KGGDhDUO jalqabbii imala haaroomsa jijjiiramaa fi kallattii eegareerratti marii fi qorannoo baldhaa guyyoota kurnan darbaniif mari’ataa ture Ammajjii 29 Bara 2010 milkaawinaan xumuree jira.
Imala jijjiiramaan haaroomsaa ADWUI gaggeessee fi kallattii kaa’e bu’ura godhachuudhaan toora biyyattiin Gama siyaasa,diinagdee fi hawaasummaatiin irra jirtu gadi fageenyaan qorachuudhaan kallattii kaawwatee jira.
DhDUO nageenyiifii wajji jireenyi ummatoota biyya keenyaa karaa kamiinuu akka hin gufanneefii Duudhaan Jaalala wajji jireenyaafii nageenya labsuu ummata Oromoofii Dhaabaa Naannoo keenya hoogganaa jiruu karaa milkaawina qabuun akka itti fufuufii gufuuwwan duudhaa kana gufachiisuu malan kamuu akka sirratan hojjachuun dhimma murteessaa tahuu isaa xiyyeeffannoo addaan mari’ate KGGDhDUO.
Dhaabni keenyaa aadaa ummata dhaggeeffachuun hanqinoota mudataniifii akka sirratan akeekaman fudhachuun sirreessaa deemuun beekkama.
Aadaan dimokiraasummaafii ummatummaa dhaabaa kun harraas komiiwwan karaa kamiinuu ummata biraa ka’an dhaggeeffachuu,onneerraa dhiifama gaafachuuniifii tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaa tahuu isaas koreen kun ballinaan mari’achuun kallattii kaa’ee jira.
KGGDhDUO rakkooleen siyaas – diinagdee sirna Federaalaa balaarra buusuu danda’an karaa saayinsaawaa taheen adda baasuun furmaata hatattamaa kennuun fedhii ummataa guutuun dhimma murteessaafii hatattamaan raawwatamuu qabu akka ta’ees qoratee jira.
Fayyadamummaa diinagdee haqa qabeessa mirkaneessuufii hirmaannaa siyaasaa qixxeefii haqa qabeessa naamusa cimaan raawwachuun fedhii ummata Ballaa Oromoo guutuun dhimma yeroon kennamuufii miti.
Kabajniifii wajji jireenyi Obbolummaa Duudhaa hundee ummanni Oromoo ummatoota biyyattii waliin qabufii biyya ijaaruu keessatti ga’ee qabu akkuma kaleessaa cimsee akka itti fufuu qabuus koreen GG DhDUO gadifageenyaan mari’atee jira.
Waliiti dhufeenya dhaabbiilee miseensa ADWUI gidduu jiru karaa dimokiraatawa taheen cimsuun kaayyoo ummatummaa keenya milkeessuufii biyyi keenya rakkoorra akka hin buune hoojjechuun dhimma murteessaa akka tahees kallattii kaayee jira.
Gochoonni ofittummaafii kira sassaabdummaan sirna federaalaa keenya balaarra buusan,rakkoon bulchiinsa gaariin ummata komachiisanii dhaabbata isa hoogganurratti akka fincilu taasisan,angoo meenshaa ummata haqummaafii amanummaan itti tajaajilan gochuun hafee faayiddaa dhunfaaf oolfachuun,mirgi heera mootummaa lammiin bakka barbaade jiraachuu mulqamee ummatoonni kumaatamaan lakkaawaman qa’eefii qabeenya isaaniirraa buqqa’uun,maqaa invastimantiitiin qabeenya mootummaafii ummataa kan tahe lafa saamuun hiyyeessa hoongeessuun, nageenya ummata nagayaa booreessuufii yakkoonni hammaataan wal fakkaatu raawwatamaniifii raawwatamaa turan hirmaannaa ummataatiin hadheeffatanii irratti qabsaawuun heegaree biyya keenyaa balaarraa oolchuun dhimma ijoo xiyyeeffannoon addaa kennamuufii qabu akka tahees ballinaan irratti marihatamee jira.
