(Charinnat Hundeessaatiin)
Naannolee saglan mootummaa federaalaan hundeessan keessaa Naannoon Ummatoota Hararii isa tokko. Naannoo kana keessa ummata Oromoofi Hararii dabalatee sabaafi sablammoonni biyyattii gara garaa kanneen aadaalee, duudhaaleefi amantaalee adda addaa hordofaniifi qaban waljaalalaafi walkabajaan jiraatu. Magaalaan Harar teessoo Godina Harargee Bahaa ta’uunis tajaajilaa jirti.
Nutis dhiyeenya kana wayita hojiitiif gara Magaalaa Harar deemnetti duudhaaleefi aadaalee magaalattiin ittiin ibsamtu baay’ee arguu dandeenyeerra. Kanumarratti xiyyeeffachuunis Ogganaa Ittaanaa Biiroo Aadaafi Turizimii Naannoo Ummatoota Hararii, Obbo Ayyuub Abdullaahii waliin gaafdeebii taasifneerra. Innis akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Harar akkamitti ibsitu mee? Obbo Ayyuub: Maqaan Harar haa jedhamu malee Harar jechuun jaalala, waliin jireenya, walii yaaduudha. Magaalattiin bakka saboonniifi sablammoonni tokko ta’anii keessa jiraataniidha. Harar biyya namni itti hinbeelofneedha.
Bariisaa: Harar maalfa’iin beekamti?
Obbo Ayyuub: Harar magaalaa seenaa guddaa qabduudha. Magaalattiin umurii waggoota kuma tokkoo ol lakkoofsisteetti. Dachee xiqqoo kana keessatti masgiidonniifi awoolee (bakka barnoonni sirni amantii Islaamaa itti kennamu, Rabbi itti kadhatan, ijoollee quraana itti barsiisan) hedduutu jiru. Baay’ina masgiidotaa magaalaan Harar qabdu sadarkaa biyyaatti kan eeramuu danda’uudha. Magaalittiin addunyaarraa Makkaa Madiinaafi Qotisitti aantee magaalaa Musliimotaa afraffaa jedhamuun moggaafamteetti.
Magaalattiin, Jogol (dallaa) keessa qofatti masgiidota 82, akka waliigalaatti Harar masgiidota 150 qabdi. Dachii xiqqittii tana keessa masgiidonniifi awoolonni hangana baay’atan jiraachuun magaalattii seena qabeettii taasiseera.
Bariisaa: Duudhaaleen kunniin haala kamiin kunuunfamaa jiru?
Obbo Ayyuub: Hanga ammaatti faranjootatu dhufee seenaa keenya barreessaa ture; jirus. Akka kitaabilee seenaarraa dubbisnee hubachuu dandeenyetti faranjiin Sidinii jedhamu qo’annoosaatiin awooleen 137 jechuu kan ibse yoo ta’u, qo’attuun biraa Kaamilaagiit jedhamtu ammoo 272 jetteetti. Kanaaf biiroon keenya dhugaa dhimma kanaa qulqulleeffachuuf qo’ateera.
Qo’annoo kanaanis Jogol qofa keessatti awooleen 254 akka jiran bira geenyeerra. Akka naannootti ammoo 437 akka jiran hubanneerra. Amma nuti seenaa keenya nuu himuu kan qabu faranjii miti jechuun ofii barreeffachuutti kaaneerra. Kana keessatti kan qo’annu seenaa Hararii qofa miti. Kan Oromoos ni qo’anna. Oromoon masgiidaafi awoolee keessatti qooda maalii akka qabu ni qo’anna. Achumaanis waan hariiroo keenya jabeessu arganneerra.
Awooleen quraana qaraasisu; Rabbis ni kadhatu. Yoo hanqinni roobaa mudate ni kadhatu; ni rooba. Dhimma kana yoo sirriitti qorannee of bira dabarre namoota biroos barsiisuu dandeenya. Bu’aa hambaan kun turizimiif qabus ni hubanna. Otoo ofii hinbariin turistiitti agarsiisuu hindandeenyu. Kanaaf seenaa keenya gadi fageenyaan qorachaafi barreessaa jirra.
