{"id":23408,"date":"2017-08-29T06:47:50","date_gmt":"2017-08-29T03:47:50","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=23408"},"modified":"2017-08-29T18:23:53","modified_gmt":"2017-08-29T15:23:53","slug":"haala-tibbanaa-oromiyaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2017\/08\/29\/haala-tibbanaa-oromiyaa\/","title":{"rendered":"Haala Tibbanaa Oromiyaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\"><em><strong>(Addisu Arega Kitesa)<\/strong><\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Karaa marsaalee miidiyaa hawaasaatiin tibbana waamichi lagannaa gabaa guutuu Oromiyaa keessatti waamamaa turee jira. Waamicha kana bu\u2019 uura godhachuun aanaalee Oromiyaan qabdu 315 keessaa aanaalee 29 fi Magaalota gurguddoo 4 keessaati lagannaan gabaa taasifamaa jira.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Lagannaa gabaa waamame kanaaf ajandaalee gurguddaa sadiitu akka sababaatti ka\u2018e. Isaanis Hoggantootni Paartii Siyaasaa OFC haahiikamani, Gibirri humnaa olii nurraa haaka\u2019u , daangaan Oromiyaa haakabjamu kanjedhudha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhimmootni akka ajandaatti ka\u2019aa jiran kun ajandaa ka\u2019uu malanidha. Sirni ijaaraa jirru sirna dimookraasii ti. Sirna kana keessatti ammo ummatni keenya waan itti dhagahamu karaa nagaatiin mormuuf, falmees mirga isaa deebifachuuf deemuun waan jajjabeeffamuuf aadaa ta\u00fau qabudha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Mootummaan Naannoo Oromiyaa ka\u2019umsa mormii ummata keenyaa bu\u2019ura irraa dhaggeeffatee ummata waliin ta\u2019ee furmaata fiduun dirqama isaati. Ajandaleen akka komiitti ka\u2019aan mmaalirra jiru?<\/p>\n<figure id=\"attachment_23410\" aria-describedby=\"caption-attachment-23410\" style=\"width: 400px\" class=\"wp-caption alignnone\"><a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Addisu-Arega-Oromia-Communication-Bureau.jpg\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\"wp-image-23410\" src=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Addisu-Arega-Oromia-Communication-Bureau-1022x1024.jpg\" alt=\"Photo - Addisu Arega, Oromia Communication Bureau\" width=\"400\" height=\"401\" srcset=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Addisu-Arega-Oromia-Communication-Bureau-1022x1024.jpg 1022w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Addisu-Arega-Oromia-Communication-Bureau-150x150.jpg 150w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Addisu-Arega-Oromia-Communication-Bureau-300x300.jpg 300w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Addisu-Arega-Oromia-Communication-Bureau-768x770.jpg 768w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Addisu-Arega-Oromia-Communication-Bureau.jpg 1355w\" sizes=\"auto, (max-width: 400px) 100vw, 400px\" \/><\/a><figcaption id=\"caption-attachment-23410\" class=\"wp-caption-text\"><span style=\"font-size: 10pt;\">Photo &#8211; Addisu Arega, Oromia Communication Bureau<\/span><\/figcaption><\/figure>\n<p style=\"text-align: justify;\">Hiikamuu hidhamtootaa ilaalchisee Mootuummaan Naannoo Oromiyaa dhiifamaaf bakka guddaa qaba. Dhiifama walii godhuun buuura waan hundaati jedhee amana. Dhiifama walii godhuun nageenya fida. Gamtaa fi wal jaalala cimsa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kanaafuu, hoggansi haaromsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara kana adabamtoota seeraa 22,000 ol ta\u2019an dhiifama godhee qe\u2019ee isaaniitti akka deebi\u2019an taasisee jira.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Hoggantoota Paartii OFC ilaalchisee ,namootni kun to \u2018annoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa jala akka hinjirre beekamuu qaba. Ta \u2018us ji\u2019oota lama dura waltajjii Magaalaa Naqamteetti geggeeffameen jaarsoliin biyyaa fi namootni bebbeekkamoon hoggantootni Paartii OFC akka hiikaman Muummicha Ministeeraa FDRI kab.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Obbo Hayilamaariyaam Dassalany cimsanii gaafatanii jiru. Isaansi dubbichi sirna isaa eeggatee akka ilaalmu kallattii ka\u2019aanii jiru. Nutis raawwii kallatti kanaa eegaa jirra.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Komii Kaffaltoota gibiraa sadarkaa C ilaalchisee komoiin daldlatoota xixiqqaa sirnaan akka ilaalmu, dogogrri tilmaama galii guyyaa keessatti uumame sirnaan ilaalmee akka furmaata argatu MNO murteessee hojii irra oolchee jira.