“Finfinneen Magaalota Kana Gubbaa Irratti Mirga Murteessuu Tokko Iyyuu Hin qabaatu” Jedhu, Obbo Abbaa-Duulaa Gammadaa

Magaaleen Oromiyaa addaa naannawa Finfinnee jiran akka Finfinnee jala galan, karoorri “Master Plan” jedhamee baafame kan Oromoo lafa isaa dhabsiisuu fi mirga abbaa-biyyummaa isaa sarbu!” jechuudhaan, barattoonni Yunivarsitiilee fi manneen barnootaa Oromiyaa ka biroo keessa jiran akka hiriira mormii irra jiranii fi sababaa kanaan walitti-bu’insi uumame akka lubbuu hedduu galaafate beekamaa dha.

Dhimma kana irratti kan Har’a Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf gaaffii fi deebii kennan Afaan-yaa’iin Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa – Obbo Abbaa-duulaa Gammadaa,

Magaalaalee addaa naannawa Finfinnee jiran bulchiisa Fininnee jala galchuuf karoorri baafame akka hin jirre eeranii “Magaalonni kun of danda’anii Oromiyaa fi Bulchiisa magaalaa mataa isaaniin bulan. Mana-maree mataa isaanii qaban.

Bulchiisa mataa isaanii qaban. Uummata tu filate Bulchiisa isaanii kana.

Oromiyaa jala jiru. Kun gonkumaa gonkumaa hin tuqamu,” Jedhanii jiran.
*********

*********

Abdulbasit Abdusemed

more recommended stories