{"id":17443,"date":"2016-02-02T07:50:24","date_gmt":"2016-02-02T04:50:24","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=17443"},"modified":"2017-06-21T01:15:49","modified_gmt":"2017-06-20T22:15:49","slug":"interview-oromia-official","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2016\/02\/02\/interview-oromia-official\/","title":{"rendered":"[viidiyoo fi barruu] \u2018Oromoo fi DhDUOn bu&#8217;ura Itiyoophiyaati\u2019: Fiqaaduu Tasammaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\"><span class=\"_5yl5\" style=\"font-size: 12pt;\"><em>HornAffairs Afaan Oromoon<\/em> siyaasaa ummata Oromoo ilaalchisee turtii Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Miseensa Koree Giddu-Galeessaa Dh.D.U.O wajji godhe Guutuu Viidiyoo isaa akkanatti Qindeessinee isiniif dhiheessinee jira.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span class=\"_5yl5\" style=\"font-size: 12pt;\">Warra viidiyoo ilaaluu hin dandeenyeef barruun isiniif qopheessinee jirra.<br \/>\n[viidiyoo asii gaditti ilaaluu ni dandeessu]<br \/>\n&#8212;&#8212;-<\/span><\/p>\n<p><iframe loading=\"lazy\" title=\"Horn Affairs Afan Oromo interview with OPDO and Oromia official\" width=\"500\" height=\"281\" src=\"https:\/\/www.youtube.com\/embed\/gLxzGNXLZsY?feature=oembed\" frameborder=\"0\" allow=\"accelerometer; autoplay; clipboard-write; encrypted-media; gyroscope; picture-in-picture; web-share\" referrerpolicy=\"strict-origin-when-cross-origin\" allowfullscreen><\/iframe><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>HornAffairs Afaan Oromoo:<\/strong> Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Koomminikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Miseensa Koree Giddu Galeessa Dhaabbata Dimokraatawaa Ummata Oromoo gaaffii keenyaaf deebii kennuuf hayyamuu keessaniif galatoomaan jedha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Mormiin dhihoo kana ture Kun mormii maal ture? Eennyu morma ture? Maastar-pilaanii morma ture moo? Mootummaa Naannoo Oromiyaa morma ture moo?Mootummaa Feederaalaa morma ture moo? Bulchinsa Magaalaa Finfinnee morma ture moo? Bulchinsa Ganda isaa kan isa bulchu morma ture moo? DH.D.U.O akka dhaaba Siyaasaatti morma ture moo? Sirna Feederaalizimii Biyyooleessaa morma ture moo? Eenyu morma ture? Maal mormu ture? Kanarraa maal beekuu dandeenya?<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>Obbo Fiqaaduu Tasammaa:<\/strong> Jalqaba isiniis galatoomaan jedha. <em>HornAffairsiin<\/em> dhimmoota Naannoo Oromiyaa keessatti uumamaa turan ilaalchisee sagantaa akkasii qopheessuun dhageeffattoota isaatiitiifiis odeeffannoo madaalawaa fi sirrii tahe kennuuf carraa gaarii isiniif uuma jennee waan yaadnuuf aniis gama kootiin baayyee galatoomaan jedha. Dhimma Gidduu kana tibbana Naannnoo Oromiyaa keessatti uumame mormii maaliiti jennee fudhachuu dandeenyaa? dhimma ja\u2019amee ka\u2019erratti \u00a0dhimmicha akka sirritti hubannuuf wantoota iddoo lamatti addaan baasanii ilaaluun barbaachisaa dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Ummatni keenya akka waliigalaatti hoogganum<\/span><span style=\"font-size: 12pt;\">maa DH.D.U.O\/ADUWAItiin hoogganamuun gaaffiiwwan sirnoota adda addaarratti qabu qabsoo hadhaa\u2019aa gaggeessee jira. Qabsoo gaggeeffame kanaaniis wareegama lubbuu baayyee kafalee jira. Kanarraa ka\u2019uudhaan sirna isaa haarawa ijaaree jira. Sirna haarawa ijaare kana keessatti mirgootni siyaasaa, mirgootni diinagdee mirgootni hawaasamaa walumaagala deebi\u2019aniifuu jiru. Deebii duwwaa osoo hin taane kanarraa ka\u2019ee ummata injifaannoo biraa hawwu, misoomaa dabalataa gaafatu, ummata gaafataa tahe, mirga saatiifiis yeroo kamiyyuu falmuu danda\u2019u, sirna akkasii ijaaruu danadaheera jechuu dha. Kanaafiin eenyummaasaa mirgoota injifannoo siyaasaa argateera jennee kan yaadnu keessaa gaaffii guddaa guutame kan ture. Bara dheeraa keessatti gaaffiin mirga ofiin of bulchuu kan ture, mirgi ofiin of bulchuu kun waggaa dhibbaa ol sirna nafxanyaatiin Oromorra sarbamuun isaa ni beekkama. Sanirraa ka\u2019ee sirna haarawa ijaaree jira. Naannoon Oromiyaa naannoo irraa kaasee naanoo isaa ijaaratee ofiin of bulchaa jira. Kun seenaa wagga dhibba booda k<\/span><span style=\"font-size: 12pt;\">an deebi\u2019eefi goonfota guddaa ummatni Oromoo goonfate keessaa tokko jedhanii fudhachuun ni danda\u2019ama.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">2ffaa: Afaan isaa tuffatamaa kan turees\u00a0 karaa adda addaatiin afaan kun akka guddatuuf afaan hojii motummaa \u00a0seerri kan ittiin tumamu, seerri kan ittiin hiikkamu, seerri kan ittiin rawwatamu, afaan hojii mootummaa naanichaatirraa darbee afaan saayinsii, afaan barnoota ijoolleen baayyee oromoo miliyoonatti lakkaawamu kan ittiin baratan, milliyoona 8 sanaa ol ta\u2019an ittiin baratan, kitaabni baayyeen ittiin maxxanfamu, sirna darbee afaan qo\u2019annaa fi qorannaa, afaan teeknooloojii, afaan saayinsii, afaan miidiyaa tahuu dandahee jira.