{"id":23321,"date":"2017-07-17T04:43:28","date_gmt":"2017-07-17T01:43:28","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=23321"},"modified":"2017-07-17T05:03:14","modified_gmt":"2017-07-17T02:03:14","slug":"deebii-guutuu-obbo-lammaa-magarsaa-keennan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2017\/07\/17\/deebii-guutuu-obbo-lammaa-magarsaa-keennan\/","title":{"rendered":"Deebii Guutuu Obbo Lammaa Magarsaa Keennan"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\">Yaa\u2019ii Idilee 6ffaa Waggaa 2ffaa Bara Hojii 5ffaa irrattii gabaasa raawwii hojii mootummaa bara 2009 fi kallattii karoora hojii mootummaa naannoo Oromiyaa bara 2010 kabajamoo pirazidaantiin dhiyaate irrattii gaaffiiwwan Kabajamoo Miseensoota Caffeetiin ka\u2019aaniif deebii Kab. Obbo Lammaa Magarsaa Pir. BMNO laatan akka armaan gadii kana tahu;<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u201cRaawwii hojii bara 2009 bara kanaa kana kan lakkaa\u2019amuu danda\u2019uu kana kan hojjannee haala mijja\u2019aa tahee keessattii osoo hin taanee akkuma miseensoonni Caffee kabajamooniis hubatutti bara darbee yeroo kanatti maal keessa akka turre qofa osoo hin tahiin ji\u2019a sadii dura yaa\u2019iin Caffee yeroo gaggeeffamu dhiimma daangaa waliin wal qabatee rakkoo akkamii keessa akka turre hundi keessan ni hubattu. Haa tahuu malee, rakkoo nageenyaa ture hiikuu qofa irrattii hojjachuu osoo hin tahiin rakkoo nageenyaas gama tokkoon hiikaa, gama birootiin immoo hojii misoomaa lakkaa\u2019amuu danda\u2019u hojjachuun danda\u2019ame jira.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Haaluma kanaan, gabaasa raawwii dhiyaate irrattii gaaffilee kabajamoo miseensoota Caffee biraa dhiyaataniif yaada baldhaa hoggantoonni dhimmiichi ilaalatu keennanii jiru. Dhimmoota hafan irrattii fi waan tokko tokko irrattii yaada lachuufiin yaala.<\/p>\n<figure id=\"attachment_23323\" aria-describedby=\"caption-attachment-23323\" style=\"width: 600px\" class=\"wp-caption alignnone\"><a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Photo-President-Lemma-Megersa-at-Cheffee-Oromia.jpg\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\"wp-image-23323\" src=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Photo-President-Lemma-Megersa-at-Cheffee-Oromia-1024x683.jpg\" alt=\"Photo - President Lemma Megersa at Cheffee Oromia, July 2017\" width=\"600\" height=\"400\" srcset=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Photo-President-Lemma-Megersa-at-Cheffee-Oromia-1024x683.jpg 1024w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Photo-President-Lemma-Megersa-at-Cheffee-Oromia-300x200.jpg 300w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Photo-President-Lemma-Megersa-at-Cheffee-Oromia-768x512.jpg 768w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Photo-President-Lemma-Megersa-at-Cheffee-Oromia.jpg 1080w\" sizes=\"auto, (max-width: 600px) 100vw, 600px\" \/><\/a><figcaption id=\"caption-attachment-23323\" class=\"wp-caption-text\">Photo &#8211; President Lemma Megersa at Cheffee Oromia, July 2017<\/figcaption><\/figure>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhiimma Geejjibaa Waliin Wal Qabatee;<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Rakkoon tajaajila geejjibaa waliin wal qabatee ka\u2019ee dhiimma eejansii geejjibaa qofa osoo hin taanee dhiimma mootummaa, dhiimma Caffee kabajamaa kanaa fi dhiimma uummata keenyaa dhiimma tahuu qabu dha. Rakkoon guddaan geejjibaa waliin wal qabatee