{"id":39,"date":"2014-04-07T18:43:29","date_gmt":"2014-04-07T15:43:29","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=39"},"modified":"2016-04-13T01:26:28","modified_gmt":"2016-04-12T22:26:28","slug":"seenaa-barreefama-afaan-oromootiifi-shoora-dr-sheek-mahammad-rashaad","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2014\/04\/07\/seenaa-barreefama-afaan-oromootiifi-shoora-dr-sheek-mahammad-rashaad\/","title":{"rendered":"Seenaa barreefama afaan oromootiifi shoora dr. Sheek mahammad rashaad"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\"><em><em><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">(Dr. Abdulsemed Mohammed)<\/span><\/em><\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\"> Afaan meeshaa walqunnamtiiti; mallattoo eenymmaatiisi. Akeeka barruu tanaatiif meeshaa walqnnamtii tahuu isaa haafuulleeyfannu. Meeshaa walqunnamtii hoggaa jennu moggaalee lama walitti fida; akka riqichaati isaan tajaajila jechuudha. Kanas bifa lamaan jechuunis: dubbiifi katabbiidhaan tajaajiluu dandaya. Dubbiin sagalee ykn qooqa qofaan\u00a0 gargaaramanii walitti dubbatanii ykn haasawanii hariiroo walhubantiidhaan xumuramtu qabaachuudha. Haaluma kanaan qubee walitti diranii waan katabbii jennuuniin\u00a0 wal qunnamtii akkasii qabaachuun hindandayama. Afaan kamuu karaalee lameen himaman\u00a0 kanaan\u00a0 hawaasa isaa akka tajaajilu shakkiin hinjirtu. Garuu, ar\u2019allee afaannan baay\u2019eetu sadarkaa dubbii qofatti hornagamee hafee jira. Kanneen gara katabbiititti dhawaataan tarkaanfachaa jiranis muraasaa miti. Afaannan sadarkaa afaan dubbii qofatti bara dheeraa turan keessaa, tokko, Afaan Oromooti. Ragaalee qabnurraa akka hubannutti afaan Oromootiin katabuun erga eegalame hinturre: umriidhaan yoo himne bardhibbee lamaafi cinaa qofa. Qabsoo garasiin godhamte dheertuudha; gufuuleen mudatees baay\u2019eedha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Akeekni barruu tanaa seenaa barreeffama afaan Oromoo bifa gabaabaadhaan dhiheessuudha. Afaan tokko afaan katabbii tahe jechuun mallattoolee sagaleelee afaan sun keessa jiran bakka bu\u2019an moggaafatee\u00a0 sirnaan walfaana tarree galchee barruu dhaamsa ittiin dabarfatu ittiin tolchuun dandayame jechuudha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Mallattooleen afaan tokko ittiin katabuuf mogaafaman waliigalatti QUBEE jennaan. Qubeen afaan tokkoo mallattoolee sagaleelee afaan sun keessa jiran guututti bakka bu\u2019an of keessaa qabaachuu qabdi. Fakkeenyaaf, Afaan Oromoo sagaleelee SODDOMA qaba; soddomman kanarraahi ijaarama jechuudha. Qubeen afaan tokkoof moggaafamtu tan sagaleelee afaan sunii sirriitti bakka buutee laaftutti ittiin barreessuu nama dandeessiftu tahuu qabdi.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Gara akeeka barruu tanaatti ceehuu dura, ifaajee Afaan Oromootiin barreessuuf godhamte ilaalla.\u00a0 Ragaan harkaa qabnu akka mul\u2019isutti kitaabni duraa Raayya keessatti bara sheekoota Aanniyyi fi Daanniyyi keessa katabame. Kitaabban sun kitaabban manzumaati. Faaruu Rabbiitiifi kan ergamaa Isaati of keessaa qaban jechuudha. Kitaabban sun qalama dibeetaan tuqachaati harkaan barreeffaman. (qalamni gaafasii gobeensa fiinxi qaraa jechuudha). Qubeen ittiin barreeffamaniis qubee Arabaati. Qubeen Arabaa seera dheerina, gabaabina, laafinaafi jabeenya sagalee mul\u2019isan qajeellotti qabdi. Sababa kanaafis namni Afaan Arabaa dubbisuufi katabuu beeku Qubee Afaan Oromoo dafeeti barata; katabuufi dubbisuus laaftutti qomatti galfata. Qubeen Arabaa tuni immoo, Afaan Oromootiif hanquudha.\u00a0 mallattoolee sagaleelee afaan Oromoo baay\u2019inaan 6 (jaha) tahan bakka bu\u2019an of keessaa hinqabdu. Isaanis:\u00a0 <b><i>c, ch, dh, g, ny, ph [q x ?] <\/i><\/b> hinqabdu jechuudha. Isaan kanaaf mallattoolee jiranirratti waa dabalanii mallattoo hahhaaraya itti tolchuun hindandayama.\u00a0 Meeshaalee katabbii\u00a0 afaan Arabaatiif tolfamaniin afaan Oromoo katabuun ykn maxxansuun hindandayamu. haatahu jennee yoo itti seennelle waan baay\u2019ee feesisa: meeshaalee barruutiifi kan mana maxxansaa bifa haarayaan qoranii tolchuu, maallaqa guddaa dhimma kanaaf barbaachisuus diinnagdee biyyaa agabsanii garasitti ramaduu, hundaa\u2019ol immoo mootummaa dhimma kana akka dantaa ofiititti fudhattee hojiirra oolchuuf qaamaa qalbiidhaan sossootu aangoorra jiraachuun dirqama taha. Kanaafuu ifaajeen garasiin godhamaa turte hundi hawwii milkiidhaan wal hingarre taateeti hafte.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Tattaaffiin itti aantu warra kiristaanaatin godhamte. Toora xumura bardhibbee 19ffa pirotestaantoonni warra Orophaa \u201cMacaafa Qulqulluu\u201d gara afaan Oromootti hiikanii maxxansiisuu fedhan. Hojii suniifis Oromticha Oniisimos Nasiib (Abbaa Gammachiis) jedhaniin muudan. Anisimoos Nasiib teessoo isaa magaalaa Asmaraa biyya Ertiraa godhatee Macaafa ulqulluu Afaan Amaaraatirraa gara afaan Oromootti hiikee bara 1886 keessa achumatti maxxamfames. Kitaabni sun \u201cMacaafa Qulqulluu\u201d jedhama. Kan hiikees \u201cAnisimos Nasiib, nama biyya Oromoo\u201d jedha. Qubee Saabaatiin barreeffame. Qubeen Saabaa tanuma Afaan Amaaraatiifi afaan Tigree ittiin barreeffamtu tana. Qubeen tuni sababoota lamaaf afaan Oromootiif mijjooma hinqabne. Sababni tokko, seera dheerina, laafina, gabaabina fi jabeenya sagalee mul\u2019isu hinqabdu. Sababni lammadaa, dubbachiiftoota \u201c<i>vowels<\/i>\u201d\u00a0 torba qofa qabdi; afaan Oromoo immoo, 10 qaba; kurnanuuti barbaada. Torban qubeen saabaa qabdu keessaahis lama sagalee afaan Oromoo waliin wal hingitan. Kanaafuu, qubeen Saabaatiin Afaan Oromoo katabuun hindandayamu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Tattaaffiin Sadaffaan tan qubee Laatiiniin godhamte taati. Tanas bakka lamatti qoonnee laalu dandeenya. Tokko kan Lola addunyaa kan lammaffaatiin dura taheefi kan Lola lammaffaa keessaafi achiin boodaati taha. Tattaaffiin duraa ammas tanuma warra Orophaa (France, German, Italy) fedhii amantii babal\u2019isuu qabaniin godhamte taati. Kitaabban xixiqqaa amantii mataskaana pirotestaantii ykn kan