{"id":29,"date":"2014-04-04T18:32:00","date_gmt":"2014-04-04T15:32:00","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=29"},"modified":"2016-04-13T01:26:29","modified_gmt":"2016-04-12T22:26:29","slug":"maaltu-dhagaamaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2014\/04\/04\/maaltu-dhagaamaa-jira\/","title":{"rendered":"Maaltu dhaga&#8217;amaa jira?"},"content":{"rendered":"<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\"><em>(Bayyanaa Ibiraahim)<\/em><\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Yeroo tokko tokko \u201cAmmayyummaa badaarra doofummaa gaarii woyyaa laata?\u201d najechisiisa. Qaroominni seera uumaatiin mormu qarooma natti hinfakkaatu. Heerri uumaa gaafa ilmi namaa dachee kanarra jiraachuu eegaleen jalqabdee tumamte. Jijjiiramni yeroo, siyaasaa, hawaasummaafi mootummaas heera uumamaa jijjiiruu danda&#8217;a jedhees hinyaadu. Sababnisaas, qaroominni ilma namaa wantoota hedduurran gahus seera uumaa jijjiiruuf garuu humnis ta&#8217;ee beekkumsi hamma har&#8217;aatti waan argame natti hinfakkaatu.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Akka kitaaboti amataa eeranitti Rabbi ilma namaa dachee kanarratti erga uumeen booda kophaasaa akka jiraatuuf hin feene. Lafee cinaachaasaa kan taate haadha warraa heyyameef. Jarreen kana lamaanis saalaan adda baasee dhiiraafi dhalaa jechuun moggaase. yeroo sanaa eegalee namni saala garaa garaa qabu, jechuunis dhiiraaf dubartiin wol-fuudhanii ykn wolitti heerumanii wol-horuun heera uumaa taatee tumamte.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Dhalli namaas wol-horuufis ta&#8217;ee wajjiin jiraachuuf seera uumaa kana hordofuun dirqama uuma itti ta&#8217;e. Haala fuudhaa fi heerumaa kana keessattis firri fira ykn dhalli dhala hin fuudhus ittis hin heerumsiisu walitti heerumsiisuufi walirraa fuudhuun safuu dhiifama hin qabneedha.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Ka&#8217;umsi barreeffama koo kanaa dubbachuuf wanta dubbitti hintolle, dhaggeeffachuuf wanta gurratti hin tolle, callisuufis wanta ummataaf hintolledha. Mukukula abiddaati; Kan bakka qabatan hin qabne. sa&#8217;aa abidda dhale; Kan hoosisuunis ta&#8217;ee itti dhiisuun nama dhibu.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Du&#8217;a dhoksanii awwala eessa geessan jedha mitiiree? Oromoon gaafa mammaaku. Kanaaf osuma gurri sin jibbuu dhaga&#8217;aa; Waa taajjabduutii. Osuma iji isin quuqtuus dubbisaa waa irraa barattuutii. Yoon kana jedhu garuu wanta adunyaa kanarra hinjirre nu dhaggeesisinnaa laata? jechuun keessan hin hafu. Ani garuu wanta adunyarra hin jirre qofa osoo hintaane, wanta heera uumaa dabsuudhaan faallaa heera uumaa ganamaan raawwatamaa jiru tokkotu hirriba na dhoorkeet kobbeekoo kanan kaase.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Dhiirri dhiira gudeedaa jira yoo isiniin jedhe maal naan jedhittu laata ? \u201cWaan dubbatu dhabe, safuu hin beeku, niqoosa moo ni maraate\u201d naan jedhittu laata? Homafeetanis yoo naanjettan ni fudhadha. Ni maraattes jennaan siriidha gocha kanatu gocha nama maraateeti. Safuu hinbeeku naan jennaanis sirriidha nama safuu hin beeknetu wanta akkanaa raawwata waan ta&#8217;eef. Ni qoosa naan jennaanis kunis sirriidha dubbichatu qoosaa faakkaata wanta waan ta&#8217;eef.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Kana qofaa miti daa&#8217;imman umrii afuriifi shanii gudeeddamaa jiru yoon jedhehoo amantuu laata? baayyeen keessan jechuu kooti namootni wanta akkanaa kana dhaga&#8217;ee gurraa qabus hedduudha waan ta&#8217;eef.