{"id":81,"date":"2014-05-23T16:10:47","date_gmt":"2014-05-23T13:10:47","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=81"},"modified":"2016-04-13T01:26:25","modified_gmt":"2016-04-12T22:26:25","slug":"lafa-hektaara-kuma-caalu-jallisiidhaan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2014\/05\/23\/lafa-hektaara-kuma-caalu-jallisiidhaan\/","title":{"rendered":"Lafa hektaara kuma 300 caalu jallisiidhaan misoomsuun akka danda&#8217;ame himame"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: medium\">Waggoota 20 ol darban keessa misooma jallisii babal&#8217;isuudhaaniifi ijaaruudhaan hojiiwwan bu&#8217;aa ol&#8217;aanaa galmeessisan akka hojjetamaniifi lafa hektaara kuma 300 caalu jallisiidhaan misoomsuun akka danda&#8217;ame ministeerri Bishaan jallisiifi annisaa beeksiseera. Hojjettoonni ministeerichaa ayyaana waggaa 23ffaa injifannoo caamsaa sababeeffachuudhaan mariin paanaalii taa&#8217;aame jira.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: medium\">Ministirri Bishaan jallisiifi anniisaa obbo Alamaayyoo Taganuu wayituma kana akka jedhanitti borumtii barbadaa&#8217;uumsa sirna darguutti lafti jallisiidhaan misoome hektaara kuma 61 qofa ture. Waggoota 23&#8217;n darban garuu hojii misooma jallisii bal&#8217;inaan hojjetameen lafa hektaara kuma 300 fi kuma 5 jallisidhaan misoomsuun danda&#8217;amee jira. <\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: medium\">Jalqabbiin gaariin wayitii ammaa jiru gara sadarkaa fooyya&#8217;aatti akka ce&#8217;uuf hojiiwwan misooma jallisii guutuu biyyattiitti hojjetamaa akka jiranis obbo Alamaayyoon dubbataniiru. Akka ministirichi jedhanitti walakkeessa bara 1980 keessa dhiyeessiin Bishaan dhugaatii biyyattii hedduu gadi aanaa kan ture yammuu ta&#8217;u waggoota 20 ol darban keessa garuu hojii damee kanaan bal&#8217;inaan hojjetameen dhiyeessii Bishaan dhugaatii dachaa furiin dabaluun danda&#8217;ameera. <\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: medium\">Hanqina wayitii ammaa dhiyeessii Bishaan dhugaatii iddoo tokko tokkotti mul&#8217;achaa jirutti furmaata argamsiisuuf ministeerichi hojjechaa akka jirus dubbataniiru. Waggoota 23 dura dhiyeessiin humna elektiriikaa meegaa waatii 361 qofa ture wayita ammaa carraaqqii ol&#8217;aanaa taasifameen meegaa waatii kuma 2fi 268 akka ga&#8217;es beeksisaniiru. Akka ministirichi jedhanitti wayita ammaa sadarkaa guutuu biyyaatiin Ummanni walakkaadhaa ol ta&#8217;u tajaajila humna elektiriikaatti fayyadamaa ta&#8217;uu danda&#8217;eera.<br \/>*****<br \/>*<a href=\"http:\/\/www.orto.gov.et\/news\/morenews.php?category=news&amp;type=news&amp;morenewsid=7502\" target=\"_blank\">Oromia Radio and Television Organization (ORTO)<\/a>, May 21, 2014.<\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Waggoota 20 ol darban keessa misooma jallisii babal&#8217;isuudhaaniifi ijaaruudhaan hojiiwwan bu&#8217;aa ol&#8217;aanaa galmeessisan akka hojjetamaniifi.<\/p>\n","protected":false},"author":42,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,2,6,3],"tags":[],"class_list":["post-81","post","type-post","status-publish","hentry","category-afaan-oromoo","category-ethiopia","category-news","category-oromo"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-1j","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/81","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/42"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=81"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/81\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":87,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/81\/revisions\/87"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=81"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=81"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=81"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}