{"id":17466,"date":"2016-02-09T01:45:40","date_gmt":"2016-02-08T22:45:40","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=17466"},"modified":"2017-06-21T01:15:48","modified_gmt":"2017-06-20T22:15:48","slug":"oromo-struggle-review","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2016\/02\/09\/oromo-struggle-review\/","title":{"rendered":"Badii Adii"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><em><strong>(Bakar Waaaree)<\/strong><\/em><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Oromummaan sabboonummaa dhiphummaan yookiin sabboonummaa of-tuulummaan dhufurratti osoo hin ta\u2019in sabboonummaa maalummaa Oromoorratti hundaa\u2019uun tahuu qaba. Maalummaan Ummata Oromoo Aadaa Ummata Oromoo ti. Eenyummaa Ummata Oromoo ti.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Haata\u2019u malee, sabbboonummaan Oromummaa keenya maalummaa fi eenyummaa keenya qofarratti hundaa\u2019uun akka hin ilaalle cunqursaan Gita Bittaa Nafxanyaa maalummaa fi eenyummaa keenyarratti waggaa dhibbaa ol geggeessite gahee guddaa qabata. Sirni Gita Bittaa Nafxanyaa kun madda rakkoo keenya hundaa ti. afaan jennuus, Aadaa jennuus, Diinagdee jennuus, Barumsa jennuus, Hawaasummaa jennuus, siyaasaa jennuus ta\u2019ee rakkoolee akka ummata Oromootti nu qunnamnuuf maddi sababa isaa Sirna Gita Bittaa Nafxanyaa ture sani.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Otoo waggaa dhibban dabran cunqursaan sirna Gita Bittaa Nafxanyaa ku jiraachuu baatee har\u2019a eessa akka jirru yaaduun qofti gahaa dha. Sirni Gita Bittaa kun kan cunqurse maalummaa fi eenyummaa keeenya qofa osoo hin ta\u2019in ilaalcha sabaa fi sablammootni biraa nu itti ilaaluu fi ilaalcha nutiis sabaa fi sablammoota biraa itti ilaallu irratti dhiibbaa guddaa fidee ture. Kana yeroo jennu, jechi Oromoo jedhamu yommuu dhagahamu akka sodaaa (fear) fi suuraan hamtuun sammuu ummatoota biroo keessatti akka uumamu, ilaalchi nuti ummatoota biraafiis qabnu akka dhiphatuu fi akka ummatoota biraa shakkinu akkasumaas akka keessa keenyattillee amantaaa fi gandummaan waliif hin galle godhee kan ture adeemsa Sirni Gita Bittaa Nafxanyaaa kun nu itti cunqurse kan fide tahuu isaa hubachuun barbaachisaa dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Image-Flag-of-Oromo-Liberation-Front.jpg\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\"alignnone wp-image-17467\" src=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Image-Flag-of-Oromo-Liberation-Front.jpg\" alt=\"Image - Flag of Oromo Liberation Front\" width=\"500\" height=\"332\" srcset=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Image-Flag-of-Oromo-Liberation-Front.jpg 1200w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Image-Flag-of-Oromo-Liberation-Front-300x199.jpg 300w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Image-Flag-of-Oromo-Liberation-Front-768x510.jpg 768w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Image-Flag-of-Oromo-Liberation-Front-1024x680.jpg 1024w\" sizes=\"auto, (max-width: 500px) 100vw, 500px\" \/><\/a><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Gama biraatiinn immoo akka nuti waa hundaan huddu duubatti hafnu, akka ilmaan Oromoo hin baranne, barataniis akka oromummaa isaanii dhoksan, akka Oromummaa isaaniitti itti qaanfatan, akka ummata isaaniif hojjachuu osoo hin taane akka qondaaltota nafxanyaatiif hojjatan dirqamuu ture. Afaan keenyaas akka hin dubbatamne, afaan keenya akka hin qancaraa\u2019u, afaan keenya akka hin babal\u2019anne, maalummaan keenya akka hin mul\u2019anne, akka ummatni biros ummata oromoo hin beekne waan hamtuu itti fakkeessuudhaan fi tooftaa adda addaatiin miidhaa guddaa nurratti adeemsifamaa ture. Nu qofaa miti. Sabaa fi sablammoota biraarrattiis akkasuma cunqursaa gagggeessaa turan.