{"id":23325,"date":"2017-07-18T05:45:06","date_gmt":"2017-07-18T02:45:06","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=23325"},"modified":"2017-07-18T05:45:06","modified_gmt":"2017-07-18T02:45:06","slug":"afaan-oromoo-afaan-hojii-mootummaa-federaalaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2017\/07\/18\/afaan-oromoo-afaan-hojii-mootummaa-federaalaa\/","title":{"rendered":"Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta\u2019uuf hojjechuu qabna!"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 14pt;\"><em><strong>(Tolawaaq Waariitiin)<\/strong><\/em><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Afaan Oromoo afaan Amaaraatiin wal qixa afaan hojii mootummaa Federaalaa akka hin taaneef wanti dhorku tokkollee hin jiru.Nuti Oromonni garuu gamaa gamana dhaabbannee yaada gufuu ta\u2019u kaasuu dhiifnee Afaan keenya Afaan Saba bal\u2019aa Afaan hojii mootummaa Federaalaas akka ta\u2019uuf kutannoodhaan haahojjennu!<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Barreeffama kana jalqaba irratti <a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/am\/2017\/07\/16\/afan-oromo-for-federal-government\/\" target=\"_blank\" rel=\"noopener\">Afaan Amaaraatiin qopheesseen ture<\/a>, takka taa\u2019ee yoon yaadu dhaloonni haarawaan Qubee Afaan Oromootiin baratee sadarkaa kamirrattuu argamu qubee Afaan Amaaraa dubbisuu irratti rakkachuu hin oolu jedheen yaade,kanaafan yaada guutuu gara Afaan Oromootti deebisuudhaan waan itti dabalamuu qabus itti dabalee kunoo akkanatti isinii dhiyeesse.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kaayyoon Barreeffama kanaa Oromoonni hundi waan saba keenya bal\u2019aa ilaallatu kamirrattuu jarjartiin utuu hin taane sababa quubsaadhaan deeggaramuun tasgabbiidhaan xiiqiidhaan hojjechuun akka barbaachisu yaada kaasuudhaan kan Sabasaafi dhaloota haarawaaf quuqamu hunda onnachiisuudha.Egaa yaada guutuu barreeffama kanaa argachuuf dubbisaa hin nuffinaa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhimmi faayidaa addaa Naannoon Oromiyaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irraa argachuu qabu yeroo waggoota 25 caaluuf akka fanjiitti(meenuu) sodaatamaa ture.Waa\u2019een faayidaa addaa heera mootummaa biyya keenya Itiyoophiyaatiin beekkamtii argate kun ifatti beekamee hundumtuu kan irratti mari\u2019atu ta\u2019ee dhimmicha irratti yaada waljijjiiruun akkuma itti fufetti jira,kun waan gaariidha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhimmi kun kunoo akkanatti iftoomee ummataaf dhiyaachuu utuu\u00a0 qabuu waggoota hedduuf irra dibaaf sodaannaadhaan qabamuun humnoota farra misoomaafi farra Ummataa ta\u2019aniif ajandaa mormii ta\u2019ee turuu hin qabu ture.Haata\u2019uutii har\u2019a wanti hundumtuu kallattii sirrii qabachaa waan jiruuf turus bubbulus homaa miti kan caalutu argama jechuun ni danda\u2019ama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhiyeenya kana labsiin wixineen faayidaa addaa mana maree ministirootaatiin ragga\u2019uun miseensoota mana maree bakka bu\u2019oota Ummataatiinis ilaalamee gara koree dhimmi ilaallatutti dabarfame ariitiidhaan ragga\u2019uu mannaa haabulu jedhamee akka murteeffame ni beekama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u201cJarjaaraan\u2026 gaafa ciniina\u201dakkuma jedhamu labsiin wixineen dhimma faayidaa addaa irratti xiyyeeffate kun bu\u2019aa barbaadamu akka hin dhabneef,akkasumas dhimmi kun qaamota adda addaatiin kan barbaadamu waan ta\u2019eef mariidhaan akka bilchaatuufi fedhiin Ummata Oromoos guutee mirgi qaamota kanneen biroos utuu hin sarbamin labsichi bilchina akka qabaatuuf mee irratti haamari\u2019annu jedhamuun murtee guddaa ga\u2019uumsa hooggantoota keenyaatiin argame akka ta\u2019e hubachuun rakkisaa miti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhimmoota gara garaa labsii wixinee