Agarsiifni suuraa ayyaana caamsaa 20f qo’phaa’e banameera

Itiyoophiyaan waggoota  20 ol darban guddinni galmeessifte kan hunda hirmaachise akka ta’e itti aanaan ministira muummichaa obbo Dammaqa Makoonnin dubbataniiru.

Obbo Dammaqan kana kan dubabtan agarsiisa suuraa ayyaana injifannoo Caamsaa 20  waggaa 23ffaa sababeeffachuudhaan qophaa’e kaleessa wayita banan haasawa dhageessisaniinidha.

Guddinni galmeeffame dhalootaa dhalootatti kan darbu waan ta’eef  dhaloonni haaraan humnasaa misoomaafi guddina biyyaatiif oolchuu qaba jedhaniiru.

Waggoota 23n darban hojiiwwan damee hawaas-diinagdeetiin hojjetamaniifi kallattiiwwan gara fuulduraa kan mul’isu agarsiifni Suuraa ayyaana injifannoo caamsaa 20 sababeeffachuudhaan qophaa’e wiirtuu agarsiisa Finfinneetti  banameera.

Agarsiifni kun guyyoota shaniif kan turu yammuu ta’u dhaabbileen Federaalaafi bulchiinsa Magaalaa Finfinnee lakkoofsaan 56 ta’an hojiiwwan hojjechaa turan irratti dhiyeessaniiru.

Sirna banuumsa agarsiisa kanarratti qondaaltoonni mootummaafi qaamoleen hawaasaa gara garaa argamaniiru.
********
Source: Fana, May 23, 2014.

Abdulbasit Abdusemed

more recommended stories