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Gama diinagdeeniis, ummatni Oromoo akka abbaa qabeenyaa hin taane, akka dafqee nafxanyaa isa cunqursitu gabbisu, akka oomishee isaan nyaachisu, akka ilmaan isaa barsiifachuu manna of jala bobbaasee nafxanyaaf tajaajilsiisu, akka hiyyummaan ukkaamamu kan godhe surna Gita Bittaa Nafxanyaa bara dhibbaa ol dafqa Ummata Oromootiin Oromoo cunqursaa ture kana. Kanaa ol akka gabraatti meeshaa fi kennaadhaan ummatni keenya kan jijjiiramaa turees sirnuma nafxanyaa kana keessatti.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Ummatni Oromoo waggaa dhibbaan dura ofiin of bulchaa, akka ofiitti jiraachaa ture. San duraas sirna gadaa dimokraasii addunyaaf dura dhiheesseen ofiin of bulchaa ture. Ummatni Oromoo sirna gadaa keessatti sabaa fi sablammoo biro wajjiiniis tahee ummata biro kamiin wajjiinuu jaalalaa fi badhaadhaan jiraachuu ture. Oromummaan jaalala waan taheef oromummaan dhiphummaa osoo hin ta\u2019in badhaadhummaa fi hunduu fedhinnaan haammachuu ture. Of keessattiis hawaasa guddinaa fi haqa eegu ture.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Sirna maalummaa fi eenyummaa badhaadhaa keenya ukkaamsee ture\u00a0 sirna Gita Bittaa Nafxanyaa kana ofirraa darbuuf Ummatni Oromoo falmii fi qabsoo adda addaa godhaa ture. Gonkumaa sirna gita bittaa kana fedhinnaan fudhatee hin beeku. Sirna kanaa diddaa ta\u2019uuf wareegama guddaa kafalee jira. Wareegama wareegamaa olii kafalee jira. Qabsoon ummatni keenya tooftaa fi dhaabota adda addaa jalatti gaggeesse kan himamee dhumuu miti.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Haata\u2019u malee qabsoon ummatni keenya gaggeesse dhibdee sababa sirna gita bittaa nafxanyaa kanaatiin kan ka\u2019e gurmaa\u2019uu mannaa haala qoqqoodameen, qindaa\u2019uu manna haala faffaca\u2019aa taheen akka lafarra shorroqu gahee guddaa taphatee jira. Qabsoon ummatni oromoo akka dhunfaattiis tahee dhaabbota adda addaa jalatti akkasumas diiddaa addaa addaa fi mormii adda addaa adeemsisuun, nafxanyaaf oomishuu diduun, nafxanyaa tajaajiluu diduun fi tooftaa adda addaatiin diiddaa gabrummaatiif qabsoon akka ummataatti godhe qabsoo hadhaawaa, qabsoo dheeraa fi qabsoo wareegamni guddaan itti kafalame ture. Qabsoon keenya qabsoo ummataati malee qabsoolee dhaabaa fi qabsoolee akka dhunfaatti ibsamuu miti. Ummatni Oromoo sadarkaa sadarkatti, naannowaa naannowatti, umriidhaa umritti, kaabaa kibbatti, bahaa dhihatti haala adda addaatiinii fi tooftaa adda addaatiin hanga dandeettii isaa diddaa sirna gita bittaa nafxanyaaf qabsoo hadhaawaa gaggeessee jira. Wareegama wareegamaa olii kafalee jira. Gabrummaa diddaa falmatee jira.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>ABO<\/strong><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">ABOn akka dhaaba ummata Oromoo isa jalqabaatti qabsoon inni ka\u2019eef Sirna cunqursaa Gita bittaa nafxanyaa kana ofirraa fonqolchee dabruun bilisummaa Ummata Oromoo fiduuf ture. Kanaaf deeggarsa Oromummaan ummaadhaan maddisiiftu qabaachuu ture. Fedhii ummata Oromoo hundaa waan taheef. Kaaayyooo Ummata Oromoo waan taheef. Qabsoo ummata Oromoo hundaa waan taheef. Hirmaannaan guddaas kennamaaf ture.