{"id":23401,"date":"2017-08-27T01:21:22","date_gmt":"2017-08-26T22:21:22","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=23401"},"modified":"2017-08-27T01:26:07","modified_gmt":"2017-08-26T22:26:07","slug":"ammas-maddi-rakkoo-keenyaa-numa-keessa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2017\/08\/27\/ammas-maddi-rakkoo-keenyaa-numa-keessa-jira\/","title":{"rendered":"Ammas maddi rakkoo keenyaa numa keessa jira!"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 14pt;\"><em><strong>(Tolawaaq Waarii)<\/strong><\/em><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Pireezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa kabajamaa Ob.Lammaa Magarsaa dhiyeenya kana waltajjii tokko irratti wayita dubbatan akkana jedhan\u201dDh.D.U.O\u2019n miseensoota miliyoona 4 qaba,kutannoon jiraannaan miseensi 400 jijjiirama ol\u2019aanaa argamsiisuu danda\u2019a\u201d Ob.Lammaan dhuguma jedhan,dhugaa qabatamaan jiru dubbatan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kallachi qabsoo Ummata Oromoo Dh.D.U.O\/ADWUI\u2019n miseensi horate hundi qulqulluu ta\u2019ee qajeelfamaafi hojmaata jiru hordofuudhaan haqaan utuu hojjetee yeroo adda addaatti rakkoon hin dhalatu,dhalatees hin babal\u2019atu ture.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Miseensi haqaan qabsaa\u2019u bakka hin jirretti rakkoon babal\u2019achuunsaa dirqama.Miseensonni faayidaa ummata bal\u2019aa dagatanii faayidaa dhuunfaatiif socho\u2019an bakka jiranitti qabsoon dagatamee rakkooleen ummanni komii ittiin kaasu jiraachuun waan hin oolledha.<\/span><\/p>\n<figure id=\"attachment_23405\" aria-describedby=\"caption-attachment-23405\" style=\"width: 600px\" class=\"wp-caption alignnone\"><a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Omer-Hussein-Lemma-Megersa-Abdulaziz-Mohammed-of-Oromia.jpg\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\"wp-image-23405\" src=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Omer-Hussein-Lemma-Megersa-Abdulaziz-Mohammed-of-Oromia-1024x683.jpg\" alt=\"Photo - Vice Pres. Omer Hussein, Pres. Lemma Megersa, Vice Pres. Abdulaziz Mohammed of Oromia\" width=\"600\" height=\"400\" srcset=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Omer-Hussein-Lemma-Megersa-Abdulaziz-Mohammed-of-Oromia-1024x683.jpg 1024w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Omer-Hussein-Lemma-Megersa-Abdulaziz-Mohammed-of-Oromia-300x200.jpg 300w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Omer-Hussein-Lemma-Megersa-Abdulaziz-Mohammed-of-Oromia-768x512.jpg 768w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Omer-Hussein-Lemma-Megersa-Abdulaziz-Mohammed-of-Oromia.jpg 1200w\" sizes=\"auto, (max-width: 600px) 100vw, 600px\" \/><\/a><figcaption id=\"caption-attachment-23405\" class=\"wp-caption-text\"><span style=\"font-size: 10pt;\">Photo &#8211; Vice Pres. Omer Hussein, Pres. Lemma Megersa, Vice Pres. Abdulaziz Mohammed of Oromia<\/span><\/figcaption><\/figure>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Qaamoleen hawaasaa adda addaa yaada kennaa jiraniin qorannoo haaromsaa booda hanga tokko fooyya\u2019uumsi jiraatus rakkooleen bulchiinsa gaarii nudararaa turan ammas jiru jechuun sab-quunnamtiilee adda addaa irratti wayita dubbatan dhaga\u2019amaa jira.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Wanti Ummata bal\u2019aa jalaa dhukatu tokkollee hin jiru jedhama.Dhugaadha Ijji Ummata bal\u2019aa waan hunda arguu danda\u2019a argaas jira.Jijjiiramni hooggansaa iddoowwan adda addaatti kan taasifame fedhiin ummataa akka guutuufi.Hooggansi sadarkaan jiru,caasaan mootummaafi dhaabaa damee hundumaanuu fedhiin ummataa akka guutuuf hin socho\u2019u taanaan ergama Mootummaafi ummataan itti kenname ba\u2019aa hin jiru jechuudha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kenniinsa tajaajilaa wajjin walqabatee komiiwwan kanaan dura dhaga\u2019amaa turan ammas furmaata kan hin arganne baay\u2019eedha.Kana haaluun gonkumaa hin danda\u2019amu.Rakkoon hundumtuu yeroo gabaabaa keesstti fala argachuu akka hin dandeenye kan hubatamu ta\u2019us.Rakkooleen dhiyeessii tajaajilawwan adda addaa kanaan dura mudachaa turan ammas furmaata waaraa kan hin arganne jiru.Fakkeenya kaasuudhaan haa ilaallu<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kenniinsa tajaajila dhiyeessii humna ibsaa wajjin walqabatee hanqinni kanaan dura ture ammas hin furamne,inumaatuu iddoowwan tokko tokkootti hammaatee itti fufe jechuun ni danda\u2019ama.Yeroo tajaajilli ibsaa itti argamuufi hin argamne walbira qabuudhaan ilaaluun yoo barbaachise kan caalu yeroo tajaajilli ibsaa itti dhabamu akka ta\u2019e mamii malee dubbachuuf kan nama dirqamsiisu haaluma qabatamaan jirudha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Dhiyeessii tajaajila bishaan dhugaatii wajjinis wal qabatee iddoowwan tokko tokkotti pirojaktoonni ijaarsarra turan xumuramanis sababa adda addaatiin hawaasni bishaan dhugaatii argachaa akka hin jirre wayita dubbatu dhaga\u2019ama.Misooma Daandilee wajjin wal qabatee carraaqqii ol\u2019aanaa taasifameen daandilee babal\u2019isuun waliin ga\u2019uuf sochiin taasifamus sababa malaammaltummaafi rakkoolee kanneen birootiin hanqinni qulqullinaa waan jiruuf hawaasni iddoowwan baay\u2019eetti rakkoodhaan dararamaa jira.