keessatti faayidaa addaati jedhamanii ifoomsaman irratti barreeffama biraatiin ilaalchakoo kanan barreessuu ta\u2019uun akkuma eegametti ta\u2019ee barreeffama kanaan\u00a0 Afaan Oromoo Finfinneetti Afaan hojii ta\u2019a jedhamuu ka\u2019uumsa taasifachuun akkana utuu ta\u2019ee wayya jedheen yaadakoo dhiyeessa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Afaan Oromoo afaan sirnoota cunqursitoota kanaan duraatiin akka quucaree turu afaan taasifamedha.Sirnoonni abbaa irree kanaan duraa akkuma saboota sablammootaafi ummattoota kanneen biroo haala adda addaatiin cunqursaa turan Ummata Oromoo irratti ammoo cunqursaa dachaa geessisaa turan.Sababa kanaan Afaan Oromoo afaan hoog-barruufi afaan hojii ta\u2019uuf carraa hin arganne.Inumaatuu Afaan saba bal\u2019aa kun kan ittiin qaana\u2019amu akka ta\u2019u waan taasifameef qancaree hafuudhaan utuu hindagaagin tureera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kunis ta\u2019ee Afaan Oromoo akka hin dagatamneefi akka hinbadineef qabsaa\u2019oota Oromoo kutannoo qabaniifi hayyoota dhuunfaatiin akkasumas Ummanni Oromoo bal\u2019aan qabsoo cimaa eenyuummaasaa kabajisiisuuf waggoota hedduuf taasiseen umuriin Afaan Oromoo dheeratee turuu danda\u2019uudhaan iddoo cunqursitoonni ittii awwaalan keessaa ba\u2019uun bara 1983 as yeroo mootummaa ca\u2019uumsaa irraa eegalee Naannoo Oromiyaatti Afaan hojiifi baruumsaa ta\u2019uudhaan tajaajilaa jira.Inni kun Ummata bal\u2019aa Oromootiif injifannoo ol\u2019aanaa ta\u2019uun seenaadhaan galmeeffameera.<\/p>\n<figure id=\"attachment_23326\" aria-describedby=\"caption-attachment-23326\" style=\"width: 531px\" class=\"wp-caption alignnone\"><a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Image-Afaan-Oromo-alphabet.jpg\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\"size-full wp-image-23326\" src=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Image-Afaan-Oromo-alphabet.jpg\" alt=\"Image - Afaan Oromo alphabet\" width=\"531\" height=\"387\" srcset=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Image-Afaan-Oromo-alphabet.jpg 531w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Image-Afaan-Oromo-alphabet-300x219.jpg 300w\" sizes=\"auto, (max-width: 531px) 100vw, 531px\" \/><\/a><figcaption id=\"caption-attachment-23326\" class=\"wp-caption-text\"><span style=\"font-size: 10pt;\">Image &#8211; Afaan Oromo alphabet<\/span><\/figcaption><\/figure>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Afaan Oromoo har\u2019a sadarkaa maalirra jira?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Afaan Oromoo naannoo Oromiyaatti afaan hojiifi baruumsaa erga ta\u2019ee asitti haala ajaa\u2019ibsiisaa ta\u2019een jijjiirama ol\u2019aanaa mul\u2019iseera. Ummanni Oromoo bal\u2019aan Afaan isaatiin fayyadamuuf hawwaa ture mootummaa maddii hiriiruudhaan carraaqqii of qusannaa tokko malee taasiseen hanga sadarkaa gadiitti manneen barnootaa babal\u2019ataniiru.Manneen barnootaa kana keessatti ijoolleen Oromoo marartuun miliyoonaan lakkaa\u2019aman barachuudhaan gara baruumsa ol\u2019aanaattis ce\u2019uun baratanii eebbifamaniiru,kanneen miliyoonaan lakkaa\u2019amanis barachaa jiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Wayita ammaa afaan Oromoo dhaabbilee baruumsa ol\u2019aanaa keessatti afaan hojii qorannoo ta\u2019uun tajaajilaa jira.Imalli\u00a0 guddina Afaan Oromoo cimee itti fufuudhaan Yuuniivarstiiwwan adda addaa keessatti digrii jalaqabaa,digirii 2ffaafi digirii sadaaffaanis lammiiwwan ga\u2019uumsa qaban kan kumaatamaan lakkaa\u2019aman akka horataman taasisaa akka jiru beekamaadha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kana malees miidiyaawwan maxxansaafi tamsaasa biroodkaastii adda addaatiin akkasumas miidiyaa teeknooloojii haarawaan Afaan Oromootiin hojjetamaa akka jiru ni beekama.kitaaboonni Afaan Oromootiin qophaa\u2019an