Dh.D.U.O: “Oduun Qotiyyoon Dhale Jedhu Itti Fufee Jira”

Gidduu Kana Sooshaal-Miidiyaa fi Weebsaayitii adda addaatiin Hooggantoota Dhaabbata Dimokraatowaa Ummmata Oromoo Dh.D.U.O ilaalchisee himamaa ture dhugaa akka hin ta’in HornAffairs/Afaan Oromoo/n odeeffannoo qaama ilaalurraa fudhatee fi Yaalii ofiif mirkaneessuuf godheen hubatee jira.

HornAffairs/Afaan Oromoo/n Hoogganaan Waajjira Dhaabbata Dimokraatowaa Ummata Oromoo Dh.D.U.O Obbo Dhaabaa Dabaleen dhaquun hojii idilee isaanii akka hojjataa jiran Waajjira isaanii kan Finfinnee naannowa iSteediyooma jedhamu, Galma Aadaa Oromoo duuba jirutti argamuun mirkaneeffatee jira. Gama biraan odeeffannoo waajjira Dh.D.U.O qaama ilaalurraa araganneen Dh.D.U.O keessatti jijjiiramni Hooggantootaa akka hin jirree fi oduun hafarfamaa jiru kun guutumaa guututti soba tahuu isaa beekuun danda’amee jira.

“Ololli hafarfamu kun hojii jarreen Nageenyaa fi Misooma ummata kenyaatiif hirriiba dhabanii fi hawwa duwwaa isaanii ti. Cubbuun hafarfamu kun jarreen kanaaf haarawaa miti. Waggaalee 25nan dabran guutuus akkanumatti hafarfaasaa turan. Ummatni keenya waan sirritti isaan beekuuf akkuma ammaan duraa godhu gurra hin kennineef. Dhaabbatni Dimokraatowaa Ummata Oromoo Dh.D.U.On oduun osoo hin ta’in hojii hojjateenii fi hojjachaa jiruun bu’aa, maalummaa fi fayyadaminsa ummata Oromoo kan mirkaneesse.” tahuu isaa kan eeran Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Waajjira Dhimmoota Kommuninikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ti.

Obbo Fiqaaduu Tasammaan dabalataan Dh.D.U.On waadaa ji’a dabre koreen giddu-galeessaa Dh.D.U.O murtii seena-qabeessa dabrsuun ummata isaaf seene galmaan gahuuf halkanii-guyyaa hojjachaa akka jiru ibsanii jiru.

“Humnootni badii kun ilaalcha badii qabatanii erga hundeeffamanii kaasee qabsoodhaan aarsaa affaranii sochoo’uurra olola sobbii sobaa fi hawwii isaanii abjuu itti fufanii jiru. Hoggantootni diinni maqaa isaanii dhahee olola irratti gaggeesse hundi isaanii hojii idilee isaaniirra jiru.” Kan jedhan immoo Obbo Shimallis Abdiisaa, Waajjira Dhaabbata Dimokraatowaa Ummata Oromoo Dh.D.U.O keessattti Itti Gafatamaa Waa’ee Dhimma Addaa ti.

Dhumarrattiis Obbo Shimallis Abdiisaan Dh.D.U.On akkuma kanaan dura qabsoo fedhii ummata Oromoo galmaan gahaa ture ammaas mirkaneessssuuf halkanii-guyyaa qabsotti jira. Olola diinaatiif gurra hin qabnu Jechuun ibsa isaanii goolabanii jiru.
********

Abdulbasit Abdusemed: Abdulbasit Abdusemed

View Comments (4)

  • Abdulbasit Abdusemed "odeeffannoo waajjira Dh.D.U.O qaama ilaalurraa araganneen Dh.D.U.O keessatti jijjiiramni Hooggantootaa akka hin jirree fi oduun hafarfamaa jiru kun guutumaa guututti soba tahuu isaa beekuun danda’amee jira" jette! Hangam sobduu fi fafakkeessitu akkasumas waliin dhooftuu garaaf soba barreesitu ta'uu kee fi beekumsaa fi ogummaa qabduun uummata kee akka daldalaa jirtu waan beeke natti hin fakkaatu! Maal jetta gaafa inni ati barreessite soba ta'u? Oromoon " Karaa nama yartuu/dadhabduu sareen ibidda qaqqaammatti" jedha olala sobaa fi cubbuu oromoo irraatti gaggeessaa kan jiruu fi farra ormoo ta'uu kee eenyuma caalaa beeksifacha jirtas! One day when Oromo get its moment you will write the truth....faayidaadhan websitii sobduu waliin soba qabatanii hirriruu isa eenyumma nama gachisiisuu kana keessa Rabbiin si haa baasuun kadhannaa koodhallee.

  • Ee Dhugaa Keeti Obbo Fiqaadu Tasammaa Hngantootni Dhaaba Keenyaa Dh.D.U.O Hojii Isaani Hojachaa Jiraachuun Beekamaadhaa Osootuma Beekanii Namootan Ilaalcha Oftuultotaa Qaban Olola Kijibaa Hafarsanii Kanaaf Bakka Hinkeninu Jennee Jirra Nutis Isiniis Jajabaadhaa Nuuf Jiraadhaa

  • OPDO jechun boojiamtootta kambii ertira keessa halkkaniin batiiri ijatii ibsannii warraa malamallani
    Gaababbumatii medin Watanee mallee medin Oromo mitii kana bekkaa sabbaa issanitiif oddoo hin tannee akka ennuf hojjachaa jirran

  • Rabi isofhataasisi garu isin denta umata Oromo ilalchisee woma gochu hindandeesanu malif jeenan dhaba Oromo walaba miti ajaja Wayne fudhatani umata hirarsuf ajeesu qofa kandandeedanu akadhabat misensoni tokoto feedhii akkana qabachun nimala yo feedhii umata Oromo eegina jeetani ajeecha Agazi eeradhabaa ykn kijiba ofudhissaati nagaan wanisini jeedhaanii dalagaa jiradhaa Umata hindogogorsinaa qobiso offi umanikun offiqabsaahaa jiraa injifanon kan Umatati usaa ta"aa

Related Post
Leave a Comment

This website uses cookies.