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Aadaa isaas yoo ilaalle aadaa gaddaarraa kaanee yoo ilaalle sirnoota dabran keessatti cunqursaan irratti gaheen kan awwaalame sun bahee akka cililiqu, ilmaan Oromoo kan ittiin saalfatu osoo hin taane kan ittiin boonu, irreechaa jennu sirna gadaa jennu kaan jeennu ifatti bahee kan itti boonu akka tahu sirna taasisee. Walumaa gala eenyummaa isaa irratti kan boonu, maalummaa isaa irratti ofitti-amantaa kan uume akka tahe hin laalama. Gama diinagdeeniitiis akkasuma bu\u2019aawwan baayyeen dhufanii jiru. Qonnaan bulaan abbaa lafaa duwwaa osoo hin taane lafa isaatirraa oomishee kan argatu, eenyuumtuu saantima cabxuu kan irraa fudhatu osoo hin taane sababuma oomisheen kan ittiin badhaafamu (ittiin jajjabeeffamu), ulfina kan itti argatu, waan oomishe sanaaniis ofii isaatiif kan itti fayyadamu, haalli akkasii uumamee jira.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Biiyyi keenya gudddina keessa jirti yoommuu jedhamuus gaheen Ummata Oromootii fi gaheen Naannoo Oromiyaa guddaa dha. Barnootaas yoommuu ilaallu manneen barnootaa lammii baratuuniis yommuu ilaalllu waliigala (Millenium Development Goal) kan jennu Barkumee rukutuu keessattiis Naannoon Oromiyaa gahee ol\u2019aanaa akka qabu guddina biyyaa dhufe kana keessatti gahee guddaa akka fide beekkamaadha jechuu dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Guddiinii kun matuma isaatiin maal uumee jiraa, ummata gaafataa uumee jira. Ummata gaafatu. Misoomni tokko yoo hojjatame misooma dabalataa kan gaafatu, maalummaa isaa sirritti kan bare, mirgi isaa maal akka tahe kan bare, dirqamni isaa maal akka tahe kan bare akka tahe hubatee jira. Waan hundinuu hirmaannaa isaa qofaan akka tahees hin amanaa. kanarraa ka\u2019uudhaan dhaaba kana waggootan itti aanan shananiif dhaaba bal\u2019atu, dhaaba guddatu kan taasise, injifannoo kanarra akka taasisu kan godhe dhaaba kana. Ummata kana. Mootummaa kana kan ijaare sagalee isaatiini. Filannoon siyaasaa garagaraa dhihaatee filannooleen siyaasaan kun hundinuu nageenya naa fiduu hin danda\u2019anii, wal-qixxumaa naaf fiduu hin danda\u2019anii, sabaa sablammooota wajiin akkaan jiraadhu godhuu hin danda\u2019anii, filannoon kun filannoo badiiti. Filannoon sabboonummaan dhiphummaan dhihaatu, filannoon sabbonummaa of-tuulummaan qabsoo isaatiin kan awwaale dhuftuus lamaan isaaniituu ummatni Oromoo sirritti waan beeka waan ta\u2019eef\u00a0 dhimmoota kana filannoo tahuu akka hin dandeenye hubatee waggoota 25nan darban sagalee kan dhoowwe isa. Sagalee isaatiin Mootummaa kana hundeesse. Sagalee isaatiin federaalizimii kana ijaare. Handhuura feederaalizimii kanaati, har\u2019aa miti yeroo cee\u2019umsaas. Akkasumaas immoo Mootummaa federaalaa kan jedhamu kanaas giddu gala feederaalizimii kan tahe Ummata Oromooti. Itiyoophiyaa haarawa ijaaruu keessatti giddu galli feederaalizimii Ummata Oromoo ti. Ofiif mitii kaaniifuu gaaddisa jechaa dha.\u00a0 Kanarraa ka\u2019ee sababni mootummaa isaa itti mormuuf, sababni dhaaba isaa itti mormuuf, sababa mootummaa federaalaa itti mormuuf, itti shakkuuf guyyaa tokkollee uumamee hin beekkamu jechaa dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Haata\u2019uuti akkumaan duraan kaase guddinni kan uume keessatti guddina isaatiif gufuu kan ta\u2019an dhimmoonni bulchinsa gaarii bal\u2019aa akka tahan yeroo filannoo marsaa 5ffaa geggeessinuus bal\u2019inaan ibsee jira jechaa dha. Tajaajilli isin kennitan gahaa miti, misoomni amma hojjattan kana gaarii yoo ta\u2019eellee gahaa mitii, cirrichi hojjattan aspaaltitti jijjiiramuu qabaa, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaan qofti gahaa mitii 2ffaa dhufuu danda\u2019uutu irra jiraataa, 2ffaa yeroo hojjattan priippaaraatooriin (Manni Barumsa Qophaa\u2019ummaa) dhufuu qabaa, inni kun yeroo hojjatamu yunivarsitiin dhufuu dandahuutu irra jiraataa jedhee iddoo hundatti gaafachaa ture. Kinilikiin qofti gahaa mitii hoospitaalli jiraachuu qabaa, hoospitaalli duwwaan gahaa mitii refferaaliin jiraachuu qabaa, aspaaltiin nu bira gahuu qabaa, bishaan qulqulluun iddoo hunda gahuu danda\u2019uutu irra jiraataa, ibsaan mana manaan gahuutu irra jiraataa,\u00a0 tajaajilli bilbilaa isin kennitan qulqullinaan wajjiiniis nu bira gahuu irra jiraataa karaa jedhuun gaaffiiwwan\u00a0 misoomaa bal\u2019inaan kaasaa ture jechuu dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Piroojeektiiwwan baay\u2019inaan jalqabamanii jiruus yeroodhaan hin xumuramanii, yoo xumuramaniis qulqullina hin qabanii. Sirni gibiraa fi taaksii keessan rogii qabaa. Sirni tajaajila itti kennitan rogii qabaa. Sirni bulchinsa lafaarratti rogii jiraa. Walumaa gala sirna haqaarrattiis\u00a0 dhimmi tokko yeroodhaan dhiimma isaa fixachuurratti, haqa argachuurrattiis rakkoo jiraa jedhee bal\u2019inaan sadarkaa gandaarratti wanna ka\u2019u, sadarkaa aanaarratti wanna ka\u2019u, sadarkaa naannoorratti waan hiikkamuu qabu, sadarkaa federaalaarratti