Gumii Abbootii Gadaa: Utubaa tokkummaafi Oromummaa

Obbo Caalaa Soorii

Abbootiin Gadaa Oromoo sirna Gadaa bara dheeraarraa kaasee dhalootarraa dhalootatti, jaarraarraa jaarraatti, Gadaarraa Gadaatti dabarsaa dhufanii jaarraa qaroominaa kanaan gahaniiru.

Abbootiin Gadaa Oromoo baay’ina ummatichaarraa kan ka’e godinaa godinatti adda adda faca’anii sirna Gadaa gaggeeffachaa turaniiru. Mootummoonni darbanis abbootiin Gadaa akka walitti dhufanii tokko hintaaneefi Sirni Gadaa balleessuuf baroota dheeraaf dhiibbaa guddaa gochaa turaniiru.

Kanumarraa ka’uunis bakkeewwan hedduutti sirnichi akka laafu ta’eera, badeeras. Kan hafes sirni bulchiisaasaa daran kan laafe yoo ta’u,iddoowwan badii jalaa baraarametti waggaa saddeet saddeetiin gadooma walitti dabarsaa as ga’eera.

Mootummoonni dabran sirni Gadaa dimokraatawaa ta’uusaa hubachuu yoo dadhabanillee muuxannoonsaa biyya keenyarra dabree biyyoonni adda addaa ittifayyadamaa jiru. Sirni Gadaa ijaarsa sirna dimokraasii addunyaatiif bu’uura ta’uunsaafi qooda olaanaa qabaachuunsaa hubatameera.

Ummanni Oromoo sirna Gadaa yoo hundeessu caasaansaa hawaasa Oromoo hunda akka hammatu taasisuun gosoota Oromoo mara Gadaa shanitti hiree tajaajilli walqixaafi haqaqabeessa ta’e akka uumamu taasiseera.

Sirnichi saboota adda addaa Oromoo waliin jiraatanis loogii tokko malee bulchaa tureera, bulchaas jira. Nama Oromootti makamuu barbaades mirgasaa eegee moggaasee ofitti makuu bira taree qabeenya itti horuun sirna Gadaa keessatti qooda akka fudhatu taasisee waliin jiraachaa tureera.

Ammas abbootiin Gadaa of eeggannoo guddaadhaan loogii tokko malee sirnicha tiksaafi gaggeessaa jiru. Kana waan ta’eef sirni Gadaa har’a mootummaa biratti fudhatama argatee deeggaramaa jira. Kun ammoo qaroomina addunyaa waliin guddataafi ammayyaa’aa akka deemu gargaareera.

Gumiin Abbootiin Gadaa Oromoo baatii Waxabajjii darbe hundaa’es bu’aa guddina kana keessatti argameedha. Addunyaa teknolojiidhaan (meeshaa ammayyaatiin) guddatte keessatti Gadaanis qooda qaba. Har’as abbootiin Gadaa akkuma durii gaaddisuma jala taa’anii kan mariyataniifi seera tuman otoo hinta’in ejjennoo, “Biiroo, chaappaa, meeshaa ittiin barreessan, fiilmii waraabuufi suura kaasu horachuu qabna” jechuun sochii taasisaa jiru.

Mariin adeemsifamu marti galma keessatti qofa yaa gaggeeffamu jechuu akka hintaaneedha barreessaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoo, Obbo Caalaa Soorii yaada Bishooftuutti Gaazexaa Bariisaatiif qoodaniin kan ibsan.

Jill ardaalee jilaatitti gaggeeffama. Seenaansaa garuu biiroofi godaambaa keessa taa’uu qaba. Dambiin ittiin bulmaataa Abbootii Gadaa Oromoos seerri haala kanaan ture akka cimuufi hir’inoonni haala ammayyaa waliin hindeemne fooyyessuun sirnicha jabeessa jedhu barreessichi.

