{"id":4,"date":"2014-03-17T02:35:00","date_gmt":"2014-03-16T23:35:00","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=4"},"modified":"2016-04-13T01:26:32","modified_gmt":"2016-04-12T22:26:32","slug":"maalummaa-irreechaa-keesumaa-kan-birraa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2014\/03\/17\/maalummaa-irreechaa-keesumaa-kan-birraa\/","title":{"rendered":"Maalummaa Irreechaa keesumaa kan birraa"},"content":{"rendered":"<p align=\"justify\"><em><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">(Charinnat Hundeessaatiin)<\/span><\/em><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Irreechi hiika baay&#8217;ee yoo qabaates hiiknisaa inni guddaan, \u201cGalatoo Waaqayyoo\u201d (Happy, thanks giving day&#8217;) jechuudha. Irreechi waggaatti al lama kan geggeeffamuudha, Irreecha Tulluufi Irreecha Malkaa.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Inni gubaa masqalaa booda raawwatamu Irreecha malkaati. Kunis ganna gurraacha keessaa bahanii gamtaan Waaqasaanii galateeffachuuf kan raawwatamuudha.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Kutaalee addunyaa gara garaatti ayyaanonni (kaarniivaaloonni) Irreecha waliin walfakkaatan ni raawwatamu. Fakkeenyaaf ardii Awurooppaatti qonnaan bultoonni, waggaatti yeroo tokkoo karaa irratti bahanii timaatimiidhaan walreebu. Yoo akkas godhan Waaqayyo yeroo ittaanus biqiltuusaanii akkasumatti nuu tolcha jechuun kana raawwatu.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Odeeffannoo Barsiisaa Beekan Gulummaa barreeffamaan nuu erge haala armaan gaditti qindeessinee dhiyeesineeerra dubbisaatii yaada qabdan karaa teeessoo keenyaa nu ergaa.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">IRREECHA\/ IRREESSA: Irreechi sirna Waaqeffachuu gamtaadhaan Tulluufi malkaarratti ba\u2019anii waaqa kadhataniifi ittigalateeffataniidha. Karaa biraatiin Irreecha yemmuu jennu hiika (yaada) birootis ni qaba. Kunis marga ykn coqorsa sirna ayyaaneffannaa tokkoof ykn araaraaf yoo deemamu harkatti qabatamus ni ibsa. Akkasumas hiikoo gara warra waa beekuu deemanii namaaf himamu tokkoof kaffalu (galchu). (Warra waa beeku kan jedhaman warra Ayyaantuu, warra qaalluu, eker-dubbistuu, warra callee ilaalu,&#8230; jechuudha).<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Kafaltiin warra waa beekuu kennamu galchaa jedhama. Galchi kunis yeroo baay&#8217;ee marga ykn coqorsaafi maallaqa waliin qabanii iddoo galchaaf qophaa\u2019etti irreeffatu. Galchi akkuma humnaatti marga ykn coqorsa qofaa ta\u2019uus ni danda\u2019a.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Sirni kabaja ayyaana Irreechaa waggaatti al lama wayitiilee arfaasaafi birraa kabajama. Ayyaanni Irreechaa arfaasaa keessa kabajamu kadhaa Waaqaaf gamtaadhaan dhiyeeffatamuudha. Innis yeroo roobni looniif baay&#8217;ee barbachisu waan ta\u2019eef rooba nagayaa akka roobuuf tulluufi malkaatti ba\u2019anii waaqa kadhatu. Akkasumas fuuldurri; ganna waan ta\u2019eef, ganna dukkana nagaan nu hulluuqsisi, booqa birraatti nagaan nu baasi; sanyii facaate dadagaagsii nuu biqilchi jedhanii Waaqa kadhatu.