waan hiikkamuu qabu tokko lama jedhee tokko tokkoon tarreeffamaan kaasaa ture jechuu dha. Gama biraatiin kana kaaseeti kan ture. Dhimmootni gidduu kanaas uummame federaalizimii mormuu osoo hin taane federaalizimiif wabii dhaabbachuu dha jenneeti kan ilaallu. Bu\u2019aan kuniis mootummaa anaatu ijaare, waan ani barbaadu hojjata malee waan ofii isaatiif inni barbaade hojjachuu hin qabuu jedhee kan filee dha. Qabsoo isaatiin, fedhii isaatiin mootummaa ijaare. Kanaafiin bu\u2019aa qabsoo keenyaatu ummata akkkasii uumee jechaa dha. Kana akka bu\u2019aatti ilaalla malee mormii akkasii ka\u2019uu akka salfinaa fi akka dadhabinaatti hin ilaallu jechaa dha. Ummata gaafataa dha kan uumuuf qabsoofne. Fuula duras ummata gaafataa akka tahuu fi. Barataa adal hin gaafanne hundaafmiti qabsichi. Na gaha jedhee kan usuu dhaafii miti. Fuuladurattiis bal\u2019inaan kan gaafatu ummata akkasii uumuu, motummaa ummata sodaatee jiraatu, gooftaan isaa ummata akka ta\u2019e beekee jiraatu uumuu dhaa fi. Qabsoon dhaaba keenyaa waan kana taheef akka\u00a0 miseensa dhaaba kanaattiis\u00a0 bu\u2019aa qabsoo keenyaatti nan gammada jedheen ilaala.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kanaafiin mormiin inni kaase maali inni 1ffaa:<\/span><span style=\"font-size: 12pt;\">\u00a0 Bulchinsa gaarii waliin qabatee sadarkaa sadrakaadhaaan dhimmoota jiran kana kaasee dafanii hiikkamuutu jiraata kan jedhu dhiibbaa<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">2ffaa: Dhimma maastarpilaanii wajji walqabatee maastarpilaaniin maaliidha maalii miti, kaayyyoon isaa maali kaayyoon isaa maalii miti, qabiyyeen isaa maali qabiyyeen isaa maalii miti, dhimma jedhurratti ibsa (Clarity) gahaa ta\u2019e yeroo saatiif wixineerra waan tureef gahaa tahe gama keenyaan kenamuu dadhabuu isaarraa kan ka\u2019e, gama biraatiin immoo humnootni kan biraa ka\u2019erratti carraa kana akka carraa gaariitti itti fayyadamanii kaayyoo maastarpilaanichaa kan hin taane, qabeenya maastarpilaanichaa kan hin taane, adeemsa maastarpilaanichaa kan hin taane, ummata kara shakkii itti uumuu danda\u2019uun keessumattuu dargaggoota keenya miira kakaasuu danda\u2019uun gochuudhaan lafti oromoo akka kutamee Naannoo Finfinnetti kennamu, babal\u2019inni Finfinnee (at the expense of Oromia) akka tahe godhanii, federaalizimiin kun akka jige wayitti godhanii kakaasuu ture jechaa dha. Daangaan dhimma daangeessuu dhimma walitti fiduu miti federaalizimiin biyya keenyaaa. Bulchinsa qofaa miti kan daangeessu. Eenyummaas daangeessa. Maalummaas daangeessa. Federaalizimiin biyya keenyaa asii kaatee kaabaa hanga kibbaatti daangaa akkas akkasii qabda kan jedhamu miti. Eenyummaadhaa ni. Afaan dubbatuu ni. Aadaa inni qabuu ni. Maalummaa inni qabuu ni. Sabummaarratti kan hundaa\u2019e federaalizimiin kun.\u00a0 Kana waan ta\u2019eef lafa taakkoo tokko asii fuudhanii achi kennuun lafa duwwaa osoo hin taane kan kennamu eenyummaa wajjiin kennama. Kanaafi feederaalizimiin an ijaare kuni\u00a0 jigsuudhaafii laata karaa jedhuun, federaalizimii kanaaf wabii dhaabbachuu dhaafi kan morme. Kana keessatti feederaalizimii malee hin jiraatuu jechuu dha. Shakkii qabu sana ifatti kaasuudhaan, mootummaa ofiif filate, dhibbaan dhibbattti filateetii bar. Carraan hundi dhihaatee carraan amma jedhamu kun hundi dhihaatee, isin humnoota badiiti malee humnoota misoomaa tahuu hin dandeessan jechuudhaan dhibbaa dhibbatti bahee filate. Karaa nama ajaa\u2019ibuun galmeerraa kaasee guyyaan filannoo irraa kaase akka isaan hin jedhanii guyyaa lammataa hojii misoomaatti kan gale.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kana caalaa dhaaba isaatiif\u00a0 mootummaa isaatiif amantaan inni qabu guddaa natti fakkaata. Dhaaba isaa deebisee ammaas rakkoon qabu kana isinumaatu sirreessaa jedheeti rakkoo bulchinsa gaarii kaasaa ture jechuu dha. Rakkoo bulchinsa gaarii kanarratti\u00a0 kan maastarpilaanii wajji dhimmoota wal-qabatamu shakkii waan uumaniif shakkii uumame kana immoo qaamni humnootni badii kun kaayyoo siyaasaa isaaniitiif akka carraa gaariitti fudhatanii waan itti fayyadamaniif ida\u2019amni kun jeequmsa kana uumeeraa jenneeti ilaalla. Malee dhaaba isaa mormuudhaaf ka\u2019uudhaan, mootummaa isaa mormuudhaaf ka\u2019uudhaan, federaalizimii mormuudhaaf ka\u2019uudhaan, federaalizimii kanaafiis wareega baayyee kafale. Ummatni Oromoo yeroo camsaatirraa kaasee yeroo warri feederaalizimiin kun diigamuutu irra jiraaata jedhanii jarri kaan dhiitanii yommuu ba\u2019an federaalizimiin kun jiraachuutu irra jiraa jedhee humnoota kanaan dabalatee kan gubachaa ture ummata Oromoo ti. Ummatni Oromoo federaalizimii kanaaf bu\u2019ura. Wareegamaan ijaare jechaa dha. Wareegamaan kan ijaare kana haalli itti mormu hin ummamne. Dhimmoota akkanaa akka waliigalaatti ka\u2019umsa rakkoo kanaati jenneeti kan ilaallu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo_-_Fekadu_Tessema_Oromia_Comm_Bureau_head.jpg\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\"alignnone