Afaan Oromoorratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna

(Charinnat Hundeessaa)

Ji’oota muraasa dura korri 10fan Afaan Oromoorratti xiyyeeffate tokko kan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATOn) qopheesse tokko Finfinnee, Galma Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti adeemsfamee ture. Kora kanarratti hayyoonni, abbootiin amantii, oggantoonni biiroleefi qooda fudhattoonni biroo hedduun argamanii turan.

Gaazexaan Bariisaas wayita sanatti waraqaalee qo’annoo waltajjicharratti dhiyaatan dabalatee yaadota achirratti ka’an tokko tokko cuunfuudhaan dubbistootasaaf dhiyeessee ture. Barreeffama kanaafi kanneen kanatti aananii dhufaniin ammoo yaada hirmaattotaa isa hafe isin dubbisiisnaa dubbisaatii akkuma barame yaada keessan karaa teessoo keenyaa nuu ergaa.

Hajii Ibraahim Bariisoo, Finfinneerraa

Amantiirra sabummaatu dursa. Ani fakkeenyaaf Oromoo malee saba biraa ta’uu hindanda’u. garuu Kiristaanaa ta’uu nan danda’a. Sabummaafi amantiin gara garummaa guddaa qabu. Amantiin kan dhuunfaati. Sabummaan hanga kana kabaja qabdi. Kanaaf hundi keenya waa’ee afaan keenyaarratti quuqamnee hojjechuu qabna.

Ilmaan Oromoo hundi dagaagina afaan kanaatiif qabeenyaafi beekumsasaarraa ummata Oromootiif qooduu qaba. Kanaaf beektonni Oromoo marti yoo waan kanarratti hirmaattanii ummata Oromoo jijjiiirtan afaan ummatichaa yeroo gabaabaa keessatti bakka guddaa gahuu danda’a. Beektota hedduu waan qabnuuf Oromiyaa qofa otoo hintaane Finfinneerrattillee hojjechuun nurraa eegama.

Nutis qabeenyaafi beekumsa keenyaan isin gargaarra. Hundi keessan kaka’umsa godhadhaatii ummata Oromootiif halkanii guyyaa hojjedhaa, nutis isin duukaa jirraatii. Akka ummanni Oromoo afaan ofiitiin baratee hojjechuu eegalee jiru cimsee itti fufu gochuu qabna. Mirga kanaaf kanaan dura namoonni baay’een lubbuusaanii wareeganiiru. Nuti ammoo har’a qabeenyaafi beekumsa keenya yoo arjoomne hinmiidhamnu.

Obbo Tafarii Nigusee Barreessaafi Barsiisaa Yunivarsitii Finfinnee

Ammaan tana wanti akka ciminaatti Afaan Oromoorratti calaqqisu ni jira. Hanqinoonnis ni jiru. Gama afoolaatiin hojiileen baay’een akka hojjetamaniidha kan ibsamu. Kun kan nama gammachiisuudha. Gaariidhas. Garuu hojichi hojjetamaa kan jiru afoola qofarratti waan xiyyeeffatame fakkaata. Kana keessaas oduu duri qofarratti cookka’ee mul’ata. Oduu durii jechuun koo kanneen akka hiibboo, mirrisaa (walaloo jala galuu yoo danda’anillee) ka’aniiru. Garuu keessattuu rakkoon barsiisuufi qorannoo geggeessuurratti nu qunnama.

Keessumaa kanneen Ingiliffaan ‘legend’fi ‘mild’ jedhamanirrattis xiyyeeffatamee otoo hojjetamee gaariidha. Isaan kun ogbarruu Oromoo keessa bal’inaanis ta’uu baatu hanga tokko waan jiranif Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa otoo xiyyeeffatee hojjetee gaariidha. Waantonni kunniin eenyummaa ummata tokkoo ibsuuf daran waan barbaachisaniif isaan kanas qo’atee, funaanee maxxansee otoo baasee misha.

Afooluma kanaan walqabatee kan jiru, kitaabonni maxxanfamaa jiru. Kun gaariidha. Haa ta’u malee gaafa kitaaboleen kunniin maxxanfaman afoolonni kunniin afaaniin himamaa waan dhufaniif dadhabina tokko tokko qabaachuun isaanii hinoolu. Kanaaf barreeffama qofarratti xiyyeeffachuurra otoo bifa viidiyoofi siidiidhaan dhiyaatanii baay’ee gaarii ta’a.