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Adeemsa hanga ammatti jiruunis Kaffaltootni gibiraa sadarkaa C 340,792 keessaa 242,266 (71%) gibira isaan irraa eegamu kaffalanii jiru. Kan hafanis yeroo gabaabaa keessatti kaffalu jedhamee eegama. Kanaafuu dhimmi kun ajandaa laguu gabaa ta\u2019uu hindanda\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dubbii nageenya daangaa ilaalchisee bara kana hojii guddaatu hojjetame. Akkuma beekamu Oromiyaan Naannoo Tigraayin alatti naannoolee hunda waliin waldaangessiti. Haalli bulchiinsa daangaa keenyaa rakkoo guddaa keessa akka jirus sochii haaromsa gadi fageenyaatiin addaan bahee jira.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Haaluma kanaan hojii bara kana hojjetameen daangaan Bulchiinsaa karaa Naannoo Benishaangul Gumuz, Gambeelaa, fi Amaara waliin idoowwan hin dangeffaminii fi ka\u2019umsa walitti bu\u2019uunsaa turan karaa ummata hirmachiseen akka daangeffamanii xumuraman taasifamee jira.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Naannoo sabaa fi Sab lammoota Ummatootta kibbaa waliinin dubbiin daangaa akka xumura argatu hojjetamaa jira. Ka\u2019umsa walitti bu\u2019iinsaa kan turee fi wareegama lubbuu hedduutiif sababa ta\u2019ee kan ture daangaa Bulchiinsaa Naannoo Somaalee Itiyoophiyaa waliin jirus bu\u2019uura riifarandamii bara 1997tiin daangessuun akka xumuramu hojjetamaa jira. Yeroo ammaa kanas hojiin daangessuu %75 ol raawwatamee jira.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Mootumman Naannoo Oromiyaa sirni ijaaraa jiru sirna dimookraasii waan ta\u2019eef ummatni keenya komii fi qeeqa qabu hunda tooftaa qabsoo karaa nagaa kamiiniiyyuu fayyadamee dhiyeessuu danda\u2019a jedhee amana. Qaamotni hawaasaa aanaalee fi magaalota addaa addaa keessatti komii qaban bifa lagannaa gabaatiin mulisanis mirga isaanii akka ta\u2019e ni amana.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Ejjennoo isaanis nikabaja. Ta\u2019us namni komii fi qeeqa qabu karaa lagannaa gabaatiin dhageessifachuun mirga isaa akkuma ta\u2019e namni lagannaa keessatti hirmaachuu hinfeenes hirmaachuu dhiisuuf mirga guutuu qabu hubatamuu qaba.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kanaafuu, adeemsa lagannaa gabaa taasifamaa jiru keessatti dhaabbilee daldalaa fi geejjibaa hojii idilee isaanii ittii fufan humnaan sukkaneessuu, \u201ctarkaanfiin irratti haafudhatamu\u201djedhanii waamichaa dabarsuun dogogora guddaadha. Dhakaadhaan foddaa konkolaataa caccabsuu, boombii darbachuun namoota nagaa irrattii miidhaa qaqqabsiisuun nama sukkanneessuuf yaaluun, \u2018yaada koo qofatu sirriidha\u2019 jedhanii nama biraa irratti fe\u2019eeuuf dee\u2019muun gocha farra dimookra\u2019asiiti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Namoota hojii idilee isaanii geggeessan irratti \u201cmaaliif lagannaa gabaa keessatti hirmachuu didde\u2019\u2019jedhanii sodaachisuu fi sukkaneessuuf qaamota gochoota seeraan alaa keessatti hirmaatan irratti, MNO dirqama seera kabajichiisuu waan qabuuf tarkaanfii seeraa barbaachisaa kan irratti fudhatu ta\u2019a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">*********<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Addisu Arega Kitesa) Karaa marsaalee miidiyaa hawaasaatiin tibbana waamichi lagannaa gabaa guutuu Oromiyaa keessatti waamamaa.<\/p>\n","protected":false},"author":12,"featured_media":23410,"comment_status":"open","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[2,37,8,11],"tags":[],"class_list":["post-23408","post","type-post","status-publish","has-post-thumbnail","hentry","category-ethiopia","category-featured","category-opdo","category-oromia"],"jetpack_featured_media_url":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Addisu-Arega-Oromia-Communication-Bureau.jpg","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-65y","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23408","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/12"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=23408"}],"version-history":[{"count":4,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23408\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":23415,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23408\/revisions\/23415"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media\/23410"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=23408"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=23408"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=23408"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}