wp-image-17449\" src=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo_-_Fekadu_Tessema_Oromia_Comm_Bureau_head.jpg\" alt=\" Photo - Fekadu Tessema, Oromia Comm Bureau head\" width=\"500\" height=\"255\" srcset=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo_-_Fekadu_Tessema_Oromia_Comm_Bureau_head.jpg 1200w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo_-_Fekadu_Tessema_Oromia_Comm_Bureau_head-300x153.jpg 300w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo_-_Fekadu_Tessema_Oromia_Comm_Bureau_head-768x392.jpg 768w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo_-_Fekadu_Tessema_Oromia_Comm_Bureau_head-1024x523.jpg 1024w\" sizes=\"auto, (max-width: 500px) 100vw, 500px\" \/><\/a><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>HornAffairs Afaan Oromoo:<\/strong> Mormiilee kana keessatti qaamota Hawaasa adda addaarraa fi akkasumallee qaamota nageenya eegsisurraahiis lubbuun nama hedduu akka galaafamte beekkamaa dha. Lakkoofsaan hin beekkamuu? Lakkofsaan nama hanganaatu sababii kanaan akkanatti galaafame kan jedhu ni beekkamaa?<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>Obbo Fiqaaduu Tasammaa:<\/strong> gaarii dha. Duraan dursee dhimma ummatni gaaffii sirrii iddoo shakkii itti qaburratti kaasuu saa akka jirutti fudhanne. Qaamooleen biraa garuu jeequmsaa fi kaayyoo isaaniitiif fayyadamuudhaan waan uumamuu hin-malle karaa nagaatiin kaasuu osoo danda\u2019uu waan uumamuu hin-malle uumamee lammii keenya lubbuudhaaniis, qaamaaniis qabeenya barabdaa\u2019e tahellees dhaabni keenya yeroo adda addaatti mootummaan naannoo keenyaas\u00a0 dhunfatti kenname kamiyyuu gadda cimaa nutti dhagahame ibsinee jirra. Gadda kana ibsuu duwwaa osoo hin taane jara badiin irratti qaqqabe kana jajjabeessuudhaafiis deebisanii ijaaruudhaafiis\u00a0 mootummaan koomitmentii qabu. Isaan cinaa akka dhaabbatuus yeroo adda addaa ibsee jira jechuu dha. Waan uumamuu hin qabneetu uumame. Kanaan baayyee gaddina. Warra du\u2019aniif lubbuu isaanii sababa kanaan dhabaniif baayyee gadda. Maatii fi ummata keenya guutuudhaaf jajjabina hawwa. Jara kana cinaa immoo Mootummaaniis dhaabbachuudhaaf qophii tahuu isaa carraa miidiyaa kanatti fayyadamee ibsuuf nan jaaladha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Gama biraatiin kana keessatti eenyu du\u2019ee? Akkamitti du\u2019ee?\u00a0 Dhimmoota jedhaman kana\u00a0 qaamoleen humnoota siyaasaa adda addaa\u00a0 faayidaa isaaniif akkaataa itti uumuu danda\u2019uun ibsa gara garaa kennanii jiru. Nuti akka ummatummaatti dhimma kanaan qofa walqabatee,\u00a0 jeequmsa uumamuu hin malle kanaan qofa wal qabatee qaama nageenyaa keessaahiis haa ta\u2019u, hawaasa kana keessatti karaa adda addaatiin uumameeniis haa ta\u2019u, meeshaa waraanaa qabatanii qaamota nageenyaa wajjiin yommuu dhukaasaniis, falmii giddutti taasifameeniis , dhukaasa giddutti banameen du\u2019an haa ta\u2019u eenyu faa akka tahe lammii keenya waan ta\u2019eef hunda isaa qabatamaan adda baafnee sababa isaa wajjiin kan du\u2019ees, kan madaa\u2019ees, maadaa\u2019ee hoospitaala ga\u2019ee maal tahees kan jedhu Mootummaan dhimmicha guutumatti qulqulleessaa jira. Inni kun qulqullaa\u2019ee yommuu xumuramu hunda isaa badii lubbuu nammaarrattiis, qaama namaarrattiis, qabeenyarrattiis hunda qaqqabe ilaalchisee hundasaa erga xumurre booddee akka Mootummaatti kallatti qabatummaa qabuun qaama barbaachisaa taheen hin ibsina. Kun yeroo addaa addaattiis ibsi wanti kennameef lammiiwwan akka du\u2019an ifa. Akka miidhamn ifa. Eenyumtuu dhoksuun hin danda\u2019amu. Garaagarummaan kanarratti namni tokkoos yoo du\u2019e\u00a0 namni dhibbaa wahiis yoo du\u2019e gadni namaa tokkuma. Lubbuun kun tokko baduu waan hin turreef. Kanaaf kana gadda. Dhimma jiru garuu odeeffannoo saa qulqulleessinee\u00a0 yeroo barbaachisu qaama barbaachisuun kan ibsamu tahaa jechuu dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>HornAffairs Afaan Oromoo:<\/strong> Shoora nageenya eegsisuu yeroo mormii keessatti warri hirmaatan hin beekkamuu? Eeny faadhaa? Agaazii kan jedhamu ture moo?<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>Obbo Fiqaaduu Tasammaa:<\/strong> Haala qaamolee nageenyaa walumaa gala ilaalchisee haalli uumame yeroo biraatirraa jeequmsi uumame yeroo biraatirraa adda kan turee dha. Adda kan ture yommuu jennu bal\u2019ina isaatiiniis, tormaata isaatiiniis akkasumas hammeenya isaaniitiis yommuu ilaallu\u00a0 baayee bal\u2019aadha kan ture. Miidiyaalee humnoota badii kanaaniis kalllattiin tamsaasaa itti kennameeti karaa nama kakaasuu dandahuuniis tamsaasaa waan turaniif\u00a0 namni beekuus namni hin beeknees bal\u2019inaan kan hirmaate waan tureef haala nageenyaa fi humna nageenyaa of keessattti tureen haalli humna nageenyaa naannichaatiiff baayyee rakkisaa ture jechaa dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">1ffaa: Bal\u2019ina isaatiin baayyetti al-tokko yommuu ka\u2019u humni kun