“Finfinneen Magaalota Kana Gubbaa Irratti Mirga Murteessuu Tokko Iyyuu Hin qabaatu” Jedhu, Obbo Abbaa-Duulaa Gammadaa

Magaaleen Oromiyaa addaa naannawa Finfinnee jiran akka Finfinnee jala galan, karoorri “Master Plan” jedhamee baafame kan Oromoo lafa isaa dhabsiisuu fi mirga abbaa-biyyummaa isaa sarbu!” jechuudhaan, barattoonni Yunivarsitiilee fi manneen barnootaa Oromiyaa ka biroo keessa jiran akka hiriira mormii irra jiranii fi sababaa kanaan walitti-bu’insi uumame akka lubbuu hedduu galaafate beekamaa dha.

Dhimma kana irratti kan Har’a Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf gaaffii fi deebii kennan Afaan-yaa’iin Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa – Obbo Abbaa-duulaa Gammadaa,

Magaalaalee addaa naannawa Finfinnee jiran bulchiisa Fininnee jala galchuuf karoorri baafame akka hin jirre eeranii “Magaalonni kun of danda’anii Oromiyaa fi Bulchiisa magaalaa mataa isaaniin bulan. Mana-maree mataa isaanii qaban.

Bulchiisa mataa isaanii qaban. Uummata tu filate Bulchiisa isaanii kana.

Oromiyaa jala jiru. Kun gonkumaa gonkumaa hin tuqamu,” Jedhanii jiran.
*********

*********

Abdulbasit Abdusemed: Abdulbasit Abdusemed

View Comments (1)

  • Afa yaa'ii Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, aangoo murteessuu tokko illee Oromoo fi Oromiyaa qabsoofneerraafi jedhan irraatti akka hin qabne irra deddeebbiidhaan waan argeedha!Osoo jecha isaanii eguu ta'e
    1. April 2014 irratti lubbuu barattootaa fi ijoollee Oromoo karaa irrattii dhangala'e irraatti sawudii deemuun Shiftaa fi duriyyeetu du'e malee hin jedhan ture, kan nama dhibu immoo uummanni hin feedhu taatan jechaa erga wallaggaa, Amboo fi naannolee garaagaraa deemaa uummata soossobaa tasgabbeessaa turanii booda irra sawudii deemuun kana haasa'an!
    2. Osuma isaan biyya qabsoofneef jedhan Oromiyaa keessa jiraanii maqaa ABO tiin dhalataan yuniversiitii garaagaraa irraa yeroo garaagaraatti dhimma waliin fakkaanneen ari'amaa turan! Kanas osuma beekanii callisan, tarii bu'aa dhaabaa fi mataa isaaniif jedheen yaada!
    3. Kana malees yeroo gargaaraatti gaaffilee gurguddoo uummanni Oromoo kaasan irratti akka abbaa aangootti haasa'anis lammii isaanii keessaa haadhaa mucaakoo mucaakoo jechaa lubbuu isheef mucaa ishee dhabdu osoo arganii, ijoolleen mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa irraa rasaasaan duutu osoo arganii, uummata sodaa bittaa kaleessaatu deebi'a, akkuma kaleessaa har'as lafakoon dhaba, eenyummaakoon dhaba jedhu, sodaadhan gaaffii gaafatu siifan jira jechuu irra humna darbatamaadhan,duggaa sanyii yeroo gaggeefamu callisanii; tasgabbeesssuf qofa jedhi waan jedhaman jechuun isaanii guddaa na qaanesseera Oromoo boquu buuseera!

Related Post
Leave a Comment

This website uses cookies.