{"id":17243,"date":"2014-11-21T17:46:07","date_gmt":"2014-11-21T14:46:07","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=17243"},"modified":"2016-04-13T01:26:20","modified_gmt":"2016-04-12T22:26:20","slug":"mirriysaa-sirna-harargeetti-seenaafi-aadaan-ittiin-ibsamu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2014\/11\/21\/mirriysaa-sirna-harargeetti-seenaafi-aadaan-ittiin-ibsamu\/","title":{"rendered":"Mirriysaa: Sirna Harargeetti seenaafi aadaan ittiin ibsamu"},"content":{"rendered":"<p align=\"justify\"><font size=\"3\"><i>(Saamraawiit Girmaa)<\/i> <\/font> <\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Oromoon aadaa, seenaafi eenyummaasaatiif bakka guddaa qaba. Kabajaafi jaalala aadaa, seenaafi eenyummaasaatiif qabu kanas haala ittiin calaqqisiifatu hedduu qaba. Akka fakkeenyaattis, barsiifatawwan, barreeffamootaafi afoolawwan eeruun ni danda&#8217;ama.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ummanni Oromoo gammachuu, gadda, gootummaa, ittiinbulmaataafi haalota kanneen biroo afoolaan ibsataa tureera; ibsachaas jira. Afoollii seenaa afaaniin dhalootarraa dhalootatti darbuu yoo ta&#8217;u, kunis bifa oduu durii, mammaaksa, hiibboo, sirba, weedduu, geerarsaafi haala biraatiin dhihaachuu kan danda&#8217;uudha.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Afoola Oromoo keessaa sirbi godinaalee addaddaatti haala garagaraatiin kan ibsamuufi moggaasa addaddaa kan qabuudha. Fakkeenyaaf, shaggooyyee, mirriysaa (mirrigaa), dhiichisa, heellee, heellemtaa, daraashii, shoobdoo, arrabsoo tiksee, qirindillee (tapha ijoollee), golollee (huruursa daa&#8217;immanii)fi kkf eeruun ni danda&#8217;ama.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Maxxansa keenya har&#8217;aatiinis afoola Godinaalee Harargee Bahaafi Lixaatti beekaman keessaa Mirriysaa ilaalchisuun barreeffama kitaaba &#8216;Mirriga Oromoo Harargee&#8217; jedhuurraa argannee akka gaazexaa keenyaaf ta&#8217;utti akka armaan gadiitti qindeessinee dhiheessineerra.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Afoolli Mirriysaa jedhu akkamiin akka moggaafameefi yoom akka eegalamee ragaan sirrii ta&#8217;e akka hinjirre kan eeruu kitaabichi, Harargeetti baroota dheeraaf sirba Mirriysaatti fayyadamaa akka tureefi jiru hima. Sirbichi ummata naannawichaa barattiis daran jaalatamaafi kabajamaadha.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Mirriysaan yaada bal&#8217;aafi bilchaataa kan of keessaa qabu yoo ta&#8217;u, aadaa ummanni tokko qabu ibsuufis ta&#8217;e calaqqisiisuuf gahee olaanaa qaba. Harargeetti dhimmaa heeraafi seeraa (dhaddacha), araaraafi dhimmoota birootiif bakka walga&#8217;anitti mirrigaatiin yaada waliif dabarsa. Kana jechuun afoola mirriysaa heeraafi seera, ooda yookiin duudhaa, mudannoofi muuxannoo, ilaalchaafi amantii, walumaagalatti haala jiruufi jireenya hawaas-dinagdeefi siyaasaa waliif dabarsa jechuudha.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Afoolli mirrigaa ulaagaa mataasaa qaba. Akka maanguddoonni aadaa kitaabichi wabii godhate jedhanittis, gosti tokko ta&#8217;e walitti hinmirrigu. Sababnisaas sirba mirrigaatiin waltuquun waan jiruuf yoo ta&#8217;u, gosti tokko ammoo gosasaa tuquu waan hinbarbaanneefi. Akkasumas, ijoolleen damiina (maanguddoo gosaatti) hinmirrigdu; walitti mirriguun kan danda&#8217;amu kan umriifi sadarkaan walgituudha. Asirratti garuu wanti hubatamuu qabu ijoolleefi dargaggoonni walitti mirriguu hindanda&#8217;an jechuu miti.