iddoo hundatti qaqqabuurratti lakkoofsa isaatiiniis wal qabatee rakkoo dha kan ture. kanarraa ka\u2019ee kanarratti kan hirmaate inni jalqabaa milishaa keenya. Milishaa gandarra jiru. Milishaa Naannoo Oromiyaa jechaa dha. Milishaa Ganda isaarrra kan jiru, aanaa isaarra kan jiru jalqaba nageenya kana eegsisuu keesssatti akka qaama nageenyaatti isa. Itti aansuudhaan poolisii naannoo ti. Koora-Bittinneessaan Naannoo Oromiyaas hirmaatee jira. Lakkoofsaan muraasa yoo ta\u2019ees iddoowwan mormiin itti jabaattetti hirmaatee jira. Humna qaamolee kanaa ol yommuu ta\u2019u bal\u2019ina isaatiin iddoo hunda waan qaqqabuu hin danda\u2019amneef iddoo tokkotti yommuu dhoo\u2019u iddoo kaaniittis, hammeenyi itti deemaa turee haalaan hamaa dha kan ture. Karaa cufuun turee jira. Meeshaa waraanaatiin deeggaramuu jra ture. Meeshaa waraanaa dirqisiisisuun milishaarraa fudhachuu turee jiraa. kanarra darbee immoo manneen sirreessaa (hidhaa) gad lakkisiisuu dhaaf cabsanii gad lakkisiisuudhaaf, bulchinsa diiguu dhaaf, manneen poolisii diiganii meeshaawwan fudhachuudhaaf kanaa ol jeequmsa balaa akka qaqqabsiisuf waan ta\u2019eef kana keessa waan turee dha. Dhimman kun yommuu hammaatu poolisiin federaalas kana keessatti qaama kana deeggaruu keessatti iddoowwan gara garaa eeguu keessatti\u00a0 akkasumas immoo iddoowwan jeequmsi itti uumaman kana tasgabbeessuu keessatti hirmaatee jira.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Humnoota\u00a0 kanaa ol bakka itti ta\u2019etti immoo humni dabalataas Raayyaa Ittisa Biyyaa galee jira. AGAAZII kan jedhamu kana osoo hin taane Agaaziin humnaaniis iddoo kana hunda gahuu hin dandahu. Lakkoofsi isaaniis yommuu ilaalamu lakkoofsaan muraasa.\u00a0 Gaheen isaas kanaa miti. Bal\u2019inaan jechaa dha. Kanaaf as keessatti kan hirmaate Milishaa, Poolisii Naannoo Oromiyaa, Poolisii Federaalaa fi akkasumas Raayyaa Ittisa Biyyaa iddoo iddoo jiranitti muraasni jechaa dha. Inni hundumtuu yeroo gara garaa osoo hin taane, idduma jiranitti kan hirmaatani. Fakkeenyaaf, baha keessatti koreen Raayyaa Ittisa Biyyaa baha jiru deeggarsa kenna yeruma kamiyyuu jechaa dha. Amma qofa osoo hin ta\u2019in yeruma kamiyyuu nageenya eegsisuu keessatti\u00a0 gargaarsa hin kenna jechuu dha. Yeroo filannoos eegumsa nageenyaarratti hin bobba\u2019a. Yeroo ayyaanni gara garaa kabajamu rakkoon ummatarra akka hin geenye gochuudhaaf kan hirmaatuu jechaa dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">\u201dHumnootni kun maaliif hirmaatanii?\u201d jennee yommuu ilaallu \u201dMaaliif?\u201d \u201dDhimma kanatti humna baayyee kana hirmaachisuun barbaachise?\u201d \u201dOtoo kana hunda hirmaachisuu baannee maaltu dhufa ture?\u201d jechuun ilaaluun ni danda\u2019amaa jechaa dha. kana<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">1ffaa: Humni kun karaa baayee ijaarameen meeshaalee iddoo eegsisuu danda\u2019u fudhatee iddoolee ammoo meeshaa guutumatti cabsee fudhachuu danda\u2019u godhee guutumatti gara biyya seera keessa hin jirre godhee, namoota akka barbaadetti ajjeeesee, kan barbaade gubee akkaataa sanaan odeessaa dha kan ture jechaa dha. Qabeenyaas barbadeessaa kan turee dha jechaa dha. Kana duwwaa osoo hin taane saamichaas turee jechaa dha. Lubbuun namaa bal\u2019inaan galaafamaa ture jechaa dha. Dirqamaaniis ummatni isaan cinaa akka hiriiru, kan dide immoo mana isaa gubaa kan turanii dha qabatamaan yommuu ilaallu. Oomishini waggaa guutuu qonnaan bulaaan dafqa isaatiin basee, haramee, oomishe kan xuullatees gubanii jiru jechaa dha. Kun bakka jirutti mootummaan dhimma kana iddoo jirutti dhaabuun barbaachisaa ture waan taheef nageenya ummataa eeguudhaaf jecha\u00a0 humni kun kan bobba\u2019e jechaa dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">2ffaa: Poolisii federaalaas yoo ta\u2019e lakkoofsi baayyeen isaa Oromoo dha. Qaama biraa miti. Poolisiin federaalaas nageenyuma naannoo dhaa eeguu dhaafi. Nageenyuma biyyaa eeguu dhaafi.\u00a0 Humna tokko. Federaalizimii kanaas isumaatu ijaare jechuu dha. Raayyaa Ittisa biyyaas yoo jenne raayyaan ittisa biyyaa eenyu keessaa kan ba\u2019e? Oromoon bal\u2019inaan kan keessatti hirmaatuu dha. Wanni addaa hin jiru jechaa dha. Dhimma sabaa godhanii addaan baasuudhaaf yaalii taasifamu yoo ta\u2019e malee humni nageenyaa kun nageenya ummataa eegsisuu dhaafi. Kan godhees kanumaa jechuu dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Iddoo muraasatti hanqinaalee raawwataman jiraachuu mala. Hanqinaaleen, akkuma qaamni biraas raawwatutti, humni nageenyaa kuniis waaqarraa hin buune jechaa dha.