uumamaa oolu kun ka\u2019uumsii isaa qamoolee adda addaa yoo tahees innii ijoon kan konkolachiisaa waliin wal qabatee ka\u2019uu dha. Kunniis gahumsa konkolaachiisaa kan dhaabbilee keenninsa ga\u2019uumsa koonkolachiftootaa irraa maddu biraa kan dhufuu yeroo tahu, bara hojii dabarsiinee kanattiis hojiiileen jajjabeesson gama eejjansii geejjibaatiin hamma dhaabbilee rakkoo qaban cufuuttii kan adeemuu fudhatamuun isaa hin hafne, rakkoon umaamuuniis akkasuma dhaabbachuu hin dandeenye. Balaa rakkoo nageenya tiraafikaa waliin wal qabatee lubbuu namoota baayyee galaafachaa jiru kana bu\u2019uura irraa hiikuuf ga\u2019uumsa konkolaachiisaa foyyeessuu, hubannoo keennu, rakkoo sirna to\u2019annaa tiraafikii birattii jiru hiikuu fi kkf\u2019n vciminaan fi xiyyeeffannan akka hojjatamuu taasisuu qofa osoo hin tahiin hojiin kun hojii eejansii geejjibaa qofa otuu hin tahiin kan mootummaas kan ummataas goonee walii wajjiin kan irrattii hojjachuu qabnu taha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhiimma Nageenyaa Waliin Wal Qabatee Gaaffii Ka\u2019eef;<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Rakkoon nageenyaa bara 2009 keessatti hojii guddaa mootummaa naannichaa kan turee fi bu\u2019aaleen gurguddoon kan ittii argamaniis akka tahee hundumtii keenya dhiimma hubannuu dha. Bu\u2019aa qoftiin kan ittii argamees osoo hin taanee injifannoo guddaadhas. Injifannoo kan isa taasiisu immoo lubbuu nama keenyaa sababa hin taaneen bahaa ture hambisuun danda\u2019amee jira.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Yeroo hojii nageenya mirkanneessuu hojjannu kanattii immoo hojii misoomaa biroo dhaabnee otuu hin tahiin hojiilee misoomaa fi ijaarsa sirna dimookraasiis xiyyeeffannoo ol\u2019aanaa taheen qabannee hojjachaati turre.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhiimmi nageenyaa innii biroon dhiimma nageenya daangaa yeroo tahu, rakkoo kanaas ji\u2019oota muraasa dura mootummaa naannoo Somaalee waliin maal keessa akka turre miseensa Caffee kanaan ol kan beeku hin jiru. Dhiimmii kun immo akka dhiimma fuula gar-tokkee dhiqqachuu akka nu jalaa hin taaneef naannoolee daangaan wal daangeessinu hundaa waliin rakkoolee jiran marii fi bu\u2019uura seeraatiin akka hikkataniif hojii baldhaa hojjachuu danda\u2019uun ol injifannoo gurguddaas ittii galmeessuun danda\u2019amee jira. Injiffannoon ji\u2019a 10 keessatti galmaa\u2019an waggaa kurnan darban keessattii hojjatamuu hin dandeenye.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Rakkoo daangaa hiikuu qofa osoo hin taanee naannoolee waliin naannoo daangaattii waliin misoomuun akka danda\u2019amuufiis hojjachuu eeggalle jirra. Daangaa Finfinnee waliin walqabatee hojii hanga ammaa hojjatameen kan nuuf hin milkoofne tahuus, fuula duraaf xiyyeffannoon kan hojjannu taha. Dhiimmii daangaa Finfinnee kun dirqama daangeeffamuu qaba ejjannoo jedhu qaba mootummaan naannoo Oromiyaa. Kunniis kan tahuufii qabu rakkoo qonnaan bultoota naannawa magaalaa Finfinnee jiraatan irra gahuuf jiru bu\u2019uura irraa hikuuf akka tahe beekkamuu qaba.