Jeequmsa waggoota muraasa darban mudataniin lammiileen hedduun lubbuu isaanii dhabanii jiru,qabeenyi barbadaa’e,nagayaan bahanii nagayaan galuun lammiilee balaarra bu’ee jira, kanaaf rakkoon kun mudachuuf itti gaafatamummaa fudhatanii sirreessuun barbaachisaa akka tahe cimsanii irratti marihachuun kallattiin taa’ee jira.
Humnoonni sirna federaalaa keenya balaarra buusuun faayiddaa dhunfaafii garee milkeeffachuuf jecha lammiilee nagayaarra balaa buusaniifiii gocha suukanneessaa seenaa keessatti mudatee hin beekne dhaqqabsiisan seeraan akka gaafataman akkanumaas badiin wal fakkaataan akkanaa lamuu akka hin deebineefii olaantummaan seeraa akka mirkanaawu ummatoota biyya keenyaa hunda hirmaachisuun qabsoo ummataa finiinsuun bu’aa olaanaatti ceesisuun dirqama guddaa akka tahees KGGDhDUO kallattii kaayee jira.
Diinni keenya cimaan hiyyummaa akka taheefii diina hunda keenyaa kana ammo ummanni dhaabaafii mootummaan qindoominaan hoojjachuu akka qaban,dhaabniniis yaadoota hahaarawaafii jijjiirama ummata keenyaa mirkaneessan burqisiisuun hooggansa cimaa kennuun dhaaba keenyarraa akka eeggamuus walii galteerra gahamee jira.
Qabeenya maddisiisuu qofa otoo hin tahin qoqqoodinsi diinagdee haqa qabeessaa akka jiraatu gochuufii itti fayyadamni qabeenyaas qisaasamarraa bilisaafii sirna itti gaafatamummaatiin akka raawwatamu gochuun ummata hirmaachisuu qofa otoo hin tahin akka too’achuu qabuus kallattii kaayee jira.
Gochoota diinagdee quncursan keessattuu kanneen akka malaanmaltummaa,kootorobaandii,naanneessa maallaqaa seeraan alaatiifii xaxaawwan badii sirna gabaa gurgurataa gufachiisan cicciruun hojimaata iftoominaafii itti gaafatummaa qabu diriirsuun rifoormii sirna daldalaa si’eessuuf kallattiin taa’ee jira.
Qajeeltoowwan heera mootummaa otoo hin caccabin mirgi dimokiraasummaafii namummaa lammiilee akka kabajamu,lammiileen mirga heera mootummaatiin gonfatanitti fayyadamanii soda tokko malee bakka fedhan deemanii hoojjechuufii jiraachuu akkanumaas qabeenya horachuu akka mirkanaawu Rifoormiiwwan sirna haqaafii imaammatoota keenyarratti jijjiirama bu;uraa fiduu danda’an hoojjatamuu akka qaban irratti walii galamee jira
KGGDhDUO walitti dhufeenyi naannoolee gidduu jiru bu’ura heera mootummaatiin akka raawwatamuufii haala sirna heerri mootummaa ajajuun karaa guutuu taheen hojiirra oolee itti cimuu danda’urratti xiyyeeffannoo kannee marihatee jira.
Ummanni Oromoo Aadaafii duudhaa wal jaalalaa,wal kabajaafii wajji jireenyaa cimaa waan qabuuf akkuma kaleessaa duudhaa isaa kana hojiirra oolchuun aadaan wajji jireenyaafii wal danda’uu sabaafii sablammoota akkanumaas ummattoota biraatii waliin qabu cimsatee Sabaafii sablammoota Obbolaa isaa waliin qabsaawuu qaba.Badii badiin jibba jibbaan deebisuun furmaataami ummanni Oromoo aadaa akkasiis hin qabu kanaafuu rakkoowwan mudatan hundaafuu waldhaggeeffachuufii karaa seeraafii naamusaan qofa akka furaman gochuun injifannoo olaanaatti waan nama ceesisuuf gocha badii kamuurraa of qusachaafii karaa aadaaf duudhaa Oromummaa cimsuu danda’u qofa hordofuu akka qabuus irratti walii galamee jira.
