{"id":23026,"date":"2017-06-21T01:05:50","date_gmt":"2017-06-20T22:05:50","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=23026"},"modified":"2017-06-21T02:38:46","modified_gmt":"2017-06-20T23:38:46","slug":"sammuun-keenya-sammuu-maseenee-miti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2017\/06\/21\/sammuun-keenya-sammuu-maseenee-miti\/","title":{"rendered":"Sammuun Keenya Sammuu Maseenee Miti!"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 14pt;\"><em><strong>(Kiyya Hararghe)<\/strong><\/em><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Haasawa Kabajamoo Obbo Lammaa Magarsaa Pir. MNO Istaadiyoomii Wallaggaatti guyyaa ceesiisuu IMX Oromiyaa irratti taasiisanii fi eergaa ciimaa qabu akka ittii aanuu kanatti isiniif dhiheessen jira. (Waxxabajjii 04, 2009 &#8211; Naqamtee)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">&#8212;<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Isin gootonni misoomaa, hojii tuffatamee osoo hin tuffatin, hojjattanii, xaartanii, hojiidhaan jijjiiramuun akka danda\u2019amu warra nu agarsiiftan waan taataniif, ummata keenyaaf, dargaggoota keenyaaf hojii fakkeenyummaa qabu hojjattanii jijjiiramuun akka danda\u2019amu kan nu agarsiiftan waan taataniif carraa kanaan maqaa koo fi maqaa MNO\u2019tiin kabajaa guddaan isiniif qabu ibsuun barbaada.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akkuma hundi keenya hubannu, hojiin interpiraayizii maayikiroo fi xixxiiqqaa misoomaa fi guddina naannoo Oromiyaa keessatti gumaacha guddaa kan qabu tahuu isaa hubannee jirra. Hojiin kun hojii dargaggootaafiis tahee hojii dhabdootaaf carraa hojii uumuu qofa osoo hin tahiin burqaa abbootii qabeenyaas akka tahee hubannee jirra. Hojii kana jabaannee yoo hojjanne miliyenaroota miliyoonaan lakka\u2019aman yeroo gabaabaa keessatti uumuu akka dandeenyu yaalii hanga ammattii goone irraa qabatamaan arguu dandeenyee jirra. Waan taheef, gara fuula duraatti hojii kana jabaannee fi cimsiinee hojjachuun baayyee barbaachiisaa fi murteessaa taha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">&#8212;<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Hundi keenya akkuma hubannu, MNO haala hojimaata, caaseeffamaa fi raakkowwan raawwii interpiraayizii maayikiroo fi xixxiiqqaa keessa jiran foyyeessudhaan fi jijjiiruudhaan hojii kun jabaatee fi cimee akka ittii fufuuf kutannoo addaatii fi xiyyeeffannoo guddaa ittii keennee hojjachaa jirra. Sababiin isaas karaa dargaggoota abbootii qabeenyaa ittii taasiisuu dandeenyu, karaa dinagdee keenya gama invastimantidhaatti ittiin jijjiiru dandeenyu kallattiin innii tokko kana waan taheef kutannoo addaa taheen hojii jalqabneerra. Kana irraa ka\u2019uudhaan dargaggoota Oromiyaa galaana tahee kana harkii isaa agabuu bulaa fi hojiidhaan wal arguu dhabee, qabeenyi guddaan hojii baldhaa jiru biraa hojii malee ta\u2019aa ture kana baldhiinaan hojiitti galchuudhaaf halkaniif guyyaa hojjachaa jirra.<\/p>\n<figure id=\"attachment_23027\" aria-describedby=\"caption-attachment-23027\" style=\"width: 600px\" class=\"wp-caption alignnone\"><a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/06\/Photo-Lammaa-Magarsaa.jpg\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\"wp-image-23027\" src=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/06\/Photo-Lammaa-Magarsaa-1024x688.jpg\" alt=\"Photo - Lammaa Magarsaa\" width=\"600\" height=\"403\" srcset=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/06\/Photo-Lammaa-Magarsaa-1024x688.jpg 1024w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/06\/Photo-Lammaa-Magarsaa-300x202.jpg 300w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/06\/Photo-Lammaa-Magarsaa-768x516.jpg 768w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/06\/Photo-Lammaa-Magarsaa.jpg 1200w\" sizes=\"auto, (max-width: 600px) 100vw, 600px\" \/><\/a><figcaption id=\"caption-attachment-23027\" class=\"wp-caption-text\"><span style=\"font-size: 10pt;\">Photo &#8211; Lammaa Magarsaa<\/span><\/figcaption><\/figure>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akka waliigalatti ummaanni keenyaas tahe dargaggoonni keenya hawwiin keenya Oromiyaa badhaatee arguu dha. Hawwiin keenya guddaan fi hawwiin keenya hundaa Oromiyaa guddatte, Oromiyaa badhaatee arguu dha. Oromiyaan hawwiin qofaan guddachuu hin dandeessu, badhaadhuus hin dandeessu, humna ijoollee ishee, dafqa ijoollee ishee fi tumsa ijoollee ishee barbaaddi.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Waan taheef,<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Sammuun keenya sammuu maseenee miti, sammuu yaaduu danda\u2019uu, waan haaraa uumuu danda\u2019uu dha. Harkii keenya harka maseenee miti, harka waan addaa hojjachuu danda\u2019uu qabna. Lafti keenya lafa maseenee miti, lafa waan irra buufnee biqiilchee sanyii nuuf laachuu danda\u2019uu dha. Kanaaf, dhugumaan Oromiyaa badhaatee argudhaaf harka wal qabannee tokkummaadhaan Oromiyaa ijaaruu qabna! Irree tokkoon Oromiyaa misoomsuu qabna! Tokko taanee tabba hiyyummaa waliin taanee haa diignuu, jabaannee haa hojjannuun jedha!<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Fayyaa tahaa!<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Ulfaadhaa!<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">*******<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Kiyya Hararghe) Haasawa Kabajamoo Obbo Lammaa Magarsaa Pir. MNO Istaadiyoomii Wallaggaatti guyyaa ceesiisuu IMX Oromiyaa.<\/p>\n","protected":false},"author":12,"featured_media":23027,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[27,7,2,37,8,11,3],"tags":[],"class_list":["post-23026","post","type-post","status-publish","has-post-thumbnail","hentry","category-articles","category-eprdf","category-ethiopia","category-featured","category-opdo","category-oromia","category-oromo"],"jetpack_featured_media_url":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2017\/06\/Photo-Lammaa-Magarsaa.jpg","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-5Zo","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23026","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/12"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=23026"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23026\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":23033,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/23026\/revisions\/23033"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media\/23027"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=23026"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=23026"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=23026"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}