kaatolikii barsiisan qubee Laatin tanuma afaan faransaa, afaan Jarman ykn afaan Xaalyaanif moggaafaman\u00a0 jijjiirama tokkollee osoo itti hingodhin Afaan Oromoo ittiin kataban. Seera afaan isaaniitiin afaan Oromoo barreessuu yaalan. Rakkoolee gararreetti gara dheerina, gabaabina, laafina fi jabeenya sagalee jennee ibsine sun qaban. [sagalee takka qubee adda addaa tin bakka buusuu fkf\u00a0 ny &#8212;&gt; gn, \u2026]<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Kan itti aanu tattaaffii Lola Addunyaa kan Lammaffaa keessa taate taha. Kuni gadaa qubee afaan Oromootiif\u00a0 aduun baate, gadaa qormaata karaa saayinsii afaaniitiin\u00a0\u00a0 maalummaan afaan kanaa sirnaan itti hubatame jechuu nidandeenya. Tattaaffii ogeeysa saayinsii afaanii Martin Moreno warra biyya Xalyaaniitiin godhame taha. Kitaaba saa\u00a0 kan mataduree \u201cGramatica della Lingua Galla\u201d jechuudhaan moggaasees bara 1939 keessa maxxansiise. Nama yeroo duraatiif xiinsaga (phonology), xiin-unkaa (morphology) fi walfaanoommii jechootaa qajeellotti hubate waan taheef gadaa suniin \u201cGadaa Moreno\u201d jedhee yoon moggaase dogongora hintahu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><b><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Qubee MARTIN MORENO<\/span><\/b><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">\u2019\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 A\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 B\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 C\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u010c\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 D\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u1e100\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 E\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 F\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 G\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 H\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 I\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 J\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 K\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 L\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 M\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 N\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00d1\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 O\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 H\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Q\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 R\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 S\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u1e66\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 T\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u1e6c\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 U\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 W\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Y\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Z<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Lola addunyaa kan lammaffaa booda haala ilmaan biyyaa barnootaaf gara biyya alaa itti imaltaawaniitu dhalate. Akkaataa biyyaa itti bahaniin immoo,murnoota lamatti qodaman. Murni tokko warra hiree barnootaa bifa qaari\u2019aatiin (scholarship) ykn motummaadhaan ergamanii biyya alaatti deemani. Jarri kuni warra barnoota sadarkaa lammaffaa biyya eessatti fixatanii digrii duraatiif alatti imaltaawan ykn kanneen digrii duraa qaata biyya keessatti univarsitiirraa eebbifamanii digrii Maastersiitiif ykn Doktaraatiif deeman of keessaa qaba.\u00a0 Isaan kuni biyya itti deeman, universitii itti baratan,\u00a0 maal akka baratan, yeroo hammam keessatti barnoota sun akka xumuran, maallaqa ittiin jiraataniifi meeqa akka argatan beekaniiti roophilaadhaan gara biyya itti baratan sunitti imaltaawan. Jarri kun yeroo baay\u2019ee gara biyyoota Orophaa ykn\u00a0 gara Ameerikaati dhaqan. Garri caalu, Ilmaan Amaaraa haa tahan malee, ilmaan sabootaafi sablammiilee birootis hammi tokko hinjiran.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Barattoonni hiree tana argatanii barnootaaf gara Orophaa dhaqan barnoota qofa osoo hintahin nashaaxa siyaasaatis hinhoratan. Siyaasaa gara bitaatti conqoltutti waan amananiif\u00a0\u00a0 bitaaleeyyii yaada maarkisistii ykn sooshalistiitiin masakamuufi biyyaas ittiin maskuu kajeelan tahan. Isaan kuni, dura Waldaya Barattoota Tophiyaa kan Orophaa\u00a0 jechuun beekkamu ijaarratan. Ilmaan Oromoo miseensoota waldaya kanaa tahan keessaa, kanneen Afaan Oromoo gara afaan barruutitti akka tarkaanfatu hawwaniifi hawwii tanaas dhugoomsuuf hojii nama boonsitu hojjetaniifi seenaanis dagachuu hinqabneetu jira. Isaan kuniis Haylee Fidaatiifi Abdullaahi Yuusuf turan.\u00a0 Kufiinsa Haylesillaasee booda\u00a0\u00a0\u00a0 kan qooda guddaa qabu Haylee Fidaati. Qubee Martin Moreno fudhatanii jijjiirama xiqqaa itti godhuudhaan ittiin barreessuu jalqaban. Qubeen isaaniitiis\u00a0 kunoo tana.\u00a0 Qubeefi seera Martin Moreno lafa kaayetti jijjiirama xiqqaa itti godhaniiti kunoo qubee kanatti aantuun as bahan:<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">A\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 B\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 C\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u010c\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 D\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u1e10\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 E\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 F\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 G\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 H\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 I\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 J\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 K\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 L\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 M\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 N\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00d1\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 