Bariisaa: Haala moggaasa karroota shanan magaalattii naa ibsaa mee? Aadaafi afaan sabootaafi sablammiilee naannoo kana keessa jiraatanii akka dagaaguuf hoo maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Ayyuub: Waa’ee kanaa qorachaatuma jirra. Kun waan guddaadha. Waantota nama ajaa’iban baay’eetu jiru. Fakkeenyaaf, dura karroota kaneeniif maqoonni adda addaa moggaafamaniiru. Kun maaliif akka ta’e qorannoo barbaada.
Oromoon karroota kanneen Karra Fal’aanaa, Karra Ammarreessaa, Karra… jechuun yoo moggaasu, Amaariffaan Shawaa Barri, Fal’aanaa Bar, Eerar Barri, Sangaa Barri, Budaa Barri jedhamee moggaafameera. Harariinis akkasuma afaansaatiin Asaddiin Bariifaa jechuun moggaafateera.
Araboonnis karruma kanneen Baabulnasirii, Baabunhakiimfaa,fi kkf jedhanii moggaasaniiru. Haala kanaan karri tokko moggaasa afur qaba waan ta’eef kun maaliif akka ta’e qoratamuu qaba.
Ijoolleen tokko tokko maqaa lama qabdi. Tokko ollaatu baasaaf; tokko ammoo maatiitu moggaasaaf. Amma maqaa kitaabaafi warraatu bahaaf. Fakkeenyaafi Umariifi Adam jedhamee. Dubbiin tarii akkanatti dhufte ta’innaa laata? Kun gadi fageenyaan qoratamuu qaba. Maqoonni adda addaa haala kanaan moggaasuun kun maalirraa akka madde hinbeekamu.
Maqaa biroo moggaasanis jaalalaan waliin jiraataa jiru. Waanti guddaanis kana. Keessumaa ummanni Oromoofi Hararii aadaa walfakkaatu heddu qabu. Garaa garummaa heddu hinqaban. Waliigalteen keenyas cimaadha. Haalli awwaalchaas ta’e cidhaarratti adda addummaa hinqabnu. Yoo garaagarummaan jiraate Hararummaafi Oromummaa qofa. Aadaadhaan walkeessa jirra. Waljaalachaa jirra. Walakabajaas jirra.
Bariisaa: Hariiroon sabni Hararii kanneen biroo waliin qabu maal fakkaata?
Obbo Ayyuub: Harariin lakkoofsaan saba xiqqoodha. Nin heddummaadha jechuu yoo fedhe walhoruudhaan heddummaachuu hindanda’u. Kanaaf jaalala kennuu qaba. Ogguu kana namni biraas isa jaalata. Hariiroo keenya Gondar, Tigraayiifi kanneen biroo waliin cimsachuuf hojjetaa jirra.
Bariisaa: Harar maal faa qabdi?
Obbo Ayyuub: Karra shan qabdi jenneerra. Bara 500 booda Amiir Nuur dhufee Jagol ijaare. Amiir Abaadir ammoo Magaalaa Harar ijaare. Amiir Abdullaahiin eddii Araboonni waggoota 10f bulchanii bahanii booda akka bulchu muudame.
Bariisaa: Hawatoonni turistii magaalattiin qabdu maal fa’i?
Obbo Ayyuub: Hawanni turistii magaalattiin bakka xinnoo kana keessatti qabdu waa hedduudha. Akkuma siidaawwan Aksuumiifi Faasiladas manneen Harar, Jogol ni jiru. Manneen jireenyaa saba Harariis hawata turistiif faayidaa qabu. Aadaan sabichaas akkasuma. Masgiidonni, awooleenis qaamuma hawatoota turistiiti.
Daandiilee dhidhiphoon Jogol keessa jiru. Namni wallole otoo walhinxuqiin walbira taruu waan hindandeenyeef karaa qal’oo ykn dhiphoo kanarratti ni araarama. Kanaaf karaan kun bakka namoonni waldhaban itti araaramaniidha. Waanuma dhiphaa ta’eef jecha. Karaa kana Faranjoonni daran jaalatu. Kan biraa, waraabessis ni jira. Waraabessi kun nama waliin jiraata. Kanas turistoonni baay’ee jaalatu.
Bariisaa: Eddii kaaftanii mee waa’ee waraabessa kanaa natti himaa?