hedduunis dubbiftootaaf raabsamaniiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kitaaboonni waggoota darban keessa Afaan Oromootiin qophaa\u2019anii dubbiftootaaf dhiyaatan qabiyyeen isaanii maaliyyuu haa ta\u2019u guddinaafi dagaagina Afaan Oromootiif shoora hin tuffatamne gumaachaniiru,gumaachaas jiru jechuun ni danda\u2019ama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akkuman gubbaatti eere Afaan Oromoo teeknooloojii baraa wajjinis walsimuudhaan rakkoo tokko malee tajaajilaa jira, keessumattuu akkaataa dubbisaafi sirna Qubee Afaan Oromoo eeguudhaan nama barreessuuf teeknooloojiin baraa haala mijaawaa uumeera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Haalawwan mijaa\u2019aan kun hundi utuu jiranuu Afaan Oromoo sadarkaa lammaffaadhaan Afaan hojii mootummaa Federaalaa akka hin taaneef maaltu dhorka?sababiin ta\u2019uu ittiin hin dandeenyes maalinni?Akka ilaalcha gareewwan tokko tokkootti Afaan Oromoos ta\u2019ee afaan kan biroo Afaan Amaaraa bira akka hin geenye barbaadama.Adeemsi kun sirrii akka hin taane gareewwan dhimma kana dhaadhessan hubachuu qabu.Dhimmicha haala Addunyaafi kallattii adda addaatiin naamusaan ilaaluu qabu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Afaan Amaaraa carraa seenaadhaan argateeniifi haala mijaawaa sirnoonni gita bittaa kanaan duraa uumaniin akkasumas hojii gaarii hayyoonni ga\u2019uumsa qaban hojjetaniin guddachuun sirna Federaalaa ammaa keessas Afaan hojii ta\u2019uun itti fufeera,kun waan gaariidha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Milkaa\u2019ina imala haaromsaatiif Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa Federaalaa ta\u2019uu qaba!<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Afaan Oromoo afaan Itiyoophiyaa qofa utuu hin taane ardii Afrikaattis afaan hojii ta\u2019uu danda\u2019a.Kana jechhun haalli mijaawaan yoo uumame lakkoofsi namoota Afaan Oromoo dubbatanii hedduu waan ta\u2019eef Afaan Oromoo biyya keenya Itiyoophiyaatti afaan hojii akka hin taaneef wanti dhorku hin jiru.Kanaafuu kan darbe darbeera,ammaan booda afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta\u2019uuf qaamolee dhimmi ilaallatu hundaan hojjetamuu qaba.Oromoonni hundumtuu milkaa\u2019ana kanaatiif tokkummaadhaan dhaabbachuu qabna.Yoo tokkumaadhaan dhabbannee falmannu nidhaga\u2019amna,yoo walqooduudhaan gamaa gamana dhaabbanne garuu fedhiin keenya galma ga\u2019uu hin danda\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Fedhiin Ummata Oromoo kun hojiirra ooluu kan qabu haala qabatamaan jiru irratti hundaa\u2019uudhaan malee dhiibbaafi mirga qaamota kenneen biroo sarbuudhaan miti,ta\u2019uu hin qabu.Imalli haaromsaa irra jirru hirmaannaa ummata Oromootiin ala galmasaa ga\u2019uu hin danda\u2019u,kun beekamaadha.Hojiiwwan milkaa\u2019ina imala haaromsaatiif hojjetaman hunda keessatti Oromoonni hundi jaalalaafi fedhiisaaniitiin Afaan Oromoo danda\u2019aniin caasaa mootummaa Federaalaa kamiyyuu keessa seenuudhaan hojjechuu akka danda\u2019an taasifamuu qaba.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Fedhii ummata kabajamaafi guddaa kana dhiisuudhaan maal nadhibeedhaan bira darbuun imala haaromsaa irratti gufuun akka uumamuuf hayyamuu akka ta\u2019e hubachuun barbaachisaadha.Afaan Oromoo Afaan Afaaraatiin wal qixa afaan hojii yoo ta\u2019e ijoolleen Oromoo sirna kana keessa dhalataniifi miliyoonaan lakkaa\u2019aman dhaabbileefi manneen hojii mootummaa Federaalaa keessatti carraa hojii argachuu ni danda\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Ijoolleen Oromoo sirna kana keessa dhalatanii baratan ogummaawwan adda addaatiin leenji\u2019aanii erga eebbifamanii booda hojiiwwan xixiqqaa irratti waldaadhaan gurmaa\u2019anii akka jiraatan qofa taasifamuun sirrii hin ta\u2019u.Dargaggoonni Oromoo baratan hojiiwwan qonnaa irratti bobba\u2019uun carraa isaanii xumuraa ta\u2019uu hin qabu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dargaggoon Oromoo barateefi godinaalee Naannoo Oromiyaa kamiyyuu keessa jiraatu akkuma Dargaggoota naannoo biraa keessaa dhufanii afaan hojii Federaalaa tajaajilaa jiru afaan Amaaraatiin dhaabbilee mootummaa keessatti carraa hojii argachaa jiran Dargaggoon Oromootis carraa hojii akka argatuuf haala mijaawaa uumuun barbaachisaadha,hirmaannaaf fayyadamtummaa walqixaaf gama kanaanis yaadamuu qaba.