Faayidaa Addaa Oromiyaan Finfinnee Irraa Argattu (Ibsa)

Map – Central Oromia and Addis Ababa/Finfine

Wixineen labsii faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa argattu mana marii ministeerootaaf dhiyaate ragga’e fi mana marii bakka bu’ootaaf akka dhiyaatu murtaa’e.

Faayidaa addaa naannoon Oromiyaa magaalaa Finfinneerraa argattu ilaalchisee wixineen labsii qophaa’e ifoome.

Heera mootummaa biyyattii keeyyata 49 keeyyata xiqqaa 5 irratti naannoon Oromiyaa faayidaa addaa argachuu qabdu ilaalchisee bal’inni isaa heeran akka murtaa’u ni kaa’a.

Keeyyata kanaanis;

1ffaa. Dhiyeessii tajaajilaarraa faayidaa addaa,

2ffaa. Itti fayyadama qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoorraa faayidaa addaa,

3ffaa. Magaalattiin walakkaa naannoo Oromiyaatti waan argamtuuf dhimmoota bulchiinsaa kaa’eera.

Haalima kanaan hiikkaan heerichaa qophaa’era. Kanarrattis ADWUI fi mootummaan naannoo Oromiyaa, bulchiinsa magaalaa Finfinnee dabalatee dhaabbilee federaalaa addaddaas irratti mari’achaa turaniiru.

Dhumarras hoji raawwachiisaan ADWUI ilaalee qaamoleen mootummaa irratti mari’achuun, seera ta’ee akka ba’u murteessaniiru.

Manni Maree Ministiroota Ityoophiyaa dhimmicharratti ega mari’ateen boodas seera ta’ee akka ragga’u gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dabarseera.

Seerri amma ba’us magaalattiin handhuura Oromiyaa, teessoo biyyattii, dhaabbilee idil addunyaa, Gamtaa Afrikaa, sabaa fi sablammootaa akkuma taate kana ilaalcha keessa galchuun ba’eeras jedhe hoji raawwachiisaan ADWUI.

Haaluma kanaan;

1ffaa/ Dhiyeessii tajaajilaarraa faayidaa addaa;

Magaalaan Finfinnee teessoo naannichaa akkuma taatee fi jiraattonni naannawa magaalaa Finfinnees afaan Oromoon kan dhimma ba’an waan ta’eef, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa akka banamanii fi tajaajilli hoospitaalotaas afaanichaan akka laatamu karoora keessa galuu qaba jedhameera.

Afaan Oromoo bulchiinsa magaalaa Finfinneetti afaan hojii ta’ees kan tajaajilu ta’a.

Aadaa Oromoo wantoonni calaqqisiisan magaalichatti akka jiraatan ni taasifamu.

Moggaasni naannolee magaalichaa maqaa Oromoon dur ittiin waamun akka moggaafaman taasifamu.

Jiddu galoonni aadaa, seenaa, tiyaatiraa fi aartii, akkasumas wiirtuleen bashannanaa akka beeksifaman haalli ni mijata.

Moggaasni magaalattii Finfinnee/Addis Ababaa ta’ee itti fufa.Seera fuldurattis lameenuu qixa beekamtii qabaatu.

Faayidaa addaa diinagdee ilaalchisee;

Dhiyeessii lafaa, tajaajila bishaan dhugaatii,tajaajila maqsa balfa gogaa fi dhangala’aa, geejiba, carraalee hojii, dhiyeessiin manneen waliin jireenyaa baasii mootummaan ijaarraman, wiirtuleen gabaa, akkasumas qonnaan bultoonni yammuu kaafaman beenyaa ga’aa fi haalli ittiin of danda’an seerichaan hammatameera.

Ijaarsa waajjiraalee mootummaa fi hawaasummaaf oolaniif lafti magaalaa Finfinneetii liiziin ala kennama.

Bulchiinsi magaalichaa qonnaan bultoonni naannawa magaalaa Finfinneerra jiraatan oomishaalee qonnaa isaanii wiirtulee itti gurguratan baasii ofiitin hundeessee akka dhiyeessan akka taasifamu labsichi kaa’era.

Magaalaan Finfinnee baankotaan qindaa’uun manneen waliin jireenyaa ijaaruun, hojjettoonni mootummaa fi jiraattonni magaalichaas carraadhan akka argatan taasifama.

Qonnaan bultoonni naannawa magaalichaarra turan haalli ittiin kaafamaa turan qoratamuun akka hojiileen sirreeffamaa fudhatamaniif waajjirri akka gurmaa’u labsichaan hammatameera.

2ffaa/ Faayidaa addaa itti fayyadama qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo;

Dhiyeessiin bu’uuraalee misoomaa, bishaan dhugaatii, maqsa balfa gogaa fi dhangala’aarratti faalamni akka hin qaqqabne xiyyeeffachuun hojjechuun barbaachisaa akka ta’e eerameera.

Maqsi balfa gogaa fi dhangala’aan bakki itti yaalamu bulchiinsi magaalichaa fi naannoon Oromiyaa waliin ta’uun qoratanii ulaagaa saayinsaawaa ta’een akka bulfaman taasifama.

3ffaa/ Dhaabbilee hundeessuu ilaalchisee;

Wixinee labsichaa keeyyata 14n qonnaan bultoota sababii misoomatiin ka’anii fi kanaan boodas kaafaman irratti waajjira hojjetuun ala, dhimma waliiniirratti mari’achuu fi waliin hojjechuuf, manni maree waliinii itti waamamni isaa mootummaa federaalaaf kan ta’e mana maree bulchiinsa magaalichaa fi naannicharraa kan walitti babba’e akka hundaa’u taasifama.

Kaayyoon mana marichaa inni olaananis akkaataa heera mootummaa Ityoophiyaa keeyyata 49/5 faayidaa addaa ilaalchisee, hojiin hojjetamaa jiraachuu isaa hordofuu, gamaaggamuu fi raawwii isaatif deeggarsa taasisuu ta’a.

Mana marichaa keessas; bakka bu’oonni mana maree magaalaa Finfinnee fi Caffee qixa kan bakka bu’aman ta’a.

Hundeeffama, hojii fi itti gaafatama, bara hojii, naamusaa fi baajanni mana maree waliinichaa, dambii Manni Maree Ministirootaa baasun kan murtaa’u ta’a.

Adeemsa raggaasisa labsichaarrattis qaamoleen hawaasaa kan irratti hirmaatan ta’a.

*********

Related Post
Leave a Comment

This website uses cookies.