Walitti dhufeenyi gaariifii Obbolummaan cimaan Ummata Naannoo Somaaleetii waliin qabnu cimee akka itti fufu sabni somaalee Itoophiyaa naannoo keenya keessa sochoowu kamuu alagummaan akka itti hin dhagahamne jaalalaan ofitti qabnee eeguun,Sabaafii sablammoonni naannoo keenya keessa jiran akkuma qajeeltoo sirna gadaa keenyaa hammannee jaalalaan wajji jiraachuu Oromummaan jaalala tahuu addunyaaf itti mullifnu cimee akka itti fufu ummanni naannoo keenyaa ga’ee olaanaa akka gumaachu KGGDhDUO waamicha dhiyeessee jira.
Akkuma adaa keenyaa Rakkoo kamuu mariin hiikuu malee ilaalchi dubbii karaa jeequmsaatiin hiikuuf deemuu kamuu akka hin mudanne fadhii hundaa mariin hiikuuf hojiin siyaasaa itti fufiinsa qabu hoojjatamuu akka qabu itti amanamee jira.
Biyyoonni harra addunyaarratti guddatanii lammiileen isaanii qananiifii sadoon akka jiraatan taasisan seenduubbeen isaanii yoo qoratamu komiifii diddaa ummata isaaniirraa isaan mudate,fincila dargaggoonni isaanirratti kaasan karaa dimookiraatawa taheen hiikuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu dandahuu isaaniiti.
Kanaaf mufii komii Dargaggoon keenya qaban kamuu qalbiin dhaggeeffachaa rakkoo isaaniis furaa Qabsoo karaa nagayaafii dimokiraatawaa akka hordfan gochaa,biyya boru dhaallatan harra ijaarrachuu akka qaban barsiisaa aadaan dimokiraasii akka dagaagu hoojjetamuu akka qabuus irratti walii galamee jira.
Biyya Ifiifuu diinagdeen isii hin guddatin aadaan dimokiraasiis lafa hin qabatinitti rakkoo addunyaas tahaa kan jiru Ongee,Walitti bu’iinsa,Godaansa seeraan alaa ,Karoora maatiirratti yoo hin hojjanne gaaga’ama cimaa fiduu waan danda’uuf of eeggannoofii miira itti gaafatamummaa cimaan akka hoojjatamuu qabu ballinaan irratti marihatamee jira.
Lammiilee Oromoo
============================
Lammiilee keenya Naannoo Somaalee Itiyoophiyaarraa buqqa’an bakka qubannaa yeroorraa gara iddoo dhaabbiitti qubachiisuu,Rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaa hundeerraa furuun jireenyi isaanii akka fooyya’u hoojjachuu,rakkoo bulchiinsa gaarii hojimaataan sirreessuu,kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu,caasaalee manneen murtii,abbaa alangaa,poolisii sadarkaa aanaafii gandaa irra deebiin gurmeessuu,nagayaafii tasgabbiin jiraatee olaantummaan seeraa akka mirkanaawu hojiilee kamuu dura dhimmaxiyyeeffannoo kennee hoojjatu akka tahees irratti walii galamee jira.
Afaan Oromoo
=============
Afaan Oromoo Afaan Federaalaa akka tahu, Faayiddaan addaa Naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabdu karaa guutuu ta’een akka hojiirra ooluufii Daangaan Godinni addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee magaalaa Finfinnee waliin jiru akka hojitti jijjiiramu DhDUO cimsee qabsaawa.