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Afoola mirriysaa kana yeroo baay&#8217;ee kan mirrigu maanguddoota yaadaan bilchina qabaniidha. Sirnicharrattis alangaan bakka guddaa qaba. Maanguddoon gosaa alangaa qabachuun mirriga. Yeroo mirriganis akkaataa ittiin jalqabaniifi xumuran qaba. Kunimmoo gosoota afoolaa kanneen biroorraa kan adda taasisu keessaa tokko. Walaloon mirriysaa armaan gadiis kanuma ibsa.<\/font><\/p>\n<blockquote>\n<p><font size=\"3\">Dhagahii dhaggeeffadhuu<br \/>Guurii gurraa fudhadhuu<br \/>Bakka gosti itti bulee<br \/>Mirriysaan beekanii<br \/>Bakka wadaajni bulee<br \/>Shubbisaan beekanii<br \/>Bakka guuzni (daboo) itti oolee<br \/>Darasumaan beekanii<br \/>Akkanan jechuu beekaa<br \/>Waan naan jettuun eegaa.<\/font><\/p>\n<\/blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Kun kan agarsiisu, wadaajni kan yeroo nama tokko haalaan dhukkube yookiin balaa uumamaafi kan biroo nama qunnameef akkasumas, nama du&#8217;eef kan kadhannaan ittigaggeeffamuudha. Darasii yookiin daraashiin ammoo sirba aadaa kan yeroo guuzaa yookiin daboo bakka hojii lafa qonnaatti sirbaniidha. Kana malees dureewwan gosaa dhimmoota hawaasummaafi rakkoolee jiran hiikuuf bakka walgahanitti ni mirrigu.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Gama biraatiin namni tokko qofaan baay&#8217;ee sirbee akka namoota dhaggeeffatan hinmufachiifneef mirrigatti ni affeera. Akkana jechuudhaan:<\/font><\/p>\n<blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Waa xiqquman mirrisee<br \/>Wahiin hedduu dheeressaa<br \/>Silaa yaa tuujii garbaa<br \/>Asitti dhagaa darbaa, jechuun ofii mirriga xumura.<\/font><\/p>\n<\/blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Kan biraa mirriysaan kan mirrigamu yookiin hurrubamu yeroo baay&#8217;ee nama lama gidduutti. Bakka ummanni yookiin jamaa hedduun jiranittillee dabaree dabareedhaan walirraa fuudhuun lama lamaan mirrigu malee gamtaan hinmirrigamu.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Himoonni yookiin gaaleewwan mirrigni ittiin eegalamaniifi xumuramanis kanuma dhugoomsu. Jamaan jecha &#8216;Hayyee&#8217; jedhu qofa jechuun walaloo mirriysaa waa&#8217;elcha. Asirratti waanti hubatamuu qabu namni tokko qofaasaa mirriysuu ni danda&#8217;a.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Akkuma irranatti eeruuf yaalametti ummanni Harargee lamaanii miirotasaa (gadda, gammachuu, gootummaa, roorroo) mirriysaa ibsata. Miirota kanneen keessaa gootummaadhaan walqabatee mirrigni gootota dirree Calanqoorratti wareegamaniif mirrigame akka armaan gadiitti dhihaateera. Mirriga kana maanguddoota, dargaggoota, shamarraniifi hawwantu mirrige.<\/font><\/p>\n<blockquote>\n<p><font size=\"3\">Dhagahii dhaggeeffadhuu<br \/>Guurii gurraa fudhadhuu<br \/>Dardara keenya fixan<br \/>Handaara gaara ciisaa<br \/>Shamarran keenya fixan<br \/>Callee waan gaara ciisaa<br \/>Hawwan keenya fixan<br \/>Guftaa waan gaara ciisaa<br \/>Maanguddoo keenya fixan<br \/>Aarrii waan gaara ciisaa<br \/>Dhaladheellee hinagarree<br \/>Seenaatu natti odeessaa<br \/>Afran Qalloo kiyyagaa<br \/>Dhiiga garaa na ciisa<br \/>Yoomin galee gadi cisaa?<br \/><\/font><\/p>\n<\/blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Garajabummaa qe&#8217;eefi lafa ummata Oromoorratti qaqqabeen kan maatiifi hiriyyaansaa ajjeefameefi reefasaallee argatee awwaallachuu dadhabes akka armaan gadiitti mirriga.<\/font><\/p>\n<blockquote>\n<p><font size=\"3\">Calanqoo caliidha<br \/>Lafee bobeessanii<br \/>Warri dhaqee arge<br \/>Kana odeessanii<br \/>Lafee abbootiidhaa<br \/>Awwaaluu dhiisanii<br \/>Qoraan godhatanii<br \/>Dhiiroo eessa jenna?