{"id":17239,"date":"2014-11-08T16:41:41","date_gmt":"2014-11-08T13:41:41","guid":{"rendered":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/?p=17239"},"modified":"2017-06-21T02:32:47","modified_gmt":"2017-06-20T23:32:47","slug":"ga-fi-daan-maali","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/2014\/11\/08\/ga-fi-daan-maali\/","title":{"rendered":"&#8220;Ga&#8221; fi &#8220;daa&#8221;n maali?"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Afaan Oromoo keessatti sagaloonni \u201cGa\u201d fi \u201cdaa\u201dn jecha Gadaa jedhu kennu. Sirni Gadaa Saba Oromoo biratti iddoo olaanaa qaba. Kanaarraa ka\u2019uun seenaan Oromoo sirna Gadaa malee barreeffamu qaama lafee malee ijaajjuudha jechuun dubbatu, hayyooti Oromoofi sirnichi hammam walttihidhamiinsa akka qaban ibsuuf.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kanaafis, Gadaan maal akka ta\u2019e beekuufi xiinxaluun barbaachisaadha. Yaada barreessitooti duraan barreessan hordofuun hubannoof ka\u2019umsa gaariidha. Yaadni barreessitootaa kunis bakkeewwan heddutti walhafakkaatu malee, bakki itti adda addummaa qabaatus nijira.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Sirna Gadaa ilaalchisee barreessitoonni hedduun akka hubannoo mataasaaniitti barreessaa turaniiru. Kanneen keessaa Gadaa akka waan dhimma tokkorratti xiyyeeffatutti kan barreessan jiru. Tokko tokko ammoo maalummaa sirnichaa sirriitti barreessaniiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Tarii, gaafiin eenyutu maal jedhee barreesse jedhu ka&#8217;uun hinoolu. Qabiyyee barreeffama barreessitoota muraasaa tartiibaan akka ittaanutii haa ilaallu mee.<\/span><\/p>\n<figure id=\"attachment_17237\" aria-describedby=\"caption-attachment-17237\" style=\"width: 450px\" class=\"wp-caption alignnone\"><a href=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2014\/11\/Abbootiin-Gadaa-Gadaaf-bakka-guddaa-qabu.jpg\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\"size-full wp-image-17237\" src=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2014\/11\/Abbootiin-Gadaa-Gadaaf-bakka-guddaa-qabu.jpg\" alt=\"Photo - Abbootiin Gadaa, Gadaaf bakka guddaa qabu\" width=\"450\" height=\"600\" srcset=\"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2014\/11\/Abbootiin-Gadaa-Gadaaf-bakka-guddaa-qabu.jpg 450w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2014\/11\/Abbootiin-Gadaa-Gadaaf-bakka-guddaa-qabu-225x300.jpg 225w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2014\/11\/Abbootiin-Gadaa-Gadaaf-bakka-guddaa-qabu-414x552.jpg 414w, https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2014\/11\/Abbootiin-Gadaa-Gadaaf-bakka-guddaa-qabu-354x472.jpg 354w\" sizes=\"auto, (max-width: 450px) 100vw, 450px\" \/><\/a><figcaption id=\"caption-attachment-17237\" class=\"wp-caption-text\"><span style=\"font-size: 10pt;\">Photo &#8211; Abbootiin Gadaa, Gadaaf bakka guddaa qabu<\/span><\/figcaption><\/figure>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Barreessaa Asmaroom Laggasaa jedhamu, \u201cGadaan sirna waamara of keessaa qabuufi jireenya Oromoo kallattii maraan sakatta\u2019uudha. Kana jechuun jilaaf godaanuu qofa miti. buttaa qaluufi nyaachisuu qofa miti. Jaarmiyaalee(instituushanoota) akka guddisa, gumaa, araaraa, meedhachaa, waaqeffannaa, irreessaa, siiqqee, marabbaafi kkfn of keessatti qabachuun sirnicha lubbuuqabeessa godhuudha&#8221; jedha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Barreessaa Tsaggaayee G\/Madiin jedhamu ammoo \u201cGadaan seera Waaqaati. &#8216;Ga&#8217;jechuun seera jechuu yoo ta&#8217;u, &#8216;Da&#8217; jechuun ammoo Waaqa jechuudha&#8221; jedha. Haa ta\u2019u malee, barreessaan kun bifa kamiin seerri Waaqaa kun gara bulchiisaatti akka jijjiirame bal\u2019inaan waan ibse hinqabu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Garuu seerri uumaa akkamitti gara bulchiinsaatti akka ce\u2019e odeeffannoo maanguddoonni ni ibsu. Innis dur dur bara caamsaan \/ongeen\/ hammaate tokko jaarsi otoo loon tiksaa jiruu goromsisaa jalaa badde. Faana goromsa sanaa hordofuun osoo barbaaduu odaa jala ciistee arge.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Jaarsichi goromsasaa argachuusaatti gammadeera. Gaaddisa odichaa jalattis ni boqote. Wayituma kana hurriin dura naannawa sana hinturre dhufee Odaa uffise. Waaqayyo seeraafi safuu namoonni kabajuu qabaniifi cubbuurraa ittin ofeegan gadi buuseef.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Jaarsi guyyaa sanarraa ka\u2019ee namoota barsiisuu eegale. Jaarsi kun imaanaa Waaqni ittikenne ba\u2019uuf odaa jala taa\u2019ee seera waaqaa barsiiuu eegale. Haaluma kanarraa ka\u2019een seera waaqarraa madde amantaa jedhu waan qabuuf Gadaan saba Oromoo biratti iddoo olaanaa qaba\u201djechuun ibseera.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Dr. Gammachuu Magarsaan, yaada barreessitoota armaan olii deggaruun Gadaa Seera Oromoo ganamaa (seera Walaabuu) kantuman seera uumamaarraa fudhataniidha\u201djedhu.