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Ayyaanni Irreechaa birraa keessa kabajamu irra caalaatti galata Waaqaaf galchuuf yoo ta\u2019u, milkaa\u2019ina fuula duraatiifis ni kadhatu. Galanni Waaqaaf galfamu kunis, \u201cKadhaa keenya nuuf dhageesse; ifatti nu baastee, sanyii facaafanne nuu biqilchite, sa\u2019aa-namaa nagaa nuuf kennitee galanni sihaa ga\u2019u\u201d jedhu. Akkasumas milkaa\u2019ina fuulduraatiif ammoo, \u201cMidhaan alaa ga\u2019e (bilchaate) namaafi sinbira wajjin nuu soori; bara nagaa kan quufaa nuu godhi; yaadaafi hawwii keenya nuu guuti;\u201d jedhanii waaqa kadhatu.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Irreechi kun kan kabajamu birraa keessa malkaarratti. Kan irreeffatamus ayyaana Ifaanoo (Gubaa) booda. Oromoon osoo Ibsaa Birraa hinibsine Irreecha Birraa hinirreeffatu. Dura ibsaa ibsee qe\u2019eesaatti kabaja. Ibsaa birraa ibsuun dukkana gannaa keessaa ifa yookaan booqa birraatti bahuu agarsiisa.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Irreechi diinqaa jalqaba jedhu maanguddoonni Tuulamaa. Achii qe\u2019eetti baha. Sana booda irreechi sabaa Magaalaa Bishaanoftuu (Bishooftuu) Hora Harsadiitti kabajama.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Ayyaanni gubaa galgala waarii kabajama. Gaafa ayyaana gubaa kabajan daamotiin (xomborri) diinqatti qabsiifamee baha. Warri ulfaa qabu, galma ulfaatiyis ni baasa. Galmaayis daamotiin qabsiifamee ni baha. Irreechi diinqaa jalqaba kan jedhameefis kanumaafi. Erga daamotii qabsiifatanii qe\u2019eetti gadi bahanii ibsaa ibsaa ayyaanicha haala ho\u2019aa ta\u2019een kabaju.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Bariisaa immoo ganama bakka gubaa itti guban sanatti buna dhaabanii Waaqa kadhatu. Waaqaafis galata galchu. Mijjirii irrattis ni irreeffatu. Irreeffannaan kun kan ta\u2019u akka maatitti.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Ayyaanni Masqalaa kan warri kiristaanaa kabajuufi ayyaanni Gubaa yookaan Ifaanoo kan Oromoon kabaju, yeroofi ibsaa ibsuun wal haa fakkaatu malee garaagarummaa guddaa qabu. Kaayyoofi galii adda addaas qabu. Warri kiristaanaa yaadannoo \u201cFannoo Iyyasuus Kiristoos barbaachaaf kabajna\u201d jedhu. Oromoon garuu sanaaf miti kan ibsaa ibsu.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Ayyaanni Masaqalaa keessumaa hordoftoota amantii Ortodoksiitiin wayita birraa kabajamaa jirus dhimma kanaan walfakkeenya qabaachuu danda&#8217;a. Haalatti hordoftoonni Ortodoksii biyya keenyaa Masqala ittikabajan kana Otodoksoonni biyya biraa quba hinqaban. Giriik hinbeektu, Ruusiyaan hinbeektu. Kitaaba qulqullu keessa hinjiru. Seenaa sobaa suphanii, \u201cGiiftii Illeeniin, Masqalii bade barbaaduuf ibsite\u201d, jedhanii sobasaanii tarreessu. Kun immoo kitaaba amantii kam keessattuu barreeffamee hinjiru.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Irreechi Sabaa, kan Birraa, Hora Harsdiitti kabajama. Osoo Otoo Hora Harsadiitti hinirreeffatin dursanii malkaa biraatti hinirreeffatamu. Eddii Hora Harsadii irreeffatamee booda garuu kan malkaa biraa ittifufa.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Kabajni ayyaana irreechaa bifa lamaan ilaalama. Inni tokko hidda dhalootaa ykn gosti naannawaa walitti dhiyeenyatti argaman hundi warra ulfaatti (warra angafaatti) walitti qabamanii gamtaadhaan faaruu irreechaaf faarsamu jechaa tulluu ykn malkaa naannawa dhiyeenyatti argamutti deemanii angafaa quxusuun eebbifatanii irreeffatu.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Irreechi Hora Harsadii Irreecha gosaa osoo hintaane Irreecha sabaati. Oromoo hundatu bahee irreeffata jechuudha. Ulfaan Gadaa shananii gaafa ayyaana Irreecha Birraa, bakka tokkotti bahu. Abbootiin Gadaa, bakka adda addaa jiran, Abbootiin Muudaafi warri Ulfaa gaaf sana hinhafan. Kadhaan Waaqaafi eebbi eebbifamus akka sabaatti.