Obbo Ayyuub: Naannawa kanatti waraabessi beeladoota nyaataati kan ture. Warri beeladoota kanneenii ammoo loon keenya nu jalaa nyaate jedhanii waraabessa ajjeesaa turan. Namoonni ni ajjeessu; waraabessi inuma loon jalaa nyaata. Kana booda araaramuuf maanguddoonni biyyaa mariif taa’an. Haalatti araaramuun danda’amurrattis ni dudubbatan. Boodarras nyaata qopheessinaaf jechuun murteessan.
Nyaata keessaayis marqaa dhadhaadhaan qopheessanii waraabessa waaman. Waraabessi duraa dhufee dhadhaasaa dhandhamee waan tolaa ta’uu hubate. Sana boodas waraabessi biraa dhufee nyaate. Sana booda loon nyaachuu dhiise. Araarris ni bu’e. Marqi kun ammallee waggaatti al tokko ni qophaa’aaf.
Guyyaa ashuuraa (tibba ayyaana Idalfaxir) isaafis ni qophaa’a. Ennaa nyaatu duraan dursee dhadhaasaa xuuxa. Eddii dhadhaasaa fixee booda marqaasaa nyaata. Gaafa waraabessi marqaa kana sirriitti nyaate barri quufa jedhama. Yoo sirriitti hin nyaanne ta’e ammoo beela jedhama. Waraabessa kana turistoonni baay’ee jaalatu.
Bariisaa: Turizimiin waraabessaa kun erga jalqabee waggaa meeqa?
Obbo Ayyuub: Turizimiin waraabessaa kun eddii jalqabamee waggaa kuma tokko ni ta’a. Fooniifi lafee itti kennuu ykn sooruun eddee eegalamee jiddugalaan gara waggaa 55 ni ta’a.
Bariisaa: Waraabessi kun namaafi beelada hintuquu?
Obbo Ayyuub: Horii hinnyaatu. Yoo aare malee namas tuqee hinbeeku. Komii waan qabatuuf yoo tuqame namas ta’e saree namaa deemuun ni ciniina.
Bariisaa: Waraabessi kun bajata eenyuutiin bula?
Obbo Ayyuub: Waraabessoonni kunniin kan bulan galii tuuristootarraa argamuuni. Guyyaatti waraabessa tokkoof re’oota lamatu qalama. Tuuristiin heddummaachaa yoo dhufe waanti inni nyaatus dabalaafii deema.
Bariisaa: Magaalaan kun turizimii kanarraa hangam fayyadamaa jirti?
Obbo Ayyuub: Turistiin ennaa waraabessi foon sooratu ilaaluuf gara magaalattii dhufa. Turistoonni gara magaalattii wayita dhufan hoteelonniifi daaw’achiiftonni galii ni argatu. Akkasumas meeshaan gabaa argata. Turistiin mana aadaa daaw’achuufis qarshii waan kanfaluuf magaalattiin gama kanaanis galii ni argatti.
Bariisaa: Bakka tuurizimii kana ammayyessuuf maaltu hojjetamaa jira
Obbo Ayyuub: Harar bakka turistii kana ammayyessuufi haaromsuuf karoora qabdi. Waan turistoonni daaw’atan hundayyuu fooyyessuuf karoorfameera. Naannoo keenyatti hojiin turizimii waraabessa sooruu kun nama dhuunfaa tokkoon eegalame. Waraabessi foon argannaan bakka fedheeyyuu ni dhufa.
Jogoliifi manneen kunniin Yuuneskoodhaan galmaa’aniiru. Yuuneskoodhaafis waggaa waggaadhaan gabaasa ni dhiyeessinaaf. Jijjiiramaafi fooyya’insa argamanis gabaasicharratti ni eerra. Waanti nuti haaressinu hundumtuu hayyama Yuuneskootiin ta’a. Akkaataa kanaan karoora keenya Yuuneskootti erguudhaan bajata mootummaafi ummatarraa argamuun akkasumas galii embaasiiwwaniifi dhaabbilee mitmootummaarraa argamuun haaressaa jirra.
Bariisaa: Dhumarratti dhaamsa yoo qabaatan?
Obbo Ayyuub: Harar haaromsuuf karoora qopheessineerra. Aadaa sabaafi sablammoota ummata naannawichaa guddisuufis tattaaffii cimaa gochaa jirra. Namoonnis karoora kana beekuudhaan akka gargaaran taasisa.
*********
* Originally published on Bariisa, titled “Magaalaa Harariifi duudhaaleeshii ”