Afaan Oromoo keessatti sagaloonni “Ga” fi “daa”n jecha Gadaa jedhu kennu. Sirni Gadaa Saba Oromoo biratti iddoo olaanaa qaba. Kanaarraa ka’uun seenaan Oromoo sirna Gadaa malee barreeffamu qaama lafee malee ijaajjuudha jechuun dubbatu, hayyooti Oromoofi sirnichi hammam walttihidhamiinsa akka qaban ibsuuf.
Kanaafis, Gadaan maal akka ta’e beekuufi xiinxaluun barbaachisaadha. Yaada barreessitooti duraan barreessan hordofuun hubannoof ka’umsa gaariidha. Yaadni barreessitootaa kunis bakkeewwan heddutti walhafakkaatu malee, bakki itti adda addummaa qabaatus nijira.
Sirna Gadaa ilaalchisee barreessitoonni hedduun akka hubannoo mataasaaniitti barreessaa turaniiru. Kanneen keessaa Gadaa akka waan dhimma tokkorratti xiyyeeffatutti kan barreessan jiru. Tokko tokko ammoo maalummaa sirnichaa sirriitti barreessaniiru.
Tarii, gaafiin eenyutu maal jedhee barreesse jedhu ka’uun hinoolu. Qabiyyee barreeffama barreessitoota muraasaa tartiibaan akka ittaanutii haa ilaallu mee.
Barreessaa Asmaroom Laggasaa jedhamu, “Gadaan sirna waamara of keessaa qabuufi jireenya Oromoo kallattii maraan sakatta’uudha. Kana jechuun jilaaf godaanuu qofa miti. buttaa qaluufi nyaachisuu qofa miti. Jaarmiyaalee(instituushanoota) akka guddisa, gumaa, araaraa, meedhachaa, waaqeffannaa, irreessaa, siiqqee, marabbaafi kkfn of keessatti qabachuun sirnicha lubbuuqabeessa godhuudha” jedha.
Barreessaa Tsaggaayee G/Madiin jedhamu ammoo “Gadaan seera Waaqaati. ‘Ga’jechuun seera jechuu yoo ta’u, ‘Da’ jechuun ammoo Waaqa jechuudha” jedha. Haa ta’u malee, barreessaan kun bifa kamiin seerri Waaqaa kun gara bulchiisaatti akka jijjiirame bal’inaan waan ibse hinqabu.
Garuu seerri uumaa akkamitti gara bulchiinsaatti akka ce’e odeeffannoo maanguddoonni ni ibsu. Innis dur dur bara caamsaan /ongeen/ hammaate tokko jaarsi otoo loon tiksaa jiruu goromsisaa jalaa badde. Faana goromsa sanaa hordofuun osoo barbaaduu odaa jala ciistee arge.
Jaarsichi goromsasaa argachuusaatti gammadeera. Gaaddisa odichaa jalattis ni boqote. Wayituma kana hurriin dura naannawa sana hinturre dhufee Odaa uffise. Waaqayyo seeraafi safuu namoonni kabajuu qabaniifi cubbuurraa ittin ofeegan gadi buuseef.
Jaarsi guyyaa sanarraa ka’ee namoota barsiisuu eegale. Jaarsi kun imaanaa Waaqni ittikenne ba’uuf odaa jala taa’ee seera waaqaa barsiiuu eegale. Haaluma kanarraa ka’een seera waaqarraa madde amantaa jedhu waan qabuuf Gadaan saba Oromoo biratti iddoo olaanaa qaba”jechuun ibseera.
Dr. Gammachuu Magarsaan, yaada barreessitoota armaan olii deggaruun Gadaa Seera Oromoo ganamaa (seera Walaabuu) kantuman seera uumamaarraa fudhataniidha”jedhu.
Mahaammad Hasan ammaoo “Gadaaf hiika kennuun rakkisaadha. Ta’us Gadaan sirna hawaasummaa, siyaasaa, dinagdeefi amantiiti. Gadaan lakkoofsa yeroo Oromooti. Gadaan maqaa ulfinaa sadarkaa lubaatti buttaa qalanii ittiin waamamaniidha.
Hiikaafi hubannoo Oromootisi. Aadaafi afoola duudha sabichaatti kan maxxanuudha. Meeshaa saba Oromoo ittiin hubachuufi xiinxaluuf nugargaaruudha” jechuun barreessaniiru.
Hayyuu Afirikaa kaabaa kan ta’e Ehretidha Guddina ammoo, “Waggoota kumaatamaan dura sirni gurmaa’ina umriirratti bu’uureffate hortee kuush keessa akka ture dhugaa ba’eera. Sirini gurmaa’inaa umriirratti hundaa’e kun dirqamaafi ittigaafatamummaa hirachuuf akka ta’e beektonni hedduun akkarratti waliigalan barreesseera. Sirni gurmaa’inaa kunis aadaa hortee kuush akka ta’eefi fudhatama akka qabu barreesseera”
Yaadni barreessitootaa kun waan lama nama hubachiisa. Isaanis barreessitoonni tokko tokko maalummaa sirna Gadaafi haalatti sirnichi ummata hirmaachisurratti kan xiyyeeffatan ta’uusaaniiti.
Walumaagalatti yeroo ilaalamu Gadaaf hiika kennuun akka nama rakkisuufi walxaxaa akkasumas guddinaafi jireenya ummata Oromoo waliin walqabatee akka deemuudha kan hubatamu. Gadaan shanan dhimma siyaasa Gadaarratti bu’uura godhachuun Gadaa nageenyaa, quufaa, lolaa, keenyaa, duuloo, meelbaa jechuun akka moggaafaman ragaan ni ibsa.
Kana jechuunis barreessitooti Sirna Gadaarratti yaada dogoggoraa barreessan hinjiran jechuu miti. Kanneen osoo ragaa qabatamaa hindhiyeeessin barreessanis ni jiru. Ilaalcha sanyummaa ummattoota gurraachaafi dur adii ka’uun, “Sabni Oromoo sirna walxaxaa akkasii qabaachuu hindanda’u” jedhee kan barreesse barreessaa biyya Jarmanii E. Haberlaandi.Innis qeeqaa hayyoota Oromoorraa isa ga’aa turerraa ka’uun booda keessa yaadasaa jijjiireera.
Harki caalaan yaada barreessitootaa yo walfakkaatellees Gadaan jaarmiyaa damee dinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi amantiin sabni Oromoo keessatti gurmaa’uun jiruuf jireenyasaa kallattii maraan geggeessuudha.
Sirna walitti bu’iinsa tokko malee angoon eebbaan yeroo murtaa’e keessatti walitti dabarsuun beekamuufi sirna duudhaa gaarii qabuudha.
*********
* Originally published on Bariisa, titled “ Ga” fi ”daa”n maali?
Leave a Comment