\u00a0 Waa hunda isaa waan qulqulluu iddoo hundatti raawwata jechuun hin danda\u2019amu. Iddoo ta\u2019e ta\u2019etti waan hin malle gochuun mala. Waan ummatniniis hime, waan qabatamaa bira gahuudhaafiis yaalle ni jira jechuu dha. Kanaafiis kana hatattamaan sirreessuudhaaf waan hin malle warri godhan haalli itti gaafatamu ni jira. Dirqama isaarrattiis haalli itti gaafatamu ni jira. Dhimmoota kana waliigala kan turani. Inni guddaan giddu-galeessa isaa nageenya ummataa manni akka hin gubanneef, hawaasni qabeenyi isaa akka hin barbadoofneef,dirqamaan ummatni akka hin mormineef, qabeenyi isaa akka hin saamamneef,\u00a0 karaan akka hin cinneefi. Tajaajilli waliigala isaanii makiinaa dhaabanii dabarsuu dhaaf maallaqa fudhachuu ture jechaa dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Ol-aantummaan nageenyaa yoo nageenyi hin jiraanne ol-aantummaan nageenyaa yoo hin mirkanoofne biyya akkami akka qabaachuu dandeenyu ilaaluun ni danda\u2019amaa jechaa dha. Akka sooriyaa, akka somaaliyaa maal maal kana akka tahu taasisuudhaaf wanti raawwatamuu turees cimaa waan tureef dhimma kana tasgabbessuudhaaf yaaliin godhamee jira. Dhimma\u00a0 Agaaziidhaa akkasumas saraawiitiin bobba\u2019e saraawiitii saba tokkootii maal maal jedhamee kan hafarfamu kun gonkumaa fudhatama kan qabuu miti jechaa dha. Heera mootummaarratti kan kaa\u2019ame jira. Heera mootummaarratti kan kaa\u2019ame kun Poolisiin federaalaas kan ijaaramu akkasumaas immoo Raayyaan Ittisa Biyyaas ifatti kan ijaaramu hirmaannaa Sabaa fi Sablammootaatii ni. Ergamni isaas nageenya biyyaaa eeguu dha. Kanarraa kan darbe hin qabu. Inni kun otoo ta\u2019uu baatee badiin qaqqabu gahu maal tahuu akka danda\u2019u ilaaluun ni danda\u2019ama. Isa kana ittisuudhaa fi. Hirmaannaan isaas kana mirkaneessuu fi. Mootummaaniis kanuma hojjate jechaa dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Hundaa ol garuu akka keenyaatti, Raayyaa ittisa biyyaas miti, poolisii federaalaas mitii, poolisii oromiyaas mitii, milishaa keenyaas miti, gahee ol\u2019aanaa kan taphate ummata. Gaaffiin kun garaan malee deemuu isaa yommuu baru, manni isaa qofti gubachuu yommuu jalqabu, daandiin cufamee sochoo\u2019uu yommuu dadhabu, ambulaansiin isaa ulfa qabattee deemtu karaarratti\u00a0 gubamuu yommuu jalqabamu, waan inni waggaa guutuu dalagaa ture sun gubachuu yommuu jalqabu, dhimmi kun gaaffii isaa akka hin taane bare. Isa fuuldura kan dhaabbate. Otoo ummatni fuuldura dhaabbachuu baatee, saraawitii biyya kanaa mitii saraawitii afrikaa guutuu otoo finneehuu wanna dhaabbatuumiti.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Ummatni oromoo gaaffiin inni gaafate ifa. Mootummaa isaa fi dhaaba isaa filateef dhiheesse. Gaaffii irratti iftoomina hin qabaanne, gaaffii bulchinsa gaarii misooma guddinarraa dhufan akka hiikkamuuf barbaachuurraa kaasee\u00a0 kanaan ala gaaffii biraa hin qabu. Gaaffii saba biraa balleessuu, gaafffi qabeenya barbadeessuu, nama qaluu, nama gubuu, gaaffii isaatii miti jechaa dha. Aadaa isaallee miti. Fuulduratti bahee kan balaaleeffatees ummata. Akka tasgabbaa\u2019u kan godhees ummata. Kana waan ta\u2019eef isa kana tasgabbeessuu keessatti gatii ol\u2019aanaa kan qabu ummata keenya. Qaamni nageenyaa keenya gatii lammaffaa dha kan qabu. Dirqama saas waan taheef jechuudha. Kana walii gala kan jiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>HornAffairs Afaan Oromoo:<\/strong> Dh.D.U.On akka Dhaaba Siyaasaa Ummata Oromootti mormiilee naannowa adda addaatti argaman kanarraa maal hubata? Deebiin akka siyaasaatti kennamuus jiraa moo akkam?<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>Obbo Fiqaaduu Tasammaa:<\/strong> Dhaabbatni keenya Dhaabbatni Dimokrrasawaa Ummata Oromoo uumama isaatiin kan uumamees qonnaan bulaarraa hi. Qabsaa\u2019otni isaas baayeen wareegama kafalanii sadarkaa kanaan kan geessan qonnaan bulaa bal\u2019aa dha. Kan dhaabbateefiis qonnaan bulaa bal\u2019aadhaa fi. Namni biraa hin jiru. Qonnaan bulaan bal\u2019aan fedhiin isaa yommuu eeggamu jiruu saanii yommuu yommuu jijiiramu kan magaalaas hawaasni kaaniis hin jijjiirama jedhee amana. Hawaasa baadiyyatiif qonnaan bulaaf dhaabbate yommuu jedhamu magaalaaf hin dhaabbatne hawaasa kaaniif hin dhaabbanee jechaa miti.\u00a0 Adda durummaa inni dhaabbateefiitu rakkoon qonnaaan bulaa fi baadiyyaa keessa jiru yommuu hiikkamu kan kaaniis hundi isaa ni hiikkama jedhee yaada.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kanarraa ka\u2019ee ammoo rakkoowwan hundee isa qunnamu ofii isaaf taa\u2019ee kan ilaalu duwwaa osoo hin taane ummataa wajji deebi\u2019ee marihata. Maali inni rakkoon uumame, maaltu maal tahe jedheeti taa\u2019ee mari\u2019ata.\u00a0 Fuullee fuulletti mari\u2019ata. Marii kanarraa deddeebisee kan hime\u00a0 jijjiirama guddaa fiddanii jirtuu, injifannoo guddaati kan goonfannee jirruu, misooma nu barsiistanii jirtuu, afaan nu barsiistanii jirtuu,\u00a0 waa hunda saa mirga argannee ti kan jirruu. Haa ta\u2019uuti garuu ammaas kun dhaabbachuu hin qabuu, caalmatti misooma dhufuu dandahuutu irra jiraataa. Hojiiwwan misoomaa bulchinsa gaarii jettan kun jiruu keenya keessatti iddoo guddaa waan qabaniif dafanii hiikkamuu dandahuutu irra jiraataa dhimma jedhu kana kaa\u2019ee jira.