O\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 H\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Q\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 R\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 S\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u1e67\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 T\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u1e6c\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 U\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 W\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Y\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Z<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Warri Orophaa kuni garuu, waa lama dagatan. Laageen (\u2019) tan namni garii hudhaa ykn hamzaa jedhuun\u00a0 <i>phoneme<\/i> (dhamsaga) of dandeesse tahuu dagataniiti keessaa hanqisan. Qabxiin lammaffaan Qubee tanaan biyyatti galanii ittiinis barreessuuf hiree yoo argatan makiinaan barruutiifi manni maxxansaa kanaaf qophaawan jiraachuu dhabuudha dagatan.\u00a0 Akkasiinuu qubee tana lafa hinkeenye. Bara 1973-1974 keessa kitaabban lama biyya Jarmanitti maxansiisan. Matadureen kitaabban lameenii: tokko <i>Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo<\/i> kan jedhu yoo tahu kaan immoo <i>Bara Birraan Barihe<\/i> jedha. Kitaabni duraa, akkuma maqaan isaatuu himutti kitaaba seera afaaniiti. Seera afaanii kan bu\u2019uraa bifa gabaabaadhaan dhiheessa.\u00a0 Kitaaba kana qopheessuurratti maqaan baay\u2019ee dhawamu Haylee Fidaa haatahu malee, jarri kaanis qooda hinqaban. Kan <b><i>Bara Birraan Barihe<\/i><\/b> jedhu immoo, roorroo sirni nafxanyaa ummatarraan gayu bifa diraamaatiin dhiheessa. Kitaabban lameen kuni jabeenya fi laafina, dheerina fi gabaabina sagaleelee afaan Oromoo yeroo duraatiif qajeellotti adda baasanii mul\u2019isan waan tahaniif seenaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti bakka guddaadha qaban.\u00a0 Jarri kitaabban kana qopheesse kuni kufiinsa mootummaa Haylesillaasee booda, dhaaba siyaasaa \u201cMEISON\u201d jedhu moggaafatanii gara biyyaa deebi\u2019an. Maqaan \u201cMEISON\u201d Kottoonfii maqaa Afaan Amaaraatiin dhaaba saaniitiif moggaafataniiti (\u201cMellaa Itiyoophiyaa Soshalist Niqinnaaqee\u201d) Afaan Oromootti (Sochii Soshalistii Idil Tophiyaa) jechuudha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Yoos sochiin ABO tiis qaata jalqabde. Hoggansa\u00a0 Elemoo Qilxuutifi Jaarraa Abbaa Gadaatiin\u00a0 qabsoon hidhannoo dhandhaaramte. Waraanni ijaaramuus barnoota siyaasaa, leenjii lolaatiifi barnoota qalamaa akka argatu, barnoonni kuniis afaan Oromootiin akka kennamu murteeffame. Kanaafuu, Qubee warri MEISON fide guutumatti fudhatan.\u00a0 Makiinaa Barruutiin barreessuuf immoo, makiinaaleen qubee tanaaf qoramanii tolfaman hinjiran. Makiinaan jirtu tanuma afaan Ingiliizii qofa. Makiinaan Afaan Ingiliizii Qubee Haylee Fidaa ittiin barreessuuf hinmijjooytu. Barkoo ykn baallaa xixiqqoo mallattoolee garii\u00a0 gararreerra (gubbaarra) jiran harriiqqaadhaan bakka buusanii barreessuu jalqaban.\u00a0 Kuniis golollee waraqaa ooftu oliifi gad qabuudhaan harriiqqaa ykn qabxii itti godhuu dirqama tahe. Kuniis tarree yaa\u2019a barruu jallisuufi barruus buburreeysuu fide. Yeroo dheertuu fudhachuu malee rakkoon barruu fokkiftu mul\u2019achuun dhimma furmaata saffee itti barbaadan taate.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Gaafas kitaabni \u201c Fura Afaan Oromoo\u201d kan Sheek Mahammad somaaliyaarraa hulluuqee gara biyya teenyaa seenuu haahimamu malee, harka namayyuu gayuu hindandeenye. Garuu, makiinaa barruu tan biyya keessa jirtuun rakkoo malee ittiin barreessuun akka dandayamu hoggaa dhagayan barbaachaaf karaa bu\u2019an. Dr. Mahammad Rashaad qunnamuun dirqama tahe. Akkasitti booddee magaalaa guddittii biyya Soomaaliyaa moggaasatti wal qunnamanii haasawaafi marii booda Qubee Dr. Mahammad Rashaad fudhatanii ittiin fayyadamuu jalqaban. Qubeen ar\u2019a manbarnoottan keessatti ilmaan Oromiyaa ittiin barataniifi waajjiroota Oromiyaa keessattiis ittiin hojjetan qubee suni. Qubeen sun kitaaba mataduree \u201cFura Afaan Oromoo\u201d jedhuun bara 1969 keessa dura harkaan barreeffameeti ganna lama booda\u00a0 yeroo duraatiif maxxamfame. Namni\u00a0 kana barreessees Sheek Dr. Mahammad Rashaadi.\u00a0 Qubee Afaan Oromoo bifa arra qabdu kana\u00a0 Sheek Mahammad Rashaad Abdulleetu itti abbaa. Kanatti aansee Sheek Rashaad eenyu akka tahan beekuuf akkaataa biyyaa itti bahaniifi maal akka hojjetan seenaa isaanii hamma tokko dhiheessuun yaala.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><b><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Sheek Mohammed Radhaad Eeenyu? Akkamiin Qubee Tolchutti Seenan?<\/span><\/b><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Oromoota barnootaaf biyya alaa dhaqan keessaa, murni lammadaa warra fedhii barnotaaf qabaniin ka\u2019anii ofumaan daangaa qaxxaamuranii biyyaa bahan of keessaa qaba. Jarri kuni mootummaa isaan afeertee qaariyaa isaaniif baaftees\u00a0\u00a0 tan irraa kafaltee isaan argitees hinjirtu. Ka galaa (sinqii) qabu gala saa baadhatee, kan hinqabne immoo, dhoortoo kadhachaa miilaan daangaa biyyattii tarkaanfatanii, dura gara biyya ollaa dhaqan. Barnoota barbaacha biyyaa bahuu malee, maal akka baratan, biyya tamitti akka baratan, yeroo hammamiif akka baratan, maallaqa qubsumaaf, nyaataafi uffataaf barbaachisu hinqaban; eebyurraa akka argatanis himbeekan. Kanneen haala kanaan afaan bineensaa bu\u2019anii, dhukkuba hamaadhaan qabamanii ykn beelaafi dheebuudhaan du\u2019a mudatanii\u00a0 karatti hafan baay\u2019eedha. Kanneen lubbuun isaanii eewalamte keessaa, garii hiree barnootaatin wal dhabanii biyya ollaa miilli saanii dura ejjete sun qubachuufi mu\u2019oya (kuulii) dalagachaa of jiraachuisuuf dirqaman. Muraasa imala isaanii itti fufanii fagaatanii deemanis biyyoota Baha Jiddugaleysaa gayaniiti imala saanii xumuran. Warri haala kanaan biyyaa bahan hundi muslimoota sabaafi sablammii garagaraatirraa dhalatan tahuu isaanii beekuun gaariidha.