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Labsii wixinee waa\u2019ee faayidaa addaa Naannoon Oromiyaa Finfinnee irraa argachuu qabu irratti akka eerametti Afaan Oromoo manneen hojii bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti afaan hojii ta\u2019uudhaan tajaajila.Maalif kun qofaan ta\u2019a? kun akkuma jirutti ta\u2019ee Afaan Oromoo caasaawwan mootummaa Federaalaa keessattis sababoota qabatamaa armaan olitti eeramaniin afaan hojii ta\u2019uu qaba.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Mirgaafi faayidaa addaa wajjin wal qabatee humnoota adda addaa miidiyaawwan adda addaa irratti mormii dhageessisaa jiraniin haqni kun fudhatama akka hin qabne ni beekama.Garuu ammoo iyya,dheekkamsa,wacaafi dhimma saba Oromoo bal\u2019aa gadi qicuudhaan wanti ta\u2019u tokkollee hin jiru.Yoo sammuun isaanii kan yaadu ta\u2019e qalbii jijjiirratanii dhimmicha tasgabbiidhaan ilaaluu qabu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Deeggarsi lammiiwwan biyyaa barbaachisaa ta\u2019us dhimma isaa irratti murteessee sagalee kennuudhaan hojiirra oolchee fayyadamuu kan danda\u2019u Ummata Oromooti.Kanaaf ammoo Ummanni Oromoo bal\u2019aan fedhiis humnas akka qabu hubachuudhaan lammiin biyyaa hundumtuu jireenyi waliinii Oromoo waliin qabu akka itti fufuuf fedhiin Saba Oromoo akka galmasaa ga\u2019uuf deeggaruutu irraa eegama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kun akka ta\u2019uuf Oromoonni damee hojii kamirrattuu bobbaanee argamnu saba keenyaanis ta\u2019e saboota sab-lammootaafi ummattoota kanneen biroo biratti hubannoon gahaan akka uumamuuf kutannoodhaan adda duree taanee hojjechuu qabna.Akkuma humnoota badii duuba dhaabbannee yoo hamannee dabarree booda kan miidhamu hunduma waan ta\u2019eef dhimmicha qaroominaafi tasgabbiidhaan beekuudhaan beeksisuun barbaachisaadha.Fedhiin Ummata Oromoo galmaasaa akka ga\u2019uuf hojjechuun gootummaadha!<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">*****<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Tolawaaq Waariitiin) Afaan Oromoo afaan Amaaraatiin wal qixa afaan hojii mootummaa Federaalaa akka hin taaneef.<\/p>\n","protected":false},"author":12,"featured_media":23326,"comment_status":"open","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[27,7,2,37,8,11],"tags":[],"class_list":["post-23325","post","type-post","status-publish","has-post-thumbnail","hentry","category-articles","category-eprdf","category-ethiopia","category-featured","category-opdo","category-oromia"],"jetpack_featured_media_url":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Image-Afaan-Oromo-alphabet.jpg","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-64d","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23325","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/12"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=23325"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23325\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":23327,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23325\/revisions\/23327"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media\/23326"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=23325"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=23325"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=23325"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}