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Kaayyoon kabaja ayyaana Irreecha Birraa Waaqa booruu Gannaa keessaa nagaan namaafi sa\u2019a gara Booqa Birraatti baase\/hulluuqsiseef galata galchuudha. Waaqa bacaqii gannaa, rooba ulfaataa gannaafi dukkana gannaa keessa nagaan biyya hulluuqsisee daraaraa birraa, asheetaafi foolii birraan, walumaagalatti Waaqaaf galateeffachuudha.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Ayyaanni kun (Irreechi Birraa) ganna gurraacha, dhoqqee, bacaqii gannaafi rooba ulfaataa keessaa bahanii nagaan booqa birraa waan arganiif daraaraa, keelloo marga jiidhaa, coqorsaafi kkf harkatti qabatanii jaataniin malkaatti bahanii irreeffatan.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Sirni kabaja ayyaana irreechaa inni lammaffaan immoo sadarkaa sabaatti giddugaleessa tokkotti kabajamuudha. Akka saba Oromootti giddugaleessi kun Tuulama keessa Magaalaa Bishooftuu, naannawa Odaa Nabee, Hora Arsadii ta\u2019eetu beekama. Horri Arsadii yoomii jalqabee giddugala irreeffannaa saba Oromoo akka ta\u2019e odeeffannoon ga\u2019aa ta\u2019e yoo jiraatuu baateyyuu maanguddoon Oromoo garuu dhalootumaanuu achumatti irreeffachaa akka turan dubbatu. Sirni kabaja ayyaana Irreechaa kan sadarkaa sabaatti kabajamus ta\u2019ee kan gosa gosaan iddoo iddootti kabajamu lamaanuu haallitti irreeffatamu walfakkaataadha. Irreecha sadarkaa sabaatti kabajamu kan adda godhu Ulfaan Gadaa shananii iddoo Irreechaatti ba\u2019uudha.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Guyyaa ayyaana Irreechaa ulfaan warra angafaa hunduu ba\u2019ee bakka irreechaatti argamu. Ummannis gara irreechaatti yoo deemu ulfaa warra itti bulanii tumsuu yoo ta\u2019u, gara galmaatti yoo deebi\u2019us akkasuma Ulfaan ummataan tumsameeti. Kabajni ayyaana Irreechaa ganama obboroo (subii) waan ta\u2019eef jalabultiisaa galgala Ulfaan warra angafaa ni muudama.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Sirna muudaa jalabultii kana irratti gosti Ulfaa sanitti bulan hunduu ni argamu. Qophiin jala-bultii galma ulfaa warra angafaatti godhamu kun bunaqalaafi korma qaluu dabalatee sirna waaqeffachuu adda addaatu raawwatama. Sirnoota taasifaman kanneen keessaa Callee, Caaccuufi Ulfaa ykn Bokkuu muuduudha.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Haaluma kanaan qophiin jalabultii xumuramee ganama obboroo warri angafaa (angaftichaafi angaftittii) ulfaa baatanii uummataan tumsamanii gara iddoo irrechaatti faaruu adda addaa jechaa deemu. Faaruun yeroo irreecha deeman faarfatan irra caalaan mareeyyoo yoo ta\u2019u, Gabbisayyoonis ni jedhama (faarfatama).<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Mareeyoon faaruu namni tokko dhahaa (jechaa) kaawwan ammoo huursanii jalaa qabaa gamtaan faarfataniidha. Hiikaan faaruu kanaas maree maree (marmaaree) ayyaana waggaa ittiin nu gahe akka jechuuti. Marsaa waggaa tokkoo ykn Gadaa tokko marsee ykn deebi\u2019ee milkiidhaan dhufuusaa kan ittiin mul\u2019isaniidha.