{"id":17245,"date":"2014-12-14T20:39:33","date_gmt":"2014-12-14T17:39:33","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=17245"},"modified":"2017-06-21T01:15:50","modified_gmt":"2017-06-20T22:15:50","slug":"safuu-duudhaafi-aadaa-oromoo-leellifamuu-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2014\/12\/14\/safuu-duudhaafi-aadaa-oromoo-leellifamuu-qabu\/","title":{"rendered":"Safuu, duudhaafi aadaa Oromoo leellifamuu qabu"},"content":{"rendered":"<p align=\"justify\"><i><font size=\"3\">(Charinnat Hundeessaa) <\/font><\/i> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\"><font style=\"background-color: #ffff00\">Ayyaanii Irreechaa duudhaalee Oromoo keessaa tokko<\/font> <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Oromoon ummata aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee gabbataa qabuudha. Keessumaa aadaafi faalasaama ummata kanaa gadifageenyaan yoo ilaalan barnootaaafi iccitii jireenyaa lakkaa&#8217;amee hindhumne, kanneen qaroominaaf xurree ykn raacitii ta&#8217;anii tajaajilaa jiran hedduudha. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Aadaan calaqqee jiruufi jireenya saba tokkooti. Sabni tokko saba kan biraarraa waanti adda godhu ykn kan ittiin beekamu aadaa bultumasaati. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Kunis aadaa uffannaa, fuudhaafi heerumaa, du\u2019aafi awwaalchaa, ayyaanotaafi sirbaa, waliin jireenya maatiifi firaa, nyaataafi dhugaatii, ijaarsa manaafi meeshaa itti fayyadaman, hojiifi hormaataa, taphootaa (ispoortii), akkaataatti dabbasaa (rifeensa) dhahatan ykn filataniifi kkf jennee bakka hedduutti addaan qoodnee ilaaluu ni dandeenya. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Sabni dinagdeedhaan guddateefi siyaasaan qaroome, akkasumas kanneen guddinarra jiraniifi duubatti hafoo jedhaman marti aadaa keessa turaniifi jiraataa jiran, akkuma sadarkaa guddinasaaniitti guddifachaafi fooyyeffachaa adeemu malee kan tuffatanii gatan hinqaban. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Isa beekuuf aadaan qabeenya guddaa kan dhalootarraa dhalootaan dhaalamuufi seenaa ummata sanaati. Qaroominniifi guddinni marti, maddisaa aadaa sabni sun qaburraa burqa. Aadaa ofii gatanii kan ormaa ergifachuun qaroomuu ykn guddachuun hindanda\u2019amu, ykn eenyummaa ofii gatanii kan ormaatiin liqimfamuu ta\u2019a. Kun ammoo aadaa dhablee ta\u2019uun, aadaa saba biraan gabroomuudha. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ummanni Oromoos aadaa mataasaa kan ormarraa adda isa godhu hedduu qaba. Kan akka sabaatti waliin qabuufi akka gosaatti naannawa naannawasaatti qabu danuudha. Sababoota gara garaatiin irra hedduun aadaa Oromoo dagatamaa haa dhufus kanneen duudhaa durii sana qabatanii tursiisan baay&#8217;eedha. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Kan dagatamee ykn balaaleffatamaa ture sana qorachuun mul\u2019isuufi kanneen amma jiran ammoo kunuunfatanii dagaagfachuun ammoo dirqama dhaloota har\u2019aa ti. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Kan har\u2019a akka walii galaatti beekamuufi kan naannawawwan adda addaatti raawwataman hanga ammaa kan beekamu dhaloonni ammaa akka baratuufi hubatu, akkasumas kanneen golee Oromiyaa adda addaatti dhokate ykn awwaalamee jiru qorachuun bakka awwaalamee baasanii sabatti mul\u2019isuufi guddisuun nurraa eegama. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Duudhaaleefi aadaa ummata Oromoo saboota biraarraa adda taasisaniifi ummatichi jireenya guyyuusaa keessatti haalaan leessisurratti xiyyeeffachuun gabaabinaan haala kanaan gadiitiin isin dubbisiisna. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Ayyaantuu\/Ayyaantota <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Warri ayyaantuu jedhaman osoo hinqaallomiin kennaa Waaqaan kan milkooman, waan hojjetaniifi dubbatan kan fiixa bahuuf, kanneen akka maallimaa, waataa, ekerdubbiftuu, moora laaltuu, dhaha dhooftuufi akkasumas deessiftuufi ogeessota caba waldhaanan maqaa dhahuun nidanda\u2019ama. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Maallima <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Maallimni gosa Oromoo keessaa tokko ta\u2019an seenaa mataa ofii qabu. Maallimni gosa angafummaafi kennaa addaa Waaqarraa argatanis ni qabu. Kunis yoo eebbisan dhageessifachuufi warra &#8216;arraba gurraachaa&#8217; yoo abaaran balleessuu danda\u2019aniidha jedhamee amanama. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Akkasumas yoo caamni hammaate Waaqa kadhatanii roobsuufi roobni yoo guddate caamsuuf kennaa addaa warra qabaniidha. Isaan kun naannawa tokko tokkotti caamsituu jedhaman. Kana malees yeroo ongeen hammaatuufi yeroo roobni yeroosaa eeggatee dhaabbachuu dide jaarii bahanii kadhachuun ykn galma warra qaalluutti jifuu barbaachisu guutanii kadhatu. Kun qabatamaan ummata Waaqeffannaan bulu biratti beekama. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Eker-dubbiftuu <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Warri kun kanneen lubbuu warra du\u2019ee afuuraan dubbisanii maatiifi qe\u2019eesaaniif dhaamsa ykn gorsa kennan. Yeroo namni tokko maatii keessaa lubbuun dabarte osoo mijuu dhibaayyuu hinbaasiin dura qe\u2019ee warra eker-dubbiftuu kanaa dhaquun dhaamsa ekeraa dhagahu. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Eker-dubbiftuun aara gaayyaa ykn ixaana ilaaluun ekeraa dubbisuuf kennaa Waaqni qoodeef niqaban. Akkasiin ekeraan nama du\u2019ee sun du\u2019aa isaaf\/isheef waan sababa ta\u2019e, dhibaayyuu akkamii, eenyu harkaa akka fudhatu, gara fuula duraatti maatiin sun maalirraa of eeggachuu akka qaban dhaamtiif. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Moora Laaltuu <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Isaan kunis kennaa addaa kan namni biraa ijaan arguu hindandeenye moora horii, barruu harkaa, siinii bunaa, aara gaayyaafi aara ixaanaa laaluun waan namaaf oodan niqaban. Akka mammaaksa Oromootti \u201cOromoon ooda bula\u201d jedhama. Fakkeenyaaf warra moora ilaaluun beekaman keessaa naannawa Shawaatti moora naatoo, moora galataa bayyaniifi kan amma lubbuun jiruufi hojii kanaan beekamu Moora Shunee ni eeramu. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Kana malees kanneen harkisaaniifi afuurrisaanii namaaf dawaa ta\u2019u, namoota sababa balaatiin caban waldhaanan, dhukkuba adda addaatiif dawaa kennaniifi rakkina adda addaatiif gorsaafi gargaarsa kennaniifi kkf ni juiru. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Ayyaana <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ayyaanni hiikoo waan hedduu of keessaa qaba. Coraa, milkii, guyyaafi sirna waa ulfeessuu\/kabajuufi kkf. Ayyaana jechuun mil\u2019uu Waaqaan kan namni tokko hariiroo uumaafi uumama gidduu jiru hubatu, kan Waaqaan kennamu, kan eenyuyyuu namarraa mulquu hindandeenyeedha. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ayyaana Waaqaa, ayyaana namaafi ayyaana uumamaatu jira. Waanti hundi ayyaana mataasaa qaba. Ayyaana ofiitiin bula. Ayyaana ijaan arguun hindanda\u2019amu. Ayyaana ayyaanaan beekan malee ijaan hinargan. Nama cubbuu hojjateefi du\u2019e qofaatu ayyaanni irraa godaana. Gaaddidduu dhabeessa ta\u2019a. Ayyaanni safuu eeguun tikfama. Hundeen utubaa Waaqeffannaa kan akka fedhiifi seera Waaqaatti dhala namaafi uumama qajeelchu safuudha. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Safuun seera uumaa jalqaba ture, gara fuulduraattis kan jiraatuudha. Safuun seera hariiroo dhala namaa gidduu jiru, hariiroo dhala namaafi uumama gidduu jiruufi hariiroo waa hundaa, fedhiifi seera Waaqaa eeguudha. Kanaaf, safuun Seera Yayyabaa walitti dhufeenya uumaafi uumamaa qajeelchu, sirneeffamaafi naqatoo uumamaa tiksuu to\u2019atuudha. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Safuu eeguun dirqama jireenyaati. Safuun hintumamu, ni eegama, nikabajama. Safuun waan baay&#8217;ee of keessaa qaba. Safuu cabsuu jechuun cubbuu hojjechuudha. Cubbuu hojjachuun immoo, nagaa namootaa ykn hawaasaa booressuudha. Safuun mirgaafi dirqama ummanni ittiin waliin jiraatuudha. Safuun seera Waaqaafi Lafaati. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Booranticha <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Boorantichi ayyaana warri abbootii (ayyaana dhiira warra mana bahee) waggaa keessatti yeroo tokko akka amantiitti maatiin ykn balballi tokko qe\u2019ee angafaatti walgahee kabajuudha. Guyyaa kabaja ayyaana kanaa mijuufi dhangaan qophaahu gosa adda addaati. Yeroofi akkaataan itti kabajamu naannawaa naannawatti xiqqoo addummaa qabaatus jifuufi duudhaan guutamuu qabu tokkuma. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Ateetee <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ateeten ayyaana haadhaati. Ayyaana dubartiifi hormaataati. Oromoon kan dhugeeffatu ateetee ayyaana sanyiifi hormaataa kan dubartiin facaafattuudha. Dubartiin ayyaana kana kan facaafattu ayyaanni haadhashee isheefis tolee akka dhalashee qajeelchuuf uumamaan Waaqa kadhatti.&nbsp; <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ateeteen Saddeetatti kabajamti. \u201cSaddeettan Ateetee jedhama\u201d. Kana jechuun waggaa lamatti al tokko kabajamti. Birraa keessa ykn yeroo midhaan (jarmiin) alaa walitti qabamee galu ykn arfaasaa yeroo roobni roobee margi dagaagee loon quufse ykn yeroo sanyiin faca\u2019uu jalqabu ta\u2019a. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ateeteen loon mataashii qabdi. Loon ateetee jedhamu. Dhadhaa finnan loon sanaatiin sirna ateetee bulfatu. \u201cWaanti hundi Faanshoo Ateeteeti\u201d jedhu. Ateeten ayyaana hormaataa haa taatu malee irra jireessishii bal\u2019inaan aadaa calaqqisiisa. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Wadaaja <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Wadaaja jechuun firummaa, aantummaa, walmararfachuu, walii yaaduu, waliibirmachuu jechuudha. Kanas warra ykn maatii tokkotu bulfata. Guyyaa kana ayyaantuu warra dhahaafi faaruu ayyaana kanaa beekan afeeruun Waaqasaanii kadhachaa, faarfachaa, galateeffachaa bulu. Ayyaanni kun bakka tokko tokkotti ayyaana &#8216;jaalaa&#8217; jedhama. Ji\u2019a ji\u2019aan, waggaatti al lama ykn tokko ayyaaneffamuu danda&#8217;a. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Ayyaana Irreecha Malkaa fi Tulluu <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Irreechi sirna aadaa Oromoo gamtaadhaan tulluufi malkaarratti ba\u2019anii waaqa kadhatanii, faarfataniifi galateeffatan. Karaa biraatiin Irreecha yommuu jennu hiika (yaada) birootis niqaba. Kunis marga ykn coqorsa sirna ayyaaneffannaa tokkoof ykn araaraaf yoo deemamu harkatti qabatamus ni ibsa. Akkasumas hiikoo gara warra waa beeku bira deemanii namaaf himamu tokkoof kaffaluu (galchuu) ta\u2019uu danda\u2019a. Akkasumas Irreessa jechuun aangessuu jechuus nita\u2019a. Ayyaanni Irreechaa waggaatti yeroo lama birraafi arfaasaa kabajama. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Taaboree\/ Ukee <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ayyaanni kun ayyaana ijoollee dhiiraa kanneen umriinsaanii waggaa 16 gadi ta\u2019an waggaatti altokko kabajaniidha. Guyyaa ayyaana kanaa mijuufi cunqoo qophaa\u2019eef erga sooratanii eebbifatanii booda dirreetti waliin bahuun Qaccee dhukaasu ykn wallaansoo taphatu. Yeroofi akkaataan ayyaanni kun ittikabajamu bakkaa bakkatti adda adda ta\u2019uu mala. Kanaaf qorannoo barbaachisa. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Ingiccaa\/Qunnii durbaa <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ayyaani kun ayyaana ijoollee dubaraati. Waggaatti yeroo tokko walitti dhufanii ayyaaneffatu. Guyyaa jala bultii ayyaana kanaa shamarran ollaa waliin miidhagdee gara lagaa ykn dirreetti bahuun gosa margaa Qunnii jedhamu buqqifatu. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Dhaqaafi galaa sirboota ykn wallee wallisan niqabu. Galgalasaa Qunnii buqqifatanii manatti galan sana battee dhahu. Inni dhahame kun Ingiccaa jedhama. Ganamasaa ingiccaa kana akkuma duraa gurmuun waliin ollaarra deemuun Ingiccaa utubaa ykn gorroo manaatti hidhu. Yeroo kana dhangaa adda addaa affeeramuun dhadhaas muudamanii eebba fudhatu. Xumurarra Galma Ayyaanaa ykn waltajjii tokkotti walgahanii gamtaan sirna ayyaana kanaa sirbaafi wallee gara garaatiin kabajanii oolu. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><strong><font size=\"3\">Gannii\/Qillee <\/font><\/strong> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ayyaanni kun ayyaana looniin beekama. Bakka tokko tokkotti ammoo akkuma ayyaana biraatti fudhatama. Gara Maccaatti akkitti beekamuufi Tuulama keessatti akkasumas naannawa gara kibbaafi bahaatti adda adda ta\u2019uu danda\u2019a. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Guyyaa ayyaana kanaa mooraa looniitti marqaa marquun itti facaafatanii hormaatasaaniif eebbisu. Akkitti waanti kun raawwatu hedduufi bal\u2019aadha. Guyyaa kana Qilleefi Gugsii fardaa taphachuunis ni beekama. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Kana malees ayyaanoti guyyaa lafaa (ayyaana dachii), guyyaa sanyii (jaarii)fi kkf hedduun kan maqaa hindhahiin godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti yeroo adda addaatti kan kabajaman ni jiru jedha nuti toora intarneetiirraa arganneefi kan dubbisnerraa arganne. <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Marabbaan kan Waaqaati! <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">********* <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">* Originally published on Bariisa, titled \u201c<b><a href=\"http:\/\/www.ethpress.gov.et\/bariisaa\/index.php\/bariisaa\/aadaafi-aartii\/556-safuu-duudhaafi-aadaa-oromoo-leellifamuu-qabu\">Safuu, duudhaafi aadaa Oromoo leellifamuu qabu <\/a><\/b>\u201d<b><\/b><\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\"><\/font><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Charinnat Hundeessaa) Ayyaanii Irreechaa duudhaalee Oromoo keessaa tokko Oromoon ummata aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee.<\/p>\n","protected":false},"author":42,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,27,62,11,3,55,1],"tags":[],"class_list":["post-17245","post","type-post","status-publish","hentry","category-afaan-oromoo","category-articles","category-culture","category-oromia","category-oromo","category-social","category-uncategorized"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-4u9","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17245","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/42"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17245"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17245\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":17246,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17245\/revisions\/17246"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17245"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17245"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17245"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}