DhDUO of cimsee waltajjiiwan yeroon gaafatan kamuu injifannoon akka bahatuuf Miseensoonni Mana maree ADWUI irratti hirmaatan 14 kanneen biraatiin akka bakka bu’an miseensoonni KGG DhDUO 4 ammoo hamma yaa’ii itti aanutti akka ugguramanfii miseensi koree giddu galeessaa tokko Of eeggannoon akka bira darbamu mirteessee jira.
Kabajamaa ummata Oromoo
=========================
Waanjoo gabrummaa baroota dheeraaf mataa gadi si qabachiise ofirraa fonqolchuuf wareegama seenaan bara baraan yaadatu kafaltee jirta,Wareegama hadhaawaafii obsa fixachiisaa sabaafii sabammoota biyyattii obbolaa kee tahan kanneen biraatii waliin kafalteen Itoophiyaa haaraa walqixxummaan,haqaani,dimokiraasiifii mirgoonni nama hundaa itti mirkanaaweefii badhaatuu taate ijaaruuf sirna si dandeessisu bu’ursitee jirta.
Abdiin injifannoowwan ati wareegamteen argaman dhufanillee Hojimaatoonniifii ilaalchoonni jalqabbii abdii heegaree mullate kana gufachiisuu danda’aniis mullachaa jiru kanaafuu gufuu guddina keetii tahan kanaas sirreessuuf qabsoo eegalte cimsitee itti fufuun dhimmi jiraachufii jiraachuu dhabuu kan keefii Sabaafii sablammoota Obbolaa keetiiti.
Cunqursaan gita bittaa hammam hammaataafii jijjiirama hunda galeessa gufachiisuu akka danda’u si caalaa seenaan kan raga bahu hin jiru.
Kanaafuu ammaas cunqursaan gita bittaan lammata biyya keenyatti akka hin deebineefii waanjoon gabrummaa burkutaawe awwaalaa akka ol hin kaane qabsoo eegalte cimsitee itti fufuu qabda.
Boqonnaa qabsoo seenaan yaadatu kamuu keessattuu al loogummaafii cunqursaa gita bittaatiif gonkumaa jilbiifachuu diddaaf Obbolaawwan ummattoota biyya keenyaa waliin wareegama kafalaa injifannoo gonfachaa akkuma turte hunda ammaas rakkoo bityyattii mudate aadaa boonsaa waltajjii dimokiraatawa,haqaafii dhugaa waldhageettiifii dimokiraatawa dhalee dhalloota keetii kan tahe kan sirna gadaatitti fayyadamtee akkuma seenaaf aadaa keetii sabaafii sablammoota guddifachaa hamma hammachiisa dabrees kabajaaf jaalala uumaa dhala namaaf qabduun beekkamtu dhiisii diina si waraanuuf sitti dhufee boojitellee dhiiga dibdee aantee kee godhachuun addunyaan raajii aadaa keetii himamee hin dhumne qabdutti fayyadamtee qabsoo hadhaawaa yeroon gaafatu kana ummatoota biyyattii jaalalaan hammattee waliin akka itti fuftuufii Heegaree biyya hunda keenyaaf taatuu eeguun jijjiirama roga maraa itti fufsiisuuf itti gaafatamummaa kee akka baatu KGGDhDUO waamicha dhiyeessa.
Kabajamtoota Dargaggoota Naannoo Oromiyaatiif
=====================================
Jjjiiramoonni akka naannoo keenyaattiis tahe biyyaatti barbaadamu hirmaannaa dargaggootaatiin alatti waan yaadamuu miti.kanaafuu DhDUO jijjiiramoonni hamma yoonaa akka naannoottiis tahe biyyaatti mullatan qabsoo hadhaawaafii hirmaannaa ballaa dargaggootaatiin kan dhufan jadheeti amana.
Dargaggoota roga maraan hirmaachisuufii fayyadamummaa isaanii sadarka sadarkaan mirkaneessaa deemuun injifannoowwan argaman sadarkaa olaanatti ceesisuuf mirga dargaggootaa kabajsiisuuf karaa gurmaaween sochoowuutu barbaachisa.