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Faaruun Mareeyoo abdii fuula duraatiifis marmaarii (marii) ittiin nu gahi yaada jedhu of keessaa qaba. Faaruu mareeyoo hangi tokko kan armaan kunooti:<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Mareeyoo, Mareeyoo, Mareeyoo;<br \/>\n<\/span><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Alaa mana nuuf toli yaa ayyooleeyoo;<br \/>\n<\/span><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Mareeyoo, Mareeyoo, Mareeyoo;<br \/>\n<\/span><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Mee nutti araarami yaa ayyoleeyoo;<br \/>\n<\/span><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Dhagaa guguddaa gamaa bishaantu walbaachisee;<br \/>\n<\/span><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Maseenni dhaluu hindidnee isintu walcaalchisee\u2026<br \/>\n<\/span><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Jechaa gara irreeffannaatti dhiiraa dubartiin adeemu.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Faaruun Gabbisayyoo caalaa yeroo sirna ayyaana tokko deemanii milkiidhaan gara manaatti deebi\u2019amu faarfatama. Kunis gabbannee (milkoofnee) nagaan deebine ergaa jedhu of keessaa qaba.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Gabbisayyo hoo&#8230;hoo&#8230; Roobee Biyya gabbisee<br \/>\n<\/span><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Gabbisayyo hoo..hoo\u2026 Roobee Biyya gabbisee<br \/>\n<\/span><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Gabbisayoo hoo..hoo roobii lafa nuuf gahi ;<br \/>\n<\/span><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Gabbisayyoo hoo\u2026hoo yaa Waaqi ati nuuf nahi\u2026<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Wabiilee barreeffama kanaa Argaa dhageettii abbootii keenyan nutti himamaa dhufe. Waan ijoollummaarraa kaasee ijaan argaa turre. Baruulee garagaraa aadaa Oromoo ilaalchisanii biyya keessatti barreeffaman, baruulee aadaa, duudhaafi safuu ilaalchisanii biyya alaatti barreeffamani. Barreeffamoota namoonni aadaa ilaalchisee websaayitii adda addaarratti Ingiliffaan facaasaniiru. Nutis yaadasaa gara Afaan Oromootti deebisuun haala armaan gadiitti dhiyeesineerra.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Irreeecha jechuun marga yookan coqorsa jiidhaa yookaan ammoo ilillii Waaqa ittiin kadhatan jechuudha. Galchaan warra waa namatti himuuf kennamus Irreecha jedhamee waamama. Karaa biraatiin Irreecha jechuun mallattoo nageenyaafi araaraati.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Gama biraatiin yoo ilaalle Irreechi ayyaana. Sirna kadhaafi galata Waaqaaf godhamuudha. (Sirna Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa: ful. 80) Ayyaana amantii Oromoo, Waaqeffannaa, kan Oromoon kabajuudha. Kan Oromoon bahee itti Waaqa galateeffatuufi imaanaa Waaqa irra bulfatuudha. Irreechi ayyaana Waaqa kadhannaafi Waaqa galateeffannaati.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Oromoon (Waaqeffataan) birraa kan malkaatti bahuuf bashannanaaf yookaan waan biraaf miti. Waaqa dukkana gannaa nagaan isaan baase galateeffachuufi kan gara fuulduraaf immoo imaanaa Waaqa irra bulfachuufi. Akkasumas ayyaantummaa ofii gabbifachuufi Waaqa kadhachuufi. Kaayyoon ayyaana Irreechaas kanuma.