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Haaroomsaa fi Rakkoo Bulchiinsa Gaariin Wal Qabatee Gaaffilee Ka\u2019aniif;<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Haaroomsa gaggeessine gaafa jeennu haaroomsa ni eeggalle malee hin xumurre. Haaroomsa gaggeessineen mootummaa naannoo keenyaa bifa haaraan hundeessine jechuun ni danda\u2019ama. Naannoo irraa eegalee hanga gandattii bifa haaraatiin hoggansa ijaarre, hojittii bobbafne. Qaamni ykn hoggansii haaraan dhufee immoo waan hundaan guutuudha jedhanii yaaduniis hin danda\u2019amu, gappii qaban leenjii fi mariidhaan guutuufiin hojii dabalataa waan gaafatuuf qaawni yoo uumame kan nama ajaa\u2019ibu hin tahu. Hojii kana teenyee kan ilaallu yoo tahe salphaa tahuu danda\u2019a, warra keessa galee hojjatuuf immoo hojii baayyee uulfaataa dha. Kanaafu, rakkoon haroomsaa waliin wal qabatee kan muldhatu yoo tahe, haaroomsi keenya jalqabbii irra waan jiruuf sirreessaa fi haroomsaa adeemuun hojii keenya kan ittii aanu taha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Carraa Hojii Uumuu Waliin Walqabatee Gaaffilee Ka\u2019aniif;<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Gama carraa hojii dargaggootaaf uumuutiin hojiin ji\u2019oota 10\u2019n darban keessatti hojjatame, waggaa 10\u2019n dabarsinee keessatti hin hojjatamne. Hojii kana kan hojjannee garuu nama birootiin ykn baajata fandii biroo argannee osoo hin taanee humna namaa jiruun fi baajatuma kanaan duraas harkaa qabnuun yeroo tahu milkaa\u2019uu kan dandeenye garuu akkaataa barameen hojjachuu waan dhifneefi.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dargaggoota miliyoona 6 ol hojii dhabaa tahee lafattii dhiifnee hojiin misoomaa biroo nutii hojjannuu waan hin jiraanneef xiyyeeffannaa guddaa laachudhaan hojii kana hojjachuuf yaallee jira. Kanaaniis kumaatamaan kan lakka\u2019aman dargaggoota naannoo keenya gara hojii galchuu dandeenyee jirra.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qaala\u2019iinsa Jireenyaa Waliin Wal Qabatee<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Hojjattoonni mootummaa barsiisoota dabalatee naannoo keenya keessatti jiran lafa mana jireenyaa argatanii jireenya isaanii milka\u2019aa akka taasiisaniif mootummaa naannoo Oromiyaatiin murtaa\u2019ee jira. Raawwiin isaa bubburree haa tahuu malee wantii murtaa\u2019ee kan hojii irra oolu taha. Haa tahuu malee, iddoo tokko tokkotti ilaalchi maalaqni lafa dukkaa mootummaan nuuf eerga jedhu dogoggoraan yeroo ka\u2019uu ni muldhata, maalaqni mootummaan hiruu immoo hin jiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Galii Waliin Walqabatee Gaaffii Ka\u2019eef;<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhiimma galii naannoo keenyaa foyyeessuu ilaalchisee yeroo darbee miseensi mana marii labsii haaraa labsuun isaa ni yaadatama. Iddoo adda addattii immoo gaaffileen bu\u2019uuralee misoomaa ummata biraatiis tahee miseensoota Caffee biraa baldhinaan ka\u2019aa akka jiru ni beekkama. Gaaffilee kanneen deebisuudhaaf immo mootummaan qabeenya qabaachuuti qaba. Qabeenyi mootummaan qabu immoo galii mootummaan naannichaa lammilee irraa sassabu akka tahees ni beekkama. Akkasumaas waan mootummaan Federaalaa deeggarsa baajataa bara baraan nuuf laatuun gaaffii misoomaa uummata keenyaa deebisuun hin danda\u2019amu. Kana milkeessuuf immoo mootummaan naannoo Oromiyaa galii sassaabuu qabu sirnaan sassabuun dirqama taha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">TGG (Tilmaama Galii Guyyaa) waliin wal qabatee dhimmoonni lama yeroo ka\u2019an ni muldhatu. Tokkoffaan, tokko tokko gibira kaffaludhumaaf fedhii waan dhabeef komate. Kun immoo sirrii miti, gibira kafalluun kan keenya qofa osoo hin taanee seera adunyaatiis waan taheef. Lammaffaan, tilmaama galii guyyaa jechuun maquma isaa irrayyuu tilmaama dha. Tilmaamni immoo sirriis tahu danda\u2019a, sirrii tahuu dhiisuus danda\u2019a. qaamni