Dargaggoon keenyaas qabsoo taasisu kamuu karaa gurmaaween,saayinsaawaafii tasgabbiin,karaa dimokiraatawa taheefii jijjiiramoota jiran kunuunfachaa abdii heegaree biyyattii itti fufsiisuuf ga’ee adda durummaa akka bahatan Dhaabni keenya DhDUO waamicha dhiyeessa.
Kabajamtoota Hayyoota Oromootiif
==========================
Boqonnaa seenaa qabsoo ummanni Oromoo taasisaa ture hunda keessatti adda durummaan wareegamtanii jirtu. Ammaas Ummataafii dhaaba keessan DhDUO waliin tahuun yaada haaraa burqisiisuuniifii qorannoofii qo’annoon toora xiyyeeffannoo qabsichaa garsiisuun ga’ee keessan bahachuu qabdu.
Dhaabbanni keenya DhDUO hayyoota dhunfaaniis tahe karaa gurmaa’insa isaaniitiin beekkomsaafii dandeettii hooggansaa isaaniitti fayyadamuufii waliin hoojjachuuf hojii cimaa jalqabe karaa ijaarameefii qindaaween itti fufsiisuuf murteessee jira.
Haaluma Kanaan kabajamtoonni hayyoonni Oromoo jijjiirama jiru itti fufsiisuufii sadarkaa olaanaatti ceesisuu ga’ee olaanaa qabdaniifii eegaltan cimsitanii akka itti fuftan KGGDhDUO waamicha dhiyeessa.
Kabajamtoota hoojjattoota mootummaa Naannoo Oromiyaatiif
==============================================
Qabsoo Ummanni Oromoo taasiseeniifii naannoo ofii isaa hundeeffatee mullata isaa dhugoomsuufii rakkoo qabullee furachuuf caasaa mootummaa ballaa diriirsee jira.
Caasaan diriire rakkoo ummata keenyaa hiikuu kan danda’u hoojjataa mootummaa beekkomsaafii naamusa cimaa qabuun alatti waan yaadamuu miti.Kanaafuu hoojjetaan mootummaa naannoo keenyaa rakkoo fi daadarkaa cimaa,malaan maltummaa rakkoo bulchiinsa gaarii,kira sassaabdummaa,loogummaafii dhiibbaa mirga namoomaa caasaa mootummaa keessatti ummata keenyarra gahu furuuf halkanii guyyaa hoojjechuun itti gaafatamummaa keessan bahachuu qabdu.
Rakkoofii gadadoo ummata keenya hamilee cabse hundeerraa buqqisuun humna keessan cimsattanii imimmaan ummata keenyaa qoorsuu bira dabree guddinaafii badhaadhina ummata keenyaa dhugoomsuuf halkaniif guyyaa hoojjechuun itti gaafatamummaa keessan akka bahattan KGGDhDUO waamicha isinii dabarsa.
Kabajamtoota Qaamoolee Nageenyaa Naannoo Oromiyaatiif
==============================================
Naannoo keenyatti Nagayaafii Tasgabbii kabajsiisuuf keessattuu dargaggoota naannoo keenyaa waliin qindooftanii Kotorobaanditoota Qabeenya ummata keenyaa saamaa turan kokkeerra dhaabbachuun olaantummaan seeraa akka mirkanaawu,haleellaa karaa gurmaaween kira sassaabdoonni jijjiirama mullachaa jiru gufachiisuuf nurratti aggaaman ofirraa qolachuun adda durummaan wareegama seenaa Ummanni Oromoo bara baraan yaadatu kafalatanii jirtu. Hojii boonsaa hoojjettan kanaaniis abdiin heegaree Itoophiyaa haaraa akka itti fufu ga’ee keessan gumaachuun balaarraa nu oolchaa jirtu.
