{"id":17470,"date":"2016-02-10T19:11:08","date_gmt":"2016-02-10T16:11:08","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=17470"},"modified":"2017-06-21T01:15:48","modified_gmt":"2017-06-20T22:15:48","slug":"abune-petros-magarsa-badhaasa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2016\/02\/10\/abune-petros-magarsa-badhaasa\/","title":{"rendered":"Abune Pheexiroos (Magarsa Badhaasa) Eenyu Ture? Dhuguma innii Oromoo dha?"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\"><em><strong>(Argan Beekan)<\/strong><\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Bara 1875 Fichee Salaaletti maatii qote bulaa irraa dhalatan. Warri isaanii irraa dhalatanis gama abbaatiin warra Badhaasaa Guddaa jedhaman gama haadhaatiin ammoo warra Jaalee Masoo jedhamu. Maqaan isaanii jalqabaa Magarsaa akka ta\u2019e himama. Ijoollummaadhanis gara kawaala Debre-Libaanos deemuudhaan baruumsa amantaa yeroo gabaabaa keessatti haala nama dinqisiisuun xumuruu danda\u2019anu. Sana boodas yeroo sanatti iddoo hayyootni amantaa jiru gara kaaba Itoophiyaa, Gondar, akkasumas Gojjam\u00a0fi Walloo deemuudhaan baruumsa afuurawaa qo\u2019atanii turan. Bara 1900, Walloo iddoo Amaara Saayintitti waggoota sagaliif barsiisa nama turanii dha. Bara 1909 ttis sirni moloksummaa kawaala Dabra-Libaanositti raawwatameefi ture. Kawaalaa Gabr\u2019ieelii Baatuu(Zuwaay) dabalatee iddoo gara garaatti naanna\u2019anii barsiisa turan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Godina Arsii Aanaa Zuwaay(Baatuu) Dugdaa Hora Danbal irratti kan argamtu godaambaa afuurawaa Debre Tsiyoonitti\/Tullu Guddootti\/ wangeelli isaan harkaan barreessan uffanni isaan uffataniifi Masqaliin isaan qabatachaa turan ammayyuu ni jira. Tullu Guddoon bara mootuu Yoodit Tabotni Tsiyoon waggaa 40 iddoo itti dhokattedha. Bara 1919 ammoo gara Finfinnee dhufuudhaan bataskaana Maarqoositti tajaajilaniiru. Phaaphaasota Itiyoophiyaadhaa bara 1921 yeroo jalqabaaf gara Masrii, Aleksaandariyaatti ergamanii muudaman keessaa tokko turan. Bara 1928 yemmuu Xaaliyaanin biyya keenya gabroomfachuuf manneen kiristaanaa gubaa, namoota ajjeesa turanitti qabsaa\u2019ota mirgaa kadhannaadhaan gargaaraa turan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Keessumattuu gara Salaalee deemuun qabsaa\u2019ota Salaales kakasanii akka diinan morman shoora guddaa taphataniiru. Booda garuu diddaa bittaa gabrummaa Xaaliyaanii kanaan harka Xaaliyaanotaatti kufan. Erga qabamani boodas gara Giraaziyaanii Dhiyaatanii, abbootni murtee Xaaliyaaniitiin adabbii du\u2019aa irratti murteessan. Isaanis \u201cAna irratti wanta barbaaddan raawwadhaa; ijoollee koo irratti garuu homaa hin raawwatinaa\u201d dubbii jedhu dubbatan ture. Xaaliyaanotni uummatni akka Xaaliyaaniif bitamu nuuf ajajaa maaloo jedhanii gaafatan. Isaan garuu uummata walitti naaf qabaa jechuudhaan erga uummatichi wal gahee booda \u201cAn egaa warra gita bittoota kanaaf akka hin bulle nama keenya dhiisaati lafa kanayyuu hidheera\u201d jedhanii gara kuteenyan dubbachaa turan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Abune-Petros-Magarsa-Badasa.jpg\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\"alignnone wp-image-17472\" src=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Abune-Petros-Magarsa-Badasa.jpg\" alt=\"Photo - Abune Petros (Magarsa Badasa)\" width=\"500\" height=\"332\" srcset=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Abune-Petros-Magarsa-Badasa.jpg 960w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Abune-Petros-Magarsa-Badasa-300x199.jpg 300w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Abune-Petros-Magarsa-Badasa-768x510.jpg 768w\" sizes=\"auto, (max-width: 500px) 100vw, 500px\" \/><\/a><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Murtiin du\u2019aa kunis hatattamaan guyyaa walakkaa keessatti akka raawwatu ta\u2019e. Yemmuu kiisii isaanii keessa baasanii sa\u2019aatii ilaallatan sodaan tokkollee irratti hin muldhatu ture. Haa ta\u2019u malee abbaan murtii inni murtii du\u2019aa isaan irratti kennaa ture yemmuu murtii dubbisu ni hoollata ture. Isaan garuu murtiin du\u2019aa kun homaa itti hin fakkaatne. Yemmuu ajjeefamuuf ka\u2019anittis fannoo baafatanii uummata eebbisan. Kitaaba Qulqulluu harkaa qabanis ni dhungatan. Namoota murtii du\u2019aa irratti dabarsaniifis ni kadhatuuf ture. Gamoon jala dhaabatanis barbaadamee fuula isaanii ummatati garagalchanii dhaabachiisan. \u201cFuula kee akka uffisan ni barbaaddaa?