{"id":6,"date":"2014-03-19T02:41:44","date_gmt":"2014-03-18T23:41:44","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=6"},"modified":"2016-04-13T01:26:30","modified_gmt":"2016-04-12T22:26:30","slug":"afaan-oromoorratti-xiyyeeffannee-hojjechuu-qabna","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2014\/03\/19\/afaan-oromoorratti-xiyyeeffannee-hojjechuu-qabna\/","title":{"rendered":"Afaan Oromoorratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><em><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">(Charinnat Hundeessaa)<\/span><\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Ji\u2019oota muraasa dura korri 10fan Afaan Oromoorratti xiyyeeffate tokko kan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATOn) qopheesse tokko Finfinnee, Galma Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti adeemsfamee ture. Kora kanarratti hayyoonni, abbootiin amantii, oggantoonni biiroleefi qooda fudhattoonni biroo hedduun argamanii turan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Gaazexaan Bariisaas wayita sanatti waraqaalee qo\u2019annoo waltajjicharratti dhiyaatan dabalatee yaadota achirratti ka\u2019an tokko tokko cuunfuudhaan dubbistootasaaf dhiyeessee ture. Barreeffama kanaafi kanneen kanatti aananii dhufaniin ammoo yaada hirmaattotaa isa hafe isin dubbisiisnaa dubbisaatii akkuma barame yaada keessan karaa teessoo keenyaa nuu ergaa.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Hajii Ibraahim Bariisoo, Finfinneerraa<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Amantiirra sabummaatu dursa. Ani fakkeenyaaf Oromoo malee saba biraa ta\u2019uu hindanda\u2019u. garuu Kiristaanaa ta\u2019uu nan danda\u2019a. Sabummaafi amantiin gara garummaa guddaa qabu. Amantiin kan dhuunfaati. Sabummaan hanga kana kabaja qabdi. Kanaaf hundi keenya waa\u2019ee afaan keenyaarratti quuqamnee hojjechuu qabna.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Ilmaan Oromoo hundi dagaagina afaan kanaatiif qabeenyaafi beekumsasaarraa ummata Oromootiif qooduu qaba. Kanaaf beektonni Oromoo marti yoo waan kanarratti hirmaattanii ummata Oromoo jijjiiirtan afaan ummatichaa yeroo gabaabaa keessatti bakka guddaa gahuu danda\u2019a. Beektota hedduu waan qabnuuf Oromiyaa qofa otoo hintaane Finfinneerrattillee hojjechuun nurraa eegama.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Nutis qabeenyaafi beekumsa keenyaan isin gargaarra. Hundi keessan kaka\u2019umsa godhadhaatii ummata Oromootiif halkanii guyyaa hojjedhaa, nutis isin duukaa jirraatii. Akka ummanni Oromoo afaan ofiitiin baratee hojjechuu eegalee jiru cimsee itti fufu gochuu qabna. Mirga kanaaf kanaan dura namoonni baay\u2019een lubbuusaanii wareeganiiru. Nuti ammoo har\u2019a qabeenyaafi beekumsa keenya yoo arjoomne hinmiidhamnu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Obbo Tafarii Nigusee Barreessaafi Barsiisaa Yunivarsitii Finfinnee<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Ammaan tana wanti akka ciminaatti Afaan Oromoorratti calaqqisu ni jira. Hanqinoonnis ni jiru. Gama afoolaatiin hojiileen baay\u2019een akka hojjetamaniidha kan ibsamu. Kun kan nama gammachiisuudha. Gaariidhas. Garuu hojichi hojjetamaa kan jiru afoola qofarratti waan xiyyeeffatame fakkaata. Kana keessaas oduu duri qofarratti cookka\u2019ee mul\u2019ata. Oduu durii jechuun koo kanneen akka hiibboo, mirrisaa (walaloo jala galuu yoo danda\u2019anillee) ka\u2019aniiru. Garuu keessattuu rakkoon barsiisuufi qorannoo geggeessuurratti nu qunnama.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Keessumaa kanneen Ingiliffaan \u2018legend\u2019fi \u2018mild\u2019 jedhamanirrattis xiyyeeffatamee otoo hojjetamee gaariidha. Isaan kun ogbarruu Oromoo keessa bal\u2019inaanis ta\u2019uu baatu hanga tokko waan jiranif Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa otoo xiyyeeffatee hojjetee gaariidha. Waantonni kunniin eenyummaa ummata tokkoo ibsuuf daran waan barbaachisaniif isaan kanas qo\u2019atee, funaanee maxxansee otoo baasee misha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Afooluma kanaan walqabatee kan jiru, kitaabonni maxxanfamaa jiru. Kun gaariidha. Haa ta\u2019u malee gaafa kitaaboleen kunniin maxxanfaman afoolonni kunniin afaaniin himamaa waan dhufaniif dadhabina tokko tokko qabaachuun isaanii hinoolu. Kanaaf barreeffama qofarratti xiyyeeffachuurra otoo bifa viidiyoofi siidiidhaan dhiyaatanii baay\u2019ee gaarii ta\u2019a.