Ammas maddi rakkoo keenyaa numa keessa jira!

(Tolawaaq Waarii)

Pireezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa kabajamaa Ob.Lammaa Magarsaa dhiyeenya kana waltajjii tokko irratti wayita dubbatan akkana jedhan”Dh.D.U.O’n miseensoota miliyoona 4 qaba,kutannoon jiraannaan miseensi 400 jijjiirama ol’aanaa argamsiisuu danda’a” Ob.Lammaan dhuguma jedhan,dhugaa qabatamaan jiru dubbatan.

Kallachi qabsoo Ummata Oromoo Dh.D.U.O/ADWUI’n miseensi horate hundi qulqulluu ta’ee qajeelfamaafi hojmaata jiru hordofuudhaan haqaan utuu hojjetee yeroo adda addaatti rakkoon hin dhalatu,dhalatees hin babal’atu ture.

Miseensi haqaan qabsaa’u bakka hin jirretti rakkoon babal’achuunsaa dirqama.Miseensonni faayidaa ummata bal’aa dagatanii faayidaa dhuunfaatiif socho’an bakka jiranitti qabsoon dagatamee rakkooleen ummanni komii ittiin kaasu jiraachuun waan hin oolledha.

Photo - Vice Pres. Omer Hussein, Pres. Lemma Megersa, Vice Pres. Abdulaziz Mohammed of Oromia
Photo – Vice Pres. Omer Hussein, Pres. Lemma Megersa, Vice Pres. Abdulaziz Mohammed of Oromia

Qaamoleen hawaasaa adda addaa yaada kennaa jiraniin qorannoo haaromsaa booda hanga tokko fooyya’uumsi jiraatus rakkooleen bulchiinsa gaarii nudararaa turan ammas jiru jechuun sab-quunnamtiilee adda addaa irratti wayita dubbatan dhaga’amaa jira.

Wanti Ummata bal’aa jalaa dhukatu tokkollee hin jiru jedhama.Dhugaadha Ijji Ummata bal’aa waan hunda arguu danda’a argaas jira.Jijjiiramni hooggansaa iddoowwan adda addaatti kan taasifame fedhiin ummataa akka guutuufi.Hooggansi sadarkaan jiru,caasaan mootummaafi dhaabaa damee hundumaanuu fedhiin ummataa akka guutuuf hin socho’u taanaan ergama Mootummaafi ummataan itti kenname ba’aa hin jiru jechuudha.

Kenniinsa tajaajilaa wajjin walqabatee komiiwwan kanaan dura dhaga’amaa turan ammas furmaata kan hin arganne baay’eedha.Kana haaluun gonkumaa hin danda’amu.Rakkoon hundumtuu yeroo gabaabaa keesstti fala argachuu akka hin dandeenye kan hubatamu ta’us.Rakkooleen dhiyeessii tajaajilawwan adda addaa kanaan dura mudachaa turan ammas furmaata waaraa kan hin arganne jiru.Fakkeenya kaasuudhaan haa ilaallu

Kenniinsa tajaajila dhiyeessii humna ibsaa wajjin walqabatee hanqinni kanaan dura ture ammas hin furamne,inumaatuu iddoowwan tokko tokkootti hammaatee itti fufe jechuun ni danda’ama.Yeroo tajaajilli ibsaa itti argamuufi hin argamne walbira qabuudhaan ilaaluun yoo barbaachise kan caalu yeroo tajaajilli ibsaa itti dhabamu akka ta’e mamii malee dubbachuuf kan nama dirqamsiisu haaluma qabatamaan jirudha.

Dhiyeessii tajaajila bishaan dhugaatii wajjinis wal qabatee iddoowwan tokko tokkotti pirojaktoonni ijaarsarra turan xumuramanis sababa adda addaatiin hawaasni bishaan dhugaatii argachaa akka hin jirre wayita dubbatu dhaga’ama.Misooma Daandilee wajjin wal qabatee carraaqqii ol’aanaa taasifameen daandilee babal’isuun waliin ga’uuf sochiin taasifamus sababa malaammaltummaafi rakkoolee kanneen birootiin hanqinni qulqullinaa waan jiruuf hawaasni iddoowwan baay’eetti rakkoodhaan dararamaa jira.

Tajaajilli geejibaa kennamus fedhii hawaasni qabu wajjin kan walgitu akka hin taa’e haaluma qabatamaan jiru irraa hubachuun waan rakkisaa hin ta’u.Caasaan siiviil sarvisii waggoota hedduuf dhoqqaa’ee tures jijjiiramni haaromsa booda mul’ise kanadha jedhamee kan jajamuu danda’u miti.Kana jechuun caasaan siiviil sarvisii hundumtuu rakkoo keessaa hin baane jechuu miti.Kanneen adeemsa jijjiiramaa eegalaniifi hawaasni qabatamaan galateeffatuun akka jiran beekamaadha.Garuu ammoo tajaajila kennamuun sadarkaa hawaasni hundi itti quufiinsa qabaaturra hin ga’amne.

Egaa maddi rakkoolee jiran hundaa maali?jechuudhaan gaafachuun barbaachisaadha.Maddi rakkoolee jiranii

· Maal nadhibeedha

· Faayidaa ummataafi biyyaa dhiisuudhaan faayidaa dhuunfaatiif dursa kennuudha,

· Iddoo jiranitti qajeelfamootaafi hojmaatawwan jiran cabsuudhaan akka fedhii dhuunfotaatti deemuudha,

· Qulqulluu ta’uu dadhabuudha,

· Humna diinaatiif ergamtuu ta’uun socho’uudha.

· Ergama manaa ittiin ba’an dagachuudha.

· Naannummaafi manakaraarsitummaadha.

· Walumaa galatti loobica keessa seenuun dhoqqaa’uudha

Rakkoolee bu’ura gadifageeffatan kana takka takkaan xiinxaluudhaan fala waaraa akka argataniif ammas kutannoodhaan hojjechuun shoora qaamolee dhimmi ilaallatu hundaati.ummanni bal’aanis kana keessatti hirmaannaa ol’aanaa taasisuutu irraa eegama.Ijji ummata bal’aa waan hunda argakaa.

Kanaaf ergamtoonni diinaa halaala taa’anii ajaja gabaabduuu dabarsaniin ummanni mana taa’uun gabaafi hojjechuu lagatee fincile jechuun dubbachuun rakkisaadha.Ummanni yoo komate akkuma kanaan duraa dhugaa qaba.Tajaajila argachuu qabu yoo dhabu ummanni komachuun sirriidha.

Badiin cimtuun fakkeessitoota caasaa dhaabaafi mootummaa keenya keessa taa’anii faayidaa dhuunfaatiif kaataniifi ergamtoota diinaa ta’an bira jirti.Kana waakkachuun rakkoo dabalataa uumti.Karaa biraatiin keessaayis alaayis kanneen hooggansa sirrii Ob.Lammaa Magarsaatti inaafanis adabatanii taa’uu utuu filatanii wayyaafi.”Baddu baddi malee saree ija hindhiqan”!

********

Guest Author

more recommended stories