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Dhimmi ijoon garuu wanta kana akka oduu gaarii tokkootti isinitti himuuf osoo hin taane wanta heera uumaa keessa hinjirre, wanta aadaa hawaasaa keessatti hin baramne, wanta gadhee fi fokkisiisaa darbee Rabbi nu&#8217;uumes dallansiisu kana akka hin babal&#8217;anneef bakka jirutti akka dhaabtu akkasumas akka dhabamsiifamu gochuudhaaf ummata hubachiisuufi kakasuun murteessaa waan ta&#8217;eef dhimmicha akka ajandaatti kaasuuf dirqame.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Onkololeessa 9-10tti mata duree &#8221;Barmaatiilee miidhaa geessisani ittisuu irratti ga&#8217;ee ogeeyyii miidiyaa&#8221; jedhuun magaala Bushooftuu hoteela hiwotitti leenjiin ogeeyyii miidiyaatiif kennamee ture. Leenjicharratti qorannoon garaa garaa dhiyaatanii mariin bal&#8217;aan irratti kan geggeefame yemmuu ta&#8217;u, wanti haaroftii fi kanaan dura hin dhaga&#8217;amne tokko walga&#8217;icharratti dhaga&#8217;ame ture. Iddoonsaa aanaa Walmaraa fi Sabbataa Hawaas keessatti yoo ta&#8217;u gudeeddaan dhiirota 16rratti raawwatamuudha oduun rifachiisaan himame. Daa&#8217;imman shamarree umriinsaanii waggaa afuriifi shan hin caalles guddeeddamuun kan ibsame waltajjichumarratti ture.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Egaa nutis wanta kana akkuma dhageenneen ummata biraan gahuun duratti wanti kun ummataafi dhiyaachuu qaba moo hinqabu? Yaada jedhurratti falminee turre. Gareen tokko \u201cWanti kun ummata biratti waan hin baramneefi aadaa ummataa keessa wanta hinjirre akkasumas ummanni wanta gadhee akkanaa dhaga&#8217;uun hinbarbaachisu\u201d yoo jeedhu, garee biraan ammoo \u201cDhimmi kun ummata biratti wanta barame ta&#8217;uu baatullee hawaasa kan barsiisu waan ta&#8217;eef ummataan gahamuu qaba kan jedhuu ture. Dhumarratti garuu yaanni garee lammataa yaada irratti waliigalame ta&#8217;ee anis dhugaa kana isiniiqooduuf milkoomeera.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">Waa hundaafuu gochii aadaafi seenaa hawaasa biyya keenyaa kana waliin wal hinsimanne kun sukkanneessaadha. Namooti gocha kana raawwataniis seeratti dhiyaatanii waan isaaniif malu argataniiru. Mudannoonsaanii rifachiisaa ta&#8217;us garuu dhaamsa akeekkachiisaa hawaasaaf kan dabarsu waan ta&#8217;eef hawaasi keessumattuu maatiin daa&#8217;imman qaban bahuu-galuu daa&#8217;immansaanii ilaalchisee ofeeggannoo malchiisaa taasisuu qabu jenna.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\" face=\"Arial\">*******<br \/>*<a href=\"http:\/\/www.ethpress.gov.et\/bariisaa\/index.php\/bariisaa\/yaada\/682\" target=\"_blank\">Bariisaa<\/a> \u2013 March 2014<\/font><\/p>\n<p><font size=\"3\" face=\"Arial\"><\/font><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Bayyanaa Ibiraahim) Yeroo tokko tokko \u201cAmmayyummaa badaarra doofummaa gaarii woyyaa laata?\u201d najechisiisa. Qaroominni seera uumaatiin.<\/p>\n","protected":false},"author":40,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,2,3],"tags":[5],"class_list":["post-29","post","type-post","status-publish","hentry","category-afaan-oromoo","category-ethiopia","category-oromo","tag-ll"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-t","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/29","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/40"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=29"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/29\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":30,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/29\/revisions\/30"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=29"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=29"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=29"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}