\u00a0\u00a0 Oromoota hiree akkanaatiin miilaan biyyaa bahanii fedhii barnootaaf qaban argatanii sadarkaa digrii duraatiifi tan lammadaa argachuudhaan eebbifaman keessaa, tokko, Dr. Muhammad\u00a0 Rashaad Abdullee ti.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Sheek Muhammad Rashaad Baha oromiyaa, Godinaa Harargee Dhihaa, Koonyaa Carcar Laga Arbaatitti dhalatan. Hoggaa Umriin barnootaaf geeyse barnoota amantii Islaamaa abbaa saanii jalatti barachaati guddatan. Dr. Muhammad Rashaad barataa faxina turan. Kanaafuu, barnoota bu\u2019uraatiifi kan sunitti aanu yeroo gabaabduu keessatti xumuran. Kana malees, sabboonaa roorroon sabni Oromoo sirna nafxanyaa jalatti mudate isaan anaannachiiftu turan. Hoggaa umriidhaan dardarummaa guutan waahila isaanii tokko wajjiin miilaan Laga Arbaatii ka\u2019anii, dura\u00a0 magaalaa Ciroo gayan. Achirraahis tirachaa magaalaa Harar gayan. Waan Ciroofi Hararitti argan laalchisee bara 1992 keessa yeroo duraatiif gara biyyaa hoggaa dhufan gaaffii fi deebiin godheef\u00a0 keessatti akkana jedhan:\u00a0\u00a0 \u201cHoggan magaalaa ciroo gaye, ashkara Amaaraa kan \u2018irgiccaa\u2019 dhiituun arke. Magaalaa Hararittiis waanuma akkasiitiin arke. Yoo anaatii ashkarri Oromoo miidhu bakkuma lameen kana jira. Kanaafuu anaafi waahilli kiyya biyyaa baanee biyya Islaamaa dhaqnee rakkoo sabni keenya qabu itti himnee hidhannoo akka nuuf kennan kadhanna. Achirraa hidhannee bombii harkatti qabannee tokkoon keenya gara magaalaa Harar, tokko ammoo, gara magaalaa Ciroo sunitti deebinee\u00a0 yeroo takka kessatti Ashkaroota bakka lameenuu jiran bombiidhaan daaraa gooneeti saba keenya bilisoomsina\u201d jedheetiin yaade. Yemmuu biyyaa bahaniis akeeka lama qabaachaati turan. Akeekni duraa barachuu yoo tahu kan lammadaa biyyatti deebi\u2019anii diina saba miidhu murruq godhuudha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Biyyaa ka\u2019aniiti miilaan dura Jibuuti dhaqan. Achirraa dooniidhaan Yaman seenan. Yamanirraahis miilaani Su\u2019uudiyaa dhaqanii magaalaa Madiinatul Munawwaraa qubatan. Hamtuun amna dheeraa kana keessatti qunnamaniis baay\u2019ee nama sodaachifti; lubbuu Rabbi eewalami jedheen qaban malee, nama umriidhaan turee as gayu tahuun akka jabaadha. Yeroo hamma tokkoof Su\u2019uudiyaa taa\u2019aniiti booddee gara Suuriyaatti deeman. Achitti barnoota saanii yoo xumuraniis xalayaa ragaa takkaan malee geggeeffaman. Yoos gara Misratti qaceelanii Universitii Al Azharitti galmeeffaman.\u00a0 Achitti Digrii Duraa, itti aanseetis Digrii Lammaffaa argachuudhaan eebbifaman. Barnoonni baratanis guddichi (major) barnoota amantii haatahu malee, barnoota hawaasaa (Sociology), xiinqalbii (Psychology), Manxiq (Logic), xiinqoonqa (linguistics) barataniiti jiran.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Dr. Muhammad Rashaad hayyuu hayyummaa saa beekkoomsaan mirkaneessa qofa miti. Sabboonaa hojiidhaan maalummaa saa mul\u2019iseesi. Universitii Al Azhar kutaa afaanii keessa damee afaannan alagaa itti barsiifamuutu jira. Afaannan achitti barsiifaman keessaa, tokko, afaan Amaaraati. Dr. Rashaad suutatti itti dhihaatanii dubbiin dhugaa tahuu hoggaa hubatan seerumaani \u201cAfaan Oromootis nuu naqaa\u201d jedhanii gaaffii saanii dhiheeffatan. Gaaffiin saanii hoggaa fudhatama dhabde \u201cMaalif\u201d akka didamte gaafatan. \u201cAfaan Oromoo Qubee hinqabu; kanaaf dinne\u201d jechuudhaan deebii laataniif.\u00a0 Haalli kuni hayyicha kana garamitti akka bobbaase tilmaamuun nama hindhibu. Gadaan achiin duraa tanuma ofiif barachuuf itti tattaafatan turte; tan achiin boodaa immoo, saba saa barsiisuuf tattaaffii adda citii hinqabne itti jalqabani. Afaan Oromoo qubee hinqabu; qubee dhabuun kabajaa afaannan biroo argatan isa dhabsiisuun hedduu itti dhagayame. Qubee qabaatee afaan ittiin barreeffamu tahuu akka qabu itti amane. Dirqama kana ofitti fudhatee tarkaanfii saa jalqabe. Tattaaffii Sheek Bakrii Saphaloo qubee Afaan Oromoo uumuudhaan godhaniifi sheekkaniifi darasoota faana Aanniyyiifi Daanniyyi bu\u2019uudhaan Qubee Arabaatin Afaan Oromoo barreessan qoratanii tolaafi gufuu qaban adda baafatanii hubachuu jalqaban. Ulaagaalee barbaachisoo fi murteessoo jedhaniin hunda madaaluu itti fufan. Ulaagaaleen kuniis:<\/span><\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\">\n<li><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Mallattoon filatamtu tan sagalee Afaan Oromoo sun guututti bakka buutu tahuu, <\/span><\/li>\n<li><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Namni qubee sun barsiisu laaftutti argamuu; bakkayyuus jiraachuu. <\/span><\/li>\n<li><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Makiinaaleen ittiin katabaniifi ittiin maxxansaniis lafa jiraachuu<\/span><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Ulaagaalee sadeen kanaan Qubee lameenuu hoggaa madaalan lameenuu fullahuu ykn bakka gayuu hindandeenye; lameenuu hinkufan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Qubeen Arabaa ulaagaalee sadeenuu guutuu hindandeenye. Gara mallattootiin afaan Oromootiif hintaatu; hinhanqatti. Mallattoolee sagaleelee Afaan Oromoo jahaaf bakka bu\u2019uu dandayan hinqabdu. Mallattooleen jahanis kanneen akkaataa ammaatti kataban kana: \u201cG, C, CH, DH, NY, PH\u201d . Hanquu tana ibsuuf fakkeenyuma Dr. Rashaad natti himanin dhiheessa. Hima akkanatti barreessinu kana \u201cDhagaa caphsii cirracha nyaadhu\u201d\u00a0 qubee Arabaatiin barreessuun hindandayamu. Jijjiirama tokko tokko itti godhuudhaan sagaleelee tana akka bakka bu\u2019an gochuun hindandayama. haatahu immoo, makiinaan akkasitti qoramtee tolfamte lafa hinjirtu; beekaan beekkoomsa kana qomaa qabaatee yoggasumatti barsiisuu dandayuus hinjiru. Kanaafuu, Afaan Oromoo ittiin barreessuuf filachuus moggaafachuus hindandeenyu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Hayyoota Oromoo kanneen Afaan Oromootiif qubee qoranii qopheessuuf tattaaffii godhan keessaa, kan duraatiifi guddichi, Sheek Bakrii Saphalooti. Qubeen Saphaloo qubee ajaa\u2019ibaati. Qubee takkittiin Afrikaa keessatti dhalattees isii tana. Qubee ilma Oromootiin qoramtee Oromiyaa keessatti dhalatte tahuu isiitiin malees,\u00a0 qubee saba Oromoo saba qubee ofii qabu taasifte waan taateef ayaa hundi keenya ittiin boonnu, tan\u00a0\u00a0 yaadqalbii sabaa ar\u2019aas jajjabeeysituufi niis dagaasituun jedha. Asirratti waa himee taruun fedha. Qubeen Saabaa Qubee biyya Yamanitti dhalattee warra Habashaatiin\u00a0 gara Afrikaa as goodaante malee Afrikaa keessatti hindhalanne. Ragaalee baay\u2019ee tarree galchinee dhiheessuus ni dandeenya. Akeekni barruu tanaa garuu, kana miti.