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Sababnisaas namni keenya baay\u2019inaan dubbisaa otoo hintaane gurraan dhaga\u2019uu barbaada. Kanaaf otoo bifa \u2018VCD\u2019tiin qophaa\u2019ee gaariidha. Kana yoo ta\u2019e mana nama hedduu galuu danda\u2019a. Asirratti kan kana cimsu baayyeen keenya warri magaalatti galle aadaa keenya gataa jirra. Barataa ykn namoota magaalaatti guddatan otoo mammaaksa ykn oduu durii tokko gaafannee nutti hinhiman, hinbeekan. Dhimma kana salphaadhumatti qulqulleeffachuu dandeenya. Kun egaa maal agarsiisaa baay\u2019een keenya aadaa sana gataa, dhiisaa darbaa akka jirruudha. Kanaafuu kun akka hintaaneef hojiin afoolaa kun kitaaba qofaan otoo hintaane bifa \u2018VCD\u2019n otoo qophaa\u2019ee rakkoo kana ni fura. Barsiisuufis salphaa ta\u2019a.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Afoolonni amma kitaabaan maxxanfamanii dhiyaatanii akkuma sassaabamanitti. Kun otoo qorannoofi qo\u2019annoodhaanis deggaramee gaarii ta\u2019a. Ergaansaanii maal akka ta\u2019e ibsamuu qaba. Baay\u2019inni kitaabota maxxanfaamani ammayyuu gahaa miti. Kunis ittiyaadamuu qaba. Durii jalqabee hanga ammaatti kitaabonni dhimma Oromoorratti maxxanfaman gosaan 500 hincaalan. Kana akka Ameerikaatti yoo ilaalle waggaatti gosa kitaabota kuma 85tu baha. Kanarrattis daran duubatti hafneerra. BATOn hanga humnsaatti maxxanseera. Garuu biirichi maxxansuun dirqama ta\u2019uu baatus hojjetaatuma jira. Namoonni dhuunfaas hojiidhuma biirichaan gitu hojjetaa jiru. Fakkenyaaf Wasanee Bashaa kitaabota 30 ol maxxansiiseera. Galmee jechootaa isaan maxxansiifatanirra kan Hinseeneetu beekama. Kanaaf asirrattis biirichi cimee otoo hojjetee gaariidha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Akkuman irranatti jedhe BATOn kitaaba maxxansiisuuf dirqama hinqabu. Garuu namoota maxxansiisan jajjabeessuun irraa eegama. Inni guddaanis kana. Asirratti yeroo hedduu kan ka\u2019u waa\u2019ee jiraachuu dhabuu maallaqaati. Maaliif abbootii qabeenyaa Oromiyaa keessa jiran walitti qabdanii hojii akkanaa hojjechuu barbaannaa nu gargaari hinjenneen? Naannoo Tigraay yoo fudhanne haala sanaan itti deemaa jiru. Adeemsa kanaanis kitaabota baay\u2019ee maxxansaa jiru. Kanaaf abbootii qabeenyaa naannoo keenya jiranitti fayyadamuu qabna. Walumagaalattuu hojii artii akka deggaran gochuu qabna.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Sagantaa walittiqabuu galii qopheessuunis ni danda\u2019ama. Namni tokko kitaaba Oromoo tokkoof qarshii tokko gumaachi otoo jedhamee maallaqa heddutu argamuu danda\u2019a. Kanaaf bajjataa mootummaa qofa eeguurra rakkoo qarshii kana haala kanaan hiikuun ni danda\u2019ama.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Akka rakkootti wanni Afaan Oromoorratti ka\u2019e jira. Afaan Oromoo gargar faca\u2019ee kan tureedha.Kana waaltesisuun akka danda\u2019amuuf hundi keenya otoo afaan waalta\u2019etti fayyadamnee gaariidha. Kan kooti, loqoda kooti jechuu otoo hintaane hundumtuu akka nama barate tokkootti qajeelfamuu qabna. Namni Afaan Oromoo sirriitti barate afaan akkasii dubbata haa jedhamu. Fakkeenyaaf Afaan Oromoo Finfinneetti dubbatamuun madaaluu dandeenya. Kanarrattis dhimmamnee hojjechuu qabna\u2019.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Kan biraa ammoo Afaan Oromootiin hojii uumuun barbaachisaadha. Ammaan tana barattoonni baay\u2019een yunivarsitoota adda addaa keessatti Afaan Oromoo filachaa hinjiran. Fakkeenyaaf Yunivasritii Finfinneetti otoo cufamee jedhamuuti barana barattoonni hangi tokko galanii akka ittifufu kan taasifame.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Sodaan barattoonni qaban Afaan Oromootiin hojii hinargannu kan jedhuudha. Haala kanaan fakkeenyaaf barattoonni kuunniin oggaa eebbifamanii bahan akka hojiilee aartii fa\u2019irratti bobba\u2019an gorsuun BATO irraa eegama. Namoota hedduus achirratti akka mindaa\u2019an gochuun ni danda\u2019ama. Miidiyaa babal\u2019isuudhaanis namoonni baay\u2019een akka achirratti hojjetan gochuun ni danda\u2019ama.