\u201d jedhamanii gaafatamnaan \u2018kuni hojii keeti\u2019 jedhaniin nama isaanitti haasawuun.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Naannoo addaba\u2019aaba\u2019ii Birbirsa Goorootti(Piyaassatti) gamootti hirkisanii dhaaban. Yeroo kana loltoonni saddeet qopheedhan eegaa turan saddeettanuu yeroo tokko qawwee itti dhukaasan; garuu dhukaasa saddeettaniinuu du\u2019uunsa shakkan. Yeroo kana du\u2019uuf dhiisuu isaanii adda baasuuf hakimni waamame. Akka lubbuun keessa hin baane mirkaneesse hakimtichi. Sana boodas itti deebi\u2019anii shugguxiidhan yeroo sadi mataatti dhukaasanii ajjeesan. Yemmu kuni hundi ta\u2019u koloneelli isa ajjeesisaa ture sun uummatni dirqamaan akka harka dhawu\/rukutuuf taasisaa ture.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Reeffa isaanis namni akka hin agarreef Finfinneedhaa baasanii bakka namni hin agarretti awwaalan Xaaliyaanonni. Ummati Finfinnees guyyaa sana guutummaan boo\u2019afii oole. Siidaan yaadannootis bara 1938 Finfinneetti iddoo isaan wareegamanitti dhaabteef. Manni amantaa ortoodoksi bara Paatiriyaarikii Shanaffaa Abune Phaawuloos, waggoota 60 booda wareegamaa Abune Pheexirosiif aangoo qulqullummaa laatte. Jaarraa si\u2019anaa kana keessas mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti aangoo qulqullummaa kan argatan isaan qofadha. Taabotni maqaa isaaniitiin moggafames Salaaletti argama. Abbaa dhugaa ta\u2019uudhan yemmuu warri biyya bulchina jechaa turan guyyaa rakkoo kana uummata gatanii dheessanitti, isaan garuu ummata isaanii waliin du\u2019uu filatan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Siidaan isaanis Finfinnee Piyaasaa\/Birbirsa Goorootti argama, yeroo gabaabaaf sababa misooma daandiitin ka\u2019ee kan ture yoo ta\u2019u Amajjii 29 bara 2008 iddoo isaatti kabajaan deebi\u2019eera.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">***********<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Maddii oodeefanno: Sagalee Dhugaa Ortoodoksi<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span class=\"_5yl5\" style=\"font-size: 12pt;\">(Barruun Kun Jalqabaan Weebsaayitii <a href=\"http:\/\/xalayaa.wordpress.com\" target=\"_blank\" rel=\"noopener noreferrer\">xalayaa <\/a>jedhamurratti kan maxxanfame)<\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Argan Beekan) Bara 1875 Fichee Salaaletti maatii qote bulaa irraa dhalatan. Warri isaanii irraa dhalatanis.<\/p>\n","protected":false},"author":14,"featured_media":17472,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,27,2,37,41,11,3,55],"tags":[80,79],"class_list":["post-17470","post","type-post","status-publish","has-post-thumbnail","hentry","category-afaan-oromoo","category-articles","category-ethiopia","category-featured","category-history","category-oromia","category-oromo","category-social","tag-abune-petros","tag-magarsa-badhaasa"],"jetpack_featured_media_url":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo-Abune-Petros-Magarsa-Badasa.jpg","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-4xM","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17470","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/14"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17470"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17470\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":22933,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17470\/revisions\/22933"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media\/17472"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17470"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17470"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17470"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}