\u00a0 Kanaafis kanumaan irra tarree hegere hoggaa feesise itti deebina.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Qubeelee lameenuu tan Arabaatiifi tan Saphaloo gara ulaagaalee lameen irraa boodaatin yoo laalle Arabaatu irra wayya. Kanaafuu Dr. Rashaad osoo Misra jiranuu hamma qubeen irra wayyaa argamtutti\u00a0 yeroodhaaf\u00a0 qubee Arabaatitti fayyadamuu turan. Maluma Aanniyyi fi Daanniyyi\u00a0 jalqabanitti\u00a0 jijjiirama tokko tokko itti godhanii bifa Afaan Oromoo ittiin barreessuuf maltu taasisan.\u00a0 Akkasiinuu harkaan malee, makiina barruutiin barreessuun hindandayamne.\u00a0 Afaan Oromoo qubee qabaachisuuf tattaafachuun isaa akeeka qaba. Akeekni isaatis Univarsitii Al-Azhar damee afaannan alagaa sunitti deebi\u2019ee warra afaan Oromoo Qubee hinqabu\u00a0 jedheen suniin kunoo\u201cAfaan Oromoo Qubee hinqabaa akka ittiin barsiifamu amma nuu hayyamaa\u201d jedhee\u00a0 afaan Omootinis\u00a0 akka barsiifamu gochuudha. \u201cHarki diddaaf deemu daduu hinseenu\u201d jetti Oromoon. Jarri ammas hindidan; tattaaffiin Sheek Mahammad Rashaad Misratti gochaa turees milkaawuu hindhabde. Tattaaffiin Afaan Oromootiif Qubee barbaaduuf jalqabe ammoo, hamilee finiintuufi fedhii cimtuudhaan itti fufte.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><b><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">GODAANSA GARA SOOMAALIYAA<\/span><\/b><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Oduun biyyaa dhuftu yaada biyyatti deebi\u2019uu jedhu haqanqoorteeti nama keessaa fixxi. Warri ofiin biyyaa bahee, alatti baratee biyyatti deebi\u2019e hiree gaariin isaan hinqunnamne. Garii hinhidhaman; garii achi buuteen isaanii hinbeekkamtu. Sabbaba kanaafis biyyatti deebi\u2019uun akka harka ofiitiin du\u2019aaf dabarsanii of kennuutti hubatame. Malli hafe biyya ollaa dhaqanii biyyatti dhihaatanii jiraachuu tahe. Biyyoota ollaa keessaahis Somaaliyaan irra wayyaa taatee waan mul\u2019atteef garasitti godaanuun dirqama tahe.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">1991\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 1939\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 1974\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 1977\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 1969<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">AMMAA\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 MORENO\u00a0\u00a0\u00a0 HAYLEE FIDAA ABO\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Dr. RASHAAD<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">C\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u010c\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u010c\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 C\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 C<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">CH\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 C\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 C\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 CH\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 CH<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">DH\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u1e10\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u0257\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 D\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 DH<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">NY\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00d1\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00d1\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 N\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 NY<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">X\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u1e6c\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u1e6c\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 T\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 X<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">SH\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u1e66\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u1e66\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 S\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 SH<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">PH\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 P\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 P\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 P\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 PH<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial;\"><span style=\"font-size: medium;\"><b>Hubachiisa<\/b>:<\/span><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Qubeen ABOn dura ittiin fayyadame kanneen tarree galfaman sun (C, D, NY, S, PH) gararreerraa harriiqqaa ykn sarara xiqqaa qabu. Kan Haylee fidaa ammoo, baallaa qarri lameen ol garagalan ofirraa qaban. Qubeen arra mallattoo \u201cx\u201d tanaan bakka buufamte ammoo, T barreessaniiti qabxii xiqqoo miiljaleerra kaayan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Dr. Mahammad Rashaadis hamma warra ABOtiin wal hinqunnaman mallattoon qubee arra \u201cX\u201d jennuun tanaaf \u201cTH\u201d katabuudha turan. Booddee marii bal\u2019oo godhaniin qubee Ingiliizii tan lafatti hafte \u201cX\u201d (tan eks) jedhaniin sun maqaa arra qubee Oromoo keessatti qabdu itti moggaasaniiti garri lachuu fudhatee ittiin fayyadame.