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Namoonni baay\u2019een ayyaana Irreechaa akka agarsiisa aadaatti fudhatu. Kan deemanis aadaa calaqqisiisuuf ta\u2019uu danda\u2019a. Irreechis aadaadha jedhu. Aadaansaaniis aadaa uffannaa ta\u2019uu danda\u2019a. Namoonni akkanaa aadaawwan Oromoo gadi fageenyaan waan hinbeekneef ishuma beekan, aadaa uffannaa sanaaf bakka guddaa kennu. Garuu aadaan uummata Oromoo aadaa uffannaa qofa miti. (Haa ta\u2019u ammuma kanaa beekuun waan jajjabeeffamuudha. Wanti hinbaratamne hinjiru waan ta\u2019eef gaaf tokko waan keenya hundaa ni barra, wanti fedhe nutti cimullee waan ofii baruun nutti hincimu. Nutumti sammuu keenya waan keenya baruuf haa qopheessinu)<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Irreechi kan deemamuuf aadaa calaqqisiisuuf qofa miti. Kaayyoon kabaja ayyaana Irreechaa inni guddaan Waaqa galateeffachuudha. Waaqa booruu gannaa nagaan biyya baase galateeffachuu, akkasumas ayyaana ofii kadhachuufi gabbifachuuti.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Sirbootni adda addaa, faaruun, uffanni aadaafi gochaaleen gaaf sana gochaa oollu garuu aadaadha. Aadaa Oromoo (Waaqeffannaa) kan ayyaana Irreechaa ittiin gabbisnuudha. Akkuma warri Kiristaanaa gaafa ayyaana Gannii (Gannoo)fi Faasikaa kiristaanummaasaanii cimsuuf waan adda addaa godhu, Waaqeffattoonnis gaafa ayyaana Irreechaa amantiifi ayyaantummaasaanii cimsachuuf waan adda addaa godhu.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Gaaf ayyaana Irreechaa eebbatu jira, jeekkaruutu jira, Waaqa galateeffachuutu jira, akkasumas sirbootaafi faaruu adda addaatu jira. Kana malees gaafa sana waan baay\u2019etu godhama. Kun hundi immoo aadaa amantii Oromoo, kan Waaqeffannaati. Waaqeffannaa ibsa, ayyaantummaa Waaqeffattootaa gabbisa. Eenyummaa ummata Oromoo calaqqisiisa. Kun immoo kan har\u2019a uumame osoo hintaane, duudhaa ummata keenyaa kan darbaa darbee dhufeedha.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Oromoonni gaafa ayyaana Irreechaa uffata aadaa, callee, siiqqee, horooroo, ciicoofi waan aadaan of faayanii gara malkaa deemu. Irreechas harkatti qabatu. Abbaan Gadaa Bokkuusaa qabata, warri Ulfaafi Caaccu qabus, ulfaafi caaccuusaanii qabatanii bahu. Warri abbaa fardaas fardasaanii faayanii yaabbatanii bahu. Warri foollees waan foollummaasaanii agarsiisu godhatanii sirbasaanii sirbaa gara malkaa deemu.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Kana qofa miti, gaafa ayyana Irreechaa waan baay\u2019eetu jira. Dargaggoon ni sirba, maanguddoon mareeyoofi gabbisayyoo jedha, shamarran sirbasaanii sirbu.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">Aayyoliin faaruu aadaa faarsu, kuun Waaqa faarsa, kuun yoo eebbisu kuun ni jeekkara. Haala kanaan ayyaanni Irreechaa kabajama. Walumaagalatti guyyaan ayyaana irreechaa guyyaa gammachuuti. Guyyaa Waaqa kadhannaafi Waaqa galateeffannaati.<\/span><\/p>\n<p align=\"justify\"><span style=\"font-family: 'Times New Roman'; font-size: medium;\">********<br \/>\nSource: Bariisaa, March 2014.<\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Charinnat Hundeessaatiin) Irreechi hiika baay&#8217;ee yoo qabaates hiiknisaa inni guddaan, \u201cGalatoo Waaqayyoo\u201d (Happy, thanks giving.<\/p>\n","protected":false},"author":14,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,2,3],"tags":[5],"class_list":["post-4","post","type-post","status-publish","hentry","category-afaan-oromoo","category-ethiopia","category-oromo","tag-ll"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-4","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/14"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":28,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4\/revisions\/28"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}