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Dhimma maastarpilaaniis yoo ta\u2019e bara 2006 irratti Aamboorratti wanni walfakkaatu sadarkaa kanattillee tahuu baatu rakkoon uumamee turee jira. Rakkoon sana akka uumameen yeroo sana tasgabbeessan marii bal\u2019atti seenamee guutumatti dhaabbateera. Yookiin immoo mari\u2019annee yoo barbaachisaa ta\u2019e itti fufna karaa jedhu sana saniin itti deemaa jedhani. Nuti garuu tasgabbeessineetuma dhaabbate. Hojiin ibidda dhaamsuu qabuu, hojiin keessan bu\u2019urarraa wannoo ta\u2019uutu irra jiraataa kan jedhu waan kaafameef inni guddaan DH.D.U.On akka dhaabaatti dhaabbatee rakkoon ummame kun, eessatti rakkoon uumame jedhee kan of ilaalu, deebisee rakkoo isaas ummatatti kan himu, ummatni isaa akka itti himu kan taasisu, sanarraahuu ida\u2019ama lamaaniin cimee dhaaba cimee ba\u2019u waan taheef inni guddaan kan laale dhimmoonni ummatni kaasu yeroodhaan bakkalatti deebii hatattamaa itti kennuu wajji wal qabatee hanqinni akka jiru kan ilaale. Otoo inni kun ta\u2019ee turee kaaniifiis carraa gaarii hin ta\u2019u ture. Akka carraatti akka itti hin fayyadamuudhaaf carraa qaawa argatan ture. Kana kan ilaale.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">2ffaa : Rakkoowwan bulchinsa gaarii yeroo dhaa gara yerootti ummata hifachiisa ummata hifachiisaa, ummata keenya dallansiisaa baayyinaan waan jiraniif isa kanaas miira yeroo hin qabneen hiikuun akka nurra jiraatu kan irraa baranne.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">3ffaa:\u00a0 Qaama dargaggeessa kana bal\u2019inaan barsiisnee jirra. Barachuun isaa bu\u2019aa keenya. Ammaas kana caalaa bal\u2019naan hin barsiiSna. Sadarkaa baayyinaan barartee bahuun garuu carraa hojii uumaa jirraahii? Baadiyyatti carraa hojii uumaa jirraahii? Magaalatti carraa hojii uumaa jirraahii? Wanni carraa hojii uummuudhaaf yayyaalamu jiru. Garuu bal\u2019ina rakkichaa wajji yommuu ilaaltu waan walitti dhufuu miti. Badii keessatti namni hiree dhabe qaama kamiifuu yoo hiriire kan nama dinqisiisu hin jiru. Wanta toora naannowa kana jiru ilaaluu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Gama biraatiin immoo keessumattuu Dhaloota Haarawa kanarratti hojjachuun akka barbaachisu dhaabbatni keenya dargaggeessa kaleessaatiin kan ijaarame yoo ta\u2019ellee ammaas miseensii fi gaggeessaan isaa bal\u2019inaan dargaggeessa yoo ta\u2019elle dargaggeessa guutuu Oromoo keessatti laphee keessa sirritti karaa galuu danda\u2019uun hojiin siyaasaa bilchina qabu bal\u2019inaan akka hojjatamuu qabu dhaabni keenya kan akka rakkoo baasee jira. Fuulduratti kana hojjatee akka galmaan ga\u2019u abdiin qaba.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>HornAffairs Afaan Oromoo:<\/strong> Dhaabbatni Dimokraatawaa Ummata Oromoo Dh.D.U.On akka qaama ADUWAItti, akka qaama dhaaba biyya bulchuutti shoorri inni akka dhaabaatti taphachaa jiru xiqqaa dhaa! Aangoo hin qabuu jedhee komatama. Kanarratti mee maal jettu?<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>Obbo Fiqaaduu Tasammaa:<\/strong> Dhaabni kun guyyaa hundaa\u2019erraa kaasee gaaffii ummata Oromoo qabsoo gaggeessaa turee fi wareegama kafalaa ture kana karaa bifa taheen nan deebisa jedhee kan ka\u2019e ABO mataa saatiin maqaa ummata Oromootiin isa jalqaba ijaarame nan deeebisa jedhee akka jaarmaya tokkoootti ka\u2019uusaa Dhaabbatni Dimokraaswaa Ummata Oromoo dhimma kanaaf kabaja guddaa kenna. Seenaa Oromoo waan taheef. Seenaan lamaan keenyaahuu seenaa Oromoo ti.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Garuu qabsoo ummata Oromoo kana turmaata sana keessatti qabsoo sabaa fi sablammoota biyyattiidhaan walitti hidhuun waan hin danda\u2019amneef qabsoon ummata Oromoo lafarra harkifachaa, qancaraa, wareegama baayyee kafalaa kan ittiin dhufe akka\u00a0 tahe hin beekkama. DH.D.U.On qabsoo ummata Oromoo kana qabsoo sabaa fi sablammoota cunqurfamoota kaaniin wajjiin walitti hidhuudhaan filannoo addaa qabatee dhaaba bahee dha. Aadaa ummata Oromoo giddu galeessa godhatee dhaaba bahee dha. Ummata waliin jiraachuu danda\u2019u \u00a0ka\u2019umsa godhatee kan ba\u2019ee dha. Kara dimokraataowaa taheen rakkooon hundinuu hiikkamuu ni danda\u2019a jedhee kan ba\u2019ee dha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Sabaa sablammoota kaaniis hunda akka diinaaatti kan ilaalu osoo hin taane diina isaa akka diinaatti, gita bittaa kamirraahuu akka gita bittaatti saba kamiifuu taanaan diinaa jedhee hariiroo isaa sirreeffatee, sabni biraa garuu maqaa sanaan yoo ta\u2019e ala waan fayyadaman waan hin jirre waan taheef firaa jedhee addaan baafatee kan galee dha. Kana irratti adda addummaa qabna. Guyyaa dhaabni kuni hundeeffamerraa ka\u2019ee dhaaba kanarratti gama of-tuultotaatiiniis gama dhiphootaaniis bal\u2019inaan shakkiin akka irratti uumamu taasisuudhaan guyyaa dhaloota isaarraa ka\u2019ee hanga ammaatti irratti duulaa jiru. Fuuldurattiis irratti hojjatu jedheen yaada. Kun garuu nuuf cicciminsa malee nu cilpheeffachiisu. Deebiin qabsoo keenyaas kanuma.