{"id":31,"date":"2014-04-07T08:35:17","date_gmt":"2014-04-07T05:35:17","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=31"},"modified":"2016-04-13T01:26:28","modified_gmt":"2016-04-12T22:26:28","slug":"fagoon-isa-kami","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2014\/04\/07\/fagoon-isa-kami\/","title":{"rendered":"Fagoon isa kami?"},"content":{"rendered":"<p align=\"justify\"><font face=\"Arial\"><font size=\"3\"><em>(Mulunee Tolasaa)<\/em> <\/font><\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Obbo Aagawoo Dassuu dhalatanii kan guddatan Naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa, Godina Oomoo Kibbaatti. Dhalataa sablammii Tsamaay yoo ta&#8217;an, bakka dhalootasaaniirraa bahanii daandii dheeraa wayita deeman kan baranaa kun isa jalqabaasaaniiti. Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Ummattootaa Saddeettaffaa Jigjigaatti kabajuuf Lixaa ka&#8217;anii Bahatti waan imalaniif imalli kun isaaniif ajaa&#8217;iba akka ta&#8217;e dubbatu. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Bakki dhaloota Obbo Aagawoo Finfinneerraa kiiloomeetira 800 ol akka fagaatu tilmaamu. Sababa kanaanis bakki isaan beekaniifi dacheen isaan eeran Oomoo Kibbaa qofa. Handaara biyyaatii ka&#8217;anii handaara isa faallaatti argamutti imaluusaaniitti maaltu akka ittidhagahame ittisiqeen gaafadhe. Isaanis hedduu gammaduusaanii naaf ibsan. \u201cGaruu jedhan Obbo Aagawoon; garuu wantan taajjabe tokko si hindhoksu\u201d naan jedhan. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">\u201cMaal laata\u201d jedheen cimsee gaafadhe. \u201cSablammii Sumaalee Itoophiyaa arguu kootti gammadeera&#8230; garuu&#8230;\u201d jedhanii afaan keessa qabatan. \u201cAfachuu natti himaamee&#8230;\u201d jedheen yaadasaanii dhagahuuf sardame. \u201cElaamee&#8230; obboleessaa&#8230;\u201d jedhan; bakki jireenya hawaasa kanaa hedduu fagoodha\u201d. \u201cEessa? Jigjigaatu Fagoodhaa?\u201d jedheen irra deebiin gaafadhe. \u201cEeyyen\u201d jedhan. \u201cMee yaadi&#8230; Guyyaa afur guutuu deemnee as geenyem&#8230;\u201d naan jedhan. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Wayita kana ture egaa yaadi tasaa sammuukoo keessa kan deddeebi&#8217;e. Gaffii cimaa of gaafadheen deebiisaaf of dhiphisuun carraakoo ta&#8217;e. Gaaffii akkana jedhun of gaafadhe. \u201cObbo Aagawoo Oomoo Kibbaarraa dhufanii Jigjigaan fagoodha jedhan. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Dhuguma Jigjigaamoo Oomoo Kibbaatu fagoo jedhama? Hata&#8217;uutii Itoophiyaa keessaa bakki fagoon eessa? Hawaasi fagootti argamuwoo eenyu?\u201d jedheen of gaafadhe. Gaaffichi tasa nama yaadeef gaaffii salphaa fakkaata. Anaaf garuu hedduu natti cimee naqoruunsaa hinoolle. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Gaaffii kana deebisuuf waa yaaduun dirqama. \u201cEessaa ka&#8217;anii yoo safaran?\u201d isa jedhu. Naannawa Itoophiyaa kamiyyuu &#8216;Fagoofi Dhiyoodha&#8217; kan jennu eessaa kaasnee safarreetu laata? Finfinnee, bakka teessuma moototaamoo Affaar bakka lafeen ilma namaa argamerraa? Adwaa bakka bilisummaan Afrikaa ittimirkanaa&#8217;erraamoo Madda Walaabuu bakka Rabbi afuurasaan nama tolcherraa? Aksum wiirtuu qaroomina Afrikaa bahaarraamoo Gondor buufata mootota hedduurraa? <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Fageenya dachee Itoophiyaafi Itoophiyaanota eeruuf gaaffiin armaan olii deebi&#8217;uu qaba jedheen yaade. Gaaffii kana deebisuuf ammoo seenaa baruun, siyaasa hubachuun, lammummaa safeeffachuun dirqii ta&#8217;e. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Obbo Aagawoof Itoophiyummaan Oomoo Kibbaa jira. Kaan garuu isaaf fagoodha. Nama sablammii Sumaalee ta&#8217;eef ammoo Itoophiyummaan bahatti argama. Inni kaan lammii ta&#8217;ullee isaaf fagoodha. Lammii Benishaanguliifi Gaambeellaarraa dhufeef Itoophiyummaan lixatti dhiyaata, isa kaabarra dhufuuf ammoo Kibbi fagoodha. Kanaafuu kutaan Itoophiyaa tokko eessaa kaasee safaramuu qaba laata? Itoophiyummaanoo eessaa ka&#8217;ee cimaa deema? <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Baroota bittaa darban keessa gaaffiin kun salphaa ture. Itoophiyummaan sirna cunqursaa gita bittootaarraa eegalaa waan tureef. Fageenyi kutaa biyyattiis safaramaa kan ture wiirtuu teessuma gitoota bittaarraa eegalee waan tureef. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Har&#8217;a hiikkoon lammummaa handhuura biyyattiirraa hineegalamu. Fageenyi Itoophiyummaas kiiloo meetiraan hinsafaramu. Lamaansaayyuu maddisaa tokko ta&#8217;ee waan jiruuf; laphee lammiiwwaniirraa akka eegaluuf barri waan dhufeef. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Har&#8217;a miirri Itoophiyummaa laphee lammiiwwanii keessaa burqa. Walqixummaan lammummaa waan mirkanaa&#8217;eefis fageenyi kutaa biyyattii bakka lammiileen jiranirraa eegala. Obbo Aagawoo kaleessa eenyummaasaaniitti qaana&#8217;aa turaniiru. Har&#8217;a garuu isaaniiff lammummaan Oomoo Kibbaa, Tsamaayirraa ka&#8217;a. Saba kaaniifis akkasuma. Fageenyi dachee bakka itti mirgi sabummaasaa kabajamerraa eegala. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Safarri Itoophiyummaafi hiikkoon lammummaa eenyummaarraa akka eegaluuf qabsoodhaan waan milkaa&#8217;eef. Saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii maraaf boroon qixxeetti waan bari&#8217;eef. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">*******<br \/>*<\/font><a href=\"http:\/\/www.ethpress.gov.et\/bariisaa\/index.php\/bariisaa\/yaada\/660-fagoon-isa-kami\" target=\"_blank\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Bariisaa<\/font><\/a><font size=\"3\" face=\"Arial\"> \u2013 March 2014<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\"><\/font><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Mulunee Tolasaa) Obbo Aagawoo Dassuu dhalatanii kan guddatan Naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa, Godina Oomoo.<\/p>\n","protected":false},"author":40,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,2,3],"tags":[5],"class_list":["post-31","post","type-post","status-publish","hentry","category-afaan-oromoo","category-ethiopia","category-oromo","tag-ll"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-v","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/31","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/40"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=31"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/31\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":32,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/31\/revisions\/32"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=31"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=31"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=31"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}