{"id":17241,"date":"2014-12-07T03:08:23","date_gmt":"2014-12-07T00:08:23","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=17241"},"modified":"2017-06-21T01:15:50","modified_gmt":"2017-06-20T22:15:50","slug":"siinqee-kabachiiftuu-mirga-dubartootaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2014\/12\/07\/siinqee-kabachiiftuu-mirga-dubartootaa\/","title":{"rendered":"Siinqee: Kabachiiftuu mirga dubartootaa"},"content":{"rendered":"<p align=\"justify\"><font size=\"3\"><em>(Charinnat Hundeessaa) <\/em><\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Seera sirna Gadaatiin tumameef kabachiisuu keessatti siinqeen baatee seeraan falmachuun mirga dubartoota hundaati. Dubartoonni dhiibbaa korniyaa isaanirra gahu ofirraa faccisuuf siinqeetti fayyadamu. Kunis miira ho&#8217;aan haala armaan gaditti barreeffameen akka dhiyaatuudha maanguddoonni Oromoo keessumaa Arsiitti kan ibsan. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">\u201cKaleessa seera Gadaa keessatti hanfalas naa kenniteetta jaarmiyaa siinqees naa dhaabdeetta. Dhiibbaa akkanaatu narra dhaqqabee naa argi, dhugaa tiyya naa murteessi\u201d jettee himatti. Kanaan booda hanga murtii dhugaa argattutti qe&#8217;eetti hingaltu. Inumaayyuu akka armaan gaditti ibsameen dhaadatti. <\/font><\/p>\n<blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">\u201cDiidallee (ala) bulu waraabo nan nyaatuu, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Waan kiyyaaf ta&#8217;aa waraana hinbarbaaduu <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Dhugaa tiyya balleessee, ani dhaltiisaa hinelmuu, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">elemtuu silgaati isaa hinelmuu, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">elemaa mirgaa isaa hinqabuu, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Farda kooraa isaa hinqabuu, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">natuffate, uumaa tiyya kessaa na baasee.\u201d <\/font><\/p>\n<\/blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">jettee himannaan, battaluma sanatti hayyoonni bayanii furmaata kennuuf. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">\u201cDubartiin hinsobdu\u201d jedhamee waan amanamuuf dubartiirratti ragaan hingaafatamu. Yeroo kana namni (abbaa warraa) himannaan ykn komiin irratti dhiyaate wanti adabamu ni jira. Kaninni adabamuu qabus akka akkana jechuun ibsatti. <\/font><\/p>\n<blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">\u201cKorma Horaa malee, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Dhaltii boollaa malee hin nyaadhu. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Mirgoo hinbeeku dilgoo hinbeeku\u201d <\/font><\/p>\n<\/blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">jettee dhaadannaan yaada isii ibsatti jechuudha. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Shanachis (&#8216;The judicial body&#8217;) yeroodhuma sana bayee raawwachiisaaf. Beektuu cimoo sirna kanaa kan ta&#8217;an Aadde Bujjaa Jiloo yoo ibsan, \u201cAkka seera Gadaatti guyyaa seeraa \u201cGanyaan (dubartootaa obboleeyyan abbaa tokkoofi gosaa fuudhaniifi naannawa tokkotti argaman) dhufte jedhamee miira sodaatiin simatamna, nyaara aggaree qabna. Gaafa morkaa ulfina guddaa dhiirarraa argannaa\u201d jechuun ibsu. Dabalataanis akki jedhan, \u201ckeessumaayyuu guyyaan nuti dubbannuufi itti mul&#8217;annu guyyaa sana. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Sababiinsaas Gadaatu Woyyooma keenya nuuf tume jedhu. Seerri tumame ammoo hindaaqu, hinjigu. Hawaasa bira amantaa cimaan, dubartiin jagna, jagna deessi, gamna deessi. Isheen ibsaadha. Biddeenni, jiruufi jireenya maatii hundaa ishiidha, amantiin jedhu jira. Kanaafuu iddoo hundatti kabajaan isaani ifa bahuu qaba jechuun ibsu. Namni seera malee dubartii tuqe hofkaltii hinqabu jedhu. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Dhugaan kun siinqeen humna jabaa akka qabduufi seerri cimaanis akka tumameef waan namatti mul&#8217;isu qaba. Siinqeen mallattoo seeraati jechuudha. Dabalataanis siinqeen humna dubartiifi safuu qabdii jedhu. Kitaabota adda addaa keessattis, dubartoonni yeroo rakkoon isaan mudatu mana, daa&#8217;immaniifi loon gatanii gara waltajjii iyyannaatti akka bahan ibsu. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Yeroo iyyannaaf baatu kana, akka maatiisaa hinkunuunsine, nyaata hinqopheessine, loonsaa hinbobbaafne, hingalchineefi hinelmine weedduun ibsataa baati jechuudha. Kana jechuun akkuma waliigalaatti dubartiin hundi eleelfattee waan waltti baatuuf manni hundi sochii tokko malee rakkoo guddaafi jeequma keessa oola. Kanaafi, maanguddoonni battala rakkoon kun uumametti bahanii furmaata kana kennaniif. Kun immoo hangam siinqeen humna dubartootaa akka taate ibsa. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Gama biraatiin, akka aadaa Oromootti dhiirri diinqa ykn gola hinseenu. Kunis seenaa mataasaa qaba. Sababa kanaas maanguddoonni oggaa ibsan, yeroo tokko dubartiin takka korma kolaafte jedhama. Yeroo sanatti dubartiin korma kolaasuun safuufi gahee hojii isiif kennameen ala waan ta&#8217;eef jaaroleen bahanii seera tuman jedhama. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Seerri isaan tuman sunis, waanti diinqaa (golaa) gadii kan dhiiraa, waanti diinqaa olii kan dubartii ta&#8217;uu daangessan. Dhiirri diinqa seene qurquraa (waan fokkuu) haa ta&#8217;u, dubartiinis daangaa qabeenya bulchituuf isiif kenname sanaa ala yoo baate waan seerri hinkenniniif hojjatte waan ta&#8217;eef seeraan adabamti jedha (adabbiinsaa maal akka ta&#8217;e ibsamuu baatus). <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Kanumarraa ka&#8217;uunis dhiirri gola seenuun hanga yeroo dhiyootti safuufi akka saalfiitti ilaalamaa turuusaa jaaroleen ni ibsu. Ammallee darbee darbee dhiirri diinqa seenuun akka saalfiitti ilaalamuun ni mul&#8217;ata. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Yeroo sanatti dubartiin abbaa manaatiin yoo wallolte ykn walitti bu&#8217;insi yoo uumame gara diinqaa ykn golaatti dheessuudhaan siinqeeshii qabatti. Yeroo kana hanga fedhe aarus itti hindubbatu. Hindhaanu. Irraa deebi&#8217;a. Yoo gola seenee osoo isiin siinqee qabattee dhaabattuu loleen ykn dhaane ni adabama. Tokkoffaa ishii diinqatti ol dheessite faana seenuufi lammaffaa ishii siinqee qabatte dhaanuun adabbii cimaa akka qabu maanguddoonni himu. Dubartiin abbaa warraatiin wallooltee gara diinqaatti dheessite mararteefi kabaja akka qabdus ni dubbatu. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ilmi haadhasaa ani dhiira jedhee hindhaanu, hintuffatus. Haadhasaa kabajuu qaba. Ilmi yoom haati waan fedhe isa irratti raawwattellee jalaa dheessa malee hinloluun. Ilmi haadha dhaanu yoo jiraate adabbii qaba. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Akka tasaa yoo ilma dhalteen dhaanamte ykn ija hamtuunuu ilaalamte itti ililfattee horii dhaltiin inni qabu akka irraa qalamu taasifti. Yoo qabaachuu baates waanuma qabuun akka adabamu taasifama. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Himannaanshiis akkanatti dhiyaata, <\/font><\/p>\n<blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">\u201cIntala aayyaa dhageettee! <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Oduun si geettee! <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ilmatu na dhaanee dhageettee! <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Oduun sigeettee\u201d <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">jennaan dubartoonni hundi mana ilma haadha dhaanee dhaquun akkana jedhu: <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">\u201cHarki haacitu ka dhiigeessaa, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Haadha dilgoo tiyyaa sii saffeessa\u201d <\/font><\/p>\n<\/blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Mucichis yeroodhuma sanaa jaarsolee barbaaddatee akka dubbii fixaniif gaafata. Haaluma kanaan horii dhaltii irraa qalatanii haadhatti woyyaa uffisiisanii daadhii bookaa naqee akka tufsiifatu taasifama. Asirratti wanti hubannu tokkoffaa, siinqeen qabiyyee amantaa waaqeffannaa waan qabduuf lammaffaa ummanni safuu waan eeggatuufi cubbuutu dhufa jedhee waan sodaatuuf ofumaa of ceephessuun dubbii ofirraa kan fixu ykn seeraaf kan bitamu ta&#8217;uusaati. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">\u201cSirna Gadaa keessatti dubartiin ulfaa akkasumas deessuun baay&#8217;ee sodaatamtuudha. Dubartii ulfaa hintuqan. Qoraan cimaallee ishii biratti hinbaqaqsan. Yoo itti dheekkamanis handaara wayaatiin dhaanan (rukutu) malee miidhaa hamaa irraan hingahan\u201d. Walumaagalatti, namni dubartii ulfa tuqe sa&#8217;a qala. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Qanafaas (dubartii dhiyoo deesse) dhadhaafi dammaan sooru, ni qananiisu jedha seerri ganamaa. Deessuun bakka hundattuu kabaja guddaa qabdi. Fakkeenyaaf mana namaa yoo seente diinqa malee hagicha (fuuldura) hinteessisan. Dhadhaa dibattu malee hinbaatu. Warri gabaatti waa gurguratu jabeessee itti hindubbatu. Aduun itti hinbaatu. Qanafaan dubartoota biratti faarfatamtuudha. <\/font><\/p>\n<blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">\u201cQanafaa hindheessaa <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Tan faana fixeensaa <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Deettuu tiyyaa maaloo <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Rabbittiin si dheessa\u201d jedhanii faarsan&#8221;. <\/font><\/p>\n<\/blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Dubartii Qanafaa kallacha qabdu dhaanuun adabbii qaba. Oftuulummaan, seera dabsuun ykn adabbii kennamu diduun hindanda&#8217;amu. Akkaataan itti adabsiisanis, dubartittiin Qanafaa rukutamte ykn dhaanamte siinqee ishii qabattee, elelfatti (waamicha naaf birmaadha dabarfatti). Yeroo kana dubartoonni qe&#8217;ee (ganda) sanii hundinuu walwaamanii siinqeesaanii qabatanii ba&#8217;uudhaan haala armaan gaditti ibsameen sagalee komiisaanii dhageessifatu. <\/font><\/p>\n<blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">\u201cAyyoo dhalee mucha aannanii, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Aana waamanii, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Jaalleen Olmaa&#8217;a <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Na dura hindhaaninaa Qanafaan Wayyumaa, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Qanafaan aadaa deettuu dubartii, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Jaalleen tiyya dhaanamtee dhufnee nu murtii, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Qanafaan Wayyumaa qabaa, <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Harra maal, yakka maaliitiif siin cabaa\u201d <\/font><\/p>\n<\/blockquote>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Dhaltii mucha ( harma) aannanii tiyya dhaananii <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Ana waamanii <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Uuma na dabsee <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">Qanafaa na cabsee\u201d jechaa elelfate baanaan adabbiin yakka kanaa daran cimaadha. Sirna kana keessatti, namichi kan seeraaf hinbitamneefi yakkamaa ta&#8217;uusaas gara manasaa deemuudhaan faarfannaan ibsatu. <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">********* <\/font><\/p>\n<p align=\"justify\"><font size=\"3\">* Originally published on Bariisa, titled \u201c<b><a href=\"http:\/\/www.ethpress.gov.et\/bariisaa\/index.php\/bariisaa\/aadaafi-aartii\/540-siinqee-kabachiiftuu-mirga-dubartootaa\">Siinqee: Kabachiiftuu mirga dubartootaa<\/a><\/b>\u201d<\/font><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>(Charinnat Hundeessaa) Seera sirna Gadaatiin tumameef kabachiisuu keessatti siinqeen baatee seeraan falmachuun mirga dubartoota hundaati..<\/p>\n","protected":false},"author":42,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,27,62,3,55,61],"tags":[],"class_list":["post-17241","post","type-post","status-publish","hentry","category-afaan-oromoo","category-articles","category-culture","category-oromo","category-social","category-women"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-4u5","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17241","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/42"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17241"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17241\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":17242,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17241\/revisions\/17242"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17241"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17241"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17241"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}