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Keessumaa fiilmiin tokko nama 50 ol waan barbaaduuf otoo fiilmiin babal\u2019atee akkuma bohaartiif oolu, carraa hojii bal\u2019aas ni uuma. Gama kanaan kanin dhiyeenya dhagahe tokko kaasuuf, Naayijeeriyaa keessatti sektarri kun humna namaa bal\u2019inaan fudhachuudhaan sadarkaa lammaffaarra akka jiruudha. Haaluma kanaan nuufis carraa hojii bal\u2019aa argamsiisuu danda\u2019a; keessumaa barattoota Afaan Oromoofi dameelee aartiitiin eebbifamaniif.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">BATOfi namoonni dhuunfaa Afaan Oromoo dhaadhessurratti otoo hojjennee gaariidha. Ammaan tana afaanichi dhaadhessamaa hinjiru. BATO dabalatee biirolee biroo keessatti Afaan Oromoo dhiisanii afaan biraatti fayyadamuutu bal\u2019inaan mul\u2019ata. Iddoo tokko tokkotti ammoo Afaan Oromootiin jalqabamii Amaariffaan xumuruutu babal\u2019achaa jira. Yookaan Amaariffaan jalqabameetu Afaan Oromootiin xumurama. Kanas kichuudhumatti otoo ofirraa dhiisuu qabna.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Dhimmi Biiroo Barnootaa Oromiyaa ilaallatu tokkos jira. Biirichi eessumattiyyuu ogabarruu daa\u2019immaniirratti xiyyeeffatee hojjetaa hinjiru. Dhaabbileen mitmootummaa muraasni Afaan Oromootiin ogabarruu daa\u2019immanii maxxansaniin ala akka dhuunfaattis biirootti gama kanaan waanti hojjetame hinjiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Biyyi keenya guddinarra jirti. Anis guddina kana nan amana. Ta\u2019us biyyi \u2018keenya egeree eessa geessi jennaan daa\u2019imni keenya har\u2019a eessa jiru\u2019 jedhan. Isaan har\u2019a jirantu egeree (guddina boruu) biyyaa murteessa jechuudha. Kanaafuu maaliif ogabarruu daa\u2019immaniitiif xiyyeeffannoon hinkennamne? Namoota ogbarruu daa\u2019immaniirratti bobba\u2019uu barbaadan jajjabeessuun otoo jiraatee misha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Hunda caalaa kan nama gaddisiisu akka daa\u2019imman qubee Afaan Oromoo irraa baratanii waanti qophaa\u2019e dhabamuusaati. Kun rakkoo BATO ta\u2019uu dhiisuu danda\u2019a. Kun rakkoo namoota ykn qaamota hojii kanarratti bobba\u2019aniiti. Otoo hojii kanarratti bobba\u2019aniiru ta\u2019ee isaanis faayidaa irraa argataa afaanichas dagaagsu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Rakkoon raabsa kitaabaa ni jira. Asirratti yaada nama wayii jedhe eeruuf, namni keenya shunkurtii gurguree jiraata garuu kitaaba gurguree jiraachuu jibba. Kun maaliif akka ta\u2019e hinbeekamu. Kanaafuu, sadarkaa sadarkaadhaan caasaa biiroorraa qabee hanga gandaatti deemamee rakkoo kanarratti otoo mariin adeemsisamee akkasumas dargaggoonni gurmaa\u2019anii hojiilee adda addaa hojjechaa jiru (IMXdhaan) jechuudha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Dargaggoonni IMXdhaan gurmaa\u2019an kunniin otoo kitaaba raabsanii maal qaba? Manneen barnootaas achumatti irraa bituu danda\u2019u. Kitaaba kireessanii namni akka dubbisu gochuu ni danda\u2019u. Kitaabota BATO biratti maxxanfaman kanneenillee keessumaa kitaaba qorannoo Afaan Oromoo jildiilee adda addaatiin bahe namoota muraasa kan argate. Kun furmaata ta\u2019uu danda\u2019a.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">********<br \/>\nSource: Bariisaa, March 2014.<\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Charinnat Hundeessaa) Ji\u2019oota muraasa dura korri 10fan Afaan Oromoorratti xiyyeeffate tokko kan Biiroo Aadaafi Turizimii.<\/p>\n","protected":false},"author":14,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,2,3],"tags":[5],"class_list":["post-6","post","type-post","status-publish","hentry","category-afaan-oromoo","category-ethiopia","category-oromo","tag-ll"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-6","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/14"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":26,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6\/revisions\/26"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}