Muummichi Ministiraa karoora ijaarsa dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa Yaa’ii Dhaabbata biyyoota Gamtoomanii irratti dhiyeessan

Kallattiin misooma Zoonii Industirii Itiyoophiyaa Dhaabbata Misooma Industirii, Biyyoota Gamtoomaniin jajame.

Yaa’ii Walii-galaa 69ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif Niyoorkiin kan jiran Muummichi Ministiraa Haayilamaariyaam Dassaalany yaa’icha cinatti dureewwan biyyoota gara-garaaf dhabilee idia-addunyaa gara-garaa waliin wal arganii mari’ataa jiru.

Har’a ganamas Daayiraktara Olaanaa Dhaabbata Misooma Industirii Biyyoota Gamtoomanii Li Yongiin wal arganii mari’ataniiru.

Dhaabbati kun teesumni isaa Veeynaa wayita ta’u, carraaqii biyyoonni guddataa jiran Industiriin badhaadhuuf godhan karaa garaa garaan kan deggaru damee dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniiti.

Muummichi Ministiraa Haayilamaariyaam Dassalany mariif Daayiraktara olaanaa dhaabbatichaa kana waliin wayita taa’anitti sochii Itiyoophiyaan damee industiriishee guddisuuf gochaa jirtu ibsaniirufi.

Marii kanaarratti kan argaman Hogganaa Wajjira Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Obbo Reeduwaan Huseen fuula sab-quunamtii hawaasummaa isaaniirratti akka ibsanitti, Daayireektarichi sochii Itiyoophiyaan damee industirii oomishaan gochaa jirtu gara sadarkaa itti aanuutti ol-guddisuuf dhaabbatichi deggarsa akka godhuu fi, darbees industiriin guddina dinagdee biyyattiin galmeessisaa jirtu keessatti gahee guddaa akka taphatu dhaabbatisaanii deggarsa akka kennu Muummicha Ministiraa Haayilamaariyaamiif mirkaneessaniiru.

Guddina biyyatiin galmeessisaa jirtu qalbeeffachuunis piroojaktii misoomaa Afriikaaf qopheesse hojiitti hiikuuf dhaabbatichi Itiyoophiyaa, Seenegaal waliin filachuu isaa daayireektarichi eeraniiru.

Li Yoong Itiyoophiyaan gama buu’uuraalee misoomaa ishee babal’isuunii fi zoonii industirii hundeessuutiin daandiisheen deemte dinqisiifataniiru.

Dhaabbatichi biyyoota Afriikaa garaa-garaa keessatti damee industirii oomishaa guddisuuf deggarsa ijaarsa dandeettii fi teeknikaa kan kennu wayita ta’u Itiyoophiyaa keessattis, keessattuu industirii gogaarratti oomishni sadarkaa idila-addunyaa eeggate gabaatti akka dhiyaatuuf piroojaktii hojiitti hiikaa jira.

Marii daayireektaricha waliin taa’ames misoomni industirii Itiyoophiyaa deggarsa faaynaansii akka argatu kan godhudha akka Obbo Reedwaan himanitti.

Muummichi Ministiraa Haayilamaariyaam Niyoorkitti geggeffamaa kan jiru Yaa’ii Jijjirama Qilleensaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti karoora Itiyoophiyaan dinagdee magariisaa ijaaruun A.L.A 2025tti tarree biyyoota galii giddu-galeessaa qaban hiriiruuf baafatte, karoora kana galmaan ga’uufis hojiilee isheen hojjataa jirtu muuxannoo biyyattii addunyaaf dhiheessaniiru.

Yaa’ii walii-galaa 69ffaa dhaabbatichaa irratti hara’a galgala kanas Muummichi Ministiraa Haayilamaariyaam Dassalany haasaa ni godhu jedhamee eegama.

Muummichi Ministiraa Haayilamaariyaam hojii Itiyoophiyaan hiyyummaa jalaa ba’uuf hojjataa jirtu irratti dabalataan Gaanfa Afriikaa fi guutummaa Afriikaarraa shororkeessummaa balleessuuf sochii Itiyoophiyaan taasisaa jirtu ni tuqu jedhamee eegama.

Keessattuu Soomaaliyaa keessatti kan socho’u Alshabaabiin balleessanii Gaanfa Afriikaa nagaa gochuuf addunyaan Itiyoophiyaa waliin akka dhaabbatu ni gaafatu jedhameera.

Jaarsummaan dubbii Sudaan Kibbaa Itiyoophiyaan durfamee geggeffamaa jiruus akka milkaa’uuf hawaasni idila-addunyaa deggarsa akka godhu ni hubachiisu jedhamee eegama.

Maqoyyaa Haayilamaariyaamtu gabaase

********* 

Sorce: Fana, Sept. 25, 2014.

Content gathered and compiled from online and offline media by Hornaffairs staff based on relevance and interest to the Horn of Africa.

more recommended stories