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Garuu qabsoon ABOn gaggeessaa ture rakkoo adda addaa of keeessatti uumamuu fi qoqoodummaa addaa addaatirraa kan ka\u2019e akka dhaabaatti kaayyoo dhaabaa (kaayyoo Oromummaaf bilisummaa) kanaaf qabsaa\u2019uun farra Ummata Oromoo kan ta\u2019e sirna gita bittaa kanarrratti human guddaanii fi kaaayyoo tokkoon falmuu manna of-keessatti wal nyaachaa fi wal qoqqoodaa, qabsoo ummata Oromoo qabsoo sabaa fi sablammoota cunqurfamoo biraatii wajjji walitti-hidhuu mannaa qabsoo ummata Oromoo qabsoo sabaa fi sablammootni birootiis sirna nafxanyaa kana falmachaa turerraa fageessaa ture. Kanarraa kan ka\u2019ees wareegamni ummatni Oromoo qabsoo sirna nafxanyaa irratti gaggeessu kanaan kafalu akka guddatu, cunqursaan nafxanyaan ummata Oromoorratti gaggeessaa\u00a0 ture sun akka hammaatu, akka qabsoon ummata oromoo lafarra shorroqu godhee jira. Akka bilisummaan ummata keenyaa fagaattu godhee kan turees dhaabuma kana. Dhaabni kun qabsoon ka\u2019uun isaa qofti dinqisiisaa fi seena qabaataa tahuu isaa garuu irraanfatamuu hin qabu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">ABOn akka akkana tahuuf sababiin isaas inni guddaan sababii cunqursaan sirna gita bittaa nafxanyaa kun ummata keenyarratti gaggeesse dhiibbaa inni eenyummaa fi maalummaa keenyarratti fide sanaan waan saaxilamee fi. Ummatni Oromoo aadaa wal qoqqooduus tahee, aadaa sabaa fi sablammoota biro wajji wal itti hin taane hin qabu. Kun kan dhufe sababii sirna cunqursaa nafxanyaa kanaatii jalqabee ti. ABOniis akka dhaabaatti kanaaf saaxilamee ture.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kanarraa kan ka\u2019e qabsoon ummata Oromoo sabaa fi sablammoota biraafiis tahee ummattoota biraafiis akka hammeenyaan ilaalamu tahee ture. Bilisummaan keenya dhuma cunqurfama ummata keenyaa qofa osoo hin ta\u2019in ilaalcha soda sabootaa fi sablammoota birootiif akka tahu godhaa kan ture ABO ture. Oromummaan badhaadhummaa fi jaalala osoo hin tahin suuraa nafxanyaan ummatoota biraa keessatti uume akka fakkkatu ABO fakkeenya tahuun qabsoon keenya akka dheeratu akka sodaatamu godhee ture.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kana dabrees ABOn kaayyoo qabsaa\u2019eef dagachuun, eeenyummaa fi maalummaa ummata qabsaa\u2019eef dagatee, fedhinnaa fi hawwii ummata qabsaa\u2019eef dagatee bilisummaa ummata Oromoo keessattiis bilisummaa dhuma hin qabne barbaadaa akkasumaas deebi\u2019ee ummata qabsaa\u2019eef jedhutti dhaaba qabsaa\u2019e. Deebi\u2019ee ummata kiyya jedhee tureef dhaaba diina tahe. Dhaaba ummata qabsaa\u2019ee ture deebi\u2019ee dhaaba morma qale. Dhaaba ummata qabsaa\u2019eefii ture deebi\u2019ee ittiin daldale. Dhaaba farra ummata isaaf deebi\u2019ee ta\u2019e. Dhaaba jiruu awurooppaa fi ameerikaa isaatiif miidhamina ummata isaa hawwe. Yaale.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Ummatni Oromoo sirna cunqursaa waggoottan dhibbaaf ture erga ofirraa dabre waggaa 25 qofa. Waggaalee diigdamii shanan dabre kana keessatti mirga ofiin of bulchuu, mirga aadaa fi afaan isaa itti fayyadamuu, ittiin buluu, dagaageeffachuu argatee jira. Sirna feederaalizimii sabaa fi sablammoota biraa wajjiiniis jaalalaan, fedhinnaan itti jiraatu sirna haarawaas ijaaratee jira. Sirna kana keessattiis naannowa isaa argatee jira. Mirga ofiin oif bulchuu argatee jira. Mirga hiyyummaa sirni nafxanyaa isarratti ukkaamse kana misoomaan ofirraa itti fonqolchuus argatee jira. Mirga dimokraasii fi mirga dhlaootaas argatee jira. Oromoon abbaa qabeenyaa, oromoon barataa, oromoon barsiisaa, oromoon doktoora, oromoon bulchaa, oromoo filataa, oromoon filatamaa, oromoon poolisii, oromoon waraana biyyaa, oromoon misooma, oromoon jaalala tahee jira. Oromoon abbaa seeraa, oromoon abbaa haqaa, oromoon abbaa duulaas tahee jira. Afaan keenya afaan buddeenaa, afaan seeraa, afaan aqaa, afaan saayinsii, afaan guddinaas tahee jira. Aadaa keenyaas yeroo yerotti dagaagaa jira.