{"id":23316,"date":"2017-06-27T18:47:35","date_gmt":"2017-06-27T15:47:35","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=23316"},"modified":"2017-06-27T18:47:35","modified_gmt":"2017-06-27T15:47:35","slug":"faayidaa-addaa-oromiyaan-finfinnee-irraa-argattu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2017\/06\/27\/faayidaa-addaa-oromiyaan-finfinnee-irraa-argattu\/","title":{"rendered":"Faayidaa Addaa Oromiyaan Finfinnee Irraa Argattu (Ibsa)"},"content":{"rendered":"<div class=\"post\">\n<div class=\"body\">\n<div id=\"02cc5d1c-7449-44c2-96de-4caac06be440\" class=\"postBody\" style=\"margin: 4px 0px 0px; border-width: 0px; padding: 0px;\" contenteditable=\"true\">\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>Wixineen labsii faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa argattu mana marii ministeerootaaf dhiyaate ragga\u2019e fi mana marii bakka bu\u2019ootaaf akka dhiyaatu murtaa\u2019e.<\/strong><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Faayidaa addaa naannoon Oromiyaa magaalaa Finfinneerraa argattu ilaalchisee wixineen labsii qophaa\u2019e ifoome.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Heera mootummaa biyyattii keeyyata 49 keeyyata xiqqaa 5 irratti naannoon Oromiyaa faayidaa addaa argachuu qabdu ilaalchisee bal\u2019inni isaa heeran akka murtaa\u2019u ni kaa\u2019a.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Keeyyata kanaanis;<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">1ffaa. Dhiyeessii tajaajilaarraa faayidaa addaa,<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">2ffaa. Itti fayyadama qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoorraa faayidaa addaa,<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">3ffaa. Magaalattiin walakkaa naannoo Oromiyaatti waan argamtuuf dhimmoota bulchiinsaa kaa\u2019eera.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Haalima kanaan hiikkaan heerichaa qophaa\u2019era. Kanarrattis ADWUI fi mootummaan naannoo Oromiyaa, bulchiinsa magaalaa Finfinnee dabalatee dhaabbilee federaalaa addaddaas irratti mari\u2019achaa turaniiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Dhumarras hoji raawwachiisaan ADWUI ilaalee qaamoleen mootummaa irratti mari\u2019achuun, seera ta\u2019ee akka ba\u2019u murteessaniiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Manni Maree Ministiroota Ityoophiyaa dhimmicharratti ega mari\u2019ateen boodas seera ta\u2019ee akka ragga\u2019u gara Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Ummataatti dabarseera.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Seerri amma ba\u2019us magaalattiin handhuura Oromiyaa, teessoo biyyattii, dhaabbilee idil addunyaa, Gamtaa Afrikaa, sabaa fi sablammootaa akkuma taate kana ilaalcha keessa galchuun ba\u2019eeras jedhe hoji raawwachiisaan ADWUI.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Haaluma kanaan;<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">1ffaa\/ Dhiyeessii tajaajilaarraa faayidaa addaa;<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Magaalaan Finfinnee teessoo naannichaa akkuma taatee fi jiraattonni naannawa magaalaa Finfinnees afaan Oromoon kan dhimma ba\u2019an waan ta\u2019eef, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa akka banamanii fi tajaajilli hoospitaalotaas afaanichaan akka laatamu karoora keessa galuu qaba jedhameera.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Afaan Oromoo bulchiinsa magaalaa Finfinneetti afaan hojii ta\u2019ees kan tajaajilu ta\u2019a.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Aadaa Oromoo wantoonni calaqqisiisan magaalichatti akka jiraatan ni taasifamu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Moggaasni naannolee magaalichaa maqaa Oromoon dur ittiin waamun akka moggaafaman taasifamu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Jiddu galoonni aadaa, seenaa, tiyaatiraa fi aartii, akkasumas wiirtuleen bashannanaa akka beeksifaman haalli ni mijata.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Moggaasni magaalattii Finfinnee\/Addis Ababaa ta\u2019ee itti fufa.Seera fuldurattis lameenuu qixa beekamtii qabaatu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Faayidaa addaa diinagdee ilaalchisee;<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Dhiyeessii lafaa, tajaajila bishaan dhugaatii,tajaajila maqsa balfa gogaa fi dhangala\u2019aa, geejiba, carraalee hojii, dhiyeessiin manneen waliin jireenyaa baasii mootummaan ijaarraman, wiirtuleen gabaa, akkasumas qonnaan bultoonni yammuu kaafaman beenyaa ga\u2019aa fi haalli ittiin of danda\u2019an seerichaan hammatameera.