Sirna Gadaa cimsuudhaan aadaafi safuun Oromoo dagaagee, uummatichis qabeenyaan guddatee nagaafi gammachuudhaan tokkummaasaa jabeeffatee akka jiraatu gochuun akka danda’amus ni dubbatu.

Akeekni gumii abbootii Gadaa Oromoo biyya magariituu, qabeenyaan badhaateefi aadaan uummatichaa keessatti dagaage, akkasumas haadholiin, daa’immaniifi uummnni gammachuun keessa jiraatu uumuufi arguu akka ta’e Obbo Caalaan himaniiru.

Tukkummaan Oromoofi Oromummaa dagaagsuu, sobni (kijibni), mooksi, hanni, saamichi, xuriin harkaa akka lagatamu, loogiifi matta’aarraa fagaachuun dhugaa qofarratti hunda’anii ummata haqaan gaggeessuun akka babal’atu gochuun duudhaa gumichaati jedhu barreessichi.

Abbootiin Gadaa Oromoofi maanguddoonni Oromoo walitti dhufuuf fedhii qabaachuusaaniifi sirna Gadaa cimsatanii aadaa badde deebisuuf kaka’uums guddaan jiraachuun akka haala mijataa tokkootti kan fudhatamu akka ta’es ni ibsu. Kana malees deeggarsi mootummaa jiraachuun, ijaarsa sirna dimokraasii keessatti Gadaan fakkeenyummaa gaarii akka qabu hubannoon mootummaan qabu olaanaa ta’uufi dhimmoota adda addaarratti hirmaannaafi yaada waljijjiiruun abbootii Gadaa guddachaa dhufuunis haala mijaa’aa jiru keessatti kan eeramu ta’uu ibsu Obbo Caalaan.

Irreech Hora Harsadii bara baraan kabajamus hariiroo abbootii Gadaafi maanguddoota Oromoo cimsaa akka dhufeefi kunis Gumii Abbootii Gadaa Oromoo hundeessuu keessatti gumaacha olaanaa kan taasise ta’uu eeru.

Hundaa’uun gumii abbootii Gadaa Oromoo seerota dur Gadaa keessatti afoolaan turan gara barreeffamaatti deebisuun dhalootaaf akka darbu haala mijaawaa uumuuf, sirni walharkaa fuudhinsa baallii abbootii Gadaa Oromoo dimokraasummaa saa eegee akka raawwatu gochuun ragaa qabatamaan fiilmii, suuraafi barreeffamaan dhalootaaf akka darbu taasisuu keessatti shoora olaanaa akka qabaatus ibsaniiru.

Kana malees guddina Aadaa Oromoo keessatti jaarmiyaalee sirna Gadaa kanneen akka Moggaasaa, Guddifachaa, Walgargaarsaafi kkfn seeran akka beekaman, barmaatilee miidhaa geessisan qorannoorratti hundaa’anii dhabamsiisuuf, hojii caasaan Gadaa hojjetu nageenya, misoomaafi guddina biyyaa keessatti gahee olaanaa akka qabaatu qaamoleen marti akka hubataniif barreeffamaan akka taa’u gochuuf kan gargaaruudha jedhu Obbo Caalaan.

Akkasumas hariiroo abbootii Gadaa Godinaalee Oromiyaa keessa jiran cimsuun bakka sirni Gadaa laafetti gargaarsa walii gochuun deebisanii ijaaruuf, sirni Waaqeffannaa Abbootii Gadaa jalatti hammatamee mirga amaantiileen biroo qaban akka qabaatu gochuuf, caasaalee sirna Gadaa keessa jiran kanneen akka Abbaa Bokkuu, Abbaa Muudaa ykn Qaalluufi Abbaa Gadaa qaama olaanaa sirna Gadaa ta’uu waan ta’aniif deebi’anii akka jabaatan gochuuf ijaaramuun gumichaa kan fayyadu ta’uu himu.

0 Comments

Leave a Reply