tilmaamni galii kiyya sirrii miti jedhu komii isaa dhiyeeffatee irra deebi\u2019ee waliin tahanii ilaaluun sirreessuun otuu danda\u2019amuu duchumaan sirrii miti jechuun mataan isaa seeraan ala. Kanaafuu, hawaasni keenyaas tahe daldaltoonni keenya dhiimma kana beekanii hojii irra oolchu qabu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kana gaafa jennu, daldaltoota xixxiqqaa of jiraachiisuuf hojjatatuu fi gullitii keessa oolu irratti shallaggiin gaggeeffame yoo tahe kun sirrii miti, akka sirra\u2019u ni taasifama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Qubsuma Seeraan Alaa Ilaalchiisee;<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Rakkoon qubannaa seeraan alaa jedhamu kun rakkoo nama biroo osoo hin taanee rakkoo hoggansa keenyaati. Lafa babaldhaa otuu hin misoomin duwwaa isaa ta\u2019uu otuu jiruu qonnaan bulaan harargee lafa xiqqaa harkaa qabu irraa of jiraachiisu waan dadhabeef lafa isaa daaga adda addaan hidhee yeroo hojjatu hojii misooma daaga hidhuuti jennee akka investaraa konkolaataa hiriirsine dhaqnee daawwachaa kan oollu. Garuu immoo iddoo laftii jirutti qonnaan bulaa lafa qonnaa dhabee rakkachaa jiru kana yoo kan qubachiifnu tahe waggaa lama wagga sadii keessatti jireenya isaa jijjiirachuu danda\u2019a. lafa amma irra jiru kanattii wagga kudhanittiis yoo tahe jijjiiramu hin danada\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Gama birootiin ilaalchi \u2018qubattoota seeraan alaa waan tahaniif haa bahanii\u2019 kan jedhutu jira. Hin bahan biyya isaaniti waan taheef. Bara dhufuu kanatti immo hojii kana irrattiis mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa laatee kan hojjatu taha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">~~~XUMURAME~~~~<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Gabaasni fi Kallattiin Karoora Bara 2010 Obbo Lammaan Dhiyaatee Sagalee 503\u2019n Sagalee Guutuudhaan Mirkanaa\u2019ee Jira!<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">GALATOOMAA!<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Yaa\u2019ii Idilee 6ffaa Waggaa 2ffaa Bara Hojii 5ffaa irrattii gabaasa raawwii hojii mootummaa bara 2009.<\/p>\n","protected":false},"author":73,"featured_media":23323,"comment_status":"open","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[77,27,37,39,11,92],"tags":[488],"class_list":["post-23321","post","type-post","status-publish","has-post-thumbnail","hentry","category-adda-bilisummaa-oromoo-abo","category-articles","category-featured","category-grand-ethiopian-renaissance-dam","category-oromia","category-politics","tag-lammaa-magarsaa"],"jetpack_featured_media_url":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/07\/Photo-President-Lemma-Megersa-at-Cheffee-Oromia.jpg","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-649","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23321","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/73"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=23321"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23321\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":23324,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23321\/revisions\/23324"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media\/23323"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=23321"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=23321"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=23321"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}