Sababnisaas namni keenya baay’inaan dubbisaa otoo hintaane gurraan dhaga’uu barbaada. Kanaaf otoo bifa ‘VCD’tiin qophaa’ee gaariidha. Kana yoo ta’e mana nama hedduu galuu danda’a. Asirratti kan kana cimsu baayyeen keenya warri magaalatti galle aadaa keenya gataa jirra. Barataa ykn namoota magaalaatti guddatan otoo mammaaksa ykn oduu durii tokko gaafannee nutti hinhiman, hinbeekan. Dhimma kana salphaadhumatti qulqulleeffachuu dandeenya. Kun egaa maal agarsiisaa baay’een keenya aadaa sana gataa, dhiisaa darbaa akka jirruudha. Kanaafuu kun akka hintaaneef hojiin afoolaa kun kitaaba qofaan otoo hintaane bifa ‘VCD’n otoo qophaa’ee rakkoo kana ni fura. Barsiisuufis salphaa ta’a.

Afoolonni amma kitaabaan maxxanfamanii dhiyaatanii akkuma sassaabamanitti. Kun otoo qorannoofi qo’annoodhaanis deggaramee gaarii ta’a. Ergaansaanii maal akka ta’e ibsamuu qaba. Baay’inni kitaabota maxxanfaamani ammayyuu gahaa miti. Kunis ittiyaadamuu qaba. Durii jalqabee hanga ammaatti kitaabonni dhimma Oromoorratti maxxanfaman gosaan 500 hincaalan. Kana akka Ameerikaatti yoo ilaalle waggaatti gosa kitaabota kuma 85tu baha. Kanarrattis daran duubatti hafneerra. BATOn hanga humnsaatti maxxanseera. Garuu biirichi maxxansuun dirqama ta’uu baatus hojjetaatuma jira. Namoonni dhuunfaas hojiidhuma biirichaan gitu hojjetaa jiru. Fakkenyaaf Wasanee Bashaa kitaabota 30 ol maxxansiiseera. Galmee jechootaa isaan maxxansiifatanirra kan Hinseeneetu beekama. Kanaaf asirrattis biirichi cimee otoo hojjetee gaariidha.

Akkuman irranatti jedhe BATOn kitaaba maxxansiisuuf dirqama hinqabu. Garuu namoota maxxansiisan jajjabeessuun irraa eegama. Inni guddaanis kana. Asirratti yeroo hedduu kan ka’u waa’ee jiraachuu dhabuu maallaqaati. Maaliif abbootii qabeenyaa Oromiyaa keessa jiran walitti qabdanii hojii akkanaa hojjechuu barbaannaa nu gargaari hinjenneen? Naannoo Tigraay yoo fudhanne haala sanaan itti deemaa jiru. Adeemsa kanaanis kitaabota baay’ee maxxansaa jiru. Kanaaf abbootii qabeenyaa naannoo keenya jiranitti fayyadamuu qabna. Walumagaalattuu hojii artii akka deggaran gochuu qabna.

Sagantaa walittiqabuu galii qopheessuunis ni danda’ama. Namni tokko kitaaba Oromoo tokkoof qarshii tokko gumaachi otoo jedhamee maallaqa heddutu argamuu danda’a. Kanaaf bajjataa mootummaa qofa eeguurra rakkoo qarshii kana haala kanaan hiikuun ni danda’ama.

Akka rakkootti wanni Afaan Oromoorratti ka’e jira. Afaan Oromoo gargar faca’ee kan tureedha.Kana waaltesisuun akka danda’amuuf hundi keenya otoo afaan waalta’etti fayyadamnee gaariidha. Kan kooti, loqoda kooti jechuu otoo hintaane hundumtuu akka nama barate tokkootti qajeelfamuu qabna. Namni Afaan Oromoo sirriitti barate afaan akkasii dubbata haa jedhamu. Fakkeenyaaf Afaan Oromoo Finfinneetti dubbatamuun madaaluu dandeenya. Kanarrattis dhimmamnee hojjechuu qabna’.

Kan biraa ammoo Afaan Oromootiin hojii uumuun barbaachisaadha. Ammaan tana barattoonni baay’een yunivarsitoota adda addaa keessatti Afaan Oromoo filachaa hinjiran. Fakkeenyaaf Yunivasritii Finfinneetti otoo cufamee jedhamuuti barana barattoonni hangi tokko galanii akka ittifufu kan taasifame.