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Ijaarsa waajjiraalee mootummaa fi hawaasummaaf oolaniif lafti magaalaa Finfinneetii liiziin ala kennama.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Bulchiinsi magaalichaa qonnaan bultoonni naannawa magaalaa Finfinneerra jiraatan oomishaalee qonnaa isaanii wiirtulee itti gurguratan baasii ofiitin hundeessee akka dhiyeessan akka taasifamu labsichi kaa\u2019era.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Magaalaan Finfinnee baankotaan qindaa\u2019uun manneen waliin jireenyaa ijaaruun, hojjettoonni mootummaa fi jiraattonni magaalichaas carraadhan akka argatan taasifama.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Qonnaan bultoonni naannawa magaalichaarra turan haalli ittiin kaafamaa turan qoratamuun akka hojiileen sirreeffamaa fudhatamaniif waajjirri akka gurmaa\u2019u labsichaan hammatameera.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">2ffaa\/ Faayidaa addaa itti fayyadama qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo;<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Dhiyeessiin bu\u2019uuraalee misoomaa, bishaan dhugaatii, maqsa balfa gogaa fi dhangala\u2019aarratti faalamni akka hin qaqqabne xiyyeeffachuun hojjechuun barbaachisaa akka ta\u2019e eerameera.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Maqsi balfa gogaa fi dhangala\u2019aan bakki itti yaalamu bulchiinsi magaalichaa fi naannoon Oromiyaa waliin ta\u2019uun qoratanii ulaagaa saayinsaawaa ta\u2019een akka bulfaman taasifama.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">3ffaa\/ Dhaabbilee hundeessuu ilaalchisee;<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Wixinee labsichaa keeyyata 14n qonnaan bultoota sababii misoomatiin ka\u2019anii fi kanaan boodas kaafaman irratti waajjira hojjetuun ala, dhimma waliiniirratti mari\u2019achuu fi waliin hojjechuuf, manni maree waliinii itti waamamni isaa mootummaa federaalaaf kan ta\u2019e mana maree bulchiinsa magaalichaa fi naannicharraa kan walitti babba\u2019e akka hundaa\u2019u taasifama.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kaayyoon mana marichaa inni olaananis akkaataa heera mootummaa Ityoophiyaa keeyyata 49\/5 faayidaa addaa ilaalchisee, hojiin hojjetamaa jiraachuu isaa hordofuu, gamaaggamuu fi raawwii isaatif deeggarsa taasisuu ta\u2019a.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Mana marichaa keessas; bakka bu\u2019oonni mana maree magaalaa Finfinnee fi Caffee qixa kan bakka bu\u2019aman ta\u2019a.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Hundeeffama, hojii fi itti gaafatama, bara hojii, naamusaa fi baajanni mana maree waliinichaa, dambii Manni Maree Ministirootaa baasun kan murtaa\u2019u ta\u2019a.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Adeemsa raggaasisa labsichaarrattis qaamoleen hawaasaa kan irratti hirmaatan ta\u2019a.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">*********<\/span><\/p>\n<\/div>\n<\/div>\n<\/div>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Wixineen labsii faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa argattu mana marii ministeerootaaf dhiyaate ragga\u2019e fi mana.<\/p>\n","protected":false},"author":73,"featured_media":23319,"comment_status":"open","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[2,37,6,11,3],"tags":[],"class_list":["post-23316","post","type-post","status-publish","has-post-thumbnail","hentry","category-ethiopia","category-featured","category-news","category-oromia","category-oromo"],"jetpack_featured_media_url":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/06\/Map-\u2013-Central-Oromia-and-Addis-Ababa-Ethiopia.jpg","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-644","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23316","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/73"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=23316"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23316\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":23320,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23316\/revisions\/23320"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media\/23319"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=23316"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=23316"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=23316"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}