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Qubee Afaan Oromoo ittiin barreessuuf toltu moggaasuuf biyya keessattiis alattis qabsoo ciccimtuu tu godhame. Qabsoofi tattaaffiin tuniis jijjiirama kufiinsa mootummaa Haylesillaasee booda jajjabaatteeti itti fufte. Mootummaan Dargii\u00a0 Afaan Oromoo Qubee Saabaatiin\u00a0 akka barreeffamu murteessite.\u00a0 Gaazexaa <i>Bariisaa<\/i> dhuunfaadhaan maxxamfamaa ture ni dhaaltee qabeenya mootummaa tahee akka itti fufu godhe. Gaazexaan Bariisaa dhaloota isiitirraa qubee saabaatiin barreeffamaa turte. Akkasiinuu\u00a0 Bariisaan\u00a0 barruulee qubee Laatiiniin barreeffamanii maxxamfaman fuula gariirratti baasuu turte; hanqina qubeen saabaa qabduufi mijjooma qubeen Laatin Afaan Oromootiif qabdu basaqeeysatti ibsuudhaan dubbistootaaf dhiheessuudha turte. Bara Dargii qubee Laatiiniin barreessuu dhiisii yaaduunuu yakka guddaa ture. Ob. Mahdii Haamid Muudee, editara fi qopheessaan gaazexaa Bariisaa, osoo kana beekuu soda takkaan malee, qubee Laatiniin barreessee akka raabsamtu godhee dhaamsa sun ummataan gayeeti jira. Sababni\u00a0 Dargiin gaazexaa Briisaa humnaan fudhatee mootummaa jalatti akka maxxamfamtu itti godhees kanuma.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Haaluma akkasiitiin wallisaan, sabboonaafi qabsaawaan Oromoo beekkamaan,\u00a0 Dr. Alii Birraa bara 1976-tti akkana jechuudhaan wallise:<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><b><i><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">A, B\u2026\u2026\u2026\u2026\u2026. jennee-k-kaana;<\/span><\/i><\/b><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><b><i><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Tanumaan jalqabna;<\/span><\/i><\/b><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial;\"><span style=\"font-size: medium;\"><b><i>Afaanuma keenyaan katabnee-d-dubbifna<\/i><\/b>.<\/span><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Qubeen Oromoo qubee Laatin akka taatu sodaa malee wallise; kaaseeta maxxanseeti raabse; dhaamsa kanaasummataaf labsuudhaan aantummaa Qubee Oromootiif qabu ifatti ibsee kumaatamoota barsiisee qabsoodhaaf kakaase.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Yeroo sun mootummaan Dargii afaan Oromootiif Qubee Saabaa moggaafte. Kitaabban barnoota bu\u2019uraa ni qopheessite;\u00a0 duula beekkoomsaafi guddinaa jechuudhaan barattoonni biyyattii akka duulanii ummata ijaataniifi barsiisan ni labsite.\u00a0 Hayyootaafi sabboontoonni dantaa Oromootiif anaannatan hundi qubeelee lafa jiran keessaa tan mijjooma qabdu qubee Laatin qofa tahuu barsiisuufi falmachuu isaanii itti fufan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Dr. Muhammad Rashaad beekkoomsa biyya alaatti baratan saba saaniitiif qooduuf biyyatti deebi\u2019uun harka ofiitiin du\u2019aaf of kennuu itti taate. Misraa deemuun dirqama; malli biyyatti siqanii qubachuuf filmaanni biyya takka qofa tahe. Biyti gaafasitti irra wayyaa Soomaaliyaa waan taateef garasitti godaanaan. Yeroon yeroo J\/ Ziyaad Barree mootummaa Abdirashiid Ali Sharmaarkee fonqolchee aangoo itti dhunfate turte. Ziyaad Barreetis siyaasaa gara bitaa awaddu ofitti fudhatee biyyattii daandii soshalistiirra kaaye. Afaan Soomalee afaan barruu tahee akka ittiin barsiifamuufi ittiinis hojjetamu ni murteessan. Qubeen filataniis Qubee Laatiin taate. Koreen dhimma kana geggeessitee fiixa baaftuus ni jaaramte. \u201cSheek Mohammed Rashaadiis miseensa koree sunii akka tahu godhame\u201d warri jedhu ni jiran. Ani garuu, ragaa dhugooma waan kanaa mirkaneessu ammoo, hamma ammaatti hin argine.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Somaaliyaatti hoggaa godaanan wanni duraa bakka qubatan qabaachuudha. Itti aansee biyyaafi qilleensa biyyaatiin wal fudhachuudha. Sun booda osoo hin turin waan sabaaf tolu argamsiisuuf tattaaffii isaanii itti fufan. Dr. Mahammad Rashaad ummnni bal\u2019aan akka baratee, waa hubatee, dammaqee bayyanatu hawwan. Karaan garasitti nu geessu karra qaba; karri suniis barnoota jedhan.\u00a0 Hawaasa Oromoo kan halaala jiru kana halaalaa barsiisuuf\u00a0 afaan Oromoo afaan Miidiyaa akka tahu gochuu feesisa. Kana jechuun: gaazexaa, kitaabbaniifi barruulee ummanni irraa baratu maxxansanii raabsuu; raadiyoofi TV keessaan ummata gurra ykn gurraafi ija ummataa gayuu barbaachisa. Hawaasa dubbisuufi barreessuu hin beekne kan akka hawaasa Oromoo hoggaa tahe wanni miidiyaa elektronikaa caalu hin jiru. Raadiyoo keessaan dhaamsa qabdu bifa sagaleetiin akka dhagayutti gara gurra saa erguu, ykn TV keessaan dhaamsa qabdu bifa suursaga\u00a0 (suuraa fi sagalee) taheen gara argaafi dhageeytii ummataatiif qilleensarraan itti erguudha.\u00a0 Namni waan qabuun, waan dandayuuniifi waan lafa jiruun jalqaba. Tattaaffiin jalqabaa afaan Oromoo raadiyoona akka seenu gochuudha. Sheek Rashaad kana hoggaa himan akkana jedhan: \u201cAni beekkoomsa xiqqaa tokkoon qaba; Raadiyoo hinqabu; maallaqa bahii hojii tanaatiif feesisuus hinqabu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Abdiin kiyya Tokkicha na uume qofa. Akka na gargaaruus shakkii hinqabu. Kanaafuu Isa abdadhee Isarra of kaayeetiin qondaalootafi itti gaafatamoo Raadiyo Maqdishoo bira dhaqee Afaan Oromootis akka nuu naqan itti iyyadhe. Sababoota siyaasaa, kan diplomaasiitiifi kanneen adda addaa dhiheessuudhaan \u201cLakki, lakki. Kuni Tophiyaa wajjiin wal nu lolchiisa; seera akkaataa ollaan waliin itti jiraatu ni cabsa. \u201cKuni hin tahu\u201d naan jedhan. Ani garuu, hifaataan maleetti itti deddeebi\u2019ee,\u00a0 yaada fi mala garagaraa itti dhiheessuudhaan tura keessa deebii jaalannu nuuf kennan. Afaan Oromoo raadiyoo maqdishoo ni seene. Haa tahu ammoo, Afaan Oromo jechuu nuf hayyamuu ni didan; diduu qofa miti, nuus ni dhoowwan. Faraqaa Afaan Qottuu\u201d akka jennu nutti himan. Raadiyoonni sun arra hin jiru; yaadannoofis kunoo akkanatti jalqabuu ture: \u201cKun Raadiyoona Maqdisho qooqa Jumhuriya Dimoqraasii Somaalee faraqaa Afaan Qottuti) jechuu ture. Booddee tura keesaa ammoo, \u201cKun Raadiyoona Maqdisho qooqa Jumhuriya Dimoqraasii Somaalee faraqaa Afaan Gaallaati\u201d jechuutti jijjiirame.Guyyatti sa\u2019aa takka dabarsuu ture; qophiilee adda addaa: oduu addunyaa, gorsa fayyaa, barnoota amantii, haasawa manguddoo, walleefi muziqaa, kkf ).