Sodaan barattoonni qaban Afaan Oromootiin hojii hinargannu kan jedhuudha. Haala kanaan fakkeenyaaf barattoonni kuunniin oggaa eebbifamanii bahan akka hojiilee aartii fa’irratti bobba’an gorsuun BATO irraa eegama. Namoota hedduus achirratti akka mindaa’an gochuun ni danda’ama. Miidiyaa babal’isuudhaanis namoonni baay’een akka achirratti hojjetan gochuun ni danda’ama.

Keessumaa fiilmiin tokko nama 50 ol waan barbaaduuf otoo fiilmiin babal’atee akkuma bohaartiif oolu, carraa hojii bal’aas ni uuma. Gama kanaan kanin dhiyeenya dhagahe tokko kaasuuf, Naayijeeriyaa keessatti sektarri kun humna namaa bal’inaan fudhachuudhaan sadarkaa lammaffaarra akka jiruudha. Haaluma kanaan nuufis carraa hojii bal’aa argamsiisuu danda’a; keessumaa barattoota Afaan Oromoofi dameelee aartiitiin eebbifamaniif.

BATOfi namoonni dhuunfaa Afaan Oromoo dhaadhessurratti otoo hojjennee gaariidha. Ammaan tana afaanichi dhaadhessamaa hinjiru. BATO dabalatee biirolee biroo keessatti Afaan Oromoo dhiisanii afaan biraatti fayyadamuutu bal’inaan mul’ata. Iddoo tokko tokkotti ammoo Afaan Oromootiin jalqabamii Amaariffaan xumuruutu babal’achaa jira. Yookaan Amaariffaan jalqabameetu Afaan Oromootiin xumurama. Kanas kichuudhumatti otoo ofirraa dhiisuu qabna.

Dhimmi Biiroo Barnootaa Oromiyaa ilaallatu tokkos jira. Biirichi eessumattiyyuu ogabarruu daa’immaniirratti xiyyeeffatee hojjetaa hinjiru. Dhaabbileen mitmootummaa muraasni Afaan Oromootiin ogabarruu daa’immanii maxxansaniin ala akka dhuunfaattis biirootti gama kanaan waanti hojjetame hinjiru.

Biyyi keenya guddinarra jirti. Anis guddina kana nan amana. Ta’us biyyi ‘keenya egeree eessa geessi jennaan daa’imni keenya har’a eessa jiru’ jedhan. Isaan har’a jirantu egeree (guddina boruu) biyyaa murteessa jechuudha. Kanaafuu maaliif ogabarruu daa’immaniitiif xiyyeeffannoon hinkennamne? Namoota ogbarruu daa’immaniirratti bobba’uu barbaadan jajjabeessuun otoo jiraatee misha.

Hunda caalaa kan nama gaddisiisu akka daa’imman qubee Afaan Oromoo irraa baratanii waanti qophaa’e dhabamuusaati. Kun rakkoo BATO ta’uu dhiisuu danda’a. Kun rakkoo namoota ykn qaamota hojii kanarratti bobba’aniiti. Otoo hojii kanarratti bobba’aniiru ta’ee isaanis faayidaa irraa argataa afaanichas dagaagsu.

Rakkoon raabsa kitaabaa ni jira. Asirratti yaada nama wayii jedhe eeruuf, namni keenya shunkurtii gurguree jiraata garuu kitaaba gurguree jiraachuu jibba. Kun maaliif akka ta’e hinbeekamu. Kanaafuu, sadarkaa sadarkaadhaan caasaa biiroorraa qabee hanga gandaatti deemamee rakkoo kanarratti otoo mariin adeemsisamee akkasumas dargaggoonni gurmaa’anii hojiilee adda addaa hojjechaa jiru (IMXdhaan) jechuudha.

Dargaggoonni IMXdhaan gurmaa’an kunniin otoo kitaaba raabsanii maal qaba? Manneen barnootaas achumatti irraa bituu danda’u. Kitaaba kireessanii namni akka dubbisu gochuu ni danda’u. Kitaabota BATO biratti maxxanfaman kanneenillee keessumaa kitaaba qorannoo Afaan Oromoo jildiilee adda addaatiin bahe namoota muraasa kan argate. Kun furmaata ta’uu danda’a.

********
Source: Bariisaa, March 2014.

Content gathered and compiled from online and offline media by Hornaffairs staff based on relevance and interest to the Horn of Africa.

more recommended stories