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Mahaammad Hasan ammaoo &#8220;Gadaaf hiika kennuun rakkisaadha. Ta\u2019us Gadaan sirna hawaasummaa, siyaasaa, dinagdeefi amantiiti. Gadaan lakkoofsa yeroo Oromooti. Gadaan maqaa ulfinaa sadarkaa lubaatti buttaa qalanii ittiin waamamaniidha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Hiikaafi hubannoo Oromootisi. Aadaafi afoola duudha sabichaatti kan maxxanuudha. Meeshaa saba Oromoo ittiin hubachuufi xiinxaluuf nugargaaruudha\u201d jechuun barreessaniiru.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Hayyuu Afirikaa kaabaa kan ta\u2019e Ehretidha Guddina ammoo, \u201cWaggoota kumaatamaan dura sirni gurmaa\u2019ina umriirratti bu\u2019uureffate hortee kuush keessa akka ture dhugaa ba\u2019eera. Sirini gurmaa\u2019inaa umriirratti hundaa\u2019e kun dirqamaafi ittigaafatamummaa hirachuuf akka ta\u2019e beektonni hedduun akkarratti waliigalan barreesseera. Sirni gurmaa\u2019inaa kunis aadaa hortee kuush akka ta\u2019eefi fudhatama akka qabu barreesseera\u201d<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Yaadni barreessitootaa kun waan lama nama hubachiisa. Isaanis barreessitoonni tokko tokko maalummaa sirna Gadaafi haalatti sirnichi ummata hirmaachisurratti kan xiyyeeffatan ta&#8217;uusaaniiti.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Walumaagalatti yeroo ilaalamu Gadaaf hiika kennuun akka nama rakkisuufi walxaxaa akkasumas guddinaafi jireenya ummata Oromoo waliin walqabatee akka deemuudha kan hubatamu. Gadaan shanan dhimma siyaasa Gadaarratti bu\u2019uura godhachuun Gadaa nageenyaa, quufaa, lolaa, keenyaa, duuloo, meelbaa jechuun akka moggaafaman ragaan ni ibsa.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Kana jechuunis barreessitooti Sirna Gadaarratti yaada dogoggoraa barreessan hinjiran jechuu miti. Kanneen osoo ragaa qabatamaa hindhiyeeessin barreessanis ni jiru. Ilaalcha sanyummaa ummattoota gurraachaafi dur adii ka\u2019uun, \u201cSabni Oromoo sirna walxaxaa akkasii qabaachuu hindanda\u2019u\u201d jedhee kan barreesse barreessaa biyya Jarmanii E. Haberlaandi.Innis qeeqaa hayyoota Oromoorraa isa ga&#8217;aa turerraa ka&#8217;uun booda keessa yaadasaa jijjiireera.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Harki caalaan yaada barreessitootaa yo walfakkaatellees Gadaan jaarmiyaa damee dinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi amantiin sabni Oromoo keessatti gurmaa\u2019uun jiruuf jireenyasaa kallattii maraan geggeessuudha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\" align=\"justify\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Sirna walitti bu\u2019iinsa tokko malee angoon eebbaan yeroo murtaa\u2019e keessatti walitti dabarsuun beekamuufi sirna duudhaa gaarii qabuudha.<br \/>\n*********<br \/>\n* Originally published on Bariisa, titled <b><a href=\"http:\/\/www.ethpress.gov.et\/bariisaa\/index.php\/bariisaa\/aadaafi-aartii\/631-ga-fi-daa-n-maali\" target=\"_blank\" rel=\"noopener\">\u201c Ga\u201d fi \u201ddaa\u201dn maali?<\/a> <\/b><\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Afaan Oromoo keessatti sagaloonni \u201cGa\u201d fi \u201cdaa\u201dn jecha Gadaa jedhu kennu. Sirni Gadaa Saba Oromoo.<\/p>\n","protected":false},"author":42,"featured_media":17237,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_exactmetrics_skip_tracking":false,"_exactmetrics_sitenote_active":false,"_exactmetrics_sitenote_note":"","_exactmetrics_sitenote_category":0,"jetpack_post_was_ever_published":false,"_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[85,27,62,37,11,3,55],"tags":[63],"class_list":["post-17239","post","type-post","status-publish","has-post-thumbnail","hentry","category-afaan-oromoo","category-articles","category-culture","category-featured","category-oromia","category-oromo","category-social","tag-gadaa"],"jetpack_featured_media_url":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-content\/uploads\/sites\/12\/2014\/11\/Abbootiin-Gadaa-Gadaaf-bakka-guddaa-qabu.jpg","jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_shortlink":"https:\/\/wp.me\/p4sicJ-4u3","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17239","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/users\/42"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17239"}],"version-history":[{"count":4,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17239\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":23114,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17239\/revisions\/23114"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media\/17237"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17239"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17239"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/hornaffairs.com\/om\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17239"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}