr.Mulaatuu Tashoomatiif dhaamsa gammachuu ibsaniiru.
Ministirri muummichi riippaabliika Cheek Buuhuuslaav ministira muummicha Hayilmaariyaam Dassaalanyiif akkasumas ministirra dhimma alaa biyyattii gitasaanii Itiyoophiyaa Dr.Tewoodiroos Adihaanoomiif ergaa baga geessan jedhu dabarsaniiru.
Qondaaltoonni biyyaalee gara garaa kun sababuma kanaan biyyaaleen isaanii quunnamtii Itiyoophiyaa waliin taasisan fayyadamtummaa waliin wajjiniirratti hundaa’uudhaan cimsuudhaan akka itti fufaniifi dameewwan gara garaatiin wal ta’uudhaan hojjechuu akka barbaadan ibsaniiru.
Oduu wal qabatee jiruun af yaa’iin mana maree waliinii Kaanaadaa Andiriiwuu Shiiriifi af yaa’iin seeneetii biyyattii Noo’eel Kiinseellaa ayyaana injifannoo caamsaa 20 waggaa 23ffaa sababeeffachuudhaan af yaa’ii mana mare ebakka bu’oota Ummataa Abbaaduulaa Gamamdaafi af yaa’ii mana maree federeeshinii obbo Kaasaa Taklabirhaaniif hawwii gaarii qaban akka ibsan waajjirri oduu himaa ministeera dhimma alaa beeksiseera.
**********
Source: Fana, May 27, 2014.