X

Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta’uuf hojjechuu qabna!

(Tolawaaq Waariitiin)

Afaan Oromoo afaan Amaaraatiin wal qixa afaan hojii mootummaa Federaalaa akka hin taaneef wanti dhorku tokkollee hin jiru.Nuti Oromonni garuu gamaa gamana dhaabbannee yaada gufuu ta’u kaasuu dhiifnee Afaan keenya Afaan Saba bal’aa Afaan hojii mootummaa Federaalaas akka ta’uuf kutannoodhaan haahojjennu!

Barreeffama kana jalqaba irratti Afaan Amaaraatiin qopheesseen ture, takka taa’ee yoon yaadu dhaloonni haarawaan Qubee Afaan Oromootiin baratee sadarkaa kamirrattuu argamu qubee Afaan Amaaraa dubbisuu irratti rakkachuu hin oolu jedheen yaade,kanaafan yaada guutuu gara Afaan Oromootti deebisuudhaan waan itti dabalamuu qabus itti dabalee kunoo akkanatti isinii dhiyeesse.

Kaayyoon Barreeffama kanaa Oromoonni hundi waan saba keenya bal’aa ilaallatu kamirrattuu jarjartiin utuu hin taane sababa quubsaadhaan deeggaramuun tasgabbiidhaan xiiqiidhaan hojjechuun akka barbaachisu yaada kaasuudhaan kan Sabasaafi dhaloota haarawaaf quuqamu hunda onnachiisuudha.Egaa yaada guutuu barreeffama kanaa argachuuf dubbisaa hin nuffinaa.

Dhimmi faayidaa addaa Naannoon Oromiyaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irraa argachuu qabu yeroo waggoota 25 caaluuf akka fanjiitti(meenuu) sodaatamaa ture.Waa’een faayidaa addaa heera mootummaa biyya keenya Itiyoophiyaatiin beekkamtii argate kun ifatti beekamee hundumtuu kan irratti mari’atu ta’ee dhimmicha irratti yaada waljijjiiruun akkuma itti fufetti jira,kun waan gaariidha.

Dhimmi kun kunoo akkanatti iftoomee ummataaf dhiyaachuu utuu  qabuu waggoota hedduuf irra dibaaf sodaannaadhaan qabamuun humnoota farra misoomaafi farra Ummataa ta’aniif ajandaa mormii ta’ee turuu hin qabu ture.Haata’uutii har’a wanti hundumtuu kallattii sirrii qabachaa waan jiruuf turus bubbulus homaa miti kan caalutu argama jechuun ni danda’ama.

Dhiyeenya kana labsiin wixineen faayidaa addaa mana maree ministirootaatiin ragga’uun miseensoota mana maree bakka bu’oota Ummataatiinis ilaalamee gara koree dhimmi ilaallatutti dabarfame ariitiidhaan ragga’uu mannaa haabulu jedhamee akka murteeffame ni beekama.

“Jarjaaraan… gaafa ciniina”akkuma jedhamu labsiin wixineen dhimma faayidaa addaa irratti xiyyeeffate kun bu’aa barbaadamu akka hin dhabneef,akkasumas dhimmi kun qaamota adda addaatiin kan barbaadamu waan ta’eef mariidhaan akka bilchaatuufi fedhiin Ummata Oromoos guutee mirgi qaamota kanneen biroos utuu hin sarbamin labsichi bilchina akka qabaatuuf mee irratti haamari’annu jedhamuun murtee guddaa ga’uumsa hooggantoota keenyaatiin argame akka ta’e hubachuun rakkisaa miti.

Dhimmoota gara garaa labsii wixinee keessatti faayidaa addaati jedhamanii ifoomsaman irratti barreeffama biraatiin ilaalchakoo kanan barreessuu ta’uun akkuma eegametti ta’ee barreeffama kanaan  Afaan Oromoo Finfinneetti Afaan hojii ta’a jedhamuu ka’uumsa taasifachuun akkana utuu ta’ee wayya jedheen yaadakoo dhiyeessa.

Afaan Oromoo afaan sirnoota cunqursitoota kanaan duraatiin akka quucaree turu afaan taasifamedha.Sirnoonni abbaa irree kanaan duraa akkuma saboota sablammootaafi ummattoota kanneen biroo haala adda addaatiin cunqursaa turan Ummata Oromoo irratti ammoo cunqursaa dachaa geessisaa turan.Sababa kanaan Afaan Oromoo afaan hoog-barruufi afaan hojii ta’uuf carraa hin arganne.Inumaatuu Afaan saba bal’aa kun kan ittiin qaana’amu akka ta’u waan taasifameef qancaree hafuudhaan utuu hindagaagin tureera.

