Finfinnetti manneen barnoota Afaan Oromoo ijaaruun eegalame
Bulchinsa Magaalaa Finfinneetti manneen barnoota Afaan Oromootiin barsiisan ijaaruun eegalameera.
Manneen barnoota kun Waldaa Misooma Oromiyaatiin kan ijaarame yammuu ta’u, kutaawwan Magaalaa Nifaas-Silkii, Laaftoo, Gulallee, Kolfee fi Aqaaqiin iddoo ijaarsaatiif filatamaniiru.
Manneen barnootaa kun dhalattoonni Saba Oromoo fi dubbattoonni afaanichaa Magaalaa Finfinnee jiraatan Afaan Oromoo akka barataniif gargaaru jedhameera.
Manneen barnoota barana ijaarsisaanii eegalaman keessaa lameen deeggarsa dhaabbiileen miti Mootummaa waldichaaf taasisani kan ijaaran yammuu ta’an kanneen hafan birrii Miliyoona 15 Waldaan Misooma Oromiyaa ramadeen ijaaramaa akka kiran himameera.
Manneen barumsaa ijaaraman sadarkaan qulqullinasaanii kan eegamee fi abbaa gamoo afurii yammuu ta’an xumuramee tajaajila kennuu wayita eegalanitti kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti barsiisu.
Manneen barumsaa kana kutaawwan Magaalaa shan keessattiis dabalataan ijaaruu fi ijaarsa wiirtuu addaa eegaluuf waldichi sagantaa galii walitti akka karoorfate beeksiseera.
——–
WABO MAAL GAAFADHA YOO BILISUMAA FEETAAN
yaa ijoole oromoo jabadha yoo kun dhugaa taa’ee bilisumman argamtee kaa
Dhugumaaan hedduu gaariidha manneen barnootaa ijaaruun
good news
IJA KEENYA OLQABACHUU IALQABNEERRA.WAANJOONIS NURRAABUUTI.