\u00a0 Raadiyoonni sun ummata ni gammachiise; ni barsiise; ni bayyanachiise; ummata dantaa ofiitiif falmatu ni taasise. Bifa waliigalaatiin humna qabsoo itti aantuuf qophaawe ni uumte.\u00a0 Hayyichi Afaan Oromoo afaan raadiyoo akka tahuu tattaafatees Dr. Mahammed Rashaad Abdulleeti.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Tattaaffiin hayyichi kun Somaaliyaa keessa osoo jiruu godhe itti fufa qabsoo Misratti jalqabamte tahuu dagachuu hin feesisu. Tuniis Afaan Oromoo Afaan ittiin Barruutiifi afaan barnootaa gochuudha. Qubee ulaagaalee sadeen gararreetti ibsaman guututti qabdu moggaasuu, mariidhaaf dhiheessuu, hoggaa fudhatamtees Qubee Oromoo tahuu sii murteessuudha.\u00a0 Tattaaffiin garanaan biyya keessatti godhamaa turte gufuu adda addaati mudatte. Gufuun duraa warra Afaan oromoo\u00a0 afaan katabbii (afaan barruu) akka hin taane fedhan hunda of keessaa qaba. Isaanis mootummaa Nafxanyaa, nafxanyoota yaada mootummaatti amananiifi kanneen yaadqalbii suniin masakaman hunda of keessaa qaba. Jarri kun bifa dandayan hundaan afaan Oromoo afaan barruu akka hin taane gochuuf tattaafatan. Hamma bara 1974 Qubee fedheen afaan Oromoo barreessuun yakka ykn wanjala ture. Ergas ammoo, bara Dargii keessa qubee Saabaatiin malee, qubee biraatiin afaan Oromoo barreessuun yakka tahuun itti fufe. Arra garuu, seeraan murteeffame: Oromiyaa keessatti afaan Oromoo afaan barruu, afaan hojiitiifi afaan barnootaati. Murtii tanaas walgahii Duraa tan Caffee Oromiyaatu murteesse.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Gufuuleen tattaaffii tana heewasan biyya alaattis hin hanqanne. Humnoota gaafa Soomaaliyaan qubee Laatin moggaafatte dura dhaabbate suniitu afaan Oromootis heewasuu jalqabe. Jarri kuni akka warra Habashaatti qubee Saabaa haa tahu hin jenne. Waa mara ija amantiitin laalan; qubee Arabaa filachuu dhabuun akka waan\u00a0 amantii diduutti hubatan. Gariin isaanii tafsiira (hiikkaa) haaraya tolfataniiti \u201cLaatiin jechuun \u201cLaa diin\u201d ykn (Amantiin hinjirtu) jechuu waan taheef irraa dhaabbadhaa\u201d jedhan. Jarri kuni qubeen Arabaa Diin-Islaam dura, gaafa jaahiliyyaa\u00a0 dhaamsa zamana jaahiliyyaa ittiin barreeffamaa akka turte dagachuun isaanii ni mala. Garii ammoo, jaalala amantii ofiitiif qabaniin qubee Arabaatiifi afaan Arabaa bay\u2019ee jaalatan. Qubee Arabaa afaan Oromootiif moggaasuun amantiin sun akka babal\u2019atuuf haala mijjeessuu akka tahetti amanan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Jaarmayni dhiibbaa akkanaa gochaa turte takka Raabixatul Islaamiyyaadha. Raabixaan tuni biyyoota ollaa (Suudaaniifi\u00a0 Soomaaliyaa)\u00a0 keessatti qubeen Arabaa afaan Oromootiif akka moggaafamtu dhiibbaa cimaa gochaati turte. Dhibbaa tana fashalsiisuuf tattaaffiin Dr. Mahammad Rashaad Soomaaliyaa keessatti godhan kan seenaan dagattuu miti. Walgayiilee garanaan godhamaa turanirratti argamuudhaan ibsa bal\u2019aa raga gayaa diduun hindandayamne iin waldhiheessaati turan.\u00a0 Hayyoota gaafas tattaaffii sun keessatti hirmaatan keessaa, tokko, Ob. Xaahaa Abdii akkana jedhan: \u201cDhiibbaan Raabixaan gootu cimtee hunda keenya hifachiiftee abdii nu kutachiisuu bira geyseeti turte. Haala sun keessatti anaa garaan na gubatee rakkachutti jiru Sheek Mahammed Rashaad :\u00a0 \u201cQubee Arabaatiin afaan Oromoo katabuu narra ka moyxannoo itti qabu hin jiru.Rakkoo, dhibdeefi hanquu qubeen tun qabdu ka beeku ana. Yeroo ammaatti garayyuun madaallee hoggaa laallu qubeen qubee Laatinirra afaan Oromootiif mijjooytu hinjirtu. Garanaan anaatu warra Raabixaatin falmaati abshir je\u2019aa\u201d jechuudhaan garaa nu qabbaneesse\u201d jechuudhaan ragaa bahe. Akkuma jedhanitti Dr. Rashaad muggutii Raabixaatirra aananii barreeffamni Afaan Oromoo bifa isaan maluun daandii guddinaarra akka qaceelu qooda daaddaa hin qabne gumaachaniiti jiran.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Tattaaffii Qubee afaan Oromoo moggaasuuf godhamte keessatti kitaabni duraa \u201cFURA AFAAN OROMOO\u201d yoo tahu bara 1969-itti Maqdishotti barreefame. Kitaabni sun mootummaa Somaaliyaatin hin fudhatamne. Inumaatuu bifa suniin maxxamfamuun isaatuu akka yakkaatti ilaalame Sheek Rashaad qabanii hidhuuf warra nagaya eegu itti bobbaasan. Jaarsi garuu, mimmiliqaa jiraateeti manguddoo keessaan ofirraa qabbaneessee fedhii isaaniitis hubate. Gaafas Somaaliyaan Ogaadeeniifi lafa Oromiyaa kutaa bahaatiifi kan kibbaarraa ciqqaawwatanii muratanii biyya \u201cSoomaaliyaa Guddittii\u201d (Soomaali Weyn) ijaaruuf shakaran. Eenyummaa saba Oromootis haaluudhaan maqaa haaraya \u201cSoomaali Abboo\u201d jedhanii waaman itti moggaasan. Kitaabni Fura Afaan Oromoo yakka tahee magaalaarraa guuramuunis sababni saa kana. Suniis \u201cFura Afaan Abboo\u201d tahee akka maxxamfamu ajajan. Mataduree malee qabeentaan kitaabaa ka duraaniitin addaa miti.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Sheek Dr. Mahammad Rashaad, kitaabban baay\u2019eedha barreessan. Baay\u2019een achiin dura waan hin barreeffaminiif isaatu ka duraa taha. kitaabban ijoollee barreessuuf inni ka duraati. Qur\u2019aana guututti gara Afaan\u00a0 Oromootti hiikuudhaaf inni ka duraati. Kanuma bifa lamaan\u00a0 barruufi sagaleedhaan biyyaaf qopheessuu isaatinis inni ka duraati. Kana malees kitaabban amantiitiifi kan hawaasaa kanneen adda addaa kitaabsuu isaatiif inni ka duraati. Isaan keessaa hamma tokko: Hadiisa Afurtamman Nawawii, Seeraafi Naamusa Hajjii, Gadaa Islaamaa (Hundeelee Amantii Islaamaa), Tajwiida Qur\u2019aanaa (Akkaataa Qur\u2019aanni Itti qara\u2019amu), Manxiq (Logic), kkf. Kanneen malees, kitaabban Sheekkoo walalooleefi gorsoota adda addaatis barreessaniiti jiran. Ija kanaatiin ragaalee lafa jiran\u00a0 hundaan Sheek Mahammad Rashaad \u201c<b>Abbaa Barreefama Afaan Oromooti<\/b>\u201d yoon jedhe itti xiqqaata malee, itti hin guddatu. Sheek Mohammed Rashaad umrii saanii guutuu Oromoo fi Oromummaaf waa buusuuf wareega godhan. Waggoota hamma tokko dura osoo Su\u2019uudii jiranuu faalij irra gayeeti yeroo dheertuuf dhukkubsatan. Booddee gara biyyaa ofiitti galanii magaalaa Dirree Dhawaatti, Caamsaa 25, 2013 du\u2019aan adduyaa tanarraa galan.