Kunis ta’ee Afaan Oromoo akka hin dagatamneefi akka hinbadineef qabsaa’oota Oromoo kutannoo qabaniifi hayyoota dhuunfaatiin akkasumas Ummanni Oromoo bal’aan qabsoo cimaa eenyuummaasaa kabajisiisuuf waggoota hedduuf taasiseen umuriin Afaan Oromoo dheeratee turuu danda’uudhaan iddoo cunqursitoonni ittii awwaalan keessaa ba’uun bara 1983 as yeroo mootummaa ca’uumsaa irraa eegalee Naannoo Oromiyaatti Afaan hojiifi baruumsaa ta’uudhaan tajaajilaa jira.Inni kun Ummata bal’aa Oromootiif injifannoo ol’aanaa ta’uun seenaadhaan galmeeffameera.

Image – Afaan Oromo alphabet

Afaan Oromoo har’a sadarkaa maalirra jira?

Afaan Oromoo naannoo Oromiyaatti afaan hojiifi baruumsaa erga ta’ee asitti haala ajaa’ibsiisaa ta’een jijjiirama ol’aanaa mul’iseera. Ummanni Oromoo bal’aan Afaan isaatiin fayyadamuuf hawwaa ture mootummaa maddii hiriiruudhaan carraaqqii of qusannaa tokko malee taasiseen hanga sadarkaa gadiitti manneen barnootaa babal’ataniiru.Manneen barnootaa kana keessatti ijoolleen Oromoo marartuun miliyoonaan lakkaa’aman barachuudhaan gara baruumsa ol’aanaattis ce’uun baratanii eebbifamaniiru,kanneen miliyoonaan lakkaa’amanis barachaa jiru.

Wayita ammaa afaan Oromoo dhaabbilee baruumsa ol’aanaa keessatti afaan hojii qorannoo ta’uun tajaajilaa jira.Imalli  guddina Afaan Oromoo cimee itti fufuudhaan Yuuniivarstiiwwan adda addaa keessatti digrii jalaqabaa,digirii 2ffaafi digirii sadaaffaanis lammiiwwan ga’uumsa qaban kan kumaatamaan lakkaa’aman akka horataman taasisaa akka jiru beekamaadha.

Kana malees miidiyaawwan maxxansaafi tamsaasa biroodkaastii adda addaatiin akkasumas miidiyaa teeknooloojii haarawaan Afaan Oromootiin hojjetamaa akka jiru ni beekama.kitaaboonni Afaan Oromootiin qophaa’an hedduunis dubbiftootaaf raabsamaniiru.

Kitaaboonni waggoota darban keessa Afaan Oromootiin qophaa’anii dubbiftootaaf dhiyaatan qabiyyeen isaanii maaliyyuu haa ta’u guddinaafi dagaagina Afaan Oromootiif shoora hin tuffatamne gumaachaniiru,gumaachaas jiru jechuun ni danda’ama.

Akkuman gubbaatti eere Afaan Oromoo teeknooloojii baraa wajjinis walsimuudhaan rakkoo tokko malee tajaajilaa jira, keessumattuu akkaataa dubbisaafi sirna Qubee Afaan Oromoo eeguudhaan nama barreessuuf teeknooloojiin baraa haala mijaawaa uumeera.

Haalawwan mijaa’aan kun hundi utuu jiranuu Afaan Oromoo sadarkaa lammaffaadhaan Afaan hojii mootummaa Federaalaa akka hin taaneef maaltu dhorka?sababiin ta’uu ittiin hin dandeenyes maalinni?Akka ilaalcha gareewwan tokko tokkootti Afaan Oromoos ta’ee afaan kan biroo Afaan Amaaraa bira akka hin geenye barbaadama.Adeemsi kun sirrii akka hin taane gareewwan dhimma kana dhaadhessan hubachuu qabu.Dhimmicha haala Addunyaafi kallattii adda addaatiin naamusaan ilaaluu qabu.

Afaan Amaaraa carraa seenaadhaan argateeniifi haala mijaawaa sirnoonni gita bittaa kanaan duraa uumaniin akkasumas hojii gaarii hayyoonni ga’uumsa qaban hojjetaniin guddachuun sirna Federaalaa ammaa keessas Afaan hojii ta’uun itti fufeera,kun waan gaariidha.

Milkaa’ina imala haaromsaatiif Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa Federaalaa ta’uu qaba!

Afaan Oromoo afaan Itiyoophiyaa qofa utuu hin taane ardii Afrikaattis afaan hojii ta’uu danda’a.Kana jechhun haalli mijaawaan yoo uumame lakkoofsi namoota Afaan Oromoo dubbatanii hedduu waan ta’eef Afaan Oromoo biyya keenya Itiyoophiyaatti afaan hojii akka hin taaneef wanti dhorku hin jiru.Kanaafuu kan darbe darbeera,ammaan booda afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta’uuf qaamolee dhimmi ilaallatu hundaan hojjetamuu qaba.Oromoonni hundumtuu milkaa’ana kanaatiif tokkummaadhaan dhaabbachuu qabna.Yoo tokkumaadhaan dhabbannee falmannu nidhaga’amna,yoo walqooduudhaan gamaa gamana dhaabbanne garuu fedhiin keenya galma ga’uu hin danda’u.