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">ADUWAI dhimma jedhamu kana\u00a0 OPDOn ala yookiiin DH.D.U.On ala akka addaatti qabatamaa dhaan qaamni murteessaa ta\u2019e OPDO dha. OPDOn alatti ADUWAI yaaduun waan danda\u2019amuu miti. Sabni isaa akeekni ADUWAI hundisaa giddu gala baadiyyaa godheeti hojjata. Aantummaan isaa qonnaan bulaarratti. ADUWAIn qonnaan bulaarratti hojjata yoo ta\u2019e qotaa bulaa bal\u2019aan as jira jechaa dha. Bu\u2019ura hawaasummaa saa kan qotaabulaa bal\u2019aa ADUWAI dha. Kan ADUWAI Qoteebulaa erga ta\u2019e\u00a0 qonnaan bulaan balaan kan jiru Naannoo Oromiyaa ti. Naannoo Oromiyaa keessatti kan ceemsifamu OPDO dha jechaa dha. ADUWAIn milliyoona 6 akkasitti siqa qabu keessaa, lakkoofsa sirrii harkaa hin qabu, walakkaa ol kan ta\u2019u miseensa OPDO ti. Miseensa bal\u2019aa kan qabu DH.D.U.O dha. Federaalizimii kana giddu galli OPDO fi Ummata Oromoo ti. Jaalatamees jibbamees.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Dhaabbicha keessatti naamusa galii tokko qaba. Qamni hunduu dambii itti oolmawaniin yommuu walitti dhufan heera ittiin bulmaa\u2019an qabu. Karaarratti miti kan walitti dhufan. Akeekaan tokko ta\u2019anii naannoo naannoo isaaniitti eessummaa saanii qabatanii kan hojjatani. Dhimma ADUWAI keessatti dhimma mormuu, dhimma deeggaruu, dhaabbooleen qixxeen qaba. Achi keessatti akka gahee hin qabne godhanii kan kaasan federaalizimiin kun akka diigamu warra barbaadani. Federaalizimii kana keessatti\u00a0 ummatni Oromoo shakkii akka godhatu gahee hin qabu jedhee akka shakkii godhu taasisuu dha. Misooma hanga ammaatti dhufe jedhamu kessatti hooggansa OPDO dhaan dhufe. ADUWAIn kan itti boonu. Hidhuma amma ijaarraa jiru kana keessatti hirmaannaa dhaan guddaan Kan Naanoo Oromiyaa ti. Ija kanaan ilaaluun ni barbaachisa.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Gama biraatiin sirni ijaaraa jirru sirna federaalizimii ti. Sirna federaalizimii kana keessatti sabna Xiqqaa Saba Guddaa Kan jedhamu mirga wal-qixxee qabu. Saba xinnaa dha jettee mirga isaa irraa fuudhuu hin dandeessu. Saba guddaa dha jettee haalli itti caalsisuu dandeessu hin jiru. Mana marii bakka ummataa keessatti lakkoofsa saatiin bakka bu\u2019u. Mana marii feedereeshinaa isa lakkofsa saatiin bakka bu\u2019a. Lakkoofsi saa ammaas guddaa dha. OPDO dha jechuu dha. Iddoo bakka bu\u2019uu qabutti lakkoofsaan bakka bu\u2019a. Lakkoofsaan duwwaas osoo hin taane qoodinsa bajataatiis ni fudhata. Akka lakkoofsa isaatti fayyadamaa jechuu dha. Kanarra dabaree immoo hojii raawwachiiftuu keessaas yoo ta\u2019e lakkoofsaan kennnama. Sabaa fi sablammootni biyya kanaa bakka bu\u2019uu tu irra jraata jechuu dha. Federaalizimii keenya jedhanii amnuu dandahuutu irra jiraata jechuu dha. Kanaas yommuu ilaallu ministeera 9 (Sagal) moo akkan kan qabu. Dhimmooota kana giddu galeessa goonee yoo ilaalle gaarii dha jedheen yaadaa akka yaada kootti.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>HornAffairs Afaan Oromoo:<\/strong> Obbo Fiqaaduu Tasammaa Hogganaa Biroo Dhimoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa tii fi Miseensa Koree Giddu Galeessa DH.D.U.O baayyee galatoomaan jedha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong>Obbo Fiqaaduu Tasammaa:<\/strong> Galatoomaa Isiniis.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">*************<\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>HornAffairs Afaan Oromoon siyaasaa ummata Oromoo ilaalchisee turtii Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshinii.<\/p>\n","protected":false},"author":42,"featured_media":17449,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,7,2,37,45,48,6,8,50,11,3],"tags":[71,70,73,72],"class_list":["post-17443","post","type-post","status-publish","has-post-thumbnail","hentry","category-afaan-oromoo","category-eprdf","category-ethiopia","category-featured","category-interview","category-multimedia","category-news","category-opdo","category-opposition-politics","category-oromia","category-oromo","tag-dhduo","tag-fekadu-tessema","tag-fiqaaduu-tasammaa","tag-itiyoophiyaa"],"jetpack_featured_media_url":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2016\/02\/Photo_-_Fekadu_Tessema_Oromia_Comm_Bureau_head.jpg","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-4xl","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17443","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/42"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17443"}],"version-history":[{"count":9,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17443\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":17453,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17443\/revisions\/17453"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media\/17449"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17443"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17443"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17443"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}