Gareen kira sassaabdootaa Angoo mootummaarra taa’anii hiyyeesa saamaafii boochisaa badhaadhuu barbaadan hamma hundeen isaanii ciccitee olaantummaan seeraa mirkanaawutti qabsoo eegaltan ummata hirmaachisuun naamusa olaanaan itti fufuu qabdu.
Naannoo keenyatti nagayaafii tasgabbiin mirkanaawee mirgi lammiilee akka kabajamuufii al seerummaan akka hin jiraanne amaanaa ummatummaa isinitti kenname ummata bira dhaabbachuun miira ummatummaatiin akka bahattan KGGDhDUO waamicha isiniif dhiyeessa.
Kabajamtoota Miseensoota DhDUO
=============================
Waanjoo gabrummaa barootaaf ummata keenya mataagadi qabachiisee ture fonqolchitee harrarra akka geenyu ga’ee bakka bu’ummaa hin qabne gumaachitee jirta.
Dhaabni cimaan miseensa cimaa malee laga hin cehu,DhDUO itti gaafatama seenaa itti kenname kana galmaan akka gahu akkuma kaleessaa harraas hirmaannaan adda durummaa keessan murteessaadha.
Qabsoo ummanni keenya sadarka sadarkaan gaggeessaa jiru keessatti hirmaachuufii hoogganuun rakkoo jiranillee hiikuuf itti gaafatamummaa olaanaa qabdu. Qabsoo yeroon gaafatu dura bu’uun kaayyoo dhaabaaf wareegamuun hojii irratti bubbaatan hundarratti adda duree tahuun gaaffii ummata keenyaa hatattamaan deebisaa dhaaba Itoophiyaa haaraa ijaaruu keessatti adda duree taheefii jijjiirama keessatti of haaroomsaa deemu ijaaruu keessatti ga’ee keessan bahachuu qabdu.
Kabajamtoota dhalattoota Oromoo Biyya alaa jiraattan.
=========================================
Imala jijjiiramaa ummata Oromoo keessatti karaa gurmaaweeniis tahe dhunfaan beekkomsaafii qabeenya qabdaniin ga’ee gama keessanii gumaachuuf ifaajjiin taasisaa turtan karaa rakkisaafii wal xaxaa akka ture DhDUO ni hubata.
Jjjiirama roga maraafii tokkummaa ummata keenyaatiif karaa beekkomsa keessanii karaa teeknooloojii,karaa muuxannoo qabdaniin,qabeenyaafii carraa qabdan hundaan akka hirmaattaniifii rakkoo ummata keenyaa waliin akka hiiknu haala mijjataa hunda akka mijjeessuuuf DhDUO ciminaan akka hoojjetu isiniif mirkaneessuu barbaada.
Haaluma Kanaan Dhalattoonni Oromoo biyya alaa jiraattan Faayiddaa ummata keenyaarratti Daangaafii garaa garummaa tokko alee akka waliin hoojjennu KGGDhDUO waamicha dhiyeessa.
Kabajamtoota Dhaabbiilee Obbolaa ADWUItiif
====================================
Dhaabni keenya ADWUI waanjoo gabrummaa ummatoota biyya keenyaarratti fe’ame fonqolchuun injifannoowwan abdachiisoo galmeessuu kan eegale rakkoo keessoo isaa sakatta’uuniifii furuudhaani.
Qorannoo tibbana sadarkaa ADWUItti gaggeeffameen walitti dhufeenyi badaan dhaabbiilee obbolaa giddutti uumamee boodarraas gara garee faayiddaa dhunfaa milkeeffachuuf fiiguutti cahee ture walitti dhufeenyi jaallummaa akka diigamaa deemu taasisee jira.
KGGDhDUOtiis dhimma kana gadifageenyaan qorachuun walitti dhufeenyi kamuu karaa seeraafii heera qofarratti hundaaween akka tahuufii dimokiraasummaa giddu galeessa godhachuu akka qabu kallattii kaayee jira.