Fedhiin Ummata Oromoo kun hojiirra ooluu kan qabu haala qabatamaan jiru irratti hundaa’uudhaan malee dhiibbaafi mirga qaamota kenneen biroo sarbuudhaan miti,ta’uu hin qabu.Imalli haaromsaa irra jirru hirmaannaa ummata Oromootiin ala galmasaa ga’uu hin danda’u,kun beekamaadha.Hojiiwwan milkaa’ina imala haaromsaatiif hojjetaman hunda keessatti Oromoonni hundi jaalalaafi fedhiisaaniitiin Afaan Oromoo danda’aniin caasaa mootummaa Federaalaa kamiyyuu keessa seenuudhaan hojjechuu akka danda’an taasifamuu qaba.

Fedhii ummata kabajamaafi guddaa kana dhiisuudhaan maal nadhibeedhaan bira darbuun imala haaromsaa irratti gufuun akka uumamuuf hayyamuu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.Afaan Oromoo Afaan Afaaraatiin wal qixa afaan hojii yoo ta’e ijoolleen Oromoo sirna kana keessa dhalataniifi miliyoonaan lakkaa’aman dhaabbileefi manneen hojii mootummaa Federaalaa keessatti carraa hojii argachuu ni danda’u.

Ijoolleen Oromoo sirna kana keessa dhalatanii baratan ogummaawwan adda addaatiin leenji’aanii erga eebbifamanii booda hojiiwwan xixiqqaa irratti waldaadhaan gurmaa’anii akka jiraatan qofa taasifamuun sirrii hin ta’u.Dargaggoonni Oromoo baratan hojiiwwan qonnaa irratti bobba’uun carraa isaanii xumuraa ta’uu hin qabu.

Dargaggoon Oromoo barateefi godinaalee Naannoo Oromiyaa kamiyyuu keessa jiraatu akkuma Dargaggoota naannoo biraa keessaa dhufanii afaan hojii Federaalaa tajaajilaa jiru afaan Amaaraatiin dhaabbilee mootummaa keessatti carraa hojii argachaa jiran Dargaggoon Oromootis carraa hojii akka argatuuf haala mijaawaa uumuun barbaachisaadha,hirmaannaaf fayyadamtummaa walqixaaf gama kanaanis yaadamuu qaba.

Labsii wixinee waa’ee faayidaa addaa Naannoon Oromiyaa Finfinnee irraa argachuu qabu irratti akka eerametti Afaan Oromoo manneen hojii bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti afaan hojii ta’uudhaan tajaajila.Maalif kun qofaan ta’a? kun akkuma jirutti ta’ee Afaan Oromoo caasaawwan mootummaa Federaalaa keessattis sababoota qabatamaa armaan olitti eeramaniin afaan hojii ta’uu qaba.

Mirgaafi faayidaa addaa wajjin wal qabatee humnoota adda addaa miidiyaawwan adda addaa irratti mormii dhageessisaa jiraniin haqni kun fudhatama akka hin qabne ni beekama.Garuu ammoo iyya,dheekkamsa,wacaafi dhimma saba Oromoo bal’aa gadi qicuudhaan wanti ta’u tokkollee hin jiru.Yoo sammuun isaanii kan yaadu ta’e qalbii jijjiirratanii dhimmicha tasgabbiidhaan ilaaluu qabu.

Deeggarsi lammiiwwan biyyaa barbaachisaa ta’us dhimma isaa irratti murteessee sagalee kennuudhaan hojiirra oolchee fayyadamuu kan danda’u Ummata Oromooti.Kanaaf ammoo Ummanni Oromoo bal’aan fedhiis humnas akka qabu hubachuudhaan lammiin biyyaa hundumtuu jireenyi waliinii Oromoo waliin qabu akka itti fufuuf fedhiin Saba Oromoo akka galmasaa ga’uuf deeggaruutu irraa eegama.

Kun akka ta’uuf Oromoonni damee hojii kamirrattuu bobbaanee argamnu saba keenyaanis ta’e saboota sab-lammootaafi ummattoota kanneen biroo biratti hubannoon gahaan akka uumamuuf kutannoodhaan adda duree taanee hojjechuu qabna.Akkuma humnoota badii duuba dhaabbannee yoo hamannee dabarree booda kan miidhamu hunduma waan ta’eef dhimmicha qaroominaafi tasgabbiidhaan beekuudhaan beeksisuun barbaachisaadha.Fedhiin Ummata Oromoo galmaasaa akka ga’uuf hojjechuun gootummaadha!

*****

Guest Author: Guest Author