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Rakkoon hin jiruu? Hir\u2019inni hin jiruu? Rakkooleen keenya hundi guyyyaa tokkotti hin hiikkamu. Guyyaa tokko keessatti ni hiikkama jedhamees hin eeggamuus. Rakkoon keenya kun hundi Galgala tokko keessatti waan hin dhufiniif. Akka namni utaaletti osoo hin ta\u2019in akka utaaluu qabnutti utaalla. Eessaa kaanee eessa akka dhaqnu beekuu qabna. Amma eessa geenyees yaadachuu qabna. Hangam deemuu qabnaas yaaduu qabna.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kanaa ol garuu rakkoon keenya inni guddaan diina keenya fira fakkaatee kan nu miidhaa jiru ABO dha. ABO fi ilaalcha siyaasaa kuftee siyaasaa garaa ofiii kan ta\u2019e siyaasaa ofiin osoo hin ta\u2019in namaan qabsaa\u2019uu ti. Farri keenya\u00a0 kan ijoollee Oromoo barumsa dhoorku. Farri keeenya ka kan qabnu nu jalaa barbadeessu. Farri keenya kan sabaa fi sablammoota biroo wajjiin wal nu kaa\u2019uuf yaalu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Farri keenya kan rakkoo keenya dhoksee nama biraatti dhiibu. Rakkoon keenya rakooo keenya. Akka namni hiikutti osoo hin ta\u2019in akka keenyatti hiikna. Keessa keenya akka hin ilaalle kan nuuf himu diina keenya. Farra keenya. Ka sirrii ta\u2019e ciminaan itti fufuuf, kan dhibdee tahe akka sirreessinu akka ummatattti of keessa ilaaluunii fi of keessa qorachuun qaroomina. Guddina.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Oromoon kan hir\u2019ate guuttatti malee, kan qabdu hin barbadeessitu. Diinni fira fakkaatu diina diinaa olii ti.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">*************<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Bakar Waaree <a href=\"mailto:waareebakar@gmail.com\" target=\"_blank\">waareebakar@gmail.com<\/a> fayyadamuun qunnamuun ni danda\u2019ama.<\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Bakar Waaaree) Oromummaan sabboonummaa dhiphummaan yookiin sabboonummaa of-tuulummaan dhufurratti osoo hin ta\u2019in sabboonummaa maalummaa Oromoorratti.<\/p>\n","protected":false},"author":12,"featured_media":17467,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[77,85,27,7,2,37,41,8,11,3],"tags":[78],"class_list":["post-17466","post","type-post","status-publish","has-post-thumbnail","hentry","category-adda-bilisummaa-oromoo-abo","category-afaan-oromoo","category-articles","category-eprdf","category-ethiopia","category-featured","category-history","category-opdo","category-oromia","category-oromo","tag-a"],"jetpack_featured_media_url":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Image-Flag-of-Oromo-Liberation-Front.jpg","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-4xI","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17466","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/12"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17466"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17466\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":17468,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17466\/revisions\/17468"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media\/17467"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17466"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17466"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17466"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}