(Rabbi Rahmata Isaaniif Haa Godhu; Ol\u2019aantii Jannataa Jannatul furdowsiin isaan haa qananeeysu)<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Dr. Sheek Mahammad Rashaad hayyuu ummata ofii dagatee osoo humaa hin dhiisiniif\u00a0 aakiratti deeme miti. Marsaa internet keessatti \u201cBakka Rashaad\u201d jedhee \u201cwebsite\u201d ofii ijaarratee hojiilee saa kan bara hedduu achirra kaayeeti dhaalmaya dhalootai kaniifi kan hegereetiif gayu dhiise. Kana gochuu isaatiin ammas hayyuu duraa\u00a0 tahuu saa hundi keenya ragaa dha. <\/span><a href=\"http:\/\/www.rashaad.org\/\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">www.rashaad.org<\/span><\/a><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\"> dhaqaati dhaala isiniif lakkise daaw\u2019adhaa.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><b><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Hikkaa Jechootaa<\/span><\/b><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Waaheellan barruu tana osoo ummatatti hi bahin dura\u00a0 dubbisan \u201cxumuratti hiikkaa jechootaa yoo itti dabalte gaarii dha\u201d jedhanii waan na gorsaniif kunoo itti dabalameera. Bakka barbaachisutti jechi hiikamu uunkaa barruu tana keessatti ittiin mul\u2019ate qofa osoo hin tahin hundee isaatii fi hortee achirraa dhalatanis ni dhiheessina.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial;\"><span style=\"font-size: medium;\"><b>Awaduu<\/b>\u00a0&#8211; this is in the infinitive form and it means \u201cto tilt towards\u201d. Synonyms afaan Oromoo: conqoluu, golisuu<\/span><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial;\"><span style=\"font-size: medium;\"><b>Ciqqaawuu<\/b>\u00a0&#8211; it is a verb in the infinitive form. It means cutting into small chunks (originally used for trees ad tree branches) but now extended to other similar actions.\u00a0 Like the scrumble land.<\/span><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial;\"><span style=\"font-size: medium;\"><b>Dhoortoo<\/b>\u00a0&#8211; has two meaings: one is \u201ca begger\u201dsingular, or \u201cbeggers\u201d plural both in\u00a0 the\u00a0 noun form , the other is \u201cbegging\u201d a gerund. Dhoortoon hulaarra ejjitii maaliin kennaaf? A begger(s) is by the door what should I give him\/her\/them?\u00a0\u00a0 Dhoortoodhaan jiraata. He lives by begging.<\/span><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial;\"><span style=\"font-size: medium;\"><b>Dibeeta<\/b>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 it means INK . It is a solution made by mixing water, soot, natural gum and other things.<\/span><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial;\"><span style=\"font-size: medium;\"><b>Hornagame<\/b>: In the article the word appears in this form. It is a passive verb from the derivative \/<b><i>hornagam-<\/i><\/b>\/ meaning \u201cto be limited\u201d and \u201c<b>Hornagame<\/b>\u201d would indicate a passive verb of the 3rd persone singular of masculine gender the past tense.\u00a0 Its root verb is \/<b><i>hornag-<\/i><\/b>\/ , a active verb whose English equivalent is \u201c(to) limit\u201d. Here (to limit) is included with \u201c(to)\u201d in bracket\u00a0 only because it has a meaning close to the infiitve form of the English verb. Otherwise, \/hornag-\/ is a verb root and not in its infinitive form which as \/hornaguu\/ which exactly has the meaning \u201cto limit\u201d. There is also the Noun form (\u201cHornaga) meaning \u201cLimit\u201d.\u00a0 The statement \u201csadarkaa afaan dubbiititti\u00a0 hornagame.\u201d Means \u201cIt was limited (forced to remain) to the level of a spoken language only; not allowed to develop to a written language.<\/span><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial;\"><span style=\"font-size: medium;\"><b>Shakaruu &#8211;\u00a0<\/b>it is a verb in the infinitive form; it is related to hyperactivity or elated behavior which is usually goal directed to get some thing, or attain a certain goal, or do or perform a certain activity.<\/span><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial;\"><span style=\"font-size: medium;\"><b>Suursaga<\/b>\u00a0&#8211; this is a word coined by blending two words (suuraa &amp; Sagalee) to bear the meaning just like \u201cVIDEO\u201d. Blending is done based on the method the Oromo people used in the past:\u00a0 ex. Abbuuddoo (\u201cthe thumb\u201d) from Abbaa and guddoo; qoollajjii from (qoola and jiidhaa) meanig (\u201cfreshly removed animal skin after killing\u201d) , and many more: ogbarruu, seerlugaa, xiinsaga, kkf<\/span><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">*********<br \/>\nSource: <\/span><a href=\"http:\/\/www.gulelepost.com\/2013\/06\/13\/seenaa-barreefama-afaan-oromootiifi-shoora-dr-sheek-mahammad-rashaad\/\" target=\"_blank\"><span style=\"font-family: Arial; font-size: medium;\">Gadaa.com<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Dr. Abdulsemed Mohammed) Afaan meeshaa walqunnamtiiti; mallattoo eenymmaatiisi. Akeeka barruu tanaatiif meeshaa walqnnamtii tahuu isaa.<\/p>\n","protected":false},"author":40,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,2,3],"tags":[5],"class_list":["post-39","post","type-post","status-publish","hentry","category-afaan-oromoo","category-ethiopia","category-oromo","tag-ll"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-D","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/39","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/40"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=39"}],"version-history":[{"count":4,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/39\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":62,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/39\/revisions\/62"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=39"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=39"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=39"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}