{"id":77,"date":"2014-05-23T14:51:02","date_gmt":"2014-05-23T11:51:02","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=77"},"modified":"2016-04-13T01:26:26","modified_gmt":"2016-04-12T22:26:26","slug":"injifannoowwan-caamsaa-20-ummata-oromoo-fayyadamaa-taasisaa-jiru-ob-muktaar-kadir","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2014\/05\/23\/injifannoowwan-caamsaa-20-ummata-oromoo-fayyadamaa-taasisaa-jiru-ob-muktaar-kadir\/","title":{"rendered":"Injifannoowwan Caamsaa 20 Ummata Oromoo fayyadamaa taasisaa jiru-Ob Muktaar Kadir"},"content":{"rendered":"<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Adeemsii sirna dimookraatawa,nageenyaafi bulchiinsa gaarii har&#8217;a mula&#8217;ataa jiruu qabsoo hadhaawaa waggootii dheeraa injifannoo caamsaa 20 bar 1983n argamee tahuu pireesidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo biyyoolessaa oromiyaa obboo Muktaar Kadir ibsan.<a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2014\/05\/Muktaar-Kadir.jpg\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" style=\"display: inline; float: right\" title=\"Muktaar Kadir\" alt=\"Muktaar Kadir\" align=\"right\" src=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2014\/05\/Muktaar-Kadir_thumb.jpg\" width=\"350\" height=\"248\"><\/a><\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Obbo&nbsp; Muktaar injifannoo caamsaa 20 waggaa 23ffaa sababeeffachuun&nbsp; kaleessa ibsa baga geessanii wayita dabarsaniittii mirgoota eenyummaa argamaniin cinatti&nbsp; hawwiifi dheebuu misoomaa ummataa guutuuf waggoottii 23n darbannii bu&#8217;uurrii cimaa kan itti ka&#8217;amee fi adeemsii dheeraas itti deemamuusaadha kan ibsan.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Caamsaa 20n ummanni Oromoo mirga aadaa,afaaniifi seenaasaa dagaagifachuu,misoomaafi qabeenyya naannichaarraa fayyadamuu waggootii dheeraaf dhabee ture goonfachuusaa ibsanii kanaafiis ummanni Oromoo&nbsp; injifannowwan waggoottii darbanii babal&#8217;isuun fayyadamummaa siyaasa,hawaas-dinagdeesaa saba,sablamootaafi ummatoota biroo waliin ta\u2019uun cimsee itti fufsiisuu&nbsp; akka qabu hubachisaniiru.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Obbo Muktaar ibsa kennan kanaan injifannoowwan caamsaa 20n galmeeffaman iddoo ol\u2019aanaa kan qabanidha jedhaniiru.<\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Waggoota 23n darban keessa dhaabbilee kanneen biroo wajjin wal ta\u2019uudhaan DHDUI\/ADWUI hiyyummaa maqsuuf qabsaa\u2019aa jira,qabsoo itti fufiinsaan deemsifamaa jiru kanaanis injifannoowwan boonsaan galmeeffamaa akka jiran pireezdaantichi dubbataniiru.<\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Yaa ta\u2019uutii imala boonsaa kana gufachiisuuf iddoowwan Naannoo Oromiyaa tokko tokkotti qaamoleen maqaa barattootaatiin of gurmeessan jeeqamsa uumuuf yoo socho\u2019anillee hirmaannaa Mootummaafi Ummataatiin too\u2019annoo jala akak oole pireezdaant Muktaar Kadir mirkaneessaniiru.<\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Gara fuulduraattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina diinagdee galmeeffamaa jiru&nbsp; saboota sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa wajjin wal ta\u2019uudhaan cimsuudhaan akka itti fufuufi&nbsp; ayyaanni injifannoo Caamsaa 20 wayita ayyaaneeffamuttis injifannoowwan galmeeffaman cimsuudhaaf waadaa galle haaromsuudhaan ta\u2019uu akka qabu pireezdaantichi hubachiisuusaanii Gammachuu Taarikuu gabaaseera.<\/font><\/p>\n<p><font size=\"3\"> <\/p>\n<p>********<\/p>\n<p><font size=\"3\">Source: Fana, May 21, 2014.<\/font><\/p>\n<p><\/font><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Adeemsii sirna dimookraatawa,nageenyaafi bulchiinsa gaarii har&#8217;a mula&#8217;ataa jiruu qabsoo hadhaawaa waggootii dheeraa injifannoo caamsaa 20.<\/p>\n","protected":false},"author":42,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,7,2,6,8,3],"tags":[],"class_list":["post-77","post","type-post","status-publish","hentry","category-afaan-oromoo","category-eprdf","category-ethiopia","category-news","category-opdo","category-oromo"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-1f","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/77","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/42"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=77"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/77\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":78,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/77\/revisions\/78"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=77"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=77"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=77"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}