{"id":17477,"date":"2016-02-16T23:17:00","date_gmt":"2016-02-16T20:17:00","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=17477"},"modified":"2017-06-21T01:18:22","modified_gmt":"2017-06-20T22:18:22","slug":"west-arsi-violence-government","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2016\/02\/16\/west-arsi-violence-government\/","title":{"rendered":"Arsii Lixaa Shaallaatti Jeequmsi uumame lubbuu balleesse &#8211; Mootummaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong><em>(Biraanuu Hurrisaa)<\/em><\/strong><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Godina Arsii lixaa aanaa Shaallaatti gochi jeeqamsa uumuun lubbuu namaa balleesse fincila humna hidhateen raawwatame akka ta\u2019e mootummaan Itiyoophiyaa beeksiseera.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Godina Arsii Aanaa Shaallaatti humnoonni farra Nagaa dhimma Amantaa fi Saba irratti xiyyeeffateen jeeqamsa uumuuf akka yaalan maddawwan naannichaa himaniiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Ministirri Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Obbo Getaachaw Raddaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing korporeetiif har\u2019a kennaniin akka himanitti jeeqamsa umametti gareewwan hidhatan muraafni hirmaataniiru.<a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Minister-Getachew-Reda.jpg\" rel=\"attachment wp-att-17479\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\"alignright wp-image-17479\" src=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Minister-Getachew-Reda.jpg\" alt=\"Photo - Minister Getachew Reda\" width=\"400\" height=\"296\" srcset=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Minister-Getachew-Reda.jpg 960w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Minister-Getachew-Reda-300x222.jpg 300w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Minister-Getachew-Reda-768x568.jpg 768w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Minister-Getachew-Reda-560x416.jpg 560w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Minister-Getachew-Reda-350x260.jpg 350w\" sizes=\"auto, (max-width: 400px) 100vw, 400px\" \/><\/a><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Gareen hidhataan kun Dhaabbilee Mootummaa irratti miidhaa geessisuuf yaalee ture.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Jeeqamsa kanaan qabeenya bosona Mootummaa fi oyiruu akkasumas Dhaabbilee Amantaa irratti akka xiyyeefatame kan eeran Obbo Getaachaw gocha kana keessaa Mankaraarsitoonni harka akka qaban mallattoowwan mul\u2019isan akka argaman beeksisaniiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Jeeqamsa ka\u2019e dhaabsisuuf naannichatti humnoonni tasgabbii akka bobbaafaman himuun gareen hidhate garuu dhukaasa banuudhaan humnoota tasgabbii irratti ajjeechaa akka raawwatae himaniiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Wayita ammaa naannichatti Nagaan akka bu\u2019eefi humnoota gocha fincilaa fi yakkaatti hirmaatan too\u2019annoo jala oolchuuf hojjetamaa akka jiru himan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Shakkamtoota hafan adda baasuudhaan too\u2019annoo jala oolchuufiis Mootummaan hordoffii cimaa taasisaa akka jiru obbo Getaachaw beeksisaniiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Hawaasa wajjin mari\u2019chuudhaan hawaasni gocha akka kanaa balaaleeffachuu bira darbee akka ittisuu danda\u2019uuf hojiin akka eegalames ministirichi himaniiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Mootummaan gocha raawwatameef mallattoon mankaraarsitummaadha jedhus ka\u2019umsi rakkoo mudatee guutumaa fi guutuutti isa kanadha murtee jedhurra hin geenye kan jedhan ministirichi hawaasni kaayyoo Siyaasaa Dhiphaa fi Mankaraarsitummaa irraa akka of eeguuf hubachiisaniiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Mootummaan Ummata wajjin qindaa\u2019uudhaan humnoota badii irratti tarkaanfii duuba deebii hinqabne fudhachuu cimsee akka itti fufus ministirichi beeksisaniiru.<\/span><br \/>\n<span style=\"font-size: 12pt;\"> **********<\/span><br \/>\n<span style=\"font-size: 12pt;\"> Maddi oduu kanaa: <a href=\"http:\/\/www.fanabc.com\/afanoromo\/index.php\/news\/item\/8635-gochi-fincilaa-aanaa-shaallaa-jeeqamsa-kaaseefi-lubbuu-balleesse-humna-hidhateen-raawwatame-mootummaa\" target=\"_blank\" rel=\"noopener noreferrer\">Fanabc<\/a><\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Biraanuu Hurrisaa) Godina Arsii lixaa aanaa Shaallaatti gochi jeeqamsa uumuun lubbuu namaa balleesse fincila humna.<\/p>\n","protected":false},"author":14,"featured_media":17479,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,2,6,11,3],"tags":[81,82],"class_list":["post-17477","post","type-post","status-publish","has-post-thumbnail","hentry","category-afaan-oromoo","category-ethiopia","category-news","category-oromia","category-oromo","tag-godina-arsii","tag-shaallaa"],"jetpack_featured_media_url":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Minister-Getachew-Reda.jpg","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-4xT","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17477","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/14"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17477"}],"version-history":[{"count":4,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17477\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":22934,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17477\/revisions\/22934"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media\/17479"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17477"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17477"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17477"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}