Haaluma Kanaan dhaabbiileen obbolaa hunduu dhimmoota koreen hoji raawwachiiftuu ADWUI kana dura qoratee kallattii kaaye hunduu harcaatii tokko malee hojiirra oolchuu akka qaban KGGDhDUO waamicha dhiyeessa.
Kabajamtoota Paartiilee siyaasaa morkattootaa biyya keessaa fi alatti dhimmi Oromootiif qabsooftan hundaaf
==============================================
Biyya teenya hedduminarratti hundoofteef dhimmi dimokiraasii dhimmi murteessaa tahuun isaa beekkamaadha kanaafiis hojimaataafii adaa adda addummaa fedhiif yaadaa jiru kana karaa qixa taheen keessummeessuu danda’uutu nu barbaachisa.
Adaan karaa jeequmsaa dhiifnee waan hundaa mariin hiikuufii ittiin buluu akka dagaagu ga’een dhaabbiileen siyaasaa qaban olaanaadha. Yeroon kuniis yeroo bilchinni yaadaafii dubbii fageessanii karaa tasgabbii qabuun ilaaluu dhaabbiileen siyaasaa itti qoramaniidha kanaafuu walitti dhiyaannee waliin marihachuun aadaa siyaasa keenyaa akka fooyyeessinuufii carraa heegaree Ummata Oromoo milkeessuuf waliin akka hoojjannu Dhaabbanni keenya waamicha isinii dhiyeessee jira.
Dimokiraasiin ummattoota biyya keenyaatiif dhimmi murteessaa heegaree jiruuti.Dimokiraasii ijaaruuf hojimaanni waltajjii ilaafii ilaamee,akkanumaas aadaan wal dhaggeeffachuu paartiilee siyaasaa cimuu akka qabu DhDUO ni amana, kanaafiis akkaataadhuma heera mootummaatiin ummata keenyaaf filannoon dhiyaatee ummanni akka fedhii isaatti akka murteeffatuuf waadaan heera mootummaa paartiilee siyaasaaf galame akka hojiirra oolan,dimokiraasiin akka dagaagu DhDUO dhaabbiilee siyaasaa morkattootaa Dhimma Ummata Oromoorratti hoojjatan waliin walitti dhiyeenyaan akka hoojjetu gadi fageenyaan irratti marihatee kallattii kaawwatee jira.
Haaluma Kanaan Dhaabbiileen siyaasaa dhimmi Oromoorratti hoojjettan kanneen biyya keessaas tahe biyya alaa jiraattan addaaddummaan qabnu akkuma jirutti tahee faayiddaa waliinii ummataafii biyya keenyaarratti Dhaabbata keenya DhDUO waliin akka hoojjettan KGGDhDUO waamicha isiniif dhiyeessa.
Kabajamtoota,saboota,sablammootaafii Ummattoota biyya keenyaa hundaaf
==============================================
Saboonni sablammoonniifii Ummattoonni Itoophiyaa rakkoofii gammachuudhufaa darba hunda qoramanii waliin darbuu danda’anii jiru Rakkoo isaan mudatu hunda irkoo walii tahuun waliin qabsaawanii waliin wareegamanii jiru. Biyyi akka biyyaatti akka itti fuftu gochuun maletti seenaa addunyaarratti biyya seenaa ofii hoojjate qabdu akka taatu uumanii nu harkaan gahanii jiru.
Biyya abbootiin keenya itti wareegamanii nuun gahan tana tokkummaa isii eegnee itti fusiisuuf itti gaafatamummaa seenaati qabna. Itti gaafatamummaa kana akka bahannuufii walitti dhufeenya ummatummaa cimsuufii duudhaalee waliinii keenyaa dagaagsuuf muuxannoo gaarii dhaabni keenya eegale waliin taanee milkaawina isaaf akka tumsinu KGGDhDUO waamicha dabarsa.
KGGDhDUO
Ammajjii 29 Bara 2010
*******
Google