Lafa Albuudaa, Daangootee FI Tarkaanfii Mootummaan Fudhatee

(Kiyya Hararghe)

Yaadanno (Guyyaa Feb, 18, 2017) Qabamee

Har’aa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aa Ganda Dirree jedhamuun jira.

Akkam jirtan hordoftoota sagantaa keenyaa, nagaan koo kabajaa fi jaalala bakka jirtan marattii akka isiin dhaqqabu hawwaa, oolmaa koo guyyaa har’aatiin Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aa Ganda Dirree jedhamutti waanan argee fi taajjabee irraa isiniif qooduu kan barbaadee anii Kiyya_Hararghe’ti, Handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa.

Aanaan Ada’aa Aanoota Godina Shawaa Bahaa keessaa tokko kan taatee fi qabeenya albuudaa galtee simintoof mija’aa taheen kan badhaatee fi invastaroota misooma industurii simintoo hawachudhaan kan beekkamtuu dha.

Photo - Dangote cement Ethiopia plc
Photo – Dangote cement Ethiopia plc

Dhimmiin waa’ee Aanaa kanaa akkaan isiniif qooduu barbaadeef aanichaan wal isiin barsiisuuf ykn haala teessuma lafaa fi haala uummata ishee isiin daawwachisuuf otuu hin taane, haala hoggansa kirasassabaa fi abbaa qabeenyaa maxxanaa maqaa invistimantiin aanichattii boba’ee turee kan dhagaa darbachuu dargaggoota keenyaaf sababa ta’aniin wal isiin barsiisuu barbaadeen malee.

Waggoota muraasa dura Abbootiin qabeenyaa lakkofsaan baay’ina qaban maqaa invastimantiin aanichattii kan bobba’an kan jiran yeroo tahuu, gaariin isaanii akkaatuma karoora invastimantii sirrii isaaniin lafa fudhatanii hojii keessa kan galan akkuma jiran, muraasni isaanii immoo lafa silaa invastimantiif fudhatan sana kaayyoo fudhatanifiin ala dhiimma biroof kan oolchan jiraachuu waajjira ejansii invastimantii aanichaa irraa hubachuun ni danda’ama.

Aanichatti warreen lafa seeraan ala maqaa invastimantiin fudhatanii fi kaayyoo fudhataniif ala oolchan walumaagala lafa iddoo 38 fi heektaaraan dhibba saddeetii ol tahee Haaroomsa gadii fagoo gaggeeffamee booda, abbootii qabeenyaa kanneen irraa mootummaan naannoo Oromiyaa irraa kan fudhee tahuu Obbo Adunyaa Midhaksoo Bulchaan Aanaa Ada’aa himanii jiru.

Warreen laftii irraa fudhatamee keessaa tokkoo kan tahee fi barreeffama kanaas akkaan barreessuuf sababa kan tahee nama maqaan isaa Shibbiruu Ahimad jedhamuu dha.

Shibbiruun abbaa qabeenyaa kan tahee fi hoggansa miseensa mana marii invastimantii Aanaa Ada’aa fi Bulchiinsa Godina Sh/Bahaa kanneen yeroo sanaa fi yeroo ammaa cinaan mana amala sirreessaa kanneen hafan immoo dhimmii isaanii seeraan qulqula’aa jiruttii maxxanuudhaan seeraan ala lafa 3 (sadii) Aanaa Ada’aa keessaa fudhata. Sababni Shibbiru Ahimad lafa Albuudaa kana ittii fudhatees Sona dabalee albudicha tajaajilaaf oolchuuf akkasumaas carraa hojii kumaatamaaf ni uuma kan jedhuu karoora daldalaa (business plan) dhiyeessuun ture.

Haa tahuu malee, lafa sadanuu kaayyoo silaa fudhateef sanaaf osoo hin oolchiin, dhiimmoota karaa salphaa taheen abbaa qabeenyaa miliyoonara isa taasisuu danda’u birootiif oolche.

Dhiimma maaliif oolchee? Yeroo dhiimma biroof oolchuu hoggansii Aanichaa maal hojjachaa ture? gaaffiin jedhu ka’uu danda’a.

Deebiin isaa immoo gabaabaa dha. Lafa silaa maqaa invastimantiin fudhatee, haala armaan gadii kanaan invastara birootiif kan dabarse.

* Lafa 1ffaa:  Lafa Albuudaa kan galtee warshaa Simintoof tahuu qabuu lafa isa tokko Qr. miliyoona 60 (jahatama)’tti warshaa simintoo DAANGOOTEEF gurgure.

* Lafa 2ffaa:  Lafti lammaffaan kunniis lafa albuudaa kan warshaa simintoof ooluu kan qabuu yeroo tahuu, Qr. miliyoona 300 (milyoona dhiibba saditti) warshaa Simintoo DARBAA’f gurgure.

* Lafa 3ffaa: Lafa sadaffaa immoo ofii isaaf (Obbo Shibbiruun) dhagaa fi ciraacha irraa baasaa warshaalee simintoo garagaraaf akkasumaas ijaarsa gamoolee Finfinnee fi magaaloota naannawa Finfinneetti argaman keessatti kan gurguruu fi guyyatti hamma Qr. 500,000:00 (Qarshii Kuma dhibba Shanii) Sona tokko osoo hin dabaliin argachaa ture.

Har’aa lafa sadan Shibbiruun warshaalee simintoo lamaaniif gurguree dabalatee laftii 38 Aanaa Ada’aa keessatti Abbaa Qabeenyaa Maxxanaa kanneen irraa fudhatamee ‘Dargaggoota keenya hojii dhabee dhagaa darbachuuf dirqamee sana’ Dargaggoota 6000 (Kuma Jahaaf) caalaniif qoodame fi dargaggeessii keenya irraa fayyadamuu kan eegalee kunoo har’aa torbeen muraasnii lakkaa’amee jira.

Galannii guddaan hoggansa aantummaa ummataa qaban haaraa naannoo keenyaaf haa tahuu jechaa, rakkooleen akka Aanaa Ada’aa iddoo baayyee waan jiruuf hojiin walfakkaataan iddoo hundattii ciminaan hojjatamuu qabaan dhaamsa kiyya.

******************

Guest Author

more recommended stories