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Tajaajilli geejibaa kennamus fedhii hawaasni qabu wajjin kan walgitu akka hin taa\u2019e haaluma qabatamaan jiru irraa hubachuun waan rakkisaa hin ta\u2019u.Caasaan siiviil sarvisii waggoota hedduuf dhoqqaa\u2019ee tures jijjiiramni haaromsa booda mul\u2019ise kanadha jedhamee kan jajamuu danda\u2019u miti.Kana jechuun caasaan siiviil sarvisii hundumtuu rakkoo keessaa hin baane jechuu miti.Kanneen adeemsa jijjiiramaa eegalaniifi hawaasni qabatamaan galateeffatuun akka jiran beekamaadha.Garuu ammoo tajaajila kennamuun sadarkaa hawaasni hundi itti quufiinsa qabaaturra hin ga\u2019amne.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Egaa maddi rakkoolee jiran hundaa maali?jechuudhaan gaafachuun barbaachisaadha.Maddi rakkoolee jiranii <\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">\u00b7 Maal nadhibeedha<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">\u00b7 Faayidaa ummataafi biyyaa dhiisuudhaan faayidaa dhuunfaatiif dursa kennuudha,<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">\u00b7 Iddoo jiranitti qajeelfamootaafi hojmaatawwan jiran cabsuudhaan akka fedhii dhuunfotaatti deemuudha,<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">\u00b7 Qulqulluu ta\u2019uu dadhabuudha,<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">\u00b7 Humna diinaatiif ergamtuu ta\u2019uun socho\u2019uudha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">\u00b7 Ergama manaa ittiin ba\u2019an dagachuudha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">\u00b7 Naannummaafi manakaraarsitummaadha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">\u00b7 Walumaa galatti loobica keessa seenuun dhoqqaa\u2019uudha<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Rakkoolee bu\u2019ura gadifageeffatan kana takka takkaan xiinxaluudhaan fala waaraa akka argataniif ammas kutannoodhaan hojjechuun shoora qaamolee dhimmi ilaallatu hundaati.ummanni bal\u2019aanis kana keessatti hirmaannaa ol\u2019aanaa taasisuutu irraa eegama.Ijji ummata bal\u2019aa waan hunda argakaa.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kanaaf ergamtoonni diinaa halaala taa\u2019anii ajaja gabaabduuu dabarsaniin ummanni mana taa\u2019uun gabaafi hojjechuu lagatee fincile jechuun dubbachuun rakkisaadha.Ummanni yoo komate akkuma kanaan duraa dhugaa qaba.Tajaajila argachuu qabu yoo dhabu ummanni komachuun sirriidha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Badiin cimtuun fakkeessitoota caasaa dhaabaafi mootummaa keenya keessa taa\u2019anii faayidaa dhuunfaatiif kaataniifi ergamtoota diinaa ta\u2019an bira jirti.Kana waakkachuun rakkoo dabalataa uumti.Karaa biraatiin keessaayis alaayis kanneen hooggansa sirrii Ob.Lammaa Magarsaatti inaafanis adabatanii taa\u2019uu utuu filatanii wayyaafi.\u201dBaddu baddi malee saree ija hindhiqan\u201d!<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">********<\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Tolawaaq Waarii) Pireezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa kabajamaa Ob.Lammaa Magarsaa dhiyeenya kana waltajjii tokko irratti wayita.<\/p>\n","protected":false},"author":12,"featured_media":23405,"comment_status":"open","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[27,2,37,8,11,3],"tags":[],"class_list":["post-23401","post","type-post","status-publish","has-post-thumbnail","hentry","category-articles","category-ethiopia","category-featured","category-opdo","category-oromia","category-oromo"],"jetpack_featured_media_url":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/08\/Photo-Omer-Hussein-Lemma-Megersa-Abdulaziz-Mohammed-of-Oromia.jpg","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-65r","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23401","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/12"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=23401"}],"version-history":[{"count":4,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23401\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":23407,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23401\/revisions\/23407"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media\/23405"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=23401"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=23401"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=23401"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}