<br \/>Booda qabriisaanii<br \/>Eegee galaa sootii<br \/>Keenya jiraan mootii.<br \/><\/font><\/p>\n<\/blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Karaa biraatiin Dargiin qabeenya ummatichaa hedduu barbadeesseera. Sababa &#8216;mandar misrataatiin&#8217; abbaa qe&#8217;ee qabeenyasaarraa buqqiseera; cunqursaa hedduus irraan ga&#8217;eera. Bakka tajaajilli fayyaa gahaan hinjirretti hawaasa walitti qabuun dhibee addaddaatiif akka saaxilaman taasiseera; namoonni hedduunis dhibeedhaan lubbuusaanii dhabaniiru. Ummatichis cunqursaa irra ga&#8217;e akka armaan gadiitti ibsateera.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Maqaa mandar misrataatiin manneen keenya diiganii<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Gaaraa dakaa hunda walitti nu qabanii<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Magaalaa dhukkubaa dirqiin nutti dhaabanii jechuun quuqama qaban ibsatu.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Walumaagalatti egaa haalonni jiruufi jireenyaan walqabatan Harargeetti bifa irranatti eeruuf yaaleen ibsamu. Asirratti waanti hubatamuu Harargeetti mirrigni kan nuti barreeffama kanaan keessatti eerre qofa akka hintaneedha.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Isin, dubbistoonnis dhimmoota duudhaalee Oromoo irratti xiyyeeffatu barreessitanii yoo nuu ergitan keessummeessuuf qophii ta&#8217;uu keenya fuchuma kanaan ibsuu barbaadna.<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">********* <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">* Originally published on Bariisa, titled &#8220;<\/font><a href=\"http:\/\/www.ethpress.gov.et\/bariisaa\/index.php\/bariisaa\/aadaafi-aartii\/611-mirriysaa-sirna-harargeetti-seenaafi-aadaan-ittiin-ibsamu\"><font size=\"3\">Mirriysaa: Sirna Harargeetti seenaafi aadaan ittiin ibsamu<\/font><\/a><font size=\"3\">&#8220;<\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\"><\/font><\/p>\n<p><font size=\"3\"><\/font><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Saamraawiit Girmaa) Oromoon aadaa, seenaafi eenyummaasaatiif bakka guddaa qaba. Kabajaafi jaalala aadaa, seenaafi eenyummaasaatiif qabu kanas haala ittiin calaqqisiifatu hedduu qaba. Akka fakkeenyaattis, barsiifatawwan, barreeffamootaafi..<\/p>\n","protected":false},"author":42,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_feature_clip_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":"","jetpack_post_was_ever_published":false},"categories":[85,27,62,35,64,41,3,55],"tags":[],"class_list":["post-17243","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-afaan-oromoo","category-articles","category-culture","category-environment","category-hararghe","category-history","category-oromo","category-social"],"jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-4u7","jetpack_featured_media_url":"","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17243","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